18/01/2025
Baga Ayyaana Cuuphaa Nagaan geessan: # # # # # # # # # # # # # # # # # # # #@@@ Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu Hordooftoota Amantaa kirstiyaana maran baga ittiin isin gahe jechaa ! Ayyaanni kun Kan Nagaa jaalala fi Tokkummaa nuuf haa ta'u jedha :Ayyaaana Gaarii !!
06/01/2025
Ergaa Baga Geessanii Ayyaana Qillee Ilaaachisuun WAAA Lataa Sibuu irraa
=======//==========//=========
''Hordoftootni Amantaa Kiristaanaa hundi, Abbootiin Alangaa fi Hojjettoonni bulchiinsaa Waajjira keenyaa baga Ayyaana Qiillee /Guyyaa Yaadannoo Dhalootaa Gooftaa Keenya Iyyesuus Kiristoos kan Bara 2017 nagaan geessan jechaa ,ayyaana kana yeroo kabajnu duudhaa tokkummaa,jaalalaa fi waldanda'uu hawaasni keenya kaleessa qabu daran itti fufsiisuun waan qabnu irraa waliif qooduun harka qalleeyyii deeggaruun Ayyaana kana Gammachuudhaan waliin akka kabajannu dhaamsa keenya dabarsina!!!!
Ayyaanni kun kan Nagaa,kan gammachuu fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwii keenya!!! Ayyaana Gaarii
16/12/2024
Mudde 7,2017
============================
Hojii Tola Ooltummaa
============================
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuu cinatti hojii tola ooltummaa irraa eegamu bahachuuf jecha namoota harka qalleeyyii tahanii dhukkuba garaa garaa dhukkubsatan baayinaan sadii tahaniif gargaarsa maallaqaa taasiseefii jira.
=========================
Nama gargaaruuf nama tahuun qofti gahaadha!!!
===============================
12/12/2024
Mudde 3, 2017
Murtiilee Barsiisoo
OolmaaDhaddachaa
=========================
Himatamaan "X" jedhamu eyyama daldalaa mana lukaandaa(foonii) osoo qabuu, Aanaa Lataa Sibuu Magaalaa Warra Jirruu 02 bakka addaa Qeeraa jedhamutti Guyyaa gaafa 23-3-17 halkan keessaa tilmaamaan sa'a 11:00 yeroo tahutti saawwa dhaltii fi fayyummaan ishee ogeessaan hin qoratamne qaluun gabaaf dhiyeessee gurguruuf osoo jedhuu waan qabameef, qalma seeraan alaa kun erga dhaalamee erga awwaalamee booda himatamaan kun Labsii Sirna To'annaa Gabaafi Qulqullina Oomishaalee Qonnaa Oromiyaa murteessuuf bahe lakk. 234/2013 kwt 26(20) irra darbuun himatamee himatamaan dhaddacha irratti hambifannoo malee guutummaan waan amaneef dhaddacha har'a ooleen Manni Murtii Aanaa Lataa Sibuu himatamaas tahe fakkaattota isaa ni barsiisa kan jedhe Hidhaa Cimaa waggaa tokkoofi baatii kudhanii fi adabbii qarshii kuma shantamaan(50,000) adabamee jira.
===========================
KANA HAA BARANNUUN DHAAMSA KEENYA!!!
==============================
10/12/2024
Mudde 1, 2017
============================
Oolmaaa Dhaddachaa
===========================
Himatamaan ''X'' jedhamu, qaama nageenya kabachiisu tahee osoo jiruu, G/W/Lixaa Aanaa Lataa Sibuu Magaalaa W/Jirruu Ganda 01 keessatti Guyyaa gaafa 25/2/2017 galgala keessaa tilmaamaan sa'a 1:30 yeroo tahutti miidhamaa dhuunfaa Ballinaa Addisuu jedhamu dhagaadhaan adda isaa bitaa irra si'a tokko rukutee miidhaan waan irraan gaheef A/Alangaa himata isaa S/Yakkaa kwt 556(2)A jalatti hundeessuun falmiin erga geggeeffamaa tureen booda M/Murtii Aanaa Lataa Sibuu dhaddacha har'a ooleen himatamaas kanneen biroo na barsiisa kan jedhe Hidhaa Salphaa Baatii jahaan adabee jira.
===============================
09/12/2024
Sadaasa 30, 2017, Warra Jirruu
=============================
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu miliishota Aanicha keessatti argamaniif mata duree 'Maalummaa Heera Mootummaa FDRI, Qajeeltoowwan Heerichaa, Mirga namoomaa heericha keessatti tumamanii fi mirgoota kana kabajuufi kabachiisuu keessatti gahee isaan qaban akkasumas labsii waajjira Miliishaa hundeessuuf bahe lakk.31/1992 fi dambii 197/2010 dirqama miliishaa ibsu irratti hubannoo seeraa kennaa jira.
26/11/2024
Sadaasa 17,2017
=================
Sakatta'iinsa Hojii irra oolmaa seerotaa geggeeffame
==============================
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu Waajjira Bishaanii, Inarjii fi Albuudaa Aanaa Lataa Sibuutti qaamaan argamuun sakatta'iinsa hojii irra oolmaa seerotaa geggeessuun rakkoolee fi hanqinoota hojii irra oolmaa seerotaa kana keessatti mul'atan adda baasee jira.
15/11/2024
Sadaasa 6, 2017
=====================
Hubannoo seeraa kennuun akkuma itti fufetti jira.
=========================
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu guyyaa har'aa jechuun gaafa guyyaa 06/03/2017 Mana Barumsaa Sad. 2ffaa Warra Jirruutti argamuun hubannoon seeraa G/Abbaa Alangaa Tasfaa Naggasaatiin
Mata duree
1. Maalummaa Yakkaa fi Seera yakkaa
2. Kaayyoo fi Galma Seera yakkaa
2. Yakkoota dargaggootaan raawwataman
Irratti barattoota fi hawaasaa mana baruumsichaatiif hubannoo bal'aan kennamee jira.
14/11/2024
Sadaasa 5,2017
==================
Hubannoo Seeraa kennuun itti fufeera.
============================
Abbaan Alangaa Aanaa Lataa Sibuu Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Lalisaa Warra Jirruutti argamuun mata duree" mirga daa'immanii fi yakkoota daa'imman irratti raawwatan, danbii seera tiraafikaa, akkasumas qajeelfama manneen barnootaa naannoo oromiyaa" irratti karaa G/ Abbaa Alangaa Daawwit Baayisaa fi poolisii Aanaa lataa sibuu waliin tahuun hubannoon seeraa kennameera.
13/11/2024
Sadaasa 4, 2017 Warra Jirruu
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Warra Jirruutti argamuun mata duree" Mirga Daa'immanii fi Yakkoota Daa'imman Irratti Raawwataman, Qajeelfama Ittiin Bulmaata Manneen Barnootaa fi Qajeelfama Bulchiinsa Qorumsa Daree Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa" Irratti barumsa hubannoo seeraa haala gaarii taheen barattootaa fi barsiisotaaf kennee jira.
12/11/2024
Sadaasa 3, 2017, Warra Jirruu
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu kabaja ayyaana Daa'immanii akka Addunyaatti yeroo 35ffaaf akka biyya keenyaatti immoo yeroo 19ffaaf Aanaa Lataa Sibuutti kabajame sababeeffachuun mata duree" Mirgoota Daa'immanii fi Yakkoota Daa'imman irratti Raawwataman" jedhu irratti hubannoon seeraa bilchina qabu haala gaarii taheen kennameera.
14/10/2024
Guyyaa Onkololeessa 4,2017
Kabaja Guyyaa Ayyaana Alaabaa akka biyyooleessaatti har'a kabajamee oolu sababeeffachuun Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Lataa Sibuu labsii 654/2009,863/2014 fi 673/2010 irratti qaamolee nageenyaa, hojjettoota mootummaa fi Itti gaafatamtoota waajjiraa Aanaa Lataa sibuutti argamaniif hubannoon seeraa kennamee jira.