28/02/2026
Pro mihretu shanko✌️
Pen art✌️
Free Oromoo and oromia
28/02/2026
Pro mihretu shanko✌️
Pen art✌️
Addunyaa qabsoo keessatti sabaa fi mul'ata keetti aansitee jaarmiyaa keetiif amanamaa cimaa ta'uuti qabda!JL Tokkee
15/02/2026
➛Of baruun Foormulaa hin qabu ‼️
➛Of Walalluun garuu Formula qaba ‼️
➛Namoonni baayyeen gaafuma dhalatan du'an,muraasni ammoo gaafa du'a dhalatan,atihoo ❓
➛Osoo nama hin ta'in namaaf ta'uun hin jiru.
➛Dirreen ati qabdu tokkuma ta'ee Dirreen ati irratti injifatamtus isuma yoo ta'e,Dirreen haaraan siif hin barbaachisu. Sababni isaas dirreeedhuma qabdu irratti injifachuuf shaakaluu jalqabuu qabda.
➛Dirreen Injifannoo baatee si eeguu hin jiru. Sammuu injifaannoof gara dirree seenutu jira malee.
➛Dirreen itti injifatamtus ta'ee ittii injifattus dirree sammuuti.
➛Of beekuuf murtoo hin qabdu taanan of beektees murtoo hin murteessitu.
➛Of wallaaluun of awwaaluudha.
➛Seenaa keessatti albuudni dhala namaa barbaadee argatee hin beekuu. Garuu dhalli namaa albuuda barbaadee argateera,argataas jira.
➛Albuudni guddaan addunyaa bareechufi addunyaa tarkaanfachiisu dhala namaati.
➛Qabeenyi biyyi lafaa dagattu dhala namaa yoo ta'eeyyuu ati gonkuma qabeenya dagatame taate hin hafin.
➛Addunyaa keessa jirtamoo addunyaatu si keessa jira?
➛Addunyaan Harkas,miillas hin qabdu garuu namoota harkaafi miilla qaban baayyee naaffisteetti.
➛Guyyaan borii Qabeenya ati qooddachuuf eeggattudha.
➛Addunyaan sammuukeefi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti.
➛Nama jechuun walitti qabama yaadati.
➛Meeshaa ammayyaa'a caalaa sammuu Injifannoo qabadhuuti gara dirree seeni.
Share like follow me
14/01/2026
Nan Waamiin
Qe'ee faltii
Qe'ee mooraa
Qe'ee Gantuu
Qe'ee raqaa
Maal Barbachan
Fiigee Dhaqa!!
12/01/2026
Biyya lafaa kana irraa wanta tokko yoo dhabdan illee, abdiin Yesuus Kiristoos si ceesisa.
Nama guddaa, nama xinnaa, isa barate, isa hin baranne,
baadiyyaa, magaalaa,
Itoophiyaa, Afriikaa, addunyaa, biyya lafaa kana irraa,
nama sadarkaa tokkoffaa irratti kan barbaachisu (hope) abdii dha.
Nama hundumaa, nama boru ganama du’ullee, galgala kana abdiitu isa barbaachisa.
Abdiin inni keenya garuu abdii namooti jijjiiran miti, abdiin keenya akka du’i nu hin sodaachifneef du’a nuuf mo’ee ka’e, guyyaa tokko ulfinaan ni dhufa.
Abdiin keenya inni dhugaan Yesuus.👍
Faransaayitti Voltaire, philosopher beekaman,
amantaan Protestantii waggaa 25 booda ni baddi jedhee qorannoodhaan mirkaneesse.
Yemmuu inni akkas jedhe, amantoonni biyya Faransaay akkas jedhanii kadhatan: 👉Nuti hin baannu, abdii qabna, jedhanii kadhatan.
Akkuma jedhan,
waggaa 25 booda mana namicha akkas jedhe sana bitaniitu church taasisan jedhe!
Manuma namicha amantiin Pheenxee hin baddi jedhe sanatu waggaa 25 booda waldaatti jijjiirame!
Voltaire gudii taate.😁
Barsiisaa nama kanaa irraa waan baay’atu baratama.🫶
Ati abdii qabaadhu malee, wanta si balleessuudhaaf qorannoodhaan deeggareetu bakka gadi siif dhiisaa, situ injifataa ta’ee argama.
Namni Kiristoosiin qabu, abdii qaba.
28/12/2025
Maatama Gaandiin akkas jedha namni tokkoyyuu eeyyamakoo malee namiidhuu hin danda'u jedha!
Nutis hardha ulaa rakkoo ofii saaqneen ormi seenee nu miidhaa jira.
Oromoon nuti Oromoodha jedhee of waamuu qofti gahaa miti akka Oromootti hojjachuu qaba .
Waliif galuu qaba , walitti quufuu qaba, jaarraa kana keessa teenyee Qawween wal adamsuun Oromoof hin malu!