Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa

Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa, Post office, Addis Ababa.

23/08/2023

Misooma Waloof, Tajaajila Lammummaa!
********
Tajaajilli lammummaa hojii eebbifamaa lammiilee duudhaa wal gargaarsaa cimaa ta'een wal cinaa itti dhaabbatan, humna, qabeenyaa fi leecalloo gumaachuudhaan hariiroo waliin jireenyaa itti jabeeffatan, hojii furtuu rakkoo hedduu ta'edha.

Hojiin tajaajila lammummaa qajeeltoowwan gurguddoo akka duudhaa Oromummaatti deebi'uu, halkaniif guyyaa hojjachuu, waan hundaan dorgomaa ta'uu akkasumas qulqullumma fi tumsa galmaan gahuu irratti kan xiyyeeffate yemmuu ta'u, sagantaa kanaan hojiileen rakkoo hawaasummaa lammiilee furan hedduun raawwatamaa jiru.

Guddina diinagdee fi hawaasummaa mirkaneessuu akkasumas tokkummaaf aadaa waliin jireenya lammiilee mirkaneessuu keessatti iddoo guddaa kan qabu tajaajila lammummaa sadarkaa hundatti dhugoomsuudhaaf lammiin hunduu gahee isaa bahachuu fi qaama hojii eebbifamaa kanaa ta'uuf hojjachuun dhimma murteessaadha.

Oromia Prosperity Party / OPP /

17/08/2023

Boqonnaa hiyyummaaf boodatti hafummaa cufuudhaan badhaadhinatti tarkaanfachuuf yaada mo’ataa qabaachuu, gocha qabatamaattis jijjiiruudhaaf kutannoo ol’aanaan hojjachuun murteessaadha.

Mul’ata badhaadhina waloo dhugoomsuuf ariitiin hojjachuun dhimma ijoodha. Atiitiin yeroo gabaabaa keessatti carraalee of harkaa qabnutti qixaan gargaaramnee hojii bu’a qabeessa ta’e hojjachuu kan nu dandeessisu yemmuu ta’u, imalli keenya harkifannaa keessaa bahuun fuula duratti akka furguuggamuuf haala mijataa ta’e kan nuuf uumuudha.

Kalalqni ammoo adeemsa duraan ture keessaa keessaa bahuudhaadhaan yaadaa fi ilaalama fooyya’aa goonfachuu, wantoota baratamoo ta’an haala addaa fi bifa haaraadhaan raawwachuun hojiilee keenyatti sona daballee raawwii bu’a qabeessa fedhii fi kaayyoo keenyaa madaalu galmeessuu kan nu dandeessisu yemmuu ta’u, injifannoo caalmaatiin badhaadhina hunda galeessatti cehuudhaaf dhimma murteessaadha.
Ariitii fi kalaqni humna guddaa imala keenya ittiin milkeessuu dandeenyu akka ta’e jalqabbiiwwan hanga ammaa irraa hubachuu ni dandeenya. Milkaahinootni hojiilee misooma qonnaa, ijaarsa pirojektiiwwanii fi birootiin mul’achaa jiran agarsiiftuuwwan jalqabbiii kanneeniiti.

Badhaadhinni biyyaa carraaqqiif hirmaannaa lammiileetiin dhugooma. Kana galmaan gahuuf ammoo hunduu iddoo jirutti gahee isaa bahachuu, carraawwan jiran hundatti sirnaan gargaaramuu akkasumas ariitii fi kalaqaan dabaalamee hojjachuun barbaachisaadha.

Photos from Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa's post 10/08/2023

"Injifannoo aarsaa guddaadhaan arganne tokkummaadhaan tikfachuu qabna!" Dargaggoota Magaalaa Jimmaa
--------------
Magaalaa Jimmaatti mariin haala yeroofi nageenyaa irratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira. Waltajjii dargaggootaa kana irratti dargaggoonni magaalichaa 700 ol ta'an hirmaataniiru.

Waltajjicha Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaafi Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Lataa Ashabbir kan gaggeessan yoo ta’u haala yeroofi nageenyaa irratti fulleeffachuun mari’atameera.

Dargaggoonni maricha irratti hirmaatan yaada kennaniin injifannoo dhiigaafi lafeen arganne tokkummaa keenyaan tikfanna jedhan. Ilaalcha finxaalessummaa biyya diigu kam irrattiyyuu kan qabsaa'an ta'uus ibsaniiru.

Photos from Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa's post 10/08/2023

Oomishaaf Oomishtummaa Qonnaa Dabaluun Dinagdee Biyyaa Guddisuuf Xiyyeefannoo Guddaan Hojjatamaa Jira
--------------

Godina Gujii Lixaatti oomisha Qonna Arfaasaatiin hanga yoonaatti midhaan kuntaala miiliyoona 2 fi kuma dhibba 8 sassaabameera.

Haala qabatama qilleensa Roobaatiin Godinichatti walakkeessa Bitootessaa hanga baatii Caamsaatti bokkaa roobuun sanyiin kan faca’u yommuu ta’u walakkeessa Adoolessaatii hanga xumura baatii Hagayyaatti ammoo wayitii oomishni itti sassaabamudha.

Itti Gaafatamaan Itti Aanaa Waajira Qonnaa Godina Gujii Lixaa Dr Karaa Daadhii qonna Arfaasaa bara kanaatiin lafti heektaarri kuma 184 ol faca’uu himuun
kana irraas oomishni kuntaalli miiliyoona 3 fi kumtaalli kuma dhibba 4 tti tilmaamamu akka eegamu dubbataniiru.

Qonna waliigalaa bara kanaa keessaa heektaarri kuma 147 ol kilaastaraan akka oomishamuu fi kana keessaa lafti heektaara kuma 27 ol qamadiin akka faca’u ibsaniiru.

Photos from Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa's post 04/08/2023

“Bara 2016 dinagdeen Naannoo Oromiyaa % 8’n akka guddatu ni eegama” Obbo Hayiluu Addunyaa, Hoogganaa BKO
--------
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa karoora Naannichaa bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kenneera. Ibsicha kan kennan Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa Mootummaan Naannoo Oromiyaa guddina hawaas-dinagdee ariifataafi itti fufinsa qabu mirkaneessuuf tarsimoofi karoora misoomaaa, nageenyaafi ijaarsa sirna dimokiraasii bocuun sochii bal’aa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Bara baajetaa 2015 dinagdeen naannichaa %7.7 kan guddate yoo ta’u bara 2016 %8’n akka guddatu raagamuu himameera. Kana milkeessuufis tajaajila mootummaa fooyyessuu fi dijitaalessuu, Zoonii Dinagdee Addaa Gadaa cimsuu, paarkiiwwan induustirii humna guutuun hojiitti galchuu irratti kan hojjetamu ta’uu Obbo Hayiluun ibsaniiru.

Bara baajetichaa hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjetaman qaala’insa jireenyaa hir’isuu yoo ta’u kanas oomisha guddisuun garaagarummaa fedhiifi dhiheessii gidduu jiru dhiphisuu akkasumas to’annoo gabaa cimsuun kan hojjetamu ta’uu himameera. Hojiin tajaajila lammummaan waliigalaan qar Biil 125 tti tilmaamamu kan raawwataman ta’uu kan dubbatan Obbo Hayiluun miseensa Buusaa Gonofaa gara mil 17.46tti ol guddisuun buusii miseensummaa qar Biil 3.0 sassaabuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Gama misooma baadiyyaatiin wabii nyaataa mirkaneessuu, al-ergii guddisuu, oomisha alaa galu hambisuufi carraa hojii uumuuf kan hojjetamu yoo ta’u kana milkeessuufis bara oomishaa 2015/16 lafa heekt. Mil. 8.2 midhaan gosa garaagaraa qotuun callaa kunt. mil 265.33 oomishuuf ni hojjetama. Kana keessaas qamadii jallisii lafa hek. mil 2.5 qotuun kunt. mil 100.67, ruuzii lafa hek. mil 1 qotuu oomisha kunt mil 44.2 akkasumas Buna lafa hekt. mil 1.5 irraa oomisha kunt. mil. 11 argachuuf karoorfamuu Obbo Hayiluun kaasaniiru.

Makaanaayizeeshinii qonnaa dabaluuf dhiyeessii Tiraakteraa bara 2011-2015tti 6,178 gara 7,350 tti; paampii bishaanii bara 2012 – 2015tti 45,106 dhihaatee gara 76,000tti guddisuuf ni hojjetama jedhameera. Al-seerummaa naannoo misooma albuudaatti mul’atu to’achuu, qorannoo kuufamaa gaggeessuufi teknoloojii gargaaramuun albuudaa irraa Doolaara 507,125,587 argachuufis karoorfameera.

Misooma Magaalaan walqabatee wabii nyaataa mirkaneessuu, intarpiranarummaa jajjabeessuu, ogummaa dagaagsuufi Tajaajila E-governance babal’isuuf kan hojjetamu yoo ta’u carraawwan invastimentii uumamaniin namoota mil 3.1’f carraan hojii kan uumamu ta’a. Kana keessaas %50 dubartoota akka ta’an ibsameera.

Bara karoorichaa ammayyummaa babal’isuufi dhaloota dorgomaa ta’e ijaaruun galma gama misooma hawaasummaatiin qabame milkeessuuf kan hojjetamu yoo ta’u kanas qulqullina barnootaafi tajaajila fayyaa guddisuun akka ta’e Obbo Hayiluun himaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa fedhii misoomaa uummata naannichaa guutuuf galii naannichaa guddisuuf xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetu ta’uu kan ibsan Obbo Hayiluun bara 2016 tti galii naannichaa waliigalaa galii Qr 141,167,642,885 sassaabuuf ni hojjetama jedhaniiru. Akka waliigalaatti, hojiiwwan bara karoorichaa qabaman milkeessuuf ariitii, qulqullinaafi baay’inaan kan hojjetamu akka ta’e ibsameera.

Oromia Communication B.

04/08/2023

Kalaqniifi Ariitiin eenyummaa hoggansa jijjiiramaa ta'uu qaba. Hoggansi keenya Waggoottan koontiraataa Ummatarraa fudhate keessaa waggoottan lamaan darbanitti milkaa’inoota hedduu galmeessiseera. Waggoottan sadan hafanittis iccitii milkaa’ina keenya duuba jiran cimsuufi madda hanqinootaa adda baasuun furuun hoggansi keenya sadarkaa hundarra jiru amala hoggansa Interpireenaraa horatee kalaqaafi ariitiin hojjechuu qaba.

Kana yoo jennu; tokkoffaa, hojiilee hojjetaman irratti kalaqa dabaaludha. Hoggansi keenya dilbii naannoo isaa jiru beekee karoorsuun hojii isaarratti kalaqaafi ariitii yoo dabalee qofa ummata keenya rakkoo keessa baasuus ta'ee jijjirama akka biyyaatti barbaadnu dhugoomsuu kan dandeenyu.

Lammaffaan, hojiilee misoomaafi biroo hojjetaman hunda irratti ariitii dabaluu qofa osoo hin taane, daran dabaluudha. Kuufama rakkoo bara dheeraaf ture keessaa baanee badhaadhina hawwinu mirkaneessuu kan dandeenyu saffisa baramaa keessaa baanee ariitii daran yoo daballedha.

Sadaffaan, hoggansi keenya hoggansa rakkoo hiiku qofa osoo hin taane, hoggansa rakkoo carraatti jijjiiru, bal'isee yaadufi itti gaafatamuummaa fudhatu ta’uu qaba. Hoggansi martuu rakkoolee guyyaa guyyaatti muudataniif bal'isee yaaduun furmaata wayitaawaafi sirrii ta’e kennuu itti gaafatamuummaa mootummaafi uummanni itti kenne bahachuu qaba.

Afraffa, hoggansi keenyaa hoggansa humna walootti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa dabaluu akkasumas dinagdee damdaneessa ijaaru ta’uu qaba. Humna jiran hunda walitti fidee idaa’aamuun qofa misooma barbaadamu mirkaneessuun kan danda'amu.

Walumaa galatti, waggoota muraasa hafan keessatti, hoggansi keenya sadarkaan jiru amala hoggansa Interpireniyeraa gonfatee, dilbii jiru hubate, yaadarraa gara raawwitti ceha, yaada kalaqatiin jalqabee ariitiin xummurun dirqama haallifi yeroon nurraa barbaadu ta'uu hubachuu qaba. Hoggansi keenya sadarkaan jiru ilaalcha dhaabbataa (fixed mindset) irraa gara ilaalcha jijjiiramaatti dhufuun diinagdee keenya beekumsaafi ga’uumsaan hoggannee badhaadhina haawwinu akka milkeessinu abdii guutuun isinirraa qaba.

Kalaqa Saffisaaf!
Saffisa Kalaqaaf!

ፈጠራ እና ፍጥነት የለውጥ አመራሩ መገለጫ መሆን አለበት። አመራራችን ከህዝቡ በወሰደባቸው የኮንትራት ዓመታት ባለፉት ሁለት ዓመታት በርካታ ስኬቶችን አስመዝግቧል። በቀሪዎቹ ሶስት አመታት ውስጥ በየደረጃው የሚገኘው አመራር የኢንተርፕረነርሺፕ አመራር ባህሪያትን በማዳበር ከስኬታችን ጀርባ ያሉትን ምስጢሮች በማጠናከር የጉድለትን ምንጮችን በመለየትና በፈጠራና በፍጥነት መስራት ይኖርበታል።

ይህም ማለት መጀመሪያ በሚሰሩ ስራዎች ላይ ፈጣራን ማከል ይኖርብናል። አመራራችን በዙሪያው ያለውን ዘርፈብዙ አሴት(potential) አውቆ በማቀድና በሚሰራቸው ስራ ላይ ፈጠራንና ፍጥነትን በመጨመር ብቻ ነው ህዝባችንን ከችግር በማውጣት እንደ ሀገር የምንፈልገውን ለውጥ እውን ማድረግ የምንችለው።

ሁለተኛ በስራዎቻችን ላይ ፍጥነት መጨመር ብቻ ሳይሆን ፍጥነቱን በደምብ መጨመር አስፈላጊ ነው። ሁሉም የሚሰሩ የልማት ስራዎች ላይ ተገቢውን ፍጥነት መጨመር ብቻ ነው ከተለያዩ የችግር ክምችት አላቆን የምንመኘውን ብልጽግና ማረጋገጥ የምንችለው።

ሦስተኛው አመራራችን ችግር ፈቺ ብቻ ሳይሆን ችግሮችን ወደ ዕድል የሚቀይር፣ በሰፊው የሚያስብና ኃላፊነት የሚወስድ አመራር መሆን አለበት። ሁሉም አመራር በየእለቱ እያጋጠሙ ያሉትን ችግሮች በሰፊው በማሰብ ከመንግስትና ከህዝቡ የተሰጣቸውን ሃላፊነት በመወጣት ወቅታዊና ተገቢ መፍትሄዎችን ሊሰጡ ይገባል።

አራተኛዉ አመራራችን የጋራ (ህዝባዊ) ሀይል በመጠቀም ምርትና ምርታማነትን የሚጨምር እንዲሁም መሠረተ ሰፊ የሆነ ኢኮኖሚ የሚገነባ መሆን አለበት። ወደተፈለገው ብልፅግና የሚያደርሰን ያለንን ሀይል መደመር ብቻ ነው።

በአጠቃላይ በቀሪዎቹ ጥቂት አመታት ውስጥ አመራራችን የኢንተርፕረነር አመራር ባህሪያቶችን በማዳበር፣ ተግዳሮቶችን በሚገባ በመረዳት፣ ከሃሳብ ወደ ትግበራ በመሸጋገር፣ ስራዎችን በአዳዲስ ሀሳብ በመጀመር በፍጥነት በማጠናቀቅ ህዝባችንና ጊዜው ከእኛ የሚጠብቅ ጉዳይ መሆኑን መረዳት ያስፈልጋል።ስለሆነም በተለያዩ የሃላፊነት ደረጃ የሚገኘው አመራራችን ጊዜው የሚፈልገውን የለውጥ አስተሳሰብ በመሰነቅ ኢኮኖሚያችንን በእውቀትና በብቃት በመምራት የምንመኘውን ብልፅግና እውን እንደሚናደርግ ተስፋ አደርጋለሁ።

ፈጠራን ለፍጥነት!
ፍጥነትን ለፈጠራ!
Kab. Obbo Shimallis Abdiisaa
PMNO

04/08/2023

Manni Maree Ministirootaa naannoo Amaaraatti labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamu murteesse.
*******
Manni Maree Ministiroota walga’ii idiilee 23ffaa har’a gaggasseen dhimmoota adda addaarratti mar’achuun murtoo garaagaraa dabarseera.

Haaluma kanaa nageenyaa fi tasgabbii uummataa mirkaneessuuf labsii yeroo ariifachiisaa dhiyaate lakkoosa 6/2015 irratti mari’achuun naannoo Amaaraatti labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamu murteesseera.

Naannichatti sochiin seeraan alaa hojmaata idileen kabachiisa seeraan to’achuun rakkisaa ta’aa dhufuu isaa, sochiin seeraan alaa kun sochii diinagdee fi hawaasummaa naannicharratti dhiibbaa olaanaa uumuu ibsameera.

Sirna heera mootummaarratti balaa kan uumu ta’ee argamuu fi nageenyaa fi tasgabbii ummata naannichaa kabachiisuuf jecha manni marichaa naannoo Amaaratti labsiin yeroo ariifachiisaa akka labsamu murteesseera.

Tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu saffisaan fudhatamuu akka qabus mari’achaan kaa’eera.

Mootummaan qaamni hidhannoon socho’u hundi karaa nagaa fi seeraan mariif akka dhiyaatan waamicha taasiisaa turuu ibsameera.

Gareen finxaalleeyyii haleellaa yeroo adda addaatti raawwataniin sochiin siyaas diinagdee, hawaasummaa, nageenyii fi tasgabbiin uummata naannichaa rakkoo hammataa keessa galuu eerameera.

Sochii seeraan alaa kana adeemsa seeraa idileen kabachiisuun rakkisaa ta’aa dhufuu isaan naannichatti labsii yeroo ariifachiisaa labsuun barbaachisaa ta’ee argamuu eerameera.

Kana bu’ura taasiisuun Manni Maree Ministirootaa itti gaafatamummaa qabu ba’uuf jecha naannichatti labsiin yeroo ariifachiisaa labsii lakkoofsa 6/2015 ta’ee akka labsamu sagalee guutuun murteessuu ibsameera.
2, Manni Marichaa wixinee dambii hundeeffam Yuunivarsiitii Finfinneerratti mari’achuun murtoo dabarseera.

04/08/2023

Finxaalessummaan farra nageenyaati!
-------------
Ilaalchi fi gochi finxaalesummaa gufuu nageenyaa fi misooma biyyaa akkasumas farra waliin jireenya uummataati.

Finxaalessummaan hariiroo obbolummaa fi tokkummaa lammiilee kan diigu, nageenyaafi waliin jireenyaa lammiilee tasgabbii dhorkee biyya diigumsatti kan qajeelchu dhukkuba hamaa ka’umsaa hanga galmaatti fedhii namoota ykn garee tokkoo dhugoomsuu giddu galeessa godhatedha.

Dhibeen finxaalessummaa walitti bu’iinsi akka uumamuuf ka’umsa ta’a. Uummattootaa fi amantaalee gidduutti wal kabajuun hafee, misoomaa fi diinagdeen biyyaatis harkifatee ijaarsi sirna diimokraasii fi imalli badhaadhinaa akka gufatu kan godhu farra jireenyaati.

Ergamni finxaaleeyyii biyya nagaa dhorkuu, carraa argataniinis fedhii isaanii galmaan gahachuuf dhama’uu yemmuu ta’u, tokkummaa, wal qixxummaa fi bilisummaa lammiilee ukkaamsuudhaan heddummina diiganii mul’ata qeenxee isaanii dhugoomsuudha.

Itoophiyaan biyya gaaddisa sabaa fi sablammootaa taatee fi heddummina aadaa, amantaa, eenyummaa fi kanneen gara birootiin miidhagdee daandii jijjiiramaa irratti argamtu waan taateef humnootni finxaaleeyyii imala kana gufachiisuuf kallattii adda addaatiin yemmuu socho’an ni mul’ata.

Badhaadhina hunda galeessa dhugomsuudhaan hiyyummaa seenaa gochuuf imala eegalle galmaan gahuun kan danda'amu tokkummaa fi obbolummaa dhugaa dagaagsuu fi hirmaannaa lammiilee guddisuudhaan waan ta'eef kana fiixaan baasuuf ammo qormaata imalichaa kan ta'e finxaalessummaa irratti tokkummaadhaan qabsaahuu, nageenyaa fi misooma biyyaa irratti adda durummaan hirmaachuun gahee lammii hunda irraa eegamudha.

31/07/2023

Kalaqaa fi Ariitii, Badhaadhina Biyyaatiif!
----------
Jijjiirama milkeessuun galma yaadame bira ga'uun kan danda'amu carraa jiru daguuganii fayyadamuun qormaata muudachuu malu ammoo irra aanuudhaani.

Kun ammoo ariitii jijjiirama addunyaan ittiin deemaa jirtu fi rakkoo walxaxaa jiru hubachuufi waliin deemuu danda'uu gaafata. Carraawwan argannu yoo itti hin fayyadamin hafne rakkoowwan keenya nu caalanii nu kuffisu.Kanaafuu, hojii hojjennu hunda keessatti ariitiin jalqabnee xumuuruutu nurraa eegama. Keessumaa jijjiirama akka keenyaa rakkoo walxaxaa fi hidda gadi fageeffate keessatti uumamu milkeessuun biyya badhaateefi jabduu taate uumuuf rakkoowwan muudatan ariitiin irra aanuun carraa gara bu'aatti jijjiiruun barbaachisaadha.

Ariitii jechuun saffisaan dubbii hubachuu, barachuufi carraawwan uumamanitti duguuganii itti fayyadamuun galma yaadame bira ga'uu jechuudha. Wanti sirriitti hubatamuu qabu garuu ariitiif jecha qulqullinni gatuu/hambisuun galma yaadame bira nama hin ga'u. Kanaafuu, lamaanuu walsimsiisanii deemuu gaafata jechuudha.

Akka biyyaatti guddinaan duuba jirra. Erga dhugaa kana hubannee meeshaan keenya inni guddaan addunya dorgommiin itti heddummaate keessatti gara injifannootti nu fidu hojii hojjennu ariitiifi qulqullina barbaadamuun hojjechuudha. Isa tokkoof jecha isa biraa yoo hambifne dorgomaa ta'uu hin dandeenyu; qormaatilee keenyas irra aanuu hin dandeenyu.

Addunyaa saffisaan jijjiiramaa jirtu keessatti fedhiin uummataa bal'aa deebisaa fuula duratti adeemuuf ariitiin hojjechuun murteessaadha. Qulqullinni ammoo waan hojjennu irratti dorgomaa akka taanuuf nu dandeessisa. Addunyaa har'aa keessatti dorgomaa ta'anii argamuun dhimma murteessaadha.

Gama biraan kalaqni rakkoo dursinee hubachuun furmaata akka barbaannu nu fayyada. Gama biraatiin rakkoowwan keenya karaa baratameen osoo hin taanee karaa ariitiifi qulqullina qabuun akka irra aannu nu gargaara.

Akka waliigalaatti, gatii ariitii, kalaqniifi qulqullinni qabu sirnaan hubachuun daandii badhaadhinaa eegalame milkeessuun Itoophiyaa tokkummaa biyyaalessaafi sirna jabaa ijaarratte uumuun nurraa eegama.

31/07/2023

Aabbichuu

Photos from Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa's post 31/07/2023


Hooggantoonni Paartii Badhaadhinaa Shaashamanneetti leenjii fudhachaa jiran dhiiga arjooman.
*******
Leenjiin hooggantoota Paartii Badhaadhinaa sadarkaa garaa garaa hirmaachise mata duree Dhugaa waloo, Kalaqaa fi Ariitii jedhuun giddu galoota leenjii Adaamaa, Naqamtee, Shaashamannee fi Jimmaatti itti fufee kennamaa jira.

Hooggantootni giddu gala leenjii Shaashamanneetti leenjii fudhachaa jiran fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuudhaaf ergama of harkaa qabnu ariitii fi kalaqaan hojjachuuf of qopheessuun gamatti hojii tajaajila lammummaatiin dirqama nurraa eegamu adda durummaan bahachuu qabna jechuun arjooma dhiigaa taasisaa jiru.

Dhiiga arjoomuudhaan lubbuu haa baraarru, dirqama lammummaatis haa bahannu.

Photos from Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa's post 31/07/2023

Muummee Ministiraa Dr Abiy Ahimad Pireezidaantii Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad daawwannaa hojii guyyoota lamaatiif har'a Finfinnee kan galan Pireezidaantii Baankii Addunyaa Aajaay Baangaan simachuudhaan waliin mari’ataniiru.

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Category

Website

Address


Addis Ababa