Oromia Culture and Tourism Bureau
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromia Culture and Tourism Bureau, Government Organization, Addis Ababa.
The Oromia Culture and Tourism Bureau is a government bureau of the Oromia Regional state, responsible for the development of Oromo culture,History,Language , Heritage and tourism
27/05/2026
Giddugala Aadaa Booranaa suuraan
27/05/2026
Giddugalli Aadaa Booranaa Muummee Ministeeraa Dr Abiy Ahimadiin eebbifame.
Giddugalli Aadaa Booranaa Giifti Duree Aadde Zinnaash Taayyaachoofi Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kabajamoo Obbo Shimallis Abdiisaatiin dhagaan bu'uuraa Fulbaana bara 2014 kaa'ame.
Giddugalli Aadaa Booranaa Falaasama, Aadaa, Seenaa, Hambaa, Beekumsa uumamaafi namtolchee Oromoo Booranaa bu'uura godhachuun ijaarame.
Giddugalli Aadaa Booranaa Lafa hektaara 57 bal'atu uwwisee ijaarsi isaa raawwatameera.
Ijaarsa Giddugala Aadaa Booranaa xumursiisuuf baajatni qarshii Miliyoona 900 baasii ta'uudhaan turtii ji'oota 48 keessatti marsaa lamaan ijaaramaa tureera.
Giddugalli kun Tajaajila Galma Abbaa Gadaa, Godaambaa Booranaafi Gabraa, Galma Walgahii, mana kitaabaa Dijitaalaa, kaaffeefi Reestoraantii, Gamoo Bulchiinsaa, Tulaa salgan Booranaa, Gulantaalee Gadaafi iddoo bashannanaa of keessatti hammatee tajaajilaaf guyyaa har'aa banaa ta'eera.
27/05/2026
በያቤሎ ከተማ የሚገኘው የቦረና ባሕል ማዕከል ዛሬ ተመርቋል።
በቀዳማዊት እመቤት ዝናሽ ታያቸው በ2013 ዓ.ም የመሰረት ድንጋይ ተቀምጦለት የነበረውና ዛሬ ለአገልግሎት ክፍት የሆነው የባህል ማዕከል፤ በመደመር መጽሐፍ ሽያጭ የተገነባ ሲሆን በ57.6 ሄክታር መሬት ላይ ያረፈ ነው።
ማዕከሉ የገዳን ሥርዓት ለማሳየት በልዩ ሁኔታ ዲዛይን የተደረገ ሲሆን በአንድ ጊዜ እስከ 2000 ሰዎች ማስተናገድ አቅም ያለው የስብሰባ አዳራሽ እና የቅርስ ሙዚየምን አካቶ የተገነባ ነው። ማዕከሉ የቦረናን ህዝብ ባሕል፣ ታሪክ እና ፍልስፍና ለትውልድ የማሸጋገር ቁልፍ ሚና ይኖረዋል።
We inaugurated the Borana Cultural Center today in Yabelo town. The foundation stone for the center was laid in 2020 (2013 Ethiopian Calendar) by First Lady Zinash Tayachew, and it has now officially opened for service. Built using proceeds from the sale of the book Medemer, the center sits on 57.6 hectares of land.
The center was specially designed to showcase the Gadaa system. It features a conference hall with the capacity to accommodate up to 2,000 people at a time, as well as a heritage museum and is expected to play a key role in preserving and passing on the culture, history, and philosophy of the Borana people to future generations.
By His Excellency Prime Minister Abiy Ahmed
27/05/2026
Gahee Foollee Sirna Gadaa Oromoo Tuulamaa keessatti!
Sirna Gadaa keessatti Foolleen gahee guddaa qaba.
Gaheen isaanii Sirna Gadaa keessatti olaanaa waan ta’eef, namoonni sadarkaa Foollummaatti ce’uuf qophaa’an yeroo dheeraa keessatti of qopheessu. Qophiin isaanii kunis qaamaan, naamusaa bulchiinsafi beekumsa aadaatiin kan walqabatudha.
Akka hayyoonni aadaa ibsanitti, yeroo durii namoonni sadarkaa Foollee keessa jiran adamoo keessa deemuudhaan, akkasumas bineensonni bosona keessaa horii akka hin miine ittisuudhaan jabinaafi gahumsa bulchiinsa Gadaa isaanii mirkaneeffatu turan. Kunis Foollummaan hojii salphaa osoo hin taane garee cimaa guutummaa sirna bulchiinsa isaafi hawaasaa tiksu ta’uu agarsiisa.
Dhugumaan, Foollummaan guutummaadha.
Shoorri Foollee inni guddaan sirna, naamusaafi tasgabbii hawaasaa eeguu dha. Yeroo sirnoonni garaa garaa mootummaa Gadaa keessatti raawwataman, Foolleen adda durummaan qindeessanii hojii sirnichaa milkeessu. Bakka garaa garaatti deemanii sirbu, foollisuufi uummata wal barsiisuudhaan hariiroo hawaasaa cimsu.
Kana malees, Foolleen hojii sirna Buttaa keessatti qabanis heddu olaanaadha. Yeroo Buttaan qalamu Foolleetu korma kuffisa. Cinaachi korma Buttaa akkuma jirutti Foolleedhaan fudhatama. Garuu yoo sirni Buttaa seeraafi duudhaa irraa gore, Foolleen korma hin kuffisu. Kana jechuunis Foolleen eegduu seeraafi haqaa ta’uu isaanii agarsiisa. Foollee malee Buttaan hin qalamu jechuunis bulchiinsa Gadaa isaanii keessaatti guddaa ta’uu isaanii mul’isa.
Foolleen Sirnaafi seeraa malee nama hin sodaatan. Waan dubbachuu barbaadanis saalfii tokko malee sirbaafi Yeedaloodhaan ibsu. Sirbi isaanii keessattis hojii barsiisuu, akeekkachiisuufi sirreessuu qaba.
Akka hayyoonni argaa dhageetti himanitti, Foolleen nama aadaa cabse, nama nagaa booresse ykn nama sirnaafi duudhaa irraa gore qaanessuudhaan gara sirnaafi naamusaatti deebisu. Namni tokko seera yoo cabse, Foolleen mala ittiin adabbii raawwatan qabu.
Fakkeenyaaf, huccuu nama balleessaa dalage irraa fuudhanii cicciruudhaan ulee isaanii irratti hidhatanii itti sirbu. Kun adabbii keessaa tokko yoo ta’u, namni sun jaarsa baasee araaraa gaafatee adabbii fudhata. Sana booda dogoggora isaa uummata duratti fudhatee dhiifama gaafachuun hawaasatti deebi’ee makamuu danda’a.
Kana malees, Foolleen Sirna Gadaatiif ergamanii hojii adda addaa keessatti Warra Gadaafi Warra Jilaa akka isaan gargaaran taasisu. Akkasiin foolleen sirna, duudhaafi bulchiinsa Oromoo tikfachaa shoora isaanii olaanaa bahatu.
26/05/2026
📣 Tuulamni Jila qaba!
Tuulamni Sadeen —
Bachoo, Daacciifi Jiilleen: Baallii Gadaa Gadoomaaf yoo godaanu:
🗣️
“Hayyee Waaq! Hayyee Waaq!
Waaqa gurraacha garaa garbaa,
Tokkicha maqaa dhibbaa,
Leemmoo garaa taliilaa,
Nagaan Gadaa nu godaansisi!”
jechuun, Sa’aa, fardeeniifi uummata isaanii waliin ardaa jilaatti godaanuun waaqa tokkicha isaanii kadhachuun ebbifatanii jila gadoomaa jilatu.
🌿 Maarree Wayta ammaa kanas Fuulli Tuulamaa hundi guutuu Addunyaa irraa gara
Ardaa Jilaa Dhakaa Koraatti qajeelee jira!
═══════════
🎺 Gadaan
✅ Ayyaana bulchiinsa Gadaati
✅ Ayyaana aadaafi eenyummaa Oromoo hundaati !
Alangeen......
✅ Ayyaana nagayaafi mallattoo bulchiinsa uummataati
✅ Ayyaana tokkummaafi obbolummaati !
✅ Ayyaana eebbaafi duudhaa Oromummaa isa ganamaati !
🎊 Koottaa! Sirna Baallii Seena qabeessa kanarratti Oromoon Kaabaa-Kibbaafi Bahaafi Lixaa walarguun
🥛 Aannan Tuulamaa waliin haa habbuuqqachaa...
Cooma murree Booka unachuun gammachuu dachaa waliin haa qooddannuu!
🪘 Sirbaan, geerarsaafi dhiichisa aadaa Oromoo Tuulamaan waliin haa bohaarruu!
🕺 Safuu, duudhaafi calaqqee duudhaa ganamaa Sirna Gadaa dhugaa kottaa daawwadhaan Affeeraa keenya!
═══════════
📍 Wal argaan keenya:Ardaa Jilaa
Dhakaa Koraa yaata'u!
📅 Guyyaa:📍
Waxabajjii 4, 2018 Baallamni Dhakaa Koraatti!
🎥 Irra deebiin Baga Sirna Walharkaa Fuudhiinsa Alangee Gadaa Oromoo Tuulamaa Marsaa 71ffaan isin gahee!
“Sirni Gadaa ittiin bulmaata keenya!”
“Tokkummaan humna keenya!”
Aadaan keenya eenyummaa keenya!
—
Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa
26/05/2026
Misooma Turizimii Godina Harargee Bahaa magaalaa Baabbilee suuraan!
26/05/2026
Sirna Walirraa Fuudhinsa Alangee Tuulamaa marsaa 71ffaa
Baalliin Gadoomaa yoo gahu -Itti makoon ''Hoo yaa Itti makk -Jabbilee loonitti makee! jennaan -Dabballeenis dabareen "Dabbballee daabboo -yaa-Dabballee Afaan Aannanii -Oolchaan Siglaa! jechuun hoggaa of faarsan, Warri Kuusaas gamanaan ''Yaa foollee roobaa! Birbirsi daraaree yaa foollee! Lubatu nawaamee- yaa foollee! jechaa dhiichisaanii sirbinaan -Warri Alangee kennus jalaa qabuun:
Wayyaa luba koo Ofkali!...
Wayyaa luba koo Ofkali! Ofkoli!
Caaccuudhaa!! Caaccuudhaa!
Qomeen dubraa Caaccuudhaa!
Baccuudhaa jechuun hawwii qaban ibsu!
Baga Sirna Walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Oromoo Tuulamaa Marsaa 71ffaan isin gahe!
Sirna Gadaa Oromoo keesatti aangoon waggaa saddeet saddeetiin karaa dimokiraatawaafi nagaa qabeessa ta'een jaalalaafi eebbaan dabarfama. Sirnii dabarsa aangoo kunis wal irraa fuudhiinsa Baallii jedhamuun beekama.
Sirni Gadaa Oromoo-Sirna bulchiinsa dimookiraasii, marii, waliigalteefi bulchiinsa uummataa addunyaan dinqisiifate keessaa isa tokko ta’uun UNESCOtti Hambaa Kiliyaa Addunyaa keenyaa ta'ee galmaahee jira.
═══════════
Gadaan Tuulamaa Meelbaan,
bara bulchiinsa isaa waggaa saddeet milkiin gaggeessee, Alangee Baallii Gadaa bulchiinsa itti aanu — Muudanaaf dabarsuuf qophii xumuree jira.
✨ Tuulamni Sirna bulchiinsa Gadaa isaa tiksee, kunuunsee, dhalootarraa dhalootatti dabarsaa as gaheera.
═══════════
24/05/2026
Sirna Walirraa Fuudhiinsa Alangee (Baallii) Gadaa Tuulamaa
Sirni Gadaa Oromoo Sirna dimokiraasii dhugaa hirmaachisaa ta'ee Sirna Bulchiinsa Diimoliraasii jalqabaafi bu'uura dimokiraasii ammayaati. Sirna Gadaa keessatti aangoon kan uummataa ta’ee Sirna bulchiinsa dimookiraasiifi walqixxummaa irratti hundaa’a.
Sirni walirraa fuudhiinsa Alangee ykn Baallii Gadaa Tuulamaa keessatti gosoonni Tuulamaa hundi hirmaannaa olaanaa qabu. Sirni kun durii irraa eegalee sirna dhaloota dhalootatti kan darbe yommuu ta'u adeemsa Baallii walharkaa fuudhiinsaa keessatti miseensonni Gadaa yeroo mootummaa isaanii xumuran gara Malkaa Hawwaasiitti godaanuun sirna lubbuu raawwatu. Godaansi kun mootummaa dabarsuu keessatti mallattoo mootummaa keessaa tokko ta’ee ilaalama. Sana booda waggaa mootummaa isaanii xumuran irratti Buttaa qalanii uummata nyaachisu. Buttaan mootummaa keessatti sirna mootummaa, gootummaa, mootummaa waraanaa fi mootummaa hawaasummaa calaqqisiisuudha.
Duulli Buttaa mootummaa keessatti cimina mootummaa Gadaa agarsiisuuf taasifama. Kaayyoon isaa saamicha osoo hin taane mootummaa, gootummaa fi jabina mootummaa Gadaa mul’isuudha. Yeroo ayyaana kanaa miseensonni Gadaa maqaa mootummaa isaanii, maqaa goototaa fi maqaa abbootii isaanii waamuun geerarsaafi dhaadannoo cimaa jedhu. Kun mootummaa keessaa mootummaa dhalootaa gara dhalootaatti dabarsuudha.
Guyyaa Baallii walharkaa fuudhiinsaa irratti Abbaan Seeraa mootummaa duraan ture irraa mallattoo aangoo jechuun Baallii mootummaa fuudhee mootummaa mootummaa haaraatti dabarsa. Sirna kanaan mootummaa mootummaa haaraatti seeraan darbuu mootummaa uummataa keessatti labsama. Warri mootummaa dabarse mootummaa itti aanuuf kabajaan mootummaa gadi dhiisee mootummaa mootummaa isaanii xumuratu.
Sirni Baallii walharkaa fuudhiinsa Gadaa Tuulamaa mootummaa aadaa Oromoo keessatti mootummaa dimokiraasii, mootummaa seeraa, mootummaa walqixxummaa fi mootummaa nagaa calaqqisiisu keessaa isa guddaadha. Sirni mootummaa kun mootummaa aadaa Oromoo qofa osoo hin taane mootummaa mootummaa addunyaaf fakkeenya mootummaa aadaa ta’ee dhaabbata.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
