25/09/2025
Magaalaa Jimmaatti Shakkamtootni baala Sammuu nama hadoochu fayyadamuun nama dhuunfaa irraa Maallaqa qarshii 100,000.00 gara dhuunfaa isaaniitti naanneffachuuf turan too’ataman
Fulbaana 15/2018 (BBNO):- Magaalaa Jimmaatti Shakkamtootni baala Sammuu namaa hadoochu fayyadamuun nama dhuunfaa irraa Maallaqa qarshii 100,000.00 gara lakk. herreega dhuunfaa isaaniitti naanneffachuuf turan too’annoo seeraa jala Ooluusaanii waajjirri Bulchiinsaafi nageenya Magaalichaa Beeksise.
Ittigaafatamaan waajjira Bulchiinsaafi nageenya Magaala Jimmaa Obbo Faqqadaa Taammanaa akka jedhanitti namootni kun qoricha sammuu namaa hadoochu fayadamuudhaan nama dhuunfaa tokko gara baankiitti geessudhaan maallaqa inni baankiidhaa qabu irraa qarshii 100,000.00 gara lakk. Herreega dhuunfaa isaanitti naanneffachuuf sochii taasisaa osoo jiranii eeruu uummataafi hordoffii qaamolee nageenyatiin too’annoo jala oolaaniru jedhan.
Gama biraatiin beenzilli karaa seeraan alaatiin bifa koontirobaandiin gurguramuuf ture liitirri 700 ol ta’u Eeruu uummataafi hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin too'atamuusaatis waajjirichi beeksiseera.
Dhuma irratti Ittigaafatamaan waajjira Bulchiinsaafdi Nagewenya Magaala Jimmaa Obbo Faqqadaa Taammanaa waqtiiwwan ayyaanaafi iddoo sochiin daldalafi maallaqaa bal’inaan jirutti gochootni yakkaa waan heddummataniis hawaasni of eeggannoo gochuu akka qabuufi iddoo shakkii qabuttis qaamolee nageenya magaalichaatiif eeruu kennuudhan ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf gahee isaa bahuu qaba jedhaniiru.
23/09/2025
Nageenya ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf kutannooofi qindoominni casaa nageenyaa Murteessadha.
Komishiinar Araarsaa Mardaasaa
Fulbaana 13, 2018(BBNO):- Naannoo Oromiyaatti Nageenya ittifufiinsa qabu mirkaneessudhaaf kutannoofi qindoominni caasaa nageenyaa Murteessadha jedhan Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Komishiinar Araarsaa Mardaasaa.
Gamaggama raawwii Hojii nageenyaa Bara 2017fi marii karoora bara 2018 irrattii Ittigaafatamtoota nageenya Godiinaafi Bulchhiinsa magaalotaa waliin Magaala Finfinneettii guyyoota lamaaf gaggeeffamerratti yaada waliigalaafi kallattii hojii fuula duraa kan kennan Komishiinar Araarsaan, Bara 2017 darbetti hojii nageenya mirkaneessuu akka naannichaatti hojjatamaa tureen jijjiiramni gaariin dhufeera jedhan. Haaluma kanaan bara darbe Oppireeshinii qindaa’aa gaggeessuudhaan keessoo diinaa diiguu, diinni iddoowwan hedduutti filannoo nagaa kenname fudhachuun akka galu taasisuu, foo’annoofi ijaarsaa caasaa nageenyaa cimsuu, leenjiidhaan gahuumsaafi dandeettii caasaa nageenyaa guddisuu irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e raawwatamaa tureera jedhaniiru.
Haala kanaan hojii hojjatameen jijjiiramni gaariin jiraatullee ammas qindoomina cimaafi xiiqidhaan iddoo hundatti ABO shaneefi Finxaaleyyii uummata dararaa jiran irratti tarkaanfii guutuu ta’e fudhachuudhan nageenya mirkanneessuu irratti hanqinni guddaan waan tureef bara kana kun caalmaatti fooyya’uudhan nageenya mirkaneessudhaaf hooggansiifi caasaan nageenyaa sadarkaan jiru kutannoofi qindoominaan hojjachuu qaba jedhaniiru.
Hawaasni keenya nagaa barbaada waan ta’eef nageenya irratti hirmaachuuf rakkoo hin qabu kan jedhan Komishiinar Araarsaan, hooggansiifi qaamoleen nageenyaa of kennuudhan nageenyaafi haara galfii hawaasatiif hojjachuu qaba jedhaniiru. Dhumarrattis ayyaanota Masqalaafi Irreechaatiif gama nageenyatiin qophii gahaan taasifamuusaa ibsuudhan hawaasnis ayyaanota kana yeroo kabaju walhubannaafi iddoo yaaddoo qabutti qaamolee nageenyatiif eerumsa kennuudhan akka kabajatu dhaamsa dabarsaniiru.
17/09/2025
Fulbaana 07/2018 A.L.I
Godiinaaleefi magaalota Oromiyaa garagaraatti Hiriirri deeggarsaafi gammachuu; xumuramuun eebbifamuu Hidha haaromsa Guddicha Itoophiyaa gaggeeffamaa jira.
16/09/2025
Mariifi gamaggamni hojii qaamolee Nageenya Waloo gaggeeffame
Fulbaana 6/2018(BBNO):- Qaamoleen Nageenya Waloo Oromiyaa gamaggama raawwii hojii nageenyaa Baatiiwwan lamaan darbaniifi Marii hojii gaggeessaniiru.
Marii kan irratti Hooggantootni Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa, Komishiinii Poolisii Oromiyaa, waajjira Milishaa Oromiyaafi Abbaa Taaytaa Saaynsiifi teeknoloojii Oromiyaa hirmaataniiru.
Marii kanaan gabaasni raawwii hojii qaamolee nageenyaa baatiiwwan lamaan darbaniifi gabaasni Supparviizhinii Kurmaana 4ffaa darbee dhiyaachuun kan irratti mari'atame yoo ta'u, ayyaanota uummataa gurguddoo kanneen akka Masqalaafi Irreechaa fuulduratti kabajaman karaa nagaafi bifa aadaafi tokkummaa uummataa ibsuun akka gaggeeffamaniif qophii taasifamaa jiru irrattis mari'achuudhan kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee waltajjichi xumurameera.
01/09/2025
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa Seenaa Hooggansa Cimaa, Kutannoo qabuufi dhaloota Har'aatiin, Dhaloota Egereetiif Barreeffame akkasumas Bu'aa Xiiqiifi Mallattoo Guddummaa Keenyati!
29/08/2025
Komishiiniin Poolisii Oromiyaa Qondaaltotafi miseensoota Istaaffii Qajeelcha Muummee Walii galaatiif leenjii hubannoo uumuu kenne.
Hagayya 23/2017 (BBNO):- Komishiiniin Poolisii Oromiyaa guyyaa har’aa Qondaaltotaafi miseensota Istaafi qajeelcha Mummee ta’aniif leenjii hubannoo Cimsuu kenneera.
Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Oromiyaa Leetenal Jeneraal Dirribaa Mokonnin Leenjii kana irratti argamuun kallattii gara fuula duraa wayta kennan akka dubbatanitti Poolisiin hubannoofi gahuumsa gaarii qabaachuun hawaasaa gocha yakka jibbee balaleefatu uumuu qaba kan jedhan yoo ta’u,Poolisiin yeroo hundaa barachuu fi dubbisuun dandeetti isaaa yeroo yeroon gabbifataa deemuu akka qabus dubbataniiru.
Itti’aanaa Komishinaraa Jeneraalaafi Hoggaana Qajeelcha Muummee walii gala Bulchiinsa Humna Namaafi Loojistiksii Poolisii Oromiyaa Komishinaar Itti’aanaa Abbabaa Laggasaa gama isanitiin Qaamoleen nageenyaa; nageenya hawaasaa mirkaneessuuf yeroo kamiyuu aarsaa ta’ee hojachaa jiraachuu ibsuudhan, Poolisii Oromiyaa qaamaaf sammuun gahoomee, nageenya naannichaa eeguu fi gaachana cimaa ta’e horataa turera ammas horachaa jiraa jedhan.
Hoogganaan Qajeelcha Olaanaa Bulchiinsa qabeenya Humna namaa Poolisii Oromiyaa Gargaaraa Komishinaraa Doktar Geetachoo Ittanaa leenjiin kenname kun hubannoo gaarii kan uume ta’uusaafi gara fuula durattis haaluma kanaan cimee kan ittifufu ta’uusaa kan ibsan ta’uu odeeffannoon fuula hawaasummaa Komishiinichaarraa argame ni ibsa.
21/08/2025
Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Caasalee Nageenyatiif Leenjii Kennaa jira.
Hagayya 15/2017(BBNO):- Biiroon Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaa Caasaalee Nageenyatiif leenjii hubannoo uumuufi dandeettii raawwachiisummaa cimsuu Magaala Adaamaatti kennaa jira.
Leenjii kana irratti caasaaleen nageenyaa sadarkaa Godiinaafi Magaalotaa Jiran hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, kaayyoon leenjichaa; hubannoofi gahuumsa caasaalee nageenyaa dabaluudhan caasaleen nageenyaa hojii nagaafi nageenya mirkaneessuu keessaatti gama hundaan raawwii gaarii akka galmeessisaniifi hojii kenna tajaajilaa gama nageenyatiin hawaasni barbaadu bifa iftoominaafi ittigaafatamummaa qabuun akka kennan gochuu ta’uu Ittigaafatamaan Waajjira Hoogganaa Biirichaa Obbo Gaaddisaa Waaqtolaa ibsaniiru.
Leenjiin kun mata-dureewwan Ijaarsa nagaafi hiikkaa walitti bu’iinsaa, qindoomina qaamolee nageenyaa, Xinxala haala Nageenyaa, kenna tajaajilaafi qophii karooraa irratti kennamaa kan jiru ta’uufi dandeettii raawwachiisummaa caasaalee nageenyaa cimsuuf leeenjiiwwan hojiirraa gaggabaaboo yeroo yeroon biirichi kennaa akka jiru Obbo Gaaddisaan dubbataniiru.
20/08/2025
Ergaa Nagaa, 1ffaa Ji’a Hagayyaa
Daandii Nagaa Deemuun Nagaatti Nama Geessa!
Nagaan bu’uura jireenya ilma namaafi lubbu qabeeeyyii hundaati. Bakka nagana hin jirrettii Sochiin hawaas-diinagdee gaaga’ama guddaa keessa gala. Jiruufi jireenyi dhala namaatis yaaddoo keessa galuudhan guddiini hawaasaa kan duubatti harkifatu ta’a. Kanaafuu hawaasnifi lammiilee hundi nageenyaf tumsuufi nagaa waaressuu irratti qindoominaan hojjachuu qabu.
Hayyootni yoo dubbatan daandiin nagaa hammamuu dheetarus fageenya hin qabu kan jedhanis kanaafidha. Kanaafuu daandii nagaa deemuun nagaatti nama geessa. Daandii nagaa filachuun tasgabbii, guddina hawaasaafi milkaa’inatti nu geessa. Daandii nagaa filachuun wal hubachuu, wal kabajuu, mariifi waliigaltee qabaachuu, akkasumas rakkoofi walitti bu’iinsa uumamu karaa nagaafi seera qabeessa ta’een hiikuudha. Lafti nagaa hin qabne gaaga’ama lubbuu, diigumsa, balaa, beela, buqqaatifi miidhaa guddaa ilmaan namaafi lubbu qabeeyyi hunda irraan kan ga’u yoo ta’u, karaa nagaa filachuun immoo jireenya tasgabbii qabu horachuu, gammachuu qabaachuufi tokkummaafi misooma hawaas-diinagdee kan cimsu ta’a. Filannoon nagaa hojii kutannoo sammuu, obsaa guddaafi quuqama uummataa barbaadadha. Gama biraatiin Nagaa hawaasafi lammiiletiif yaaduun; keessoo ofiitti nagaa qabaachuu, lammiilee hundaaf jaalalafi kabajaa qabaachuu, rakkoo uumamu kamuu ilaafi ilaameen furuudhaf hojjechuu, akkasumas waliigaltee hawaasaafi seera kabajuu dabalata. Kanaaf Hawaasni ta’ee qaamoleen kamuu rakkoolee (dhibdee) mudatan hunda karaa nagaan hiikachaa deemuudhaaf wal dhaggeeffachuu, wal kabajuu, waliigaltee qabaachuufi tokkummaa jabeessuun murteessaadha. Ijoon dubbii ergaa kanaatis nagaa buusuuf karaa nagaatin deemuu malee karan qaxxaamura deemamu nagaafi tasgabbii fiduu akka hin dandeenye hubachiisudha. Kanaaf, lammiin hundumtuu karaa nagaa filachuun nagaa waaraa fi itti fufiinsa qabu ijaaruuf qooda nurraa eegamu haabaanun dhaamsa keenya.
Biiroo Bulchiinfaafi Nageenya Oromiyaa
Hagayya 2017, Finfinnee
11/08/2025
Fooyya’uu nageenyaan guutuu Oromiyaatti sochiin dinagdeefi hawaasummaa haala gaariirra jira. Komishiinar jenerala Araarsaa Mardaasaa
Hogganaan Biirichaa Koomishinarri Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, fiixeewwan gammoojjiifi bakkeewwan daangaa tokko tokkorraa kan hafe guutuu Oromiyaatti nageenyi fooyya’ee sochiin dinagdeefi hawaasummaa haala gaariin adeemsifamaa jira. Finxaaleyyii Shaneefi Faannoo rukutamuun bittinnaa’anii jiranitti xumura gochuuf tarkaanfii qindaa’aan kan ittifufu ta’a.
Akka isaan jedhanitti, sababa rakkoo nageenyaaf manneen barnootaa cufamanii turan guutummaatti banamuufi caasaan mootummaa diigameefi ijaarsi pirojektootaa addaan citee turee karaa guutuu sadarkaa jedhamuun bakkatti deebi’aniiru. Uggurri kamuu dhaabbatee sochiin dinagdeefi hawaasummaa sadarkaa gaariin raawwatamaa jira. Gandoota daran muraasa ta’anirraa kan hafe sirni caasaa gandaa hundeen lafa qabachuun cinatti waajjirri akka ijaaramu taasifameera.
Finxaaleyyiin Afaan Oromoo dubbatanis ta’e Afaan Amaaraa dubbatan ammaan tana sadarkaa nageenyaaf yaaddoo ta’anirra hin jiran jedhanii; ummata bal’aa hirmaachisuufi Raayyaa Ittisa Biyyaa dabalatee qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran tarkaanfii qindaa’aa fudhataniin humnootni rakkoo uumaa turan kunneen irra jireessaan barbada’aniiru. Hidhattoonni ABO Shanee Faqqadaa Abdiisaan hogganaman dabalatee kanneen biroos guyyaadhaa guyyaatti harka kennachaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Haa ta’u malee, gandoota gammoojjii qaamni rukutamee bittinnaa’e shan kudhan ta’uun hojii shororkaa ummatarratti raawwatuufi ummata ukkaamsuun qarshii itti gaafatu jiraachuu himanii; kanneen akkuma baratame gara nagaatti deebi’uu fedhaniif carraa kennaa, warra mataa jabaachuun hojii saamichaaf of qopheessanirratti tarkaanfii laalessaa fudhachuun ittifufa jedhaniiru.
Aggaamiin Finxaaleyyiin karaa daangaa naannoo Amaaraas ta’e Sumaaleen Alshabaab dabalatee abbalan yoomuu kan milkaa’u miti jedhanii; akkuma kana duraa qaamolee nageenya booressan of gidduu baasuuf waliin hojjechuu dabalatee ummata Oromoo naannoo daangaa jiraatu cimsuufi gahoomsuurratti bal’inaan hojjetamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.
Harka tokkoon misooma harka biroon nageenyarratti hojjechuun jijjiiramni abdachiisaan argame jedhanii; ammas taanaan nageenya Oromiyaa waaressuuf hoggansi gubbaa hanga gadiitti jiru godinaalee rakkoo nageenyaa qaban gabaasaan osoo hin taane qaamaan gad bu’ee deeggaraa jiraachuu hubachiisaniiru.
05/08/2025
“Addaa addummaa Keenya Kabajuudhan Nagaa ittifuufiinsa qabu ni ijaaruu"
Abbootii amantaa Magaala Dodolaa
Adoolessa 29, 2017 (BBNO):- Magaala Dodolaatti fooramiin Nagaa dhaabbilee amantaa waliin gaggeeffamuu waajjirri Bulchiinsaafi nageenya magaalichaa ibseera.
Fooramiin kun Waajjirri Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Dodolaafi dhaabbata ECFE waliin ta’uun kan qophaa’eefi Abbootii amantaa gara gara magaalichatti argamaniifi kutaalee hawaasaa hirmaachisuun kan gaggeeffame ta’uun hubatameera.
Fooramicharratti barreeffama marii kan dhi’eessan qindeessaan dhaabbata ECFE Obbo Qaasim Waariyoo Duudhaa waliin jireenyaa cimsuuf garagarummaa Sabaa, amantaa, afaanii fi aadaa waldandessisanii jiraachuun murteessaa ta’uufi gaheen dhaabbileen amanta nageenya waaressuu keessatti qaban ol’aanadha jedhaniiru.
Hirmaattonni fooramichaatis biyya saboota sablammootaa fi uummatoota adda addaa akkasumas afaan, aadaa fi amantiiwwan gara garaa qabdu keessatti garagarummaa jiru waliif kabajuudhaan nagaa ittifufiinsa qabu ijaaruuf ni tumsina jedhaniiru.
Ittigaaafatamaan waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Magaalaa Dodolaa Obbo Dajanee Ayyaanoo Abbootiin amantaa, Abbootiin Gadaafi kutaaleen hawaasaa hundi nageenya biyyaatiif gamtaadhaan hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Dodolaa Obbo Ayyuub Dullee gama isaanitiinb nageenyi bu'uura waan hundaa ta'uu eeruun nageenya amma jiru taasisuuf tumsi abbootii amantaa, abbootii Gadaa, haawwotii Siinqee fi hawaasa maraa iddoo guddaa qaba jedhaniiru.
29/07/2025
"Dhaabudhaan Bayyanachuu"
"በመትከል ማንሰራራት"
Adoolessa 24, 2017 Ashaaraa Magariisaaf qophiin xumurameera
"Biqiltuun Gaaddisa nagaati"
25/07/2025
Biqiltuun Gaaddisa Nagaati !
Yeroo ammaa kana addunyaan jijjiirama qilleensaa dabalaa jiruun qoramaa jirti. Rakkoo kanaan kutaalee Addunyaa garagaraatti roobni cimaan yeroo isaa hin eeggannee uumamuudhan lolaafi daballii bishaan galaanatiin qormaata cimaa fidaa kan jiru yoo ta’u, gama biraatiin hongeefi gammoojjummaan babal’achuudhan balaan ibidaafi kkf Addunyaa qoraa jiru.
Biyyootni Addunyaa hundi hanga danda’ameen rakkinicha dandamachuudhaaf tooftaafi karoora mataa isaanii baafachuun hojiitti hiikurratti argamu. Biyyi keenyas tarsiimoo “Ashaaraa Magariisaa” qopheessuun hojiirra oolchuu erga eegaltee waggoottan lakka’amaa jiru. Waggoottan darbanitti biqiltuun sadarkaa biyyaafi Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa magariisatiin dhaabbachaa ture hedduun isaa latuudhan jijjiirama gaarii fidaa jira. Bara kanas Adoolessa 24/2017 sadarkaa Biyyaalessaatti guyyaa tokkoon Biqiltuu Miiliyoona 700 dhaabuuf karoorfamee qophiin isaa xumurameera.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanaan Naannoo Oromiyaatti qindeessummaa Ministeera nagaa fi Biiroo Bulchiinsa fi nageenya Oromiyaatiin Dargaggoonni hojii tola ooltummaa hawaasaa irratti bobba’anii naannicha keessatti hojjachaa jiran saganticha milkeessuuf keessatti shoora ol’aanaa gumaachaa turaniiru, ammas gumaachaa jiru.
Dargaggoonni kun bara 2011 yeroo sagantaan asharaa magariisaa jalqabame irraa eegalee baadiyyaa fi magaalota garagaraa keessatti bool’a biqiltuu qopheessuufi dhaabbii biqiltuutii hanga kunuunsa isaatti Ergaa guddaa “Biqiltuun Gaaddisa Nagaati”! jedhu qabchuun dirqama lammummaafi dargaggummaa bahachuun seenaa guddaa dhalootaaf kaa’aa jiru.
Hojiileen tola ooltummaa dargaggootatiin gaggeeffamaa jiran kun ilaalcha uummata jijjiiruufi dhaloota egereetiif bu’uura cimaa kaa’udhaan jaalala biyyaa akka horatan gochuufi dargaggootaa gara misooma magariisaatti ceesisuu keessatti shoora ol’aanaa taphatu. Hojiilee hanga ammaatti hojjetamaa tureen hojiin sagantaa ashaaraa magariisaa uummata biratti nuffii tokko malee amantaa guutuun fudhatamee waggaa waggaan sagantaa kana si’oomina guddaafi miira abbummaatiin eegee onnee guutuun akka ittihirmaatu taasisaa jira. Nutis akkuma ka’uusa keenyaarratti ibsine Biqiltuun gaaddisa nagaa waanta’eef gaaddisa keenya waliin haadhaabbannu!
Adoolessa 2017, Finfinnee. BBNO