Oromia Tourism Commission

Directions Website Contact the organization

Oromia Tourism Commission Working towards a sustainable and innovative future for Oromia Tourism.
(1)

Muummee Ministira Itoophiyaa Abiy Ahimad(PhD), Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi angawooni garagara...
25/10/2026

Muummee Ministira Itoophiyaa Abiy Ahimad(PhD), Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi angawooni garagaraa pirojektii misooma qarqara laggeenii Qacanee hanga Baambisitti diriire eebbisuun tajaajila uummataaf banaa taasisaniiru.

Hektara 351 fi dheerina kiiloo meetira 10 irratti kan balโ€™ate pirojektichi kun, miidhagina magaalattii dabaluu, qulqullina jireenyaa jiraattotaa fooyyessuu, akkasumas dandeettii turizimii fi sochii dinagdee guddisuuf kan gargaarudha.

Misoomichi eegumsa uumamaa, daandiiwwan asfaaltii, biskileetiifi miilaan deemuu, akkasumas wiirtuuwwan ispoortiifi bashannanaa of keessatti qabateera. Dabalataanis, carraa hojii uumuu, bu'uuraalee misooma bishaaniifi geejjibaatiin cinaatti, mallattoolee seenaafi aadaa kan akka Muuziyeemii misooma qarqara laggeenii hammateera

๐๐š๐š๐ซ๐ค๐ข๐ข ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐†๐š๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ซ๐ฌ๐ข๐ข!Paarkiin Biyyooleessaa Gaarreen Arsii qabeenya uumamaan badhaadhee, Bilookii Dheera...
23/10/2026

๐๐š๐š๐ซ๐ค๐ข๐ข ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ฅ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š ๐†๐š๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐€๐ซ๐ฌ๐ข๐ข!

Paarkiin Biyyooleessaa Gaarreen Arsii qabeenya uumamaan badhaadhee, Bilookii Dheeraa-Dilfaqaar irraa hanga Bilookii Honqoolootti diriiree kan argamuudha.

Paarkichi simbirroota halluu fi akaakuu garaagaraa, bineesota bosonaa adda addaa, akkasumas biqiloota baddaa danuu of keessatti qabachuun lubbu-qabeeyyiif bakka jireenyaafi dawoo mijataa ta'e dha.

Paarkiin Biyyooleessaa Gaarreen Arsii teessuma lafaa miidhagaa, lafa diriiraa, sululaafi gaarreen olka'oo of keessaa qabaachuun qor-qalbii daawwatootaa kan booji'uudha.

๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š๐ง ๐ˆ๐ง๐ฏ๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ฆ๐š๐ง๐ญ๐ข๐ข ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐†๐ฎ๐๐๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐ข๐ฅ๐ž๐ž ๐ˆ๐๐ข๐ฅ ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ญ๐ข.Deetaan Ministeera Aadaa f...
20/10/2026

๐ˆ๐ญ๐จ๐จ๐ฉ๐ก๐ข๐ฒ๐š๐š๐ง ๐ˆ๐ง๐ฏ๐š๐ฌ๐ญ๐ข๐ฆ๐š๐ง๐ญ๐ข๐ข ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐†๐ฎ๐๐๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ƒ๐ก๐š๐š๐›๐›๐ข๐ฅ๐ž๐ž ๐ˆ๐๐ข๐ฅ ๐€๐๐๐ฎ๐ง๐ฒ๐š๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐š๐š ๐‰๐ข๐ซ๐ญ๐ข.

Deetaan Ministeera Aadaa fi Turizimii Federaalaa Indaganaa Abbabaa (PhD) hubdeesituufi hoggantuu dhaabbata NKPI Holding kan ta'an Diimakaatisoo Maalweelaa waliin mari'ataniiru.

NKPI Holding, A.L.A 2027 irratti Walgahii Invastimantii Bu'uura Misooma Turizimii Afrikaa (ATII 2027) Itiyoophiyaatti qopheessuuf fedhii qaban ibsaniiru.

Mariicharrattis damee turizimiifi invastimantii bu'uura misooma turizimii guddisuuf carraawwan waliin hojjechiisuu danda'an irratti mari'achuu isaanii ibsameera.

Turizimiin dameewwan jijjiirama dinagdee mootummaan raawwate keessaa xiyyeeffannoo argatan keessaa tokko yoo ta'u, damee kana guddina dinagdee fi madda galii biyyaa gochuuf hojiileen hedduun raawwatamuun isaanii ibsameera.

Riizortootaa fi hoteelota sadarkaa idil-addunyaa eeggan ijaaruu, tajaajila viizaa-elektirooniksii fi viizaa dhaqqabummaa babal'isuufi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Booleetiin darban gara biyya keessaatti hawwachuun yaa'insa daawwatootaa guddisuu, akkasumas balallii Xiyyaaraa biyya keessaa iddoowwan hawwata turizimii waliin wal qunnamsiisuun tarkaanfiiwwan ijoo damee kana cimsachuuf fudhataman keessaa akka ta'an ibsaniiru.

Walitti qabduu Invastimantii Bu'uura Misooma Turizimii Afrikaa(ATII), Laawraa Akuunyaa qophiin konfarasichaa haala gaarii irra akka jiru ibsaniiru.

๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ฅ๐ค๐š๐ง๐ข'๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐Ÿ!Mootummaan Itoophiyaa damee turizimiitiin guddina diinagdee fiduuf misooma piroje...
18/10/2026

๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ฅ๐ค๐š๐ง๐ข'๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐Ÿ!

Mootummaan Itoophiyaa damee turizimiitiin guddina diinagdee fiduuf misooma pirojektoota haaraa, fooyya'iinsa imaammataafi teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun hojjechaa jira.

โ€‹Imaammanni turizimii waggoota dhihoon booda haaromamuun isaaniifi pirojektootni adda addaa ijaaramuun isaanii guddina turizimiif bu'uura ta'aniiru.

โ€‹Itoophiyaan bara baajataa 2019 turistoota hedduu hawwachuuf karoorfattee jirti; kana milkeessuufis appilikeeshinii 'Visit Ethiopia' teeknooloojii Hubannoo Namtolchee (AI)tiin deeggaruufi iddoowwan hawwata turizmii lakkoofsaan baay'e ta'an misoomsuuf hojjetamaa jira.

โ€‹Walumaagalatti, damee kana ammayyeessuun galii, sharafa alaafi carraa hojii uumuu cinaatti maqaa gaarii biyyattii ijaaruuf cimanii hojjechuun barbaachisaadha.

๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ž๐ž๐ ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฆ๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐ฐ๐š๐š๐ซ๐š๐š ๐ฆ๐ข๐ซ๐ค๐š๐ง๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š๐š๐ญ๐ข.Guyyaa Simbirroow...
17/10/2026

๐๐š๐›๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐š๐ฆ๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐ž๐ž๐ ๐ฎ๐ฎ๐ง ๐ฆ๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐ฐ๐š๐š๐ซ๐š๐š ๐ฆ๐ข๐ซ๐ค๐š๐ง๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ฎ๐ฎ ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š ๐ก๐ฎ๐ง๐๐š๐š๐ญ๐ข.

Guyyaa Simbirroowwan Godaantotaa Addunyaa Paarkii Biyyooleessaa Haroowwan Abijaataa-Shaallaatti kabajamerraatti qabeenya uumamaa eeguun misooma turizmii waaraa mirkaneessuuf hirmaannaan hawaasaa fi qindoominni murteessaa ta'uu ibsameera.

Sagantaa mata duree "Simbirroowwan hundi ni lakkaa'amu, hubannoofi ilaalchi keessan gatii qaba" jedhuun kabajame kana irratti, Deetaan Ministeera Aadaa fi Turizmii Federaalaa Indaganaa Abbabaa (PhD) fi Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraa eegumsi simbirroowwan godaantotaa itti gaafatamummaa hunda keenyaa ta'uu eeraniiru.

Paarkii Biyyooleessaa Haroowwan Abijaataa-Shaallaa simbirroota fageenya dheeraarra biyyoota addaddaarraa qaxxaamuranii dhufaniif iddoo mijataa fi koluu itti argatan ta'uun isaa himameera.

Saganticharratti dorgommiin gaaffii fi deebii barattootaa fi daawwannaan dirree gaggeeffameera.

๐†๐š๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐Ž๐ ๐ž๐ž๐ฒ๐ฒ๐ข๐ข ๐‡๐จ๐ญ๐ž๐ž๐ฅ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ฆ๐ข๐ข ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐ž.Onkolooleessa 6/2019 - BTO - ...
16/10/2026

๐†๐š๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐Ž๐ ๐ž๐ž๐ฒ๐ฒ๐ข๐ข ๐‡๐จ๐ญ๐ž๐ž๐ฅ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ฆ๐ข๐ข ๐Œ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐๐š๐š๐ฐ๐ฐ๐š๐ญ๐ž.

Onkolooleessa 6/2019 - BTO - Ogeeyyiin Hoteelaa fi Turiizmii Magaalaa Finfinnee Biiroo Turizimii Oromiyaatti argamuun, Aadde Eldaanaa Suleeymaan Hooggantuu Biiroo Turizimii Oromiyaa taโ€™anii muudamuu isaaniitiif gammachuu guddaa isanitti dhagaโ€™ame ibsuun, bara hojii milkaaโ€™aa akka isaaniif taโ€™u hawwanii jiru.

Haasawa taasifameenis, iddoowwan hawwata turizimii fi kenninsa tajaajilaa naannoo Oromiyaa keessatti argaman ammayyeessuu irratti mariโ€™atameera.

Itti aansuun, Ogeeyyii biirichaa waliin taโ€™uun haala leenjiin itti kennamu irrattis mariโ€™atameera.

Biiroon Turizimii Oromiyaa torbanitti guyyaa tokko "Guyyaa Aadaa" jedhee moggaasuun, hojjettoonni uffata aadaa akka uffa...
16/10/2026

Biiroon Turizimii Oromiyaa torbanitti guyyaa tokko "Guyyaa Aadaa" jedhee moggaasuun, hojjettoonni uffata aadaa akka uffatan taasisaa jira; haaluma kanaan guyyaa Jimaataa "Guyyaa Aadaa" godhachuudhaan hojjettoonni biirichaa uffata aadaa uffachuun hojiilee idilee isaanii gaggeessaa jiru.

๐๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ๐ง ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐Ž๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐จ๐ญ๐š ๐‡๐จ๐ญ๐ž๐ž๐ฅ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐จ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐Œ๐š๐ซ๐ข'๐š๐ญ๐ž. Itti Gaafatamtuun Biiroo ...
14/10/2026

๐๐ข๐ข๐ซ๐จ๐จ๐ง ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐Ž๐ ๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐จ๐ญ๐š ๐‡๐จ๐ญ๐ž๐ž๐ฅ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐“๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐Ž๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐š๐š ๐–๐š๐ฅ๐ข๐ข๐ง ๐‡๐จ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐Œ๐š๐ซ๐ข'๐š๐ญ๐ž.

Itti Gaafatamtuun Biiroo Turizimii Oromiyaa, Aadde Eldaanaa Suleeymaan, guddinaa fi dorgomtummaa sektara turizimii naannichaa mirkaneessuuf Ogeessota Hoteelaa fi Turizimii Oromiyaa waliin hojjechuun murteessaa akka ta'e ibsaniiru.

Marii adeemsifame kanaan, dhaabbileen lachuu qulqullina tajaajila Hoteelaa fooyyessuu, dandeettii Ogeessotaa cimsuu fi indaastrii turizimii dorgamaa taโ€™e ijaaruuf waliigalaaniiru. Kana malees, hanqina tajaajilaa adda baasuu, leenjiiwwan tarsiimawaa qopheessuu, waldaicha cimsuu fi hojiilee ijoo turizimii sadarkaa sadarkaadhaan naannicha keessatti hojiirra oolchuuf walii galameera.

Dabalataanis, qophii COP32 irratti xiyyeeffannoo kennuu, qooda fudhattoota qindeessuu fi muuxannoowwan gaggaarii naannicha keessatti balโ€™isuu irratti mari'atameera.

Dhuma irratti, Biiroon Turizimii Oromiyaa qulqullina hojii fi hojmaataa, ogummaa, akkasumas dorgomtummaa sektara turizimii fi hoteelaa Oromiyaa fooyyessuudhaaf waldicha deeggaruun barbaachisaa akka ta'e ibsameera.

๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐ข ๐ƒ๐ข๐ซ๐ซ๐ž๐ž ๐†๐š๐ฅ๐š๐ญ๐š๐š, ๐€๐ซ๐š๐š๐ซ๐š๐š, ๐‰๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š๐š, ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐–๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข!Irreechi calaqqee eenyummaa aadaafi duudhaa Oromoo di...
11/10/2026

๐ˆ๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐œ๐ก๐ข ๐ƒ๐ข๐ซ๐ซ๐ž๐ž ๐†๐š๐ฅ๐š๐ญ๐š๐š, ๐€๐ซ๐š๐š๐ซ๐š๐š, ๐‰๐š๐š๐ฅ๐š๐ฅ๐š๐š, ๐“๐จ๐ค๐ค๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐š๐š๐Ÿ๐ข ๐–๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ข!

Irreechi calaqqee eenyummaa aadaafi duudhaa Oromoo dirree galataa, araaraa, jaalalaa, tokkummaafi waloomaati.

Ayyaanni Irreechaa Malkaawwan adda addaatti mata duree "Irreecha Waliigaltee Biyyaalessaaf" jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta'u, Magaalaa Shaggara, Buraayuutti Irreechi Malkaan Ateetee, Sabbataatti Irreechi malkaa Sabbataa, Galaanitti Irreechi Malkaa Caffee Tumaa karaa duudhaa isaa eeggateen kabajamaa jira.

Maddi Odeeffannooo: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa.

11/10/2026

Address

Bole, Africa Avenue
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia Tourism Commission posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia Tourism Commission:

Shortcuts

Share