?
Waraanamuun Oromoof Oromiyaaf hin malu.
Wal dhibdee Obbolaatiin Qawween ka'e Lammiilee hedduu nurraa galaafate,Galaafachaas jira.
Furmaanni Siyaasaa siyaasuma waan ta'eef Ilmaan Abbaa Gadaa Gaaddisatti deebi'anii ilaaf ilaameen xumuruu qabu malee Aadaa nafxanyootaa dhaalanii nafxiin wal injifachuuf yaaluun Bara baraan lafee of cabsuudha.
Gadaan Gaaddisa Dhalootaati
Jaal Nadhii Gammadaa
Tokkummaa Biyyaatiif hojjenna
29/10/2025
“Namni karaa nagaan dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha” – MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2025: Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad (PhD) qaamni karaa nagaa dhufee seeraa fi sirna kabaju yoo jiraate araara qofa osoo hin taane waliin hojjechuuf qophiidha jechuun, “warreen nu faana araaramuuf jedhan akka hin araaramne qaamni godhanis jiraachuu” eeran.
Ministirri Muummee ibsa kana kan kennan walgahii idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa, har’a, Onkololeessa 28, bara 2025, gaggeeffame irratti gaaffii fi ibsa miseensota mana maree bakka bu’oota ummatootaa irraa ka’aniif yeroo deebii kennanidha.
Ibsa isaanitiin, “ biyyoonni Itoophiyaan dadhabduu taatee akka jiraattu, miila lamaan akka hindhaabanne barbaadaniifi irratti hojjachaachaa jiran yeroo jiranitti lammiileen Itoophiyaa kana adda baasanii beekuu yoo hin dandeenye, galtee siyaasaaf qofa fedhiifi gaafii diinaa dabarsanii yoo kennan nageenya guutuu fiduun rakkisaadha” jedhan.
“Biyyoonni Itoophiyaan miila lamaan akka hindhaabanne barbaadan lolaan akka nu injifachuu hin dandeenye ni beeku, humna Itoophiyaa inni [ergamtoota] ergaa jiru ni beeka, ergamtoonni garuu adaduma itti himamu utaalee as dhufuu waan danda’u itti fakkaatee gojomaa’a” jechuun ibsan.
Odeessa guutuuf dubbisaa
Oromoo jarraa 16ffaa
Oromoon jaarraa 16ffaa keessa Gadaa tokkootti tokkoomee Irree isaa isa jabaa diina irra ka'ee diina cabsee ture.Hanga jaarraa 19ffaatti olaantummaan Biyya Abbaa isaa bulche,Booda keessa Irree isaa jabaa Sana Diina irraa kaasee walii isaa irra kaa'uu eegale,Gadaa laaffisee mootoota xixiqqoo mandaraa hundeessuu eegale.
Dhuma jaarraa 19ffaa mootoonni xixiqqoon Mootii Habashaan liqiffamte.
Oromoo fi Oromiyaan dhiittaa sirna Gita bittaa Habashaa jalatti kufte.
Ta'uus Oromoon Rafee hin bulle jaarraa 21ffaa keessa diina isaa Waloon qolatee Biyya Abbaa isaa harkatti galfate.
Hoolee osoo hin buliin Ammaas Irree isaa isa sodaachisaa Sana diina isaa irraa kaasee walii isaa irratti deebisee gaaraa fi godaatti wal waraanaa jira.
Sana keessa diinni loo'ee dhufee Oromiyaa keessatti daa'ima ganna 2tii hanga jaarsa ganna 80tti jimilaan fixaa jira.
Kana bira darbee diinni Gola leenjii hanga Ajajaa waraanaatti Oromiyaa keessatti ofi ijaaree Ajaja shoroorkeessummaa fi Kaayyoo Abboota isaanii milkeessuuf wixxifata.
Oromoon immoo diina kana qolachuu irra situ haala mijeesseef jechuun wal Komata.
Koomii fi Hamii dhiisi tokkummaa kee cimsi Oromoo diinni daangaa darbeera.
14/10/2025
Abbaan Gaaddisa.
Oromoof Abbaan Waan guddaadha.
Yeroo dhaaduttus oromoon Biyya Abbaakoo jedheeti.
Kanaaf Abboota keenyaaf Kabaja maluuf Haa laannuuf .
guyyaa gaarii Qabaadhaa
07/10/2025
IRREECHI Olka'iinsa Biyyaaf
Nuti Galaana Irra dhangalaane
Bu'aa Injifannoo Keeti Oromoo
Injifannoo Argatte tikfadhu malee
Diinaaf daboo dhaqxee Mana ofirratti gubuuf hin yaaliin
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Website
Address
1000
Addis Ababa
