29/03/2022
Iyyasuus Deebi'eef dhufuuf jira! Maal hojjataa eegaa jirraa? Imaanaan kee jaalala qofa. Osoo hinsaassatiin qoodi!
Our vision is to get Ethiopian Community holistically developed in all needs.
29/03/2022
Iyyasuus Deebi'eef dhufuuf jira! Maal hojjataa eegaa jirraa? Imaanaan kee jaalala qofa. Osoo hinsaassatiin qoodi!
26/03/2022
"8 Wal jaallachuu irraa kan hafe gatii wal dubbifattan hin qabaatinaa! Namni nama jaallatu waan seerri isa irraa barbaadu raawwachuu isaa ti*." Roomaa 13:8
06/03/2022
dhaan nuquunnamaa!
Kaayyoo Uumamuu keenyaa waliin galmaan haageenyu!
Malliif Waaqayyo akka lafa kanatti sifide beektaa??? Uumaan kee ergama siif kenne qabdaa? Maalree, koottaa waliin ergama keenya haabaanu!
https://t.me/ethiopia_nehemiah
Is our Telegram channel, join our ministry and serve your Lord Jesus with us!
Nehemiah Holistic Servants Ministry የነህምያ ሆሊስቲክ ሚኒስትሪ ኢትዮጵያ This channel is developed by Nehemiah servants ministry which is registered under the Ethiopian Evangelical Churches council, Addis Ababa to share Love to the community.
04/03/2022
Nehemiah Holistic Servants Ministry, Addis Ababa
✝️✝️✝️Maqaan waaqayyoo keenyaa inni, karaa ilma isaa ofitti nu araarsee bara baraan haa eebbifamu.
✝️✝️✝️Kutaan har'aaf nuuf kenname egaa waa, ee yesuus angafa Lubootaa ta'uuti.
Egaa akkuma beektan bara durii ykn kakuu moofaa keessatti sababa cubbuuf waaqayyoof nama gidduu dhaabbatee walitti kan haraarsu ykn cubbuu namoota irra jiru waaqayyootti kan himu Luba ture.
Sanumarra fudhachuun ammayyuu warri Orthodox namni kallattiin akka yesuusiin hin ilaalle gidduu galuun nuti luba jechuun halkanii fi guyyaa mana amantaa keessa hojii qulqullummaa hojjettu.😭😭
Egaa lakk3 irratti akkuma jedhu
Sababii dadhabbii jala jiruufis akkuma cubbuu sabaatiif dhi'eessu, cubbuu ofii isaatiifis aarsaa dhi'eessuun isa irra jira*. Jedha Haleelluyyaa
inni nama waan ta'eef dadhabaadha. Ofii isaafis cubbuu qaba jechuudha. Argitanii karaa kanaan namni cubbuu isaarra fayyuu hin dandeenye. Garuu guyyaan isaa yeroo ga'etti ilma isaa waaqarra hoolaa mudaa ykn dadhabbii kan hin qabne, cubbuu kamiifuu furmaata, abukaattoo saba hundaa,luba bara baraa kan ta'e yesuus kiristoos nuuf erguun, fannoorratti ol ba' ee namaaf waaqayyoo gidduu isa ture keenyaan dinimmaa diguun, waaqayyoo wajjin akka wal agarru godheera. WoW gammachuun kana caalu hin jiru. Ani karaa kiristoos araara argadheera. Ati karaa kiristoos araara argatteetta. Amen Hallelujah Lubni nu gidduu dhabbattu hin jiru. Nuyi hundi keenya qulquloota,luba mana waaqayyoo tis.✝️✝️✝️
Akkas jedha:-1phex 2:9 Isin garuu qomoo fo'amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame*✝💞 kanuma!!
Egaa Lubni seera beeka, waan macaafni jedhu sirritti hubata kanaaf nuti luba waan taaneef kanaan booda Aannan dharra'uu osoo hin taane gara waan jajjabaatti darbinee nyaachuutu nuuf ta'a. 🙏🙏🙏Ameen Eebbaaf ta'aa!!
22/05/2021
06/03/2021
Qo'annaa Macaafa Qulqulluu 1ffaaQoroonntos 12:1-31👉ABARRAA DAJANEETIIN:- 🙏🙏🙏🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛✍✍✍Egaa Kutaan kun1.Kennaa (Qooda Hojii)Afuurri Qulqulluu Nuuf kennu Nu barsiisa🙏Mee akkuma Amala kootii Gaaffiirraan Egaala☝️kennaa kee Adda baafatteetaa?☝️Kennaa Meeqa qabdaa?☝️Kennaa Dabalataa Ni Barbaddaa?🙏1Qorontos 14:1-4☝️Kennaa siif kennameen Tajaajilaa jirtaa?☝️Kennaa keen akka ati hin Tajaajilleef Daangaa kan sitti ta'an Maalinnii?DEEBII :Ofuma keessaniif Tarreessa!Isa deebii dhabeef Waaqayyo Deebidha!...
Qo’annaa Maccafaa, Ergaa Gara Warra 1fa Qor 12:1-31 Qo’annaa Macaafa Qulqulluu 1ffaaQoroonntos 12:1-31👉ABARRAA DAJANEETIIN:- 🙏🙏🙏🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛🥛✍✍✍Egaa Kutaan kun1.Kennaa (Qooda Hojii)Afuurri Qulqulluu Nuuf kennu Nu barsiisa🙏Mee akkuma Amala kootii …
abera dejene:
☝️Egaa Bara keenya Guutuu Waaqayyoon Nuyaa Gaggeessuutii🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
1Qorontos 3:1-23
Nuufan Dubbisa kunoo àkkaas Jedha
👉Warra Maasii Waaqayyoo Keessa Hojjetan
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏
1 Ani yaa obboloota ko, akka warra yaada foonii duukaa bu'anii, Kristositti immoo xobbee akka mucoolii ta'aniittan isinitti dubbadhe malee, akka warra yaada hafuuraa duukaa bu'aniitti isinitti dubbachuu hin dandeenye. 2 Ani aannan akka dhugdaniif isiniif kenneera; isin nyaata jabaadhaaf hin geenye turtan, ammuma iyyuu hin ga'in jirtu.
3 Isinoo amma iyyuu akka warra yaada foonii duukaa bu'anii ti; hinaafuunii fi wal qoccoluun erga isin gidduu jiraatee, isin warra yaada foonii duukaa buutan mitii ree? Akka yaada namaatti jiraattu mitii ree? 4 Isin keessaa inni tokko, "Ani kan Phaawulos" jedhee, inni kaan immoo, "Ani, kan Apholos" yommuu jedhu, warra akka yaada namaatti hojjetan ta'uu keessan mitii ree?
5 Egaa Apholos kun maali? Phaawulos kunis maali? Inni, anis hojjetoota warra gara amantiitti isin waamanii dha; nus adduma addaan akka gooftaan nuuf kennetti in hojjenna. 6 Ani nan dhaabe, Apholos bishaan obaase, Waaqayyo garuu in guddise.
7 Waaqayyo isa guddisu sana malee, inni dhaabu, inni bishaan obaasus homaa miti. 8 Inni dhaabe isa bishaan obaasee wajjin tokko; adduma addaanis akka dadhabbii isaatti miindaa ofii isaatii in fudhata.
9 Nuyi hojii Waaqayyoo keessatti hidhata walii ti, isin maasii Waaqayyoo ti; mana Waaqayyo ijaaruu dhas. 10 Akka ayyaana Waaqayyo biraa anaaf kennameetti, akka nama mana ijaaruu beekuuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa'eera, namni kan biraa immoo isa irratti in ijaara; adduma addaan attamitti akka irratti ijaaru garuu haa akeekkatu.
11 Isuma dur kaa'ame sana malee homtinuu hundee biraa kaa'uu hin danda'u; hundeen dur kaa'ame sunis Yesus Kristos. 12 Namni warqeedhaan, meetiidhaan, dhagaa gati-jabeessaan, yookiis mukaan, citaadhaan, hoffaadhaanis hundicha irratti in ijaara.
13 Hojiin namaa adduma addaan ibiddaan mul'ifa
25/02/2021
1Qor. 2:1-16, Bible Study by Tefera Tadese (HO). Qo'annaa Macaafa Qulqulluu. Tafarraa Taddasaatiin (HO)¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹ Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti dubbachuudhaan yookiis ogummaa argisiisuudhaan, dhoksaa Waaqayyoo isinitti lallabaa hin dhufne.² Hamman isin bira turettis Yesus Kristos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul'isuuf murtoo godheen ture.³ Ani dadhabbii, sodaadhaa fi rom'a baay'eedhaanan isin bira ture....
nehemiahholistic.wordpress.com 1Qor. 2:1-16, Bible Study by Tefera Tadese (HO). Qo’annaa Macaafa Qulqulluu. Tafarraa Taddasaatiin (HO)¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯¹ Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti…
| 09:00 - 17:00 |