12/02/2026
Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Gamaaggama Raawwii Hojii Kurmaana 2ffaa fi Karoora Hojii Kurmaana 3ffaa Bara 2018 irratti Manajimantii Waajjira Maallaqaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa Godinichaa waliin Magaalaa Adaamaa Galma Walgahii Waajjira Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaatti marii gaggeessaa jira.
02/01/2026
𝗢𝗗𝗨𝗨 𝗚𝗔𝗗𝗗𝗔𝗔
Hojjattuu Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix du'aan addunyaa kanarraa boqatan.
Muddee 24, 2018
Waajjira Maallaqaa Godina Shawaa Bahaatti Dursaa Garee Odiitii Faayinaansii kan turan Adde Badriyyaa Abdulbaasix guyyaa kaleessaa Muddee 23, 2018 addunyaa kanarraa du'aan boqotan.
Adde Badriyyaa Abdulbaasix dhukkubsachuun Hospitaalota adda addaatti yaalamaa turanis dhibee isaan mudaterraa bayyanachuu hin dandeenye.
Sirni Awwaalcha isaaniis bakka Maatiin, Firoottanii fi Waahillan hojii argamanitti Magaalaa Adaamaatti guyyaa har'aa raawwatameera.
Waajjirri Maallaqaa Godina Shawaa Bahaa Maatii, Firoottanii fi Waahillan Hojii Isaanii maraaf jajjabina hawwa.