Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee

Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee

Share

Hojiilee waajjiraatiif

28/08/2024

Ergaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Bookee fi Waajjira Fayyaa A/bookee irraa dabre
Raabsaan duula qoricha farra tiraakoomaa guyyaa boruu 23/12/2016 irraa eegalee guyyoota 7'f araddoota aanichaa hunda keessatti hojjattoota exteenshinii fayyaa fi ogeeyyii fayyaatiin namoota hundaaf kennamuu ni jalqaba.
kanaaf ummanni aanichaa hundi iddoo yeroo raabsaa qorichaa araddoota keessan keessatti filataman deemuun qoricha kana fudhachuun dhibee tiraakoomaa ykn jaamina ijaa irraa akka ittifamtan jechuun Bulchaan aanaa bookee obboo Naajii Mahaammad fi I/G tun waajjira fayyaa aaddee Feneti shihaab dhaamsa dabarsaniiru.
Namoonni ergaa kana dhagahe wal dhageessisuun fayyadamoo tahaan immoo dhaamsa keenya.
Fayyaan ijaa faaya......!!!

Photos from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee's post 18/10/2023

Onkololeessa,7/2016 GHL, Aanaa Bookee, araddaa Haroo muudaatti sirni eebba araddaa udaan irraa bilisa(ODF) taatee bakka I/Gaafatamtuu waajjira fayyaa aaddee Feneti shihaab, manguddoonni araddaa,caasaan araddaa,hawaasni araddaa, koree waajjira fayyaa, hoggantoota buufata fayyaa, HEF fi qooda fudhattoonni garaagaraa argamanitti gaggeeffamuun eebbifameera.
dhuma irratti namoota milkaa'ina hojii kanaa irratti gahee olaanaa bahataniif badhaasaa fi xalayaan beekkamtii kennamuun haala miidhagaa fi hoo'aa taheen xumurameera.
Fayyaan faaya.......!!!

Photos from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee's post 24/12/2022
Photos from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee's post 24/12/2022

Muddee,15/2015 Aanaa bookeetti leenjiin qindoominaa duula talaallii covid-19 fi talaallii farra dhibee shiftee guyyaa afuriif(4) turu ogeeyyii fayyaa fi hojjattoota exteenshinii fayyaatiif kennamu jalqabameera.

29/11/2022

Guyyaa 20/3/2015 Aanaa bookeetti gamaaggamni hojii seektara fayyaa ji'a afuri(4) DPHU fi management waajjira fayyaa waliin bakka Bulchaa aanaa bookee kab.obboo Naajii Mahaammad fi I/A Bulchaa kab.obboo Jamaal Amaanoo argamanitti gaggeeffame.
gamaaggama kanaan gabaasni buufataalee erga dhihaate booda ciminoonni jiran akka itti fufuu fi hanqinoonni adda bahan yeroo itti aanutti sirraa'uu akka qabu kallattiin karaa bulchaatiin kennameera, akkasumas dhimmoota dhukkuba daddarbaa akka weeraraatti ka'uu danda'an kan akka busaa, shiftee fi gara kaasaa ittisuuf sakatta'insi hanga caasaa araddaatti diriiree itti fufuu akka qabu kallattiin kaa'amuun xumurameera.
Fayyaan faaya......!!!

Photos from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee's post 13/11/2022

Sadaasa,4/2015 GHL, Aanaa Bookee araddoota aanichaa baayyee keessatti konfiransiin kabaja torbee busaa fi sosochii hubannoo hawaasaa cimsuu dhibee busaa haala gaarii taheen gaggeeffamaa ooleera. haaluma kanaan araddoota hafanii fi harcaatii qabanitti guyyaa boruu itti fufee kan gaggeeffamu taha.

Photos from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee's post 09/11/2022

Onkololeessa,30/2015 Waajjira fayyaa aanaa bookeetti gamaaggamni hojii waliigalaa kurmaana 1ffaa,2015 HEF, DPHCU fi expertoota waajjira fayyaa waliin bakka I/A Bulchaa aanaa bookee obboo Jamaal Amaanoo fi I/A waajjira fayyaa obboo Jamaal mahaammad argamanitti gaggeeffamuu eegaleera. haaluma kanaan guyyaa har'aa gabaasni buufataalee fi keellaalee fayyaa dhihaachuun marii hoo'aan gaggeefamaa ooleera, gamaaggamni kun guyyaa boruutis itti fufuun waan gaggeeffamuuf, xumura irratti ciminootaa fi hanqinni erga addaan bahe booda kallattiin hojii itti aanuu kan kennamu taha.
Fayyaan faaya.........!!!

Photos from Waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Bookee's post 01/11/2022

Onkololeessa,22/2015 Qindoomima waajjira fayyaa aanaa bookee fi buufataalee fayyaa aanicha keessa jiraniin, komii ummataa gara dhiheessii qorichaatiin jiru deebisuuf, buufataalee fayyaa Bookee xiqqoo, iddoo arroojjii, haxuuraa, bookee guddoo fi arbaa guyyaa har'aa kana qoricha waliigalatti qarshii miliyoona lamaa oliin bituun tajaajilli fayyaa komii tokko malee akka itti fufu taasifameera.
Fayyaan faaya.......!!!

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Addis Ababa