01/08/2016
Gahee hojii akka seektara magaalaatti walirra bu'aan irratti mariin gaggeefame.
====================================
Bakka Kantiboon fi hojiigaggeesitoon magaalota jiranitti "Mandet overlap" seektara magaalaa Ejensii Manajimantii lafa magaalaa, Konistiraakshinii, Shumii gamoo fi Insitituyuutii Pilaanii Magaalaa fi IMX giddu jiru irratti aangoo fi gaheen akkasumasa daangaa seektarota hanga eessatti kan jedhu irratti mariin taasisun waligalte irra gahame jira.
29/07/2016
Biiroon Misooma magaalaa fi manneen Oromiyaa hojii waggaa bara 2008 irratti godinaalee 18 fi magaalota 16'n waliin gamaaggami gaggeesse.
====================
Raawwii hojii bara kaa keessatti jijjiramni gaariin kan itti galma'e keessayyu gama bu'uuraalee misooman, lafa sababa inveestimantiin qabame osoo hin misoomin ture deebsisu, hirmaana uummataa, galii idilee fi mana qopheessa sassaabun fi kkf irratti bu'aan argame akka cime itti fufu qabu mariicha irratti kan walii galamedha.
18/07/2016
Magaalaa Duukamitti Piroojektoota bara kana hojjatamuun eebbifaman cinaatti Guddina Magaalichaa fooyyessuuf daandiin Aspaaltii KM 3 ta`u Qarshii Mil. 90 ta`uun bara dhufu hojjatamuuf dhakaan bu`uraa Pirezidaantii itti Aanaa fi hoogganaa Biiroo sivil sarviisii fi Bulchiinsa Gaarii Oromiyaa Obbo Isheetuu Dasee dhaan kaa`amee jira.
Piroojektiin Aspaaltii hojjatamuuf dhakaan bu`uraa ka`ame kun guddina Magaalichaa foyyessuuf akkasumas magaalaa jireenya jiraattota isheetiif mijattuu taate uumuu keessatti iddoo guddaa akka qabu abdatama.
25/06/2016
Abbootiin qabeenya Industirii irratti bobba’an deeggarsi mootummaa gama hundan akka taasisfamuf gaafatan
======================================
Marii panaalii misooma industirii irratti abbootti qabeenya naannoo Oromiyaa waliin magaalaa Sabbaatatti gaggeessen misoomn industirii hojitti galee bu’aa olaanaa galmeessisa akka jiru ibsun , kanneen hojitti hin gale irratti akka mootumman hojjechu qabu himaniru.
Rakkoo bulchiinsa gaarii kan akka bu’uuraalee misooma kan akka bishaan, dandii, ibsa fi kkf guutu irratti amma illee rakkacha akka jirani fi hanqinaaleen gurgudoon akka jiran abboottin qabeenya itti dabalun himaniru
Mootumman hojii cee’umsa qonna irra gara industiriitti taasfamu milkeessuf karoora hiixata ta’e baase hojjecha jiraachu ibsun abbootti qabeenya insustirii maanufakichaarii irratti bobba’an hojirra jiranis ta’e hojitti galuf qophii irra jiran deeggaruf kutannoon kan hojjetu ta’u Obbo Nugusee Mangistu I/A/Hogganaa Biiroo fi I/G Damee Diizayinii fi Ijaarsa dubbataniru.
25/06/2016
Rakkoo Mana jireenya lammiilee hikkuf mootumman hojjecha jirachun ibsame
===================================
Carraa mana jireenya lammiin biyyattis ta’e naannoo keenya itti fayyadamu dandaa’an dhunfa, waldaan mootummaa, dhunfaa fi mootumma qindoomun kan ta’u ni beekama. Kan irra ka’un yeroo amma manneen jireenya lammiilee irra fayyadami dandaa’an keessa tokko waldan gamta ijaarsa mana jireenya hojiirra olchuuf dambii qophaa’e irratti ’n caasaa isaa magaalota fi W/ra IMM godina waliin marii taasise jira. Gosa mana ijaaramun dandaa’amu jedhame filannoof dhiyaate keessa :-
5. Tilmaama Gatii Ijaarsaa
Tilmaamni gatii ijaarsaa:
1) Jiraattota Biyya Keessaa fi Diyaaspooraa Deebi’eef
a) Mana appaartaamaa yoo ta’e, abbaan kutaa ciisicha tokkoo M2 60 qarshii 150,000.00, abbaa kutaa ciisicha lamaa M2 80 qarshii 200,000.00, abbaan kutaa ciisicha sadii M2 100 qarshii 250,000.00 fi abbaan ciisicha afurii M2 110 qarshii 275,000.00 ta’a.
b) Mana magaalaaf (town house G+1) bal’ina lafaa 80 M2 irra kan qubatu qarshii 340,000.00 fi town house (G+2) qarshii 595,000.00, G+3 Qarshii 935,000.00 ta’a.
c) Viillaa mana bilokeettii ta’ee lafa M2 80 irra kan qubatu qarshii 153,000.00 ta’a
d) Mana meeshaalee ijaarsa naannootiin ijaaramu bal’ina lafaa kan M2 75 irra qubatu qarshii 45,313.00 ta’a,
e) Tilmaamni baasii ijaarsaaf barbaachisu keewwata kana keewwata xiqqaa 1 ( a - d ) jalatti ibsame jiraatuyyuu waldootiin dizaayinii ofii isaanii dhiyeeffataniin gatiin isaa jijjiiramuu ni danda’a.
2) Diyaaspooraaf
a) Manni jaaramu appaartaamaa yoo ta’ee, abbaa kutaa ciisicha lamaa M2 80 qarshii 400,000.00, abbaan kutaa ciisicha sadii M2 100 qarshii 550,000.00 fi abbaan ciisicha afurii M2 110 qarshii 700,000.00 ni ta’a.
b) Mana magaalaaf G+1, G+2 fi G+3 bal’ina lafaa M2 80 irra kan qubatu ta’ee qarshii 500,000.00, 800,000.00 fi 1,100,000.00 walduraa duubaan ni ta’a.
20/06/2016
Tajaajila si'aata, iftoomina fi itti gaafatamumma qabu yommiyu caalaa ni kennina!
20/06/2016
Hojii dhabdummaan maddoota rakkoo bulchiinsa gaarii keessaa isa tokkodha.Rakkoo hojii dhabdummaa kan maqsuuf mootummaan karoora addaa baasee hojii qabatamaa keessa seenee jira. Akka Godina shawaa bahaattis karoora carraa hojii uumuuf bahe kana hojiirra oolchuun daragaggoota hojii dhabeeyyii godinichaaf carraa hojii uumuuf waajjirri IMX fi qaamoleen dhimmi ilaallatan waliin qindaa’uun hojii qabatamaa keessa seenanii jiru. Haaluma kanaan karoora addaa kanaan daragaggoota hojii dhabeeyyii 16,360 hojii qabsiisuuf karoorfamee hanga ammaatti dargaggoota 13,200 hojii keessa galchuun danda’amuusaa ibsamera. Dargaggoota karoora addaa kanaan carraa hojii argatan kana keessaas dargaggootni 1,023 kanneen dhaabbilee barnoota ol aanaarraa eebbifaman akka ta’es hubachuun danda’ameera. kanneen keessaa dargaggoota 160 waldaalee jallisii 13’n gurmaa’anii maallaqa ka’umsaa qusataniif mootummaan qar.miiliyoona 12 caaluun tiraakteroota qonnaa 13 bitee kenneefii jira. waldaalee kanaaf furtuu tiraaktaraa kan kennaniif itti aanaa pirezidaantiifi hoogganaan Biiroo SSBG Oromiyaa Obbo Isheetuu Dassee dargaggootni mootummaan tiraaktara bitee kenneef kun cimanii halkaniifi guyyaa hojjechuun yeroo gabaabaa keessatti gara abbaa qabeenyummaatti ce’uun ce’umsa biyyii keenya gara indastiriitti taasisaa jirtu dhugoomsuu qabdu jedhan.
Madda:WDhKM Godina Shawaa Bahaa
15/06/2016
Wixinee Karoora ka'uumsa bara 2009 seektara magaalaa irratti
=======================
Seektara magaalaa , EMMLMO, EMMO, EMIMXO, IPMO fi kkf Ministeera Misooma Magaalaa fi Manneen waliin haala hojii waligala fi ka'umsa karoora bara 2009 irratti mariin gaggeefamen hojii bu'uura misooma babal'isu, Bul. gaarii hiiku, hirmaana uummtaa dabalu, sirna faayinansii ammaayya'aa diriirsu, sirna qabiinsa raga lafa ammayyeessu, rakkoo mana jireenya lammiilee hiiku,hojii dhabdumma fi wabii nyaata uummataa magaalaa hir'isu fi kkf irratti xiyyeeffannoo addaa itti kennun hojjetamu akka qabu irratti waligalamera.
Walatajjicha irratti S/I/A/ Pireezedantitti Hogganaa Biiroo Industirii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Umaar Huseen hojii karoorfane erga rakkoo keessatti kuufe osoo hin tane osoo yeroo itti hin kennin miira qindoomina fi hariiro gaariin hojjechun ergama seektaricha milkeessu akka qabnu dubbataniru.
15/06/2016
Wixinee Karoora bara 2009 irratti seektarri magaalaa naannoo oromiyaa Minisreera Misooma magaalaa fi Manneen federaalaa waliin galma wajjiira pireezedantiitti marii gaggeesu jaqaban. Marichi hojiwwan guddina magaalota fi fayyadamumma uummata irratti kan gidu godhatu ta'u ilaalun dandaa'amera
13/06/2016
Dambiin waldaa ijaarsa mana jireenya kabinee MN Oromiyaattin mirkana'ee akka hojirra ooluf hojiin adda addaa hojjetama jira.
============================
Sagantaa Manneen jireenyaa keessaa tokko kan ta’e cimsuuf lammiileen akkaataa fedhii isaaniitiin walitti gurmaa’anii sagantaa Waldaa Ijaarsa Mana Jireenyaatiin hammatamuun mana jireenyaa ijaarachuu akka danda’an taasisuuf haala mijeessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; Akkaataa Labsii Lakk.163/2003, keewwata 65(2) fi Labsii Waldaa Hojii Gamtaa Federaalaa lakk. 147/1991 keewwata 59 tiin Dambiin kanatti aanu Bahee jira. Haaluma kanan; hojiileen hanga ammatti hojjetaman:-
1. Hojjeettoon sadarkaa seektara naannoo irratti lafas ta'e mana jireenya naannoo Oromiyaa keessa hin qabne magaalaa filaatan keessatti akka gosa mana filataniin akka guurmaa'an fi odeeffannoo hojjetoota mana hojii isaan hoggantoonni koreen erga qulqulleessan booda gara akka ergu qaban seektara bakka bu'uun namoota hirmaatan waliin irratti waligalmera;
2. Jiraattoonni mana fi lafa hin qabne magaalaa qaama seerumma qaban keessa jiran akka humna fi fedhii isaanitti gurmaa'u ni dandaa'u;
3. Diyaasporaa fi Qonnana bultoon Aanaa isaan irrati gurmaa'un abbaa mana ta'u ni dandaa'u;
4. Hojjataa warshaalee, hojjataa yunivarsitii yookiin dhaabbilee misoomaa mootummaa naannoo Oromiyaa gurmaa'u ni dandaa'u
kana irrat kan haafe odeeffannoo dabalata ulagaalee itti gurmaa'amu, baasii mallaqa kanfalamu, gosa mana ijaaramu filannoof dhiyaatan guyyaa itti aanu qabne waan dhiyaanuf nu egadha.
13/06/2016
Guyyaa har'aa Ejansiin Misooma fi Maanajimantii Lafa Magaalaa Oromiyaa dhimmota magaalaa keessatti akka rakkootti adda bahani ilaalaman furudhaaf qaamoleen dhimmii ilaalatu hundu qindaa'uudhaan mata duree "Bulchinsa Lafa Magaalaa Ammayyaa'aa Diriirsuuf Riifoormiin lafa Magaalaa Murteessadha" jedhun ogaantoota Naannoo fi Bulchinsa Magaalaa irraa dhufan waliin sagantaa ardaa marii qindoomina Waajjira Qiindeesaa Piroojektii Sirna Qabiinsa Ragaa Lafa Magaalaa fi DhRTV Oromiyaa waliin magaalaa Finffinnee Hoteela Inteernashinaalaa Iliiliitti tasiisee jira. Akkasumas waaree booda Ogganaa Waajjira Qiindeesaa Piroojektii Sirna Qabiinsa Ragaa Lafa Magaalaa Obbo Taakalaa umaattin hojjilee hanga ammaa hojjataman irrattis ibsa dhiyyeesani mariin bal'aan hirmaatoota waliin erga irraatti taasifame booda yaada waligala Sad. I/A Pireziidantiitti ogganaan Biiroo IMM Oromiyaa Obbo Umar Huseen yada waligala keenudhaan xumurame jira.
08/06/2016
Rakkoo mana jireenya lammiilee naannoo Oromiyaa hiikuf hojjeetama jira.
====================================
Waantoota jireenya nadhaala namatiif barbaachisoo ta’an keessa mani jireenya isaa guddaa fi murteessadha. Kana irra kaa’un mootumman naannoo keenyaa lammiileen naannicha carraawwan adda addaatti fayyadamun abbaa mana akka ta’anif hojjecha jira. Kaneen keessa mana jireenya waliin, waldaan gurma’uun ijaarachu, Lafa liiziin fudhatan ijaarachu, mana qusaana fi kkf itti fayyadamu akka dandaa’amu hojjetama jira. Kanaafu lammiileen biyyatis ta’ee naannoo keenya carrawwa kanannetti fayyadamu kan dandaa’esan ta’u ni ibsina.
Haala itti hojjetoonni mootumma waldaan gurma'uun mana jireenya ijaarachuun dandaa'amu irratti oreenteshinii fi mariin seektarota sadarkaa naannoo waliin taasifama jira.