06/09/2026
Itoophiyaan biyyoota Afrikaa fi addunyaa keessatti diinagdeen isaanii saffisaan guddachaa jiran keessaa tokko dha. Imaammataa fi tarsiimoo mootummaa dameewwan hedduu hammateen misooma diinagdee fi hawaasummaa cimsuuf taasifamaa jiru bu’aa gaarii argamsiisaa jira. Dameewwan abdachiisaa ta’an keessaa industiriin oomishaa gahee murteessaa qaba.
Waggoota darban keessatti industiriin oomishaa Itoophiyaa saffisaan guddateera. Dandeettiin oomishaa fooyya’aa, oomishni biyya keessaa dabalaa fi oomishaaleen biyya alaa irraa galan oomisha biyya keessaa bakka bu’aa waan jiraniif, alaa irraa galchuun hir’achaa jira. Akkasumas, raawwiin al-ergii oomishaalee industirii fooyya’aa dhufuun, dorgommii gabaa addunyaa irratti carraa gaarii uumaa jira.
Dameen oomishaa carraa hojii uumuu, galii guddisuu fi dandeettii dorgommii diinagdee cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Dhaabbileen xixiqqaa fi giddugaleessaa, abbootiin qabeenyaa fi hojii uumtoonni naannolee biyyattii adda addaatti babal’achaa jiru. Kunis oomisha biyya keessaa guddisuu fi guddina diinagdee saffisa.
Fuuldurattis, invastimantii, kalaqa, teeknooloojii fi misooma industirii cimsuun, akkasumas damee dhuunfaa, humna namaa fi qabeenya uumamaa sirnaan fayyadamuun, oomishtummaa fi dandeettii dorgommii Itoophiyaa daran guddisuun ni danda’ama. Kunis biyyattiin Afrikaa fi gabaa addunyaa irratti diinagdee oomishaa cimaa, of danda’aa fi dorgomaa akka ijaartuuf karaa bana.
Walumaagalatti, dameen oomisha biyya keessaa jabeessuu, alaa irraa galchuu hir’isuu, al-ergii guddisuu fi carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaaf, damee kana cimsuun Itoophiyaa gara diinagdee cimaa, of danda’aa fi dorgomaa ta’eetti ceesisuun murteessadha.