Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa

Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa

Share

Oromia Labor and Social Affairs

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 24/05/2026

Maanguddummaa Nam Carra qabeessatu Dhaqqaba; Nami Maanguddoota kunuunse immoo Eebba argata
=====
Aanaa Dubluq; Guyyaa Har'aa Guddu galli kunuunsaa fi haaromsa Maanguddootaa Godina Boorana Aanaa Dub luqitti eebbifame.

Sagantaa eebbaa kanarratti argamuun haasaa kan taasisan I/G waajjira Qindeessaa Kilaasatara Hawaasummaa Aab Nuuraa Guyyoo maanguddummaa nam carra qabeessatu dhaqqaba, namni maanguddoota kunuunse immoo eebba argata jedhan.

Dabalataan; mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo maanguddootaaf kenne irraa kan ka'e hundeeffama giddu gala maanguddoota karoora tarkaanfii haaraa keessatti hammachiisuun hojii gurguddaan hojjatamuu himan. Hojii hojjatameen naannoo Oromiyaa keessatti bakki kunuunsa maanguddoota dhaabbilee dhuunfaa 22, Hirmaannaa ummataatiin 21 mootummaatiin immoo dhaabbatni 1 jiraachuu himuun guyyaa harraa g/gala maanguddoota 44ffaa horsiise bultoota aanaa Dubluqitti saaqamuu isaa gammachuun qaban guddoo ta'uu dubbatan.

Giddu galli maanguddoota guyyaa har'aa eebbifame dhalataa Godina Booranaa fi Qabsaa'aa ganamaa Aab Saamu'eel Galgalootiin kan hogganamu yemmu ta'u ; dhalattoonni Godinichaa biyyoota adda keessa jiraatan gumaacha taasisanii jiru.

Bulchaan Godina Booranaa Aab Abdussalaam Waariyoo giddu galichaaf qarshii 700,000 arjoomuun Bulchitoonni aanota Godinichaa fi itti gaafatamtoonni waajjira Gurmaa'ina Ummataa saganticharratti argaman hundumtuu muxannoo kana fudhachuun babal'isuu akka qaban kallatti kaa'aniiru.

Bakka bu'aan Biiroo Dhi/Ho/Hawaasummaa Oromiyaa Aab Abdullaahi Ahmad gama isaaniitiin hundeeffamuu giddu galichaatiif qaamolee gumaachan hunda kan galeetaffatan yemmuu ta'u; giddu galli maanguddootaa bakka haara galfannaa fi muxannoo bara jireenyaa kuufatan dhaloota haaraaf itti dabarsan waan ta'eef xiyyeeffannaan irratti hojjatamuu qaba jedhan.

Giddu gala maanguddootaa kun bakka Koree Qindeessituu Godina Booraa, Bulcha Godina Boranaa Duraanii (Aab Liiban Areeroo), Bulchitoonni Aanaalee Godinaa, Jaarroleen biyyaa fi argaa dhageettii, hawaasni Aanaa Dubluq argamanitti eebbifameera.

Giddu gala kana keessatti yeroo ammaa namootni 12 galanii kunuunfamaa kan jiran yoo ta'u lakkoofsi kunuunfamtoota yeroo gara yerootti dabalaa kan dhufu ta'uutu himame.

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 21/05/2026

Mariin Ittisa Godaansa Al-idileerratti xiyyeeffate Adaamaatti Gaggeeffame
====
(13/09/2018 Adaama); Biiroon Dhimma Ho/Hawaasummaa Oromiyaa Dhaabbata Godaansa Idil Addunyaa waliin ta'uun Marii Ittisa Godaansa al idilee irratti xiyyeeffate gaggeesse.

Godaansi karaa seera hin guuttanneen gaggeeffamaa jiru; miidhaa hamaa biyyaafi lammiilerra qaqqabsiisaa jira. Miidhaa kana ittisuuf; hawaasni dammaqinaan hirmaatee akka ofiif ofirratti karoorfatu; Maatiin Ollaan waliif waadaa galu taasisuun , maatiin waadaa gale cabsuun ilmoo isaanii seeraan ala ergee yoo argame hawaasichi adabuu akka danda'u taasisuun barbaachisa Jedhan Daay/Qin/Hor/Ee/Hawaasummaa Obbo Abdulahi Ahmed.

Dhaabbata Godaansa idil addunyaa bakka bu'uun haasaa kan taasisan Aadde Magfiraa Adem lammiileen biyya isaanii keessatti hojjatanii jijjiiramuu akka danda'aniif miidhaa godaansa irra gahu danda'u hubachiisuu fi miidhamtoota deebitoota kana deebisuu dhaabbuu irratti Godinoota godaansi itti baayyachuu qorannoon ifoomse keessatti ( Baalee, Hararge Bahaa, Jimmaa fi Arsii) rakkoo kana furuuf mootummaa faana ciminaan kan hojjatan ta'uu dubbatan.

Barreeffama Yaadrimee Maalummaa godaansaa ; Godaansa Ittisuuf qindoomina barbaachisuufi gahee seektaroora akkasumas Godaansa al idilee ittisuuf karoora hawaasa hirmaachise qopheessuu irratti Dhaabbata IoM irraa Obbo Chaalchisaa Tolasaa dhiheessaniiru.

Waltajjii kanarratti Seektarootani Dhi/Ho/Hawaasummaa, Dhi/Du/Daa'immanii, Abba Alangaa;Carra Hojii fi Ogumma; Barnootaa for Qonna Sadarkaa Naannoo fi Godinoota Baalee, Arsii ,Jimmaa fi Hararge hirmaataniiru.

Dhimmamtoonni waltajjii kanarratti hirmaatan godaansa al idilee ittisuu fi miidhamtoota godaansaa deebisanii dhaabuuf gahee isaanii kan bahan ta'uu waadaa galaniiru.

Biiroo Dhi/Ho/Hawaasummaa Oromiyaa Godaansa seera qabeessa ni jajjabessa; Godaansa seera hin guuttanne hubannoo hawaasaa cimsuun ni ittisa; qaamolee dhimmi ilaallatu wajjiin qindaa'uun miidhamtoota godaansa deebi'anii akka dhaabbatan ni hojjata.

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 21/05/2026

Rakkoo Hawaasummaa furuu keessatti Gaheen Dhaabbilee Hawaasaa Olaanaa dha jedhame.
.....
(CAAMSAA 2018 Shaggar, Kutaa Magaala Sabbataa) Biiroon Dhi/Ho/Hawaasummaa Oromiyaa waltajjii marii sagantaa seeftineetii magaalaa keessatti akkaataa fayyadamummaa fi hirmaannaa lammiilee miidhama qaamaa qaban ilaalchisee karaa jiruuf jireenya isaanii cimsuun lammii hirkattummaa jalaa baasuun of dandeessisuun danda'amurratti mari'atame. Waltajjii kanarratti hawaasa rakkoof saaxilame kana rakkoo isaanii furuuf gaheen gurmaa'insi ummataa ( afoosha , Garee ofiin of gargaarsaa fi kkf) olaanaadha ta'uu dubbatan Daay/Daayireektoreetii Eegumsa Hawaasummaa Obbo Abdullaahi Ahmed.

Waltajjii kanarratti ; dhiheessiin Maalummaa fi barbaachisummaa daddabarsa Maallaqaa( Cash Taransfer ); Qajeeltowwan dabarsa Maallaqaa fi idileeffannaa qaama miidhamtootaa ilaalchisee Ogeessota olaanoo biirootiin dhihaatee irratti mari'atameera.

Hirmaattonni waltajjii ; waltajjii akka kanaa qophaa'uu fi mariin taasifame gaarii ta'uu ibsuun muxannoo argataniin hawaasa isaanii daran tajaajiluuf qophii ta'uu dubbatan.

Sagantaa marii kanarratti I/Gaafatamtootaa fi Ogeessotni magaalota Adaamaa; Baatuu; Amboo; Shaashamannee, Kutaa Mag/Burraayyuu fi Bishooftuu argamaniiru.

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 20/05/2026

Labsii Bobba'insa Hojii Biyya Alaafi Qajeelfama haaraa irratti Leenjii hubannoo kennamuu eegale
====
(Caamsaa 12/2018 ,Adaamaa) Biiroon Dhi/ Ho/ Hawaasummaa Oromiyaa Dhaabbata Godaansa Idil-addunyaa (IoM) waliin ta'uun waltajjii leenjii hubannoo cimsu caasaa Godina, Magaalotaafi dhimmamtootaa kennamu eegale.

Waltajjii leenjii kun labsii duraanii 923/2008 fi labsii 1246/2013 bakka bu’uun Labsii haaraa bara jijjiiramaa keessa foyya'e labsii Lakk 1389/2017 _ bobba'iinsa biyya alaa " Over Sea Emlployment Proclamation" fi qajeelfamoota haaraa raawwii labsichaan walqabatanirratti leenjii hubannoo kennuuf waltajjii qophaa'eedha.

Waltajjii kan irratti argamuun haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Dhi/ Ho/fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaa; labsiin kun godaansi seeraan alaa ittisuufi Bobba'insa hojii biyya alaa seera qabeessa jajjabeesuuf gahee guddaa qaba jedhan. Dabalataan; Ejansiin bobbii biyya alaa hojii qulqullinaa fi mirga lammiilee eegsisu akka hojjetaniif, nageenyii fi fayyummaan lammiilee sochii bakkaa bakkaatti taasisan keessatti akka eegamuuf; akkasumas Ejansoota seeraan ala socha'anirratti tarakanfii barsiisaa fudhachuuf labsii fi qajeelfama kun murteessaa dha jedhan.

Haaluma walfakkaatuun; bobba'insa hojii biyyi ala sadarkaa maalirra akka jiru, mudannowwan sarabama mirga namaa bobbii biyya alaa keessatti qunnaman ilaalchisee dhaabbata Godaantota Idil- addunyaatiin (IOM) dhiyeessi dhiheessaniin sadarkaa yaaddeessaarra jiraachuu dubbatan.

Leenjiin kun guyyoota lamaaf kan itti fufu yemmuu ta'u , leenjiin kun mata duree adda addaarratti ni kennama.

12/05/2026

Great leader

12/05/2026

Nadoon filannoo isa jalqabaati

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 01/05/2026

Guyyaan Hojjettoota Addunyaa(May Day) Marii Paanaaliitiin Kabajame.
****
( Eebla 23,2018, Finfinnee);Guyyaan Hojjattoota Idil Addunyaa akka addunyaa tti yeroo137ffaaf akka biyya keenyaatti yeroo 51ffaaf moto " Mirgi Hojjataa Kabajamuun Nageenya industurii fi Omishtummaa guddisuuf bu'uura " jedhuun kabajame.

Guyyaan kun qindoomina Konfedereeshiniin Hojjettoota Damee Oromiyaa fi Biiroo Dhi/Hojjataa fi Hawaasummaa Oromiyaatiin kan qophaa'e yemmuu tau; bakka Hojjechistoonni; Hojjettoonnii fi Qaamni mootummaa argamanitti marii paanaalitiin kabajame.

Sagantaa kanarrtti argamuun haasaa kan taasisan Daay/Qunnamtii Nageenya Indusgurii Obbo Ayyalaa Maqaasaa hojiin mijataa fi mirga hojjataa kabajuun nageenyi industrii akka mirkanaa'uu fi oomishtumaan akka dabaluuf dhimma bu'uuraati jedhan.

Hojjechistota bakka bu'uun haasaa kan taasisan Dr.Warqinaa Bantii ( prezdaantii Waldaa Hojjechistota Dame Ormiyaa) iddoo hojii mijataa uumuufi hanga danda'ameen mirga hojjataa akka kabajamuuf mootummaa wajjiin hojjachaa jiraachuu ibsuun mirgi hojjettootaa keessattuu mindaan haqa qabeessa akka murtaa'uuf dhiibbaa barbaachisu uumaa Jiraachuu dubbatan

Itti gaafatamtuun waajjira konfedereeshinii Waldaalee Hojjattoota damee Oromiyaa Aadde Sannayti Kumalchaa gama isaaniitiin hojii mijataa keessattu mirgi gurmaa'uu fi waliin dubbannoo industiriwwan keessatti akka mirkanaa'uuf cimsanii kan hojjatan ta'uu himuun kaayyoon guyyaa kanaa inni guddaan isa kana jedhan

Barreefamni seen duubee guyyaa hojjattoota idil addunyaa jaarraa 19ffaa hanga harraa jiru; akkasumas yaad rimee hojii mijataa (decent work) mirkaneessuuf eenyurraa maaltu eegama jedhu Obbo Darrib Shawaangizaawiin dhiyaatee booda ; Paanalistoonni Mootummaa ; Hojjachiisaa fi Hojjataa bakka bu'uun yaada gaggabaa kaasanii hirmaattoonni waltajjii wajjiin bal'inaan irratti mari'atameera.

Baga Guyyaa Hojjettootaa Gessan!

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 25/04/2026

Humna Namaa Dandeettiin Gahoome Horachuun Jijjiirama Hunda Galeessa Milkeessuu Keessatti Shoora Olaanaa Qaba!
Ebila 17 /2018
Bishooftuu
~~~
Guddina diinagdeefi hawaasummaa itti fufiinsa qabuufi galma karoora badhaadhinaa akka biyyaatti qabame milkeessuuf humna namaa ogummaa, hidhannoo teeknoloojiifi barnootan gahoome horachuun murteessaadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaa hojii bal'aa hojjechaa jiruun kalaqaafi ogummaa ce'uumsa teeknoloojii gochuuf dhaabbilee barnootaa sadarkaa hundatti balbal'isuun dhaloonni baratee ogummaa horate kalaqaan dabaaluun tajaajila hawaasaa saffisaa,qaqqabamaafi haqa qabeessa ta'e diriirsuun hojirra oolchaa jira.

Bu'uuruma Kanaan Koolleejin poolii Teeknikaa Guddina Hawaasaa Magaalaa Bishooftuu leenjifamtoota tajaajila Hawaasaa gulaantaalee gara garaatin barsisaa ture 86 guyyaa har'aa bakka hooggansi,kessummoonniifi maatin leejifamtoota argamanitti eebbisiisee jira.

Koollejjiin Poolii teeknikaa guddina hawaasaa abbummaan kan bulchu Biiroo Dhimma Hojjetaaf Hawaasumma Oromiyaa yoo ta'u, Biirichi hojjattoota hawaasaa leenjisuun hojiiwwan
eegumsa hawaasummaa akka ciman taasisuu irratti xiyyeeffannoo olaanan hojjechaa jira.

Diiniin Koollejjii poolii teeknikaa guddina hawaasaa Bishaaftuu Obbo Tafarii Tashoomaa haasaa taasisaniin
Koolleejjichi leenjii kennaa tureen hanga ammaatti leejifamtoota 4950 ol gulantaa gara garaatiin leenjisaa turuu ibsuun guyyaa har'aa leenjifamtoo 86 kan eebbisiise ta'u himanii jiru.

Leenjifamtoonni guyyaa har'aas imaanaa itti kenname amanamummaa guddaan ummatasaanii tajaajiluu akka qaban yaadachiisanii jiru.

Sagantaa eebbaa kana irratti argamuun, Hoogganaa Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Obbo Araarsoo Biqilaa, maanajmantii biiroo fi maatiin eebbifamtootaa argamanii jiru

Sagantaa eebbaa kanarratti qaamolee adeemsa Leenjii Keessatti gumaachaniif Geebaa Fi Waraaqaan Ragaa Kennameera.

Barattoonni fi maatiin barattoota bu'aa bahii heddu keessa darbitanii guyyaa har'aa eebbifamtan baga gammaddan!

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 02/04/2026

Sirna Koo Tiksuuf Lubbuun Koo Waadaadha!
Bitooteessa 24

Photos from Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa's post 02/04/2026

Waadaa gochaan filannoo filannoo hamma filannootti

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Addis Ababa
10142