21/08/2024
Ibsa Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa Irraa Kenname
===========//===========
Hagayya 15/2016 ;Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Abbaa Alangaa Aanaa Waadaraa kan tae Obbo Saadam Habiib guyyaa haraa qaama nageenyaa mootummaatiin hidhaan seeraan alaa irratti raawwatamuun dararaan adda addaa irra gahaa jiraachuu isaa odeeffannoo isa dhaqqabe buuureeffachuudhaan itti dhiheenyaan hordoffii taasisuun qulqulleeffatee jira.
Haaluma kanaan:
Aanaa Waadaraatti Abbaa Alangaa Aanaa kan taan Obbo Saadam Habiib kan jedhamu gaafa 15/12/2016 ganama osoo inni bakka hojii isaa jiruu sababa namoota yakka bosona mancaasuutiin shakkamanii mana murtiitti mirga wabii gaafatanii jiran irratti yaada mirga wabii irratti kennite jedhuun Bulchaan Aanichaa miseensota raayyaa itti biyyaa qabachuudhaan Waajjira Abbaa Alangaa Aanichaa deemuudhaan toannoon adeemsa seeraa osoo hin eeggatiin irratti raawwatamuun Kaampii waraanaa Aanichatti argamutti geessuun toatamee jira. Gochaa seeraan alaa Abbaa Alangaa kana irratti raawwatame Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa cimsee kan balaleeffatu dha.
Gochaan seeraan alaa armaan olitti ibsame kun Abbaa Alangaa irratti raawwatamuun kun bilisummaa ogummaa Abbaa Alangaa kan sarbu tauu bira darbee mirga namoomaa Abbootii Alangaa kan sarbuu fi gochaa olaantummaa seeraa cabsedha. Kana gochuunis akka mootummaattis gochaa sirna haqaa Naannichaa miidhuufi sirna mootummaan diriiree cabsuun gochaan al-seerummaa akka babalatu kan taasisu dha. Abbaan Alangaa ogeessa seeraa bilisa taee ogummaa seeraa qabuun olaantummaa seeraa fi haqa uummataa mirkaneessuuf hojjetu taee osoo jiruu hidhaan seeraan alaafi doorsifni adda addaa irratti raawwatamuun isaa gochaa fudhatama hin qabnee fi itti gaafatamummaa seeraa hordofsiisudha.
Buuura Labsii Biiroo Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lakkoofsa 214/2011 Keewwata 17(4) tiin Abbaan Alangaa tokko yakka hidhaa cimaan adabsiisu harkaafi harkatti raawwatee yoo argame malee beekkamtii Abbaa Alangaa Waliigalaatiin ala toatamuu (hidhamuu) akka hin qabne tumameera. Karaa faallaa Labsii kanaatiin gochoonni seeraan alaa adda addaa Abbootii Alangaa sadarkaan jiran irratti yeroo adda addaa raawwatamanii jiru. Abbaan Alangaa kamiyyuu badii naamusaa kan raawwate yoo tae yookiin badii yakkaa kan raawwate yoo tae sirniifi adeemsi seeraa itti gaafatamummaan ittiin mirkanaau seeraan diriiree osoo jiruu hidhaan seeraan alaafi dorsini adda addaa irratti raawwatamuun isaa olaantummaa seeraa kan cabsuu fi xiinsamuu Abbootii Alangaa sadarkaan jiranii irratti illee dhiibbaa guddaa kan qabudha.
Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa namoonni gochaa seeraan alaa kana raawwatan seeratti akka dhihaataniifi bilisummaan ogummaa fi mirgi Abbootii Alangaa sadarkaan jiranii akka kabajamuuf qaamolee adda addaa waliin qindoominaan hojjechaa kan jiru tauu fi gara fuula duraattis cimsee kan hojjetu tauu isaa ibsaa qaamni Abbaa Alangaa kana adeemsa seeraan alaatiin to’annoo jala oolchee jiru hatattamaan akka gadi lakkisu ni gaafanna.
Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi Komishiiniin Poolisii Oromiyaa namoota gochaa seeraan alaa Abbaa Alangaa kana irratti raawwachuun bilisummaa ogummaa fi mirga isaanii sarban qindoominaan qoratanii seeratti dhiheessuun olaantummaan seeraa akka mirkanaau akka taasisan Waldaan Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa kabaja guddaan gaafachaa ragaawwaan dhimma kanaaf barbaachisan gara fuula duraatti qindeessuun kan isiniif dhiyeessinu tauu ibsina.
Waldaa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa

26/07/2024
25/07/2024
24/07/2024
15/07/2024
15/07/2024
10/07/2024
10/07/2024