02/04/2026
Gosi barnootaa fi sadarkaan kutaalee qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa irraa qophaa’u ifoome
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC)-Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa gosa barnootaa fi sadarkaa kutaalee qormanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 irraa qophaa’u ifoomseera.
Haaluma kanaan, gosoonni barnootaa Saayinsii Umamaatiin kan kennaman: Ingiliffa, Herrega, Scholastic Aptitude, Baayoloojii, Keemistirii fi Fiiziksii ta’uun ibsameera.
Saayinsii Hawaasaan immoo: Ingiliffa, Herrega, Scholastic Aptitude, Seenaa, Ji'oograafii fi Ikonoomiksii dha jedhameera.
Qormaatichi gosa barnootaa hundaaf kutaalee 9ffaa hanga 12ffaatti boqonnaalee jiran hunda kan hammatu akka ta'es ibsameera.
Haalli qophii isaas:
Kutaa 9ffaa irratti: Qabiyyee sirna barnootaa duraanii fi isa haaraa irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti ammoo Sirna barnootaa haaraa irratti kan hundaa’e ta’a.
Gosti barnootaa Ikonoomiksii, sirna barnootaa haaraa irratti hundaa’uun kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti kan hammatu ta’uun ibsameera.
30/03/2026
Abbaan taayitichaa dhaabbilee barnootaa olaanoo seera qabeessummaan isaanii irraa mulqame ifoomse
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii dhaabbilee barnootaa olaanoo seera qabeessummaan isaanii irraa mulqame ifoomseera.
Dhaabbileen kunneen qajeelfama damee barnootaan Abbaa Taayitichaa baasu hojiirra oolchuu dhabuu isaaniin seera qabeessummaan isaanii irraa mulqamuu ibsameera.
29/03/2026
Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Barnoota Afaan Ruusiyaa Irratti Jila Ruusiyaarra Dhufan Waliin Marii Taasisan
--------------
BBO- Guraandhala 20/2018 Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo guyyaa har'aa jila Ruusiyaa waliin marii bu'a qabeessa taasisaniiru.
Marii gaggeessaniin Mootumnaan Ruusiyaa Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa 26 Naannoo keenyaaf Afaan Ruusiyaa akka baratan carraa barnootaa(Scholarship) kennuuf heyyamamaa yoo ta'u, bara barnootaa 2019 irraa eegalee Mana Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa(WMO) keessatti yaaliin (Pilot Test) jalqabaa kan kennamu yoo ta'u, bu'aa yaalii irratti hundaa'un bara 2020tti gara MBIBBAfi MBA Sad. 2ffaatti kan babal'atu ta'uu walii galameera.
Barattootni Afaan hedduu barachuun biyyoota adda addaa waliin hariiroo cimaa uumun dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa bu'a qabeessa argachuuf, sadarkaa addunyaatti dorgomaafi mo'ataa ta'uu akka danda'an gochuuf gumaacha guddaa waan taasisuf kan fayyadu ta'uu beekamaadha.
Haaluma kana bu'uureeffachuun BBO'n Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa, Manneen Barnootaa Addaafi MB Bultii Addaa WMO keessatti afaanota biyyoota alaa Afaan Chaayinaa, Arabaafi Faransaay dabalataan akka fedhii isaanitti akka baratan kan dhiheessef yoo ta'u , bara dhufu irraa eegalee Afaan Ruusiyaatis sadarkaa yaalitti kan kennamun mariin Dr. Tolaan jila Federeeshinii Ruusiyaa waliin taasisan irraa hubatamuun danda'ameera.
25/03/2026
Qormaata Bahumsaa (Exit Exam) walakkeessa bara 2018 fudhachuuf barattoota galma'aan 236,460 keessaa 204,028 qoramuudhaan kan darban barattoota 48,692 dha. Barattootni kuma 32 ol ta'an hin qoramne jedhan.
07/10/2025
🎊 ✋
Qabxiin seensa Remedial barattoota kutaa 12ffaa Ifoomee jira.
➡ Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin Barattoota Dhiiraaf 216
➡ Saayinsii Uumamaa fi Saayinsii Hawaasaatiin Barattoota Dubartootaaf 204
➡ Barattoonni saayinsii uumamaa fi hawaasummaa naannoolee guddatootaa fi Horsiisee bulaatiif saala lamaaniif 198
➡ Saayinsii Hawaasaa fi saayinsii Uumamaa Barattoota Gurraan hin dhageenyeef Saala Lamaan 198
➡ Saayinsii Hawaasaa fi saayinsii Uumamaa Barattoota qaro Dhabeeyyiif Saala Lamaan 165
Walumaagalatti, dhaabbilee dhuunfaa fi mootummaa galanii sagantaa barnootaa Remedial Hordofuuf qabxii 33% fi isaa ol fiduu qabu.
Maddi :- Ministry of Education Ethiopia
15/09/2025
Barattoota Shamarranii qormaata biyyaalessaan qabxii olaanaa galmeessan
Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Barattuu Siimboo Darajjee fi Hayimaanoota Yohaannis Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017’n akka biyyaatti barattoota shamarranii keessaa qabxii olaanaa galmeessan.
Barattuu Siimboo Darajjeen qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa Damee Saayinsii Hawaasaan dubartoota keessaa qabxii olaanaa galmeessite.
Barattuu Siimboo Darajjeen Qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 damee Saayinsii Hawaasaan qabxii 548 galmeessuun dubartoota keessaa qabxii olaanaa fidde.
Siimboo Darajjee Ayyaanaan Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa Qulqulluu Yooseefitti barachaa turte.
Barattuu Hayimaanoota Yohaannis ammoo Qormaata Biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 damee Saayinsii Uumamaan barattoota shamarranii keessaa akka biyyatti waliigalaan qabxii 579 galmeessite.
Hayimaanoota Yohaannis Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Bisiraata Gabre’eeliitti barachaa turte.
15/09/2025
Barataa Saayinsii Uumamaan Qabxii Olaanaa galmeesse
Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC)- Barataa Kaaliid Bashiir Mana Baruumsa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolaa irraa Saayinsii Uumamaan akka biyyaatti Qabxii olaanaa galmeesseera.
Barataa Kaaliid Bashiir Qabxii Qormaata biyyaalessaa kutaa12ffaa bara kanaa Saayinsii Uumamaan 591 galmeessuun sadarkaa 1ffaa qabateera.
Qabxii olaanaan sadarkaa biyyaatti mana baruumsa Bultii Addaa Dodolaatti galmaa’u isaan gammaduu Daayrektarri Mana Baruumsichaa Obbo Dettuu Diboo Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Barataan Mana Baruumsaa Bultii Addaa Ifa Boruu Dodolaa 600 keessaa qabxii 591 fideera.
Hoggansi, hojjettoonni fi barsiisonni mana barumsichaa qabxii argameef gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru.
15/09/2025
Marsariitii bu’aan qormaataa ittiin ilaallamu!
Marsariitii bu’aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 ittiin ilaallamu ifoomeera.
Barattoonni har’a waaree boodaa eegalanii marsariitiifi Teeleegiraama armaan gaditti eeramaniin bu’aa qabxii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu Tajaajilli Barnootaa fi maddaallii Qormaatilee ifoomseera.
Haaluma kanaan;
🔔 Jalqabaa link result.eaes.et 💠 banun OK kan jedhuu irrattii tuqaa.
1.Marsariitii https://result.eaes.et
2.Teeleegiraamii:-https://t.me/EAESbot
3. Ergaa gabaabaa ፡ 6284 Fayyadamuun ilaallachuun ni danda'ama.
13/09/2025
Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma
Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) - Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma.
Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa ibsa Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniif ergeen himeera.
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2017 Waxabajjii 23 hanga Adoolessa 8, 2017tti kennamuun kan yaadatamuudha.
Waliigalaan barattoonni kumni 600 fi kumni 8 fi 742 qormaaticha onlaayinii fi waraqaan fudhataniiru.
12/09/2025
Manneen Barnootaa Hunduu Ni Jalqabu,
Barattootni ta'anis galmaa'aniiruu.
----------------
BBO- Fulbaana 02/2018 Biiroon Barnootaa Oromiyaa Manneen Barnootaa Naannoo keenyaa hunduu Fulbaana 05/2018 irraa jalqabee adeemsa baruu barsiisuu akka gaggeessan kalaandara barnootaa bara 2018 hanga manneen barnootaatti gadi buuseera.
Haaluma kanarratti hundaa'uun galmeen barattootaa hanga Qaammee 5/2017 gaggeeffameen barattootni MB Bu'uura Boruu hanga kutaa 12ffaa jiran miliyoona 11 ol ta'an kan galmaa'uu ' irraa arganne agarsiiseera.
Kanaafuu, Wiixata dhufu (Fulbaana 05/2018) Manneen Barnootaa Naannoo keenyaa hundi barattoota galmeessan simachuun barumsi akka jalqabamu akka ergan jechaa wayitiin tokkollee otuu hinqisaasofne barachuu akka dandeessan har'arraa eegaltanii qophaa'un wiixata ganama(Fulbaana 05/2018) MB keessaniitti akka argamtan isin beeksifna.
04/09/2025
Leenjitootni Marsaa 4ffaa MB Bu'uura Boruutiif Deeggarsa Taasisan
------------------
BBO- Hagayya 29/2017 Barsiisotni Marsaa 4ffaa Buufata Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa -Adaamaatti Leenji'aa Turan Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu lamaaf deeggarsa taasisaniiru.
Barsiisotni Afaan Oromoofi Herrega kutaa 3- 5 barsiisaa jiran sagantaa dhaqqabsiisaatiin mala baruu barsiisuu Gulantaa Sirriirratti Barsiisuu (Teaching at The Right Level - TaRL) irratti marsaa marsaan buutaalee 9 irratti kennamaa turuun ni beekama.
Haaluma kanaan leenjitootni marsaa 4ffaa buuta QLB - Adaamaatti leenji'aa turan 342 ta'an maallaqa walitti baasuun Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu lamaa (Godina Shawaa Bahaa ) teessoo daa'immanii 76 fi qubeessaa(pencil) 'Darzanii' 2 deeggarsa taasisaniiru.
Waldeeggarsi aadaafi duudhaa keenya kan ganamaa waan ta'eef waan qabnuun waldeeggarsi akka itti fufuu qabu leenjitootni buufatichaa dubbataniiru.
marsaawwan leenjii darban dabalatee babal'isaa kan jiran waan ta'eef muuxannoon kun akka babal'achuu qabu leenjitootni ibsaniiru.
Dhumarratti, Barsiisota hojii tajaajila lammummaatiin dhaloota egereef deeggarsa taasisan biiroon keenyas galateeffatee jira.
!
: Leenjiin Mala Baruu Barsiisuu TaRL hanga barsiisota kutaa 3-5 Af. Oromoofi Herrega barsiisan hunda (57,000) waliin gahamutti marsaan kan itti fufu yoo ta'u Marsaan 5ffaanis buufata hedduutti kan itti fufe ta'uun beekameera.
29/08/2025
'imman Buqqa'aniif Deeggaraman
# # # # # # #
BBO, Hagayya 23/2017 Manneen barnootaa godina Kibba Lixa Shawaa Aanaa Iluu keessatti argaman sababa lagni Awaash guutee lolaan nyaatee qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif meeshaaleen deeggarsa barnootaafi teessoon daa'immanii kennamee jira.
kan kennan BBOtti Daayirektarri Idileessa Sirna Kornayaafi Daa'immanii 'iimaa kennanii jiru.
Meeshaaleen deeggarsa barnootaa kun daa'imman manneen barnootaa sad.1ffaa lamaafi Bu'uura Boruu lama keessatti barataniif kennamee jira.
kennamanis, , , , qulqullinaa barattoota shamarraniif kan kenname yoo ta'u, Mana Barumsaa Bu'uura boruu tokkoof ammoo teessoo daa'immanii 100 deeggarsaan argame akka kennamuuf ta'ee jira.
Aadde Na'iimaan barattootaafi maatii barattootaa sababa rakkoo lolaan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniif deeggarsi Biiroon Barnootaa taasisu gara fuula duraatti cimee kan itti fufu ta'uu waadaa galaniiru.
Rakkoowwan walfakkaataan akkasii bakkeewwan garaa garaatti mudatee kan jiru waan ta'eef, Biiroon Barnootaa kanneen rakkoon akkasii qaban hojiin baruufi barsiisuu akka adda hincinneef fala furmaataa gochuuf qaamolee garaa garaa waliin hojii guddaa hojjechaa jiraachuus Aadde Na'iimaan himaniiru.
Akkasumas maatiin barattootaa rakkoon isaan mudate kun yeroo gabaabaatti furmaata kan argatu waan ta'eef yaaddoo keessa akka hin seenneef ergaan darbeeraaf.