04/02/2026
Sirna odeeffannoo haaromsuun, hafuura tajaajilummaa jabeessuun akkasumas hojiiwwan mootummaa kan misoomaa fi bulchiinsa gaarii hawaasaaf yeroon akka qaqqaban gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun isaa, Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa10 beeksiseera.
፨፨፨፨፨፨፨፨
Amajjii 25/2018
Kutaa Magaalaa Qirqoos Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa 10 , bara bajataa 2018tti ji’oota jaha jalqabaa keessatti tooftaalee kominikeeshinii garaagaraa fayyadamuun odeeffannoo sirrii fi saffisaa hawaasaaf dabarsuu danda’uun isaa beeksiseera.
Akka Itti Gaafatamaan Waajjira Kominikeeshinii Aanaa 10, Obbo Nurhassen Jamaal jedhanitti, hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii bulchiinsichi hojjetaa jiru hawaasaaf dhiyeessuuf hojiiwwan hedduun raawwatamuu isaa ibsaniiru.
Ji’oota jaha darban keessatti, matadureewwan adda addaa irratti maxxansa qopheessuu fi raabsuu, oduu karooraa fi ibsa gabaabaa tamsaasuu, hojiiwwan suuraa kaasuu fi viidiyoo waraabuu, akkasumas tajaajila miidiyaa dijitaalaa kennuu danda’uun isaanii himaniiru.
Akkasumas, hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii agarsiisan sagantaalee gabaabaa adda addaa qopheessuu, hojii eeditii, paanaalota, sirnoota (events), waltajjii marii fi gaaffii-deebii, agarsiisa suuraa fi hojiiwwan biroo raawwachuun odeeffannoo hawaasaaf dabarsuu danda’uun isaanii ibsaniiru.
Gama biraatiin, filannoo miidiyaa hawaasaa hunda fayyadamuun dhimmoota yeroo ammaa kan biyyaalessaa fi magaalaa irratti xiyyeeffatan, odeeffannoo qulqullina qabu hawaasaaf dhiyeessuun akka danda’ame Obbo Nurhassen himaniiru.
Itti gaafatamaan kun dabalataan, hawaasni odeeffannoo salphaatti akka argatuuf, mootummaa gama rakkoo qaala’iinsa jireenyaa hir’isuutiin gabaawwan Sanbataa fi Dilbataa beeksisuu, hojiiwwan misoomaa bu’aa qabatamaa fidan, akkasumas bu’uuraalee misoomaa ijaaraman tajaajila hawaasaaf banaa ta’uu isaanii irratti qaamolee dhimmi ilaallatu hirmaachisuun hojjetamuu fi bu’aa gaarii argamsiisuu isaa kaasan.
Odeeffannoon miidiyaa hawaasaa karaa sirna qindaa’aa ta’een hawaasa bira akka ga’uuf, akkasumas tajaajiloonni kennamaa jiran Roobii fi Jimaata hunda hordoffii fi gamaaggama argachuun hojiiwwan miidiyaa fi kominikeeshinii akka hojjetaman ibsaniiru.
Xumura irratti, odeeffannoo bal’inaan fi qulqullinaan dhiyeessuun hawaasa odeeffannoon dagaage uumuun, hojiiwwan misoomaa waliigalaa irratti hubannoo fi waliigaltee hawaasaa akka uumamu gochuuf, hojiiwwan miidiyaa fi qunnamtii hawaasaa hojjechuun odeeffannoo hawaasaaf dabarsuu danda’uun isaa beeksisameera.
30/01/2026
''kun iddoon ooluaa daa'immanii hojiwwan hawaasa keenyaaf ni raawwanna jennee waadaa galle keessaa isa tokko waan ta'eef waadaa keevya gochaan iddoo itti agarsiifne dha'' Aadde Saaraa Asraat
Amajjii 14/2018
kun kutaa magaala Qirqoos mooraa bulchiinsa Aanaa 10 keessatti kan argamuufi bulchiinsa aanichaan kan ijaramee eegumsi godhamuuf iddoo oolmaa daa'immanii(daycare)dha.Iddoon oolmaa daa'immanii kun daa'imman naannoo aanichaatti argamuu danda'an gidduu galeefate kan ijaarame yoo ta'u haadholii mindaan isanii 2500 gad ta'eefi umuriin daa'imman isanii waggaa 4 gad ta'e idoo itti oolan dha.
Iddoon kun iddoo oolmaa irra kan dabree iddoo qaamniifi sammuun daa'immanii itti ijaaramuufi kennaan addaa isanii iddootti mul'atufi hojiwwan kana waliin walqabatu iddotti raawwatamu waan ta'eef xiyyeeffannoon hojjetamee tajajilaaf dhiyateera
20/01/2026
Qirqoos irratti Ayyaannii Cuphaa Obbolummaafi walta'insaan!
kutaa magaala qirqoos Bulchiinsa aanaa 10tti hordoftotni amantaa muslimaa haala obbolummaafi walta'uun yeroo ammaa kana bifa midhagaafi dudhaa isaa eeggateen kabajamutti argama.
Amajjii 11/201 8 A.L.I
15/01/2026
Ayyaanni Cuuphaa (Ximqaat) Kaataaraa gatii amantii isaa eeggatee, haala caalaatti fooyya’aa fi miidhagaa ta’een akka kabajamuuf hoggansi marii waliigalaa gaggeesse
፨፨፨፨፨፨፨፨
Amajjii 06/2018 A.L.I
Kutaa magaala Qirqoos Aanaa 10tti, ayyaanni Cuuphaa (Ximqaat) fi Kaataaraa dudhaa amantii isaa eeggatee, haala caalaatti fooyya’aa fi miidhagaa ta’een akka kabajamuuf hoggantoonni marii waliigalaa gaggeessaniiru.
Mariin gaggeeffame kana irratti sadarkaa magalaa irraa aanaa keenya akka deeggaraniif kan ramadaman , Qindeessaa Koomishinii Hirmaannaa Hawaasaa fi tola ooltummaa Uummata Magaalaa Finfinnee Itti Aantuu Koomishinarii Aaddee Tsaahayi Kibaamoo, akkasumas hoggansa deggaraaf kutaa magaa irraa ramadaman fi hoggansi waliigalaa aanaa keenyaa argamuun mariin bal’aa taasifameera.
Hoggansi kunis haala nageenyaa blookii blookiidhaan jiru xiyyeeffannoo guddaan hordofuu fi ayyaanni kun dudhaa amantii isaa eeguudhaan akka kabajamuuf qooda isaa sirnaan bahuu akka qabu irratti waliigalameera.
14/01/2026
Ayyaana Cuuphaa fi Kataraa kabajamu ilaalchisee Waraana Nageenyaa fi qaamolee Nageenyaa waliin mariin gaggeeffame.
⨳⨳⨳⨳⨳
Amajjii 5/2018 A.L.I
Kutaa Bulchiinsi Magaalaa Qirqoos Aanaa 10, Ayyaana Cuuphaa fi Kataraa kabajamu ilaalchisee raayyaa Nageenyaa fi qaamolee Nageenyaa waliin marii gaggeesseera.
Mariicha irratti Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa aanichaa Obbo Zakariiyaas Geetanee, Itti Gaafatamaa Qindoomina Paartii Badhaadhinaa aanichaa Obbo Sulxaan Nuuri, Itti Gaafatamaa Waajjira Nageenyaa fi Tasgabbii aanichaa Obbo Efreem Girmaa akkasumas miseensonni qaamolee nageenyaa fi raayyaani Nageenyaa hirmaataniiru.
Mariicha keessatti hirmaattonni nageenya biyyaa keenya eeguuf nuti lammileen Itoophiyaa hundi itti gaafatamummaa guddaa qabna; biyyi keenya ittigaafatamummaa fi amantaa nu irra kaa’te qabdi jedhaniiru. Akkasumas Ayyaana Cuuphaa dhufu waliin walqabatee ayyaanichi akka nagaadhaan xumuramuuf yeroo kamiyyuu caalaa qaamolee nageenyaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu, hojiin eegumsaa(roondii) immoo caalaatti cimee akka itti fufuuf jiraataan hundi itti gaafatamummaa isaa fi dirqama biyyaalessaa bahachuu qaba jechuun ibsaniiru.
13/01/2026
_''Mandaroota baredoo, Bilookii modeela qinddaa'e''_
kutaa magaala qirqostti Bulchiinsi Aanaa 10 himaannaa hawaasatiin kan ijaramaa jiru Mandaroota baredoo, Bilookii modeela qinddaa'a ta'e do'atamaniiru.
Kutaa magaala qirqoostti waajira komunikeshinii Aanaa 10
Amajjii 02/2018
06/01/2026
nagaa waaraa fi gaarii; Itoophiyaa dhugoomsuuf gahee keenya ni baafna, badhaadhinni isaa addunyaa maraaf wabii ta’a. Hirmaattota waltajjii gaaffii. Mudde 24, 2017
፨፨፨፨፨፨
Waajjirri Komunikeeshinii Kirkos Sub-City District 10 waltajjii gaaffii marsaa 3ffaa nagaa, nageenyaa fi hojii seeraan alaa gaggeesse. Waltajjiin kun qindoomina Waajjira Komunikeeshinii fi Waajjira Nagaa fi Nageenyaa fi Seera Kabachiisuutiin kan qophaa’ee fi nagaa fi nageenya fi hojii seeraan alaa kan ilaallatu ture. Aadde Sarah Asrat, Hojii Gaggeessaa Olaanaa Bulchiinsa Kirkos Sub-City District 10, kan waltajjii kana haasaa baniinsaatiin jalqaban, aanaa keenya keessatti hojiiwwan misoomaa qabatamaa hedduun namoota hedduu fayyadamoo taasisan akka jiran akeekaniiru, garuu ammallee danqaaleen tajaajilaa kenniinsa tajaajilaa keessatti mo’amuu hin dandeenyetu jira. Hogganaan Waajjira Nageenyaa fi Nageenyaa Kutaa 10ffaa Obbo Efreem Girmaa akka jedhanitti, mootummaan misooma, nageenyaafi hojiiwwan biroo qofa raawwachuu waan hin dandeenyeef nagaa fi nageenya naannoo sanaa eeguu fi sarbama seeraa ittisuuf deeggarsaafi hirmaannaa ummataa guddisuun barbaachisaadha. Gama isaaniitiin itti gaafatamaan waajjira komunikeeshinii kutaa 10 Noorhasan Jamal akka jedhanitti, ummataa fi mootummaa gidduutti riqicha ta’uun hojjechaa jira.