Biiroo Barnoota Oromiyaa

Directions Website

Biiroo Barnoota Oromiyaa Barnoota Qulqulluu Lammii Hundaaf

Leenjiin  Dandeettii  Hoggansa Barsiisota Dubartootaa Cimsu Kennamuu Eegale. --------------BBO - Fulbaana 20/2019 Biiroo...
30/09/2026

Leenjiin Dandeettii Hoggansa Barsiisota Dubartootaa Cimsu Kennamuu Eegale.
--------------
BBO - Fulbaana 20/2019 Biiroon Barnootaa Oromiyaa barsiisota dubartootaa bara 2019 gara hoggansa manneen barnootaa fiduuf leenjii marsaa 2ffaa guyyaa shaniif turu Giddu Gala Qorannoofi Leenjii Barnootaa Oromiyaa Adaamaatti argamutti har'a eegaleera.

Leenjichi barsiisota dubaraa manneen barnootaa isaanii keessatti adda duree ta'an Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu hanga Manneen Barnootaa Sad. 2ffaa keessatti barsiisaa jiran 311 ta'an filatamanii dhufan yoo ta'u, leenjistootnis barsiisota Yunivarsiitiiwwaniifi kolleejjiwwan adda addaa irraa dhufaniifi ogummaa barsiisummaafi leenjii irratti muuxannoo yeroo dheeraa qabaniin kennamaa kan jiru ta'uun beekameera.

Leenjicharratti argamuun kan haasawaan banan hoggantuu I/A Biiroo Barnootaa Oromiyaa Aadde Habiibaa Mahaammad yoo ta'an, haasawa isaanitiin milkaa'ina barnootaa bara 2018 argaman bal'inaan kaasun, barnoota bu'uura boruu, fooyya'insa qabxii barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa, akkasumas leenjii sagantaa irraa argameen daa'imman keenya dubbisuufi barreessuu dandeessisuu keenya bu'uurriifi abbaan barsiisaa ta'uu himuun galateeffataniiru.
Haaluma walfakkaatuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hoggansi dubartootaa manneen barnootaa keenyaaf wabii ta'uu muuxannoo adda addaa irraa hubatamuun waan danda'ameef dubartoota adda duree ta'an yeroo yeroon gara hoggansa manneen barnootaa fiduuf biiroon ciminaan hojjachaa kan jiru ta'uu ibsuun leenjitootni marsaa 2ffaa leenjiif dhuftan hundi itti gaafatamummaaniifi imaanan cimaan waan isinitti kennameef leenjicha xiyyeeffannoo itti kennitan jechuun gaafa asii deebitan kallattumaan hoggansarratti akka ramadaman kallattii kennuun leenjichi ifaan ifatti banamuu ibsaniiru.

‎ (Sartifikeetii)_Madaallii   Godinaaleefi Bul.Magaalotaatti Kenname.‎ # # # # # # #‎BBO, Fulbaana 19/2018 Sartifikeetii...
29/09/2026

‎ (Sartifikeetii)_Madaallii Godinaaleefi Bul.Magaalotaatti Kenname.
‎ # # # # # # #
‎BBO, Fulbaana 19/2018 Sartifikeetiin ragaa qormaataa barsiisota qormaata gahumsa ogummaa barsiisummaa bara 2018tti marsaa lamaan kenname Waj.Barnootaa godinaaleefi Bul.Magaalotaatti Abbootii Adeemsaa Kenninsaafi Haaromsa Hayyama. Ogummaa Barsiisotaafi Hog.Manneen Barnootaatti dabarfamee kennamee jira.
‎Qormaanni kun bara 2016 irraa eegalee kenniinsa isaa dijiitaalessuun qormaatichi teknoloojiidhaan deeggaramuun online kennamaa jira. Bara 2018tti buufata qormaataa 324 irratti barsiisota 13,121 ta'aniif kenname keessaa 48% milkaa'anii jiru. Kun Kan kanaan duraaraa waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu barsiisaan qormaata fudhatee darbu dachaadhaan dabaluu ragaan ni agarsiisa.
‎BBOtti Daayirektarri Kenninsaafi Haaromsa Hayyama. Ogummaa Barsiisotaafi Hog.Manneen Barnootaa Obbo Isheetuu Laggasaa bu'aafi faayidaa barsiisonni qormaata gahumsa ogummaa fudhatanii darban guddina sadarkaaf qabu, carraa barnootaaf qabufi barsiisaan yoo gahoome barattoota isaa gahoomsuufi qulqullinni barnootaa akka mirkanaa'uuf gumaacha qabu ibsuun jalqabsiisanii jiru.
‎Qormaanni kennames barsiisota idileefi barsiisota kaadhimamtoota Kolleejjii Barnootaa Barsiisotaa yoo ta'an sadarkaa barsiisaniifi gosa barnootaa barsiisan irratti xiyyeeffachuun kennamuufi gahumsi barsiisotaas yeroo yerootti fooyya'aa dhufuu himuun gara fuula duraattis walhubannaafi waldeeggaruun hojjetamuu akka qabu dhaamnii jiru Obbo Isheetuu.
‎Ogeessi Kenninsaafi Haaromsa Hayyama. Ogummaa Barsiisotaafi Hog.Manneen barnootaa Obbo Abbabaa Fufaa raawwii hojii bara darbeefi karoora hojii yeroo itti aanu keessatti hojjetamu hirmaatyotaaf dhiyeessaniiru.
‎Dhumarratti Ragaan sartifikeetii qormaata gahumsa ogummaa barsiisotaa kennamuun sagantichi raawwateera.
‎
‎
‎

Muuxannoo Gaggaarii  Manneen Barnootaa Keessatti Raawwatamaa Jiran Nyaata Manneen Barnootaafi Wabiidha jedhame. --------...
29/09/2026

Muuxannoo Gaggaarii Manneen Barnootaa Keessatti Raawwatamaa Jiran Nyaata Manneen Barnootaafi Wabiidha jedhame.
-----------
BBO - Fulbaana 19/2019 Hojii Supparviizyinii Barnootaa qindoomina hoggansaafi ogeessota barnootaa BBOfi WB Godinaaleefi Magaalotaan Fulbaana 11/2019 irraa eegalee manneen barnootaa irratti gaggeeffamaa jiruun hojiiwwan misooma barnootaa raawwiin isaanii hanqina qabu sirreessuufi deeggarsa adda addaa taasisuufi kallattiiwwan sirreeffamaa kennuun raawwiisaa hordofaa kan jiran yoo ta'u, karaa biraatiin immoo, raawwiiwwan muuxannoo gaggaarii ta'an manneen barnootaafi aanaalee tokko tokko keessatti mul'atanis jajjabeessaa kan jiran ta'uun hubatameera.

Haaluma kanaan Godina Baalee Aanaa Sinaanaatti MB. Sad. 1ffaa Faddee lafa qonnaa mana barnootichaa heektaara 14 qamadii facaasuun galii keessoofi nyaata barattootaa mirkaneessuuf hojjataa kan jiru ta'uu hogganaan Waajjira Barnootaa Godina Baalee obbo Tashaalee Disaasaa dubbataniiru.
Gareen Supparviizyinii Barnootaa BBO irraa deeme obbo Abdallaa Ahimadiifi obbo Katamaa Dhaabaa muuxannoo mana barnootaa Sad. 1ffaa Foddee dinqisiifachuun manneen barnootaa hunda keessatti babal'isuun wabii nyaata barattootaa dhugoomsuu irratti hojjatamuu qaba jedhaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, garee supparviizyinii kun godinichatti hojii kenna tajaajilaafi ijaarsa manneen Bu'uura Boruu sadarkaa irra jirus daawwachuu, ijaarsi saffisaan xumuramee tajaajilaaf akka oolu jajjabeessuun kallattii kaa'aniiru.

Walharkaa Fuudhichi Gaggeeffameera. --------------BBO - Fulbaana 19/2019 Hogganaan Biiroo Barnootaa Ammaa Dr. Bultoosaa ...
29/09/2026

Walharkaa Fuudhichi Gaggeeffameera.
--------------
BBO - Fulbaana 19/2019 Hogganaan Biiroo Barnootaa Ammaa Dr. Bultoosaa Hirkoofi Hogganaan Duraanii Dr. Tolaa Bariisoo ganama har'as sa'aatii 3:00 irratti bakka hoggantootni Itti Aanotniifi daayirektarootni argamanitti waajjira hogganaa BBO keessatti wal eebbisuun sirna wal harkaa fuudhichaa gaggeessaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Bultoosaa Hirkoo
guyyaa kaleessaa /18/01/2019/ Yaa'ii Jalqabaa Waggaa 1ffaa. Bara Jojii 7ffaa Caffeen Oromiyaa Gaggeessen Dr. Bultoosaa Hirkoo hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa taasisee yoo muudu, haaluma wal fakkaatuun Dr. Tolaa Bariisoo immoo, hogganaa Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa taasisee muude irratti hundaa'uun hoggantootni gammachuufi bara hojii gaarii walii hawwuun sirna walirraa fuudhichaa gaggeessaniiru.

Bara Hojii Gaarii !

 .BBO - Fulbaana 18/2019 Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa kan turan Dr. Tolaa Bariisoo yeroo ammaa   ta'uun kan muudam...
28/09/2026

.
BBO - Fulbaana 18/2019 Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa kan turan Dr. Tolaa Bariisoo yeroo ammaa ta'uun kan muudaman yoo ta'u, kanaan dura hogganaa Itti Aanaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa kan turan Dr. Bultoosaa Hirkoo ta'uun muudamaniiru!

Hoggantoota Keenya Lachuufuu Bara Hojii Gaariifi Milkaa'inaa Hawwineefiirra!
!!

Godina Booranaatti Hojii Hordoffiifi Deeggarsa Ogummaa Kennuu Itti Fufeera. -------BBO - Fulbaana 17/2019 Hojiin Supparv...
27/09/2026

Godina Booranaatti Hojii Hordoffiifi Deeggarsa Ogummaa Kennuu Itti Fufeera.
-------
BBO - Fulbaana 17/2019 Hojiin Supparviizyinii Barnootaa Bara 2019 Qindoomina Hoggansaafi Ogeessota BBOfi Waajjira Barnootaa Godinaaleefi Magaalotaa Waliin Fulbaana 11/2019 Irraa Eegalee Manneen Barnootaafi Hojiiwwan /Inisheetivoota/ Misooma Barnootaa Aanaaleefi Kutaalee Magaalotaa Hodofuufi Deeggarsa Ogummaa Kennaa Kan Jiran Ta'uun Ni Beekama.

Haaluma kanaan Godina Booranaatti garee Supparviizyinii Barnootaa obbo Abdiisaa Gannatiin durfamu aanaaleerra naannanna'uun haala galmee barattootaa, adeemsa baruu barsiisuu, piroojektiiwwan ijaarsa manneen barnootaa bu'uura boruu, haala qophii nyaata barattootaa, raawwii hojii kenna tajaajila Lammummaafi kkf daawwachuun duub-deebii argamerratti bakka hogganaan Waajjira Barnootaa Godinichaa obbo Galmaan jiranitti kallattii kennaniiru.
Hordoffiifi deeggarsa ogummaa kan itti fufe yoo ta'u, daawwannaafi hordoffiin booda raawwii hojii ciminaa irratti daran cimanii akka itti fufan, raawwii hanqinaafi rakkoon qunnamerratti deeggarsaafi kallattii BBOn kaa'e itti agarsiisuun duub-deebiin kan kennamu ta'uun adeemsa supparviizyinichaa ta'uun hubatameera.

Hojiin supparviizyinii barnootaa bara 2019 marsaan jalqabaa kun godinaaleefi bu/magaalotaa hunda keessatti gaggeeffamaa kan jiru ta'uun ni beekama.

Sosochiin Galiin Of Danda'uu Manneen Barnootaa Taasisaa Jiran Abdi-Qabeessa Jedhame.----------------BBO - Fulbaana 16/20...
26/09/2026

Sosochiin Galiin Of Danda'uu Manneen Barnootaa Taasisaa Jiran Abdi-Qabeessa Jedhame.
----------------
BBO - Fulbaana 16/2019 Hojii Supparviizyinii Barnootaa tibbana taasisamaa jiruun sosochii manneen barnootaa galii keessoo maddisiisuun of danda'uuf taasifamaa jiru abdi qabeessa ta'uu dursaan garee supparviizyinii barnootaa Godina Jimmaatti bobba'e obbo Tashoomaa Abbabaa dubbataniiru.
Godina Jimmaatti Manneen Bsrnootaa daawwatamaa turan keessaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa MB . Sad 1ffaa Buuyyoo Caallaa galii keessoon of danda'uuf
5 furdisaa kan jiru yoo ta'u,
15 hidhuufi
horsiisa kan eegale ta'uu kan daawwatan obbo Tashoomaan.
MB. Sad. 1ffaa tokko tokko keessatti oomishuun galiin of danda'uuf carraaqqiin manneen barnootaa taasisaa jiran abii guddaa kan nama keessatti uume ta'uu ibsaniiru.

Walumaa galatti, manneen barnootaa hunduu qabeenya qaban hubachuun, madda galii adda addaa uumuufi gahumsan hogganuun hanqina meeshaalee barnootaa manneen barnootaa keessatti mul'atu, nyaata barattootaafi faasiliitii manneen barnootaa guutuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf qindoominaan hojjachuun furmaata ta'a kan jedhu dhaamsa keenya ta'a.

Baga Dukkana Gannaa Hulluuqxanii Booqaa Birraatti Baatan!Biiroon Barnootaa Oromiyaa   nageenyaa, tokkummaa, obbolummaafi...
26/09/2026

Baga Dukkana Gannaa Hulluuqxanii Booqaa Birraatti Baatan!
Biiroon Barnootaa Oromiyaa nageenyaa, tokkummaa, obbolummaafi quufaa akka ta'u hawwa!
!
'u

/2019

Godina Baaleetti Barattootni Qormaata Biyyoolessaafi Naannoo Qabxii Olaanaa Galmeessisan Jajjabeeffaman. ---------BBO - ...
26/09/2026

Godina Baaleetti Barattootni Qormaata Biyyoolessaafi Naannoo Qabxii Olaanaa Galmeessisan Jajjabeeffaman.
---------
BBO - Fulbaana 16/2019 Godina Baaleetti barattootni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa, qormaata naannoo kutaa 8ffaafi 6ffaa bara 2018 qabxii olaanaa galmeessisan bakka hoggansi godinaa, maatiin barattootaa, barsiisotniifi hawaasni argametti beekkamtiifi badhaasni adda addaa taasifameera.

Sirna beekkamtiifi badhaasaa barattoota bara 2018 qormaata biyyoolessaafi naannoo ( kutaa 12ffaa, 8ffaafi 6ffaa ) fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisan irratti argamuun haasawa kan taasisan Bulchaa Bulchiinsa Godina Baalee obbo Abdulhakiim Aliyyii yoo ta'an, barattootaa, barsiisotaafi maatii barattootaa badhaafamaniin "Baga Gammaddan!" jechuun kan jalqaban yoo ta'u,
barnootni bu’uura guddina dhuunfaa, hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa biyya tokkoof murteessaa ta'uu ibsuun dhaloota egeree biyya keenyaa gahomsuuf qulqullina barnootaa mirkaneessuu irratti hojii waloo barsiisotaa, maatii, barattootaafi qooda fudhattootni barnootaa gahee keenya bahachuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Itti aansuun haasawa kan taasisam hog. Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Baalee obbo Birhaanuu Afraasaa yoo ta'an. haasawa taasisaniin dhaloota badhaadhina biyya keenyaa mirkaneessan horachuuf gahumsi barbaachisaa ta'uu ibsuun dhaloota saayinsiifi teeknooloojiin gahome qarree baasuuf hojiin har'a akka mootummaafi hawaasa keenyaaatti hojjatamaa jiru abdii kan namatti uumu ta'uu himuun barattootni guyyaa har'aa badhaafaman kunniin mallattoo kallattii nutti agarsiise jechuun lammiileen hunduu qulqullina barnootaa mirkaneessuu irratti qindoominaan hojjachuu qabna jedhaniiru.

Hogganaan Waajjira Barnootaa Godina Baalee obbo Tashaalee Disaasaa barsiisota akka abbaafi haadhaatti barattoota keenya deeggaruun qabxiilee olaana akka galmeessisan carraaqaa turan galateeffachuun haasawa kan jalqaban yoo ta'u, maatiin barattootaas gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

 Barattoota MBBA Federaalaa    Hundaaf!--------BBO - Fulbaana 14/2019 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota Haaraa...
24/09/2026


Barattoota MBBA Federaalaa Hundaaf!
--------
BBO - Fulbaana 14/2019 Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa barattoota Haaraafi Buleeyyii MBBA Federaalaa guyyaan gara manneen barnootaa itti ramadamaniitti Fulbaana 18 -19/2019tti galuu qaban jechuun waamicha taasisuun ni yaadatama.

Haata'u malee beeksisa har'a baasaniin barattootni haaraan kutaa 9ffaafi 10ffaa, akkasumas barattootni buleeyyin Mana Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaa Walisoo hanga waamichi biraa isiniif taasifamutri akka eegdan jedheera. Kanaafuu, gara mana barnootichaa akka dhuftan waamichi hanga isiniif taasifamutti akka eeggattan isin beeksifna.

!
Manneen barnootaa itti ramadamtan irraa odeeffannoo argachuu yoo barbaaddan asii gaditti isiniif taa'etti fayyadamuun akka hordoftan haa ta'u.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Biiroo Barnoota Oromiyaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share