28/05/2026
๐๐จ๐จ๐ช๐๐ ๐๐จ๐จ๐๐๐๐!
Yaa'iin nagaa,
Ardaan nagaa,
Baddaan nagaa,
Booqeen sadeen nagaa ... jedhee eebbisa Booranni.
Booqeen sadeen Booranaa maali beektuu? Booqee Sooddaa, Booqee Diilloofi Booqee Magaadoodha.
Booqee sadeen keessaa har'a waa'ee Booqee hangafaa, Booqee Sooddaa isiniif dhiyeessina.
Akka jaarroleen argaa dhageettii fi fayyadamtoonni Godina Booranaa Aanaa Dirree jedhanitti bara 600 duratti yeroo gadaa Booranaa Gadayyoo Galgaloo, sababa dho'insa Voilkaanootiin uumamte .
Hallayyaa bifa 'U' ykn boollaa qaayyaa fakkaatu, afaan isaa gamaafi ganamaa km 2 dheeratu, gad fageenyu isaa km1.6 ta'e, jala isaatti ammoo bishaan gurraacha lafa hanga Istaadiyeemii tokkoo ga'uu irra diriireefi dhandhama Soodda/soogidda/ garaagaraa qabatee argama.
Namni Soodda baasuuf hallayyaa/Booqee/ kana seenuuf deemus 'Sorooroo tiyyaa nagaan na galchii, golbaa gubbaa na dhaabi' jedhee yeroo bu'u margaan, yeroo deebi'i sooddaab ofkaltii sorooroo muudee kadhata.
Deemsi irraan gadee, marfanni deemsa miillaafi dhagaan volkaanoon daddarbatamee rarra'ee hafe ammoo qormaata deemsa miilaa Booqqee Sooddaati.
Kan Jabaate deeme asii gadi daqiiqaa 30, asii ol ammoo daqiiqaa 40 dhagaan waldhaansoo walqabaa deema.
Qaama bishaanii Booqee Sooddaa hanga Istaadiyeemii tokkoo bal'atu kana bira yoo ga'anis, soodda/soogidda/baasuuf qormaanni danuudha.
Oborayyoon ykn warri Soodda baasu funyaanii fi gurra cuqqaallatanii, uffata baafattanii, dongoraafi baaldii qabatanii Bishaan Sooddaa lixuun, Soodda dhoqqee gurraacha limixii, akka suphee walqabatu kutanii, baalditti naqatanii qarqaratti baasu.
Erga qarqaratti baasanii kaan dhoqqee isaa gurgurata, kaan ammoo yeroo bonaaf Ilkoolee Soodda gogaa tuullata. kaan ammoo harreen fe'atee galfata.
Akkuma yeroo seenan waaqa kadhatan, yeroo Soodda baasanii, harreen gara gubbaatti ol baafatanis, uumaaf baga na ofkalchite jedhanii galata galchanii, geeraru.
๐
๐๐๐ฒ๐ข๐๐๐ ๐๐จ๐จ๐ช๐๐ ๐๐จ๐จ๐๐๐๐:
- Sadeen aannan mi'aawan (Gaalli, Re'eefi Saawwan) dhuganii bifa ba'uu, ni furdatu, mirgisu.
- Quufa mormaafi dhibee gogaa irraa nama fayyisa jedhama.
- Dargaggootaafi namoota hedduuf carraa hojii uumee madda galii ta'eera. Sooddi gogaan kuntaalli tokko hanga kuma 7tti, jiidhaan isaa hanga kuma 5tti gurgurama.
- Naannoo horsiise bulaa hedduuf madda nyaata beelladaati.
Jaarroleen Magaalaa Booqee Sooddaa OBN dubbises Sooddi kun madda jireenya beelladaafi namaa waan ta'eef mootummaan akka albuuda tokkootti ilaalee, daandiifi teknooloojii hojicha salphisu qoratee osoo nuuf dhiyeesse, kanaa ol irraa fayyadamuu dandeenya jechuun gaafatu.
Miidhaginni hallayyichaa/Booqee Sooddaa/, dhagaan dagalee ta'ee gaara utubee mul'atuufi, qabsoon Soodda baasuuf taasifamu, Booqee Sooddaa bakka hawwata turizimii guddaa isa taasisa.
Maddi Odeeffannoo: OBN Cyber Media
27/05/2026
๐๐ข๐๐๐ฎ๐ ๐๐ฅ๐ฅ๐ข ๐๐๐๐๐ ๐๐จ๐จ๐ซ๐๐ง๐๐ ๐๐ฎ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐๐ ๐๐ข๐ง๐ข๐ฌ๐ญ๐๐๐ซ๐๐ ๐๐ซ ๐๐๐ข๐ฒ ๐๐ก๐ข๐ฆ๐๐๐ข๐ข๐ง ๐๐๐๐๐ข๐๐๐ฆ๐.
Giddugalli Aadaa Booranaa Giifti Duree Aadde Zinnaash Taayyaachoofi Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhagaan bu'uuraa Fulbaana bara 2014 kaa'ame.
Giddugalli Aadaa Booranaa Falaasama, Aadaa, Seenaa, Hambaa, Beekumsa uumamaafi namtolchee Oromoo Booranaa bu'uura godhachuun ijaarame.
Giddugalli Aadaa Booranaa Lafa hektaara 57 bal'atu uwwisee ijaarsi isaa raawwatameera.
Ijaarsa Giddugala Aadaa Booranaa xumursiisuuf baajatni qarshii Miliyoona 900 baasii ta'uudhaan turtii ji'oota 48 keessatti marsaa lamaan ijaaramaa tureera.
Giddugalli kun Tajaajila Galma Abbaa Gadaa, Godaambaa Booranaafi Gabraa, Galma Walgahii, mana kitaabaa Dijitaalaa, kaaffeefi Reestoraantii, Gamoo Bulchiinsaa, Tulaa salgan Booranaa, Gulantaalee Gadaafi iddoo bashannanaa of keessatti hammatee tajaajilaaf guyyaa har'aa banaa ta'eera.
Maddi Odeeffannoo: Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa
27/05/2026
Komishiniin Turizimii Oromiyaa hordoftoota amantaa Islaamaa hundaaf baga Ayyaana Iid Al-Adihaa 1447ffaa nagaan isin gahe jechaa; ayyaanichi kan jaalalaa fi gammachuu akka isiniif ta'u hawwa.
26/05/2026
๐๐จ๐ฆ๐ข๐ฌ๐ก๐ข๐ง๐๐ซ๐ซ๐ข ๐๐จ๐ฆ๐ข๐ฌ๐ก๐ข๐ง๐ข๐ข ๐๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข ๐๐ซ๐จ๐ฆ๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ฅ๐ฅ๐ข๐ฌ๐๐ ๐๐ก๐ฎ๐ ๐๐ ๐ก๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐๐๐ข๐ฅ๐๐ ๐ข๐ฌ๐๐๐ง๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐๐๐๐๐ขโ๐๐ง.
Caamsaa 18/2018 - KTO - Komishinarri Komishinii Turizimii Oromiyaa Aaddee Leellisee Dhugaa dhukkubsatanii yaalii fayyaaf biyya alaa akka turanii fi gargaarsa Waaqayyoo, kadhannaa uummataafi tattaaffii Ogeeyyii Fayyaatiin dhukkuba isaanii irraa guutumatti fayyuun gara biyyaatti deebiโuun isaanii ni yaadatama.
Harโa, Komishinar Leelliseen gara hojii idilee isaanitti kan deebiโan yoo taโu, hojjettootni Komishinii Turizimii Oromiyaas haala hoโaafi bareedaa taโeen simannaa taasisaniif jiru.
Aaddee Leelliseen erga mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufee booda, Komishinii Turizimii Oromiyaa hundeessuun guddina seektara turizimii naannoofi biyyoolessaatiif gumaacha guddaa taasisaa jiru.
Komishiniin Turizimii Oromiyaa erga hundeeffamee waggoottan dhiyoo keessatti, seektara turizimii irratti xiyyeeffannofi dammaqinaan akka hojjetamu carraaqqii guddaan taasifameera. Keessattuu, Komishinar Leellisee Dhugaan
fuula feesbuukii "Visit Oromia" jedhu akka uumamu gochuun, itti fayyadama teeknoolojiitiin iddoowwan hawwata turizimii guutuu Oromiyaa keessatti argaman akka biraandeffamaniifi daran beekaman duula beeksisaa guddaa akka hojjetamu taasisaa jiru.
Komishiniin Turizimii Oromiyaa waggoottan dhiyoo kanneen keessatti hojiilee gurguddoo hojjateen, dhaabbilee biyya keessaafi biyya alaatiif fakeenya gaarii taโuu dandaโeera.
Jaalallifi kabajni Komishinichi uummata irraa argateen, gara fuulduratti humna guutuudhaan hojiiwwan isaa caalmaatti cimsee akka hojjetu kan isa jajjabeessudha.
Komishinar Lellisee, baga gara hojii jaalattuutti fayyaa guutuun Waaqayyoon si deebiseโค
23/05/2026
Daawwannaa Rogeessi Miidiyaa hawaasaa beekamaan Diilaan Peej Ikkoo-Turizimii Wancii -Dandiitti taasise Suuraan.
22/05/2026
๐๐๐๐๐๐ฆ๐ง๐ข ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐จ๐จ๐ฆ๐ฌ๐ฎ๐ฎ: ๐๐ฃ๐๐๐ซ๐ฌ๐ ๐๐๐ช๐๐ ๐๐ข ๐๐ฎ๐๐๐ข๐ง๐ ๐๐ฎ๐ง๐๐-๐ ๐๐ฅ๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐๐!
๐๐ข๐ฌ๐จ๐จ๐ฆ๐ ๐๐๐ ๐๐๐ฅ๐๐ ๐
๐ข๐ง๐๐ข๐ง๐ง๐๐!
Seektarri turizimii guddina biyyaa hunda-galeessaafi ijaarsa maqaatiif qooda Leencaa qaba. Keessattuu erga mootummaan jijjiiramaa hundee qabatee booda, hojiiwwan gurguddoo hojjetaman keessaa inni tokko Pirojektii Misooma Koridariiti. Misoomni koridarii sadarkaa biyyaalessaatti magaalaafi baadiyaatti hojjetamaa jiru kunis, guddina turizimiitiif gumaacha guddaa taasisaa jira.
Sadarkaa biyyoolessaatti Pirojektiin misooma koridarii jalqabamee hojjetamaa jiru kanaan, magaalaan Finfinnee magaalota biyya keessaa irra darbuun magaalota Afrikaa hedduuf fakkeenya guddaa ta'aa jirti.
Magaalli Finfinnee handhuura Itoophiyaa fi Oromiyaa kan taate qofa osoo hin ta'in, teessoo Gamtaa Afrikaa (African Union), handhuura Afrikaanotaa, teessoo Komishinii Diinagdee Afrikaa kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNECA), magaalaa Dippilomaasii Addunyaa fi k.k.f. kan taate dha.
Magaalaan Finfinnee sababoota armaan olitti ibsamaniin fi misooma koridariitiin Miidhaginaa fi guddina ajaa'ibsiisaa galmeessisaa jiraachuu isheetiin, Miidiyaan Addunyaa fuula isaanii gara isheetti deebisuun ragaa bahaa jiru.
Keessattuu dhiibbaa uumtonni Miidiyaa hawaasaa (social media influencers), hoggantootaa fi Ambaasaddarootni gurguddoon biyyoota garaa garaa misooma saffisaa fi bareedina magaalattii ajaa'ibsiisuun uummata Addunyaatiif ibsaa jiru.
15/05/2026
๐๐ฎ๐ซ๐ข๐ณ๐ข๐ฆ๐ข๐ข๐ง ๐๐ฎ๐๐๐ข๐ง๐๐๐๐ข ๐๐ฃ๐๐๐ซ๐ฌ๐ ๐๐๐๐ง๐๐ ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐๐ญ๐ข๐ข๐ !
๐๐๐๐๐ ๐๐๐โ๐๐๐๐!
Naannoon Oromiyaa qabeenya turizimii akaakuu garagaraatiin kan badhaate dha. Qabeenya turizimii nam-tolchees taโe kan uumamaa beeksisuu, misoomsuufi ijaarsa maqaa biyyaaf akka oolan gochuun barbaachisaa dha.
Naannoo Oromiyaa keessatti qabeenya turizimii jiran keessaa inni tokko Gaara Mulโataa dha. Gaarri Mulโataa Godina Harargee Bahaa keessatti argama.
Gaarri kun akka qabeenya turizimiitti qofa kan ilaalamu osoo hin taโin, qabsaaโota Oromootiif gaara oolmaa fi seenaa guddaa qabuu dha. Gaarri kun olkaโiinsa sirrii Galaanaa (sea level) irraa meetira Kuma Sadiifi Dhibba Afuriifi Shan (3,405) dheeratee kan mul'atuu dha.
30/04/2026
๐๐๐๐ซ๐ค๐ข๐ข ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ๐ฅ๐๐๐ฌ๐ฌ๐๐ ๐๐๐๐ซ๐ซ๐๐๐ง ๐๐ซ๐ฌ๐ข๐ข!
Paarkiin Biyyooleesaa Gaarreen Arsii Paarkoota qabeenya uumamaa danuu qaban keessa isa tokko.
Paarkiin Biyyooleessaa Gaarreen Arsii Bilookii Dheeraa-Dilfaqaar irraa hanga Bilookii Honqoolootti lafa 256 kms uwwisee kan argamuu dha.
Magaaloota kan akka Dheeraa, Itayyaa, Asallaa, Saagureefi Boqonjii keessa qaxxaamuranii gara sarara Baaleetti imalan, ilaala fageenya dhiyoorra Bilookiiwwwan Afran Gaarreen Biyyooleessa Arsii ni mu'atu.
Paarkiin kun Simbirootaa bifaafi akaakuu garagaraa, Bineeldotaafi Biqilootaa gosa hedduu of keessatti kan hammateefi teessuma lafaa garagaraa qabaachuu isaatiin soorata qalbii addaa kan ta'ee dha.