Hirnoye
በሂርኖዬ የተቋቋመ የመረዳጃና የመገናኛ ሲሆን ስለ ሂርና ታሪካዊ፣ ማህበራዊ፣ ኢኮኖሚያዊና ባህላዊ ልምድ መለዋወጫ ከማናቸውም ሃይማኖትና ፖለቲካ ነፃ ነው
Hirnooyyeen Garee dhalattootaafi jiraattoota Hirna turanfi ta'an itti walargan, hariiroo isaanii cimsan, walgargaaran, muuxannoo waljijjiiran, garee amataa fi siyaasaa kamuu irraa bilisa ta'eedha. Muuxannoo, beekumsa, baruumsa, qabeenya, beekkamtii fi maallaqa arganneen Hirnaafi hawaasa deeggaruudha. Hirna sadarkaa magaaloota biroo argine waliin walqixxeessuuf hojjata. Kanaafu, guddina Hirnaafi hawaasa gargaaruf hirmaannaan keessan barbaachisaadha.
03/06/2026
Gaafa Ahmad Taqii fi waahilootni isaa "Garee Utubaa Biyyaa" (GUB) hundeessanii qabsoo Oromoo jalqaban magaaloota jalqabaa kan dameen GUB itti hundeeffame keessaa takka magaalaa Hirnaati. Damee Hirnaa hundeessuu keessatti qooda guddaa kan fudhate Haaji Abdurrazaq Muhammad (Abdurrazaaq Aksiyoonaa) hoggaa tahu saboonootni akka Abdul-Aziiiz Ussoo, Abdulwahaab Ahmad, Bushraa Yuusuf, Abdallaa Aadamee fi kan birootis isa wajjiin carraaqnii jiran. Dameen Hirnaa kun ummata Oromoo dammeysuu fi jaaruu keessatti hojii guddaa hojjatee jira. Sochii isaa dhooysaadhaan osoo godhuu Ahmad Taqii (Hundee), Elemoo Qilxuu fi gootootmi biroo lola Xirroo irratti kufuun dhagayame.
------
Part 11
Part 10
Part 9
Part 8
Part 7
Part 6
Part 5
Part 4
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Telephone
Address
Hirnoye
Addis Ababa
2957
