20/02/2026
Birbiirsa Gooroo Ammaan Tana!
ፒያሳ አሁናዊ ገፅታ::
Peace
20/02/2026
Birbiirsa Gooroo Ammaan Tana!
ፒያሳ አሁናዊ ገፅታ::
20/02/2026
Finfinneen Magaalaa Saffisaan Jijjiiramuun Fakkeenya taate!
Hojiileen misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetaman haala magaalatti durii jijjiiru caalaa ajandaa namoota baay’ee ta’eera.
Ummatniifi mootummaan waliin qindaa’uun yoo hojjetan waggoota gabaabaa keessatti jijjiirama fiduun akka danda’amu biyya irra darbuun magaalota Afrikaa hedduuf fakkeenya taateetti.
Finfinneen mana saboota, sab-lammootaafi uummattoota Itoophiyaa tahuu cinaatti teessoo dippiloomaatootaas tahuun garaagarummaa afaanii fi amantaa malee kabajaa fi waliigalteen kan keessa jiraatan damee misooma qofa osoo hin taane yaaddoo nageenyaa tokko malee hawaasni halkanii fi guyyaa hojjetee jireenya isaa akka fooyyessuuf yakka ittisuun nageenya mirkaneessuuf hojii bu’a qabeessatu hojjetameera.
Bu’aan kun galmaa’uu kan danda’eef sababa jiraattotni magaalattii misooma waliin wal-qixatti nageenyaa fi tasgabbii irratti hojjetaniif.
Kanaafuu, jiraattota magaalattii qofaa osoo hin taane lammiileen kutaalee biyya keessaa garaagaraa irraa dhufanii fi lammiileen alaa akkasumas turistoonni misooma Magaalaa Finfinnee kana daawwachuuf carraa guddaa argataniiru.
Magaalattiin baatii 6 keessatti taateewwan 150 caalan sadarkaa naannoo, ardii fi idil-addunyaatti gaggeeffaman milkaa’inaan keessummeessuu danda’uuf muuxannoo fi dandeettiis horatteetti.
Finfinneen misooma qofa osoo hin taane tokkummaa sab-daneessummaa mul’isteefi saffisaan misoomaa galmeessaa jirtuun sadarkaa ardii fi addunyaatti wiirtuu tuurizimii konfiransii filatamtuu taatee jirtii
20/02/2026
Bulchiinsi K/Magaalaa Lidataa Guyyaa Tajaajilaa Sababeeffachuun Tajaajila Qindaa'aa Kennatti Jira
Bulchiinsi Kutaa Magaala Lidataa gaaffiiwwan bu'uuraa jiraattotaa deebisuuf, guyyoota Roobii fi Jimaata guutuu fayyadamuun tajaajila qulqullina qabu, haqaan dabuun hin jirre fi iftoomina qabu kennaa jira.
Hojii tajaajila qindaa'aa kanaan kennamaa jiru irratti, Hojii Raawwachiiftuu Olaantuu Kutaa Magaalaa Aadde Li'iltii Gidaay dabalatee hoggantoonni dhaabbilee biroo tajaajilamtoota keessummeessaa akka jiran danda'ameera.
Bulchiinsi kun tajaajila qindaa'aa kanaan gaaffii jiraattotaaf deebii ariifataa kennuun, iftoomina mirkaneessuu fi hojimaata badaa dhabamsiisuun itti quufiinsa tajaajilamtootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira.
Tajaajila qindaa'aa kennamaa jiru kanaan, tajaajilamtoonni gammaduun yeroo galateeffatan Koominiikeeshinii Lidataa bakka sanatti argamuun hordofeera.
Oduuwwan ariifataa fi yeroo hunda argachuuf fuulota Koomiinikeeshiinii Kutaa Magaala Lidataa hordofaa!!
http://linktr.ee/lidetacommunication1
20/02/2026
Waajjirri Koomiiniikeeshinii kutaa Magaala Lidataa Sagantaa Beekamtii fi Badhaasa Raawwii Hojii Ji'oota 6 Jalqabaa Gaggeesse
Waajjirri Koomiiniikeeshinii Kifla Kitaama Lidataa sagantaa beekamtii fi badhaasa raawwii hojii aanaaleeraa fi dhimmoota miidiyaa hawaasummaa gaarii irratti hojjetan ji'oota 6 jalqabaa bara baajataa 2018 gaggeesseera.
Waltajjii beekamtii kanarratti Itti gaafatamtuun Waajjira Koomiiniikeeshinii Kutaa Magaala Lidataa Aadde Siifaan Baayyuu akka jedhanitti, ji'oota ja'an darban keessatti gidduu mootummaa fi uummatatti riqicha ta'uun tajaajiluun, odeeffannoo yeroo isaa eeggate, ariifataa fi qulqullina qabu uummataaf dhaqqabsiisuu irratti hojiiwwan komuniikeeshinii fi miidiyaa milkaa'aan hojjetamuun isaanii eeraniiru.
Aadde Siifaan dabaluun akka ibsanitti, dhaabbanni kun dhimmoota biyyaalessaa fi magaalaa irratti hubannoo waloo akka uumamu akkasumas iftoominnii fi itti gaafatamummaan akka mirkanaa'u xiyyeeffannoo kennee hojjechaa turuu isaa dubbataniiru.
Gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii uummanni kaasu deebisuuf qorannoowwan adda addaa gaggeessuun alatti, hoggantoonni hojii jiraattota waliin fuulleetti wal arguun kan irratti mari'atan waltajjiilee "Wal Haa Gaafannu" bal'inaan gaggeeffamuu isaanii itti gaafatamtuun waajjirichaa dabalanii ibsaniiru.
Aadde Siifaan qaamolee milkaa'ina dhaabbatichaatiif shoora guddaa taphatan galateeffachuun, gara fuulduraattis cimanii akka itti fufan dhaamaniiru.
Raawwii hojii fooyya'aa walakkaa waggaa keessatti qabaniifis dhaabbilee fi dhuunfaadhaaf waancaa fi waraqaan ragaa beekamtii kennameeraaf.
Haaluma kanaan, raawwii hojii ji'oota 6 jalqabaa bara baajataa 2018tiin aanaaleen sadarkaa qabatan:
1ffaa: Aanaa 8
2ffaa: Aanaa 4, 7 fi 10
3ffaa: Aanaa 3, 9 fi 6 ta'uun xumuraniiru.
Odeeffannoo ariifataa fi yeroo isaa eeggate argachuuf fuulota Koomiiniikeeshinii Kutaa Magaala Lidataa hordofaa!
20/02/2026
"The beauty of Addis Ababa didn’t just happen by chance. It is the result of a 24/7 collective effort—a historic and unforgettable legacy built by people who gave from what little they had to create unity and togetherness. Contrary to what some may claim, this beauty isn't the work of a few; it is the fruit of our shared labor and common bond."
ፈጣንና ወቅታዊ መረጃዎችን ለማግኘት የ ልደታ ክ/ከተማ ኮሚንኬሽን ገፆችን ይከታተሉ !!
http://linktr.ee/lidetacommunication1
20/02/2026
Sagantaan Misooma Koriidarii baadiyyaa jireenya qonnaan bultootaa jijjiiruu danda’u guutuu biyyattiitti babal’ataa jira jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad hojiilee misooma Koriidarii Godina Wallagga Bahaa Ganda Madda Jaalalaa daawwataniiru.
Misoomni Koriidarii Godina Wallagga Bahaa Ganda Madda Jaalalaatti hojjetame madda anniisaa ammayyaa, sirna Baayoo Gaazii,Mooraa Horii, kutaalee qulqullinaa fi iddoolee magarisaa kan hamate,akkasuma hawaasaaf jireenya waaraa fi mijataa kan uume ta’uu dubbatan.
Eergaa Bulchaa Kutaa Magaalaa Lidataa Addee Li'iltii Gideeyii !!
20/02/2026
Ga'ee fi Aangoo Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Boordiin Filannoo dhaabbata seera qabeessaa fi walabaa akkaataa Heera Mootummaa Rippaabilika Diimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa keeyyata 102'n hundaa'ee dha.
Boordichi erga hundaa'ee kaasee waajjiraalee isaa sadarkaa Federaalaafi naannooleetti kan gurmeesse yoo ta'u, naannoolee fi bulchiinsota magaalotaa hundatti akkasumas akka Federaalaatti biiroo kan qabuu dha.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoowwan ja'a kan raawwachiise yoo ta'u, dabalataanis filannoo naannaawaa afur fi rifiraandamii saddeet geggeesseera.
Filannoowwan iti guutinsaa fi irra deebii adda addaas raawwateera.
Boordichi Mudde 2011 bifa haaraan ijaaruu erga eegalee asi labsiin irra deebiin hundeessuu haaraan Mana Maree Baka Bu'ootaan kan ragga'e yoo ta'u, gurmaa'insa duraa irraa karaa adda ta'een miseensota boordii yeroo guutuu shan akka qabaatu ta'eera.
Dabalataanis, waajjirri boordichaa boordichumaan kan gurmaa'u ta'ee , barri hojii miseensa tokkoo waggaa ja'a ta'eera.
Akkaataa Labsii lakk.1133/2011'n boordichi Ga'ee fi Aangoo kanatti aanan ni qabaata.
Aangoo fi Ga'ee Boordichaa:-
1. Filannoo fi refirandamii kamuu akkaataa Heera Mootummaa fi Seera Filannootiin loogii malee raawwachiisuu
2. Hawaasa Siivilii filattootaaf barnoota kennaniif eeyyama kennuu, hordofuu fi to'achuu
3. Paartilee siyaasaa galmeesuu, akkaataa seeraan hordofuu fi to'achuu
4. Ulaagaa maallaqni paartilee siyaasaaf ittiin kennamu baasuu fi akkaataa ulaagichaan deggersicha qooduu
5. Yeroo filannoo paartilee siyaasaaf akkaataa itti fayyadama miidiyaalee murteessuu
6. Daangeffama naannoolee filannoo ilaalchisee qorannoo geggeessuun Mana Maree Federeeshiniif yaada murtoo dhiyeessuu
7.Taajjabdoota filannoof eeeyyama kennuu, hordofuu fi to'achuu
8. Waajjiraalee damee Boordichaa naannoolee hundaa fi sadarkaalee bulchiinsaa sanaa gad jiraniitti gurmeessuu
9. Haala filannoowwan sadarkaa sadarkaa fi yeroo yeroon karaa bilisaa fi heerawaa ta'een itti geggeeffaman mijeessuu fi mirkaneessuu
10. Sanadoota filannoo geggeessuuf barbaachisan qopheessuu fi raabsuu
11. Itti gaafatama seera kanaa fi seerota biroon kennaman ba'achuuf qajeelfamoota barbaachisoo ta'an baasuu
12. Bilisummaa fi al-loogummaa raawwachiistota filannoo mirkaneessuu fi raawwachiisa filannootiin dhiibbaa irra ga'u ittisuu
13. Baay'ina buufataalee filannoo filannicha geggeessuuf barbaachisanii murteessuu
14. Naannoolee fi buufataalee filaannoo filannicha raawwachiisuuf barbaachisan guutuu biyyattiitti gurmeessuu
15. Raawwachiistota filannoo bilisa, ga'oo fi amanamummaa uummataa qaban fo'uu fi leenjisuu
16. Ragaalee filannoo fi paartilee siyaasaan wal qabatan walitti qabuu fi cimsuu; raawii seerota filannoo gamaaggamuun dhimmoota fooyya'iinsa barbaadan adda baasuun qaama ilaallatuuf dhiyeessuu
17. Waltajjii waloo paartilee siyaasaa qindeessuu
18. Bu'aalee filannoo mirkaneessuu fi ifoomsuu
19. Komiiwwan adeemsa filannoo dhiyaataniif furmaata bulchiinsaa kennuu
20. Adeemsa filannoo keessattii cabiinsi seeraa bu'aa filannoo irratti dhiibbaa fidu raawwatameera jedhee yoo amanu bu'aa sana haquu fi irra deebiin filannoo geggeessuu, akkasumas namoota adeemsa filannoo irratti seera cabsan, waliin dhahan yookaan nageenya boooressan seeraan gaafachiisuu
21. Bajeta qopheessee Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuun raggaasisuu fi hojiirra oolchuu
22. Gabatee yeroo filannoowwan sadarkaa sadarkaan geggeeffamanii qopheessuu, raggaasisuu, akkaataa barbaachisummaa isaatti fooyyessuu fi raawwii isaa hordofuu
23. Gabaasa raawwii hojii Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf dhiyeessuu
24. Bu'uura Seera kanaa fi seerota biroon itti gaafatama kennameef ba'achuuf gochaawwan barbaachisan kamuu raawwachuu.
Isinoo Filannoo Waliigalaa 7ffaaf qophooftanii??
Filannoo Qofaan!
23/01/2026
አስተዳደሩ የአገልግሎት ቀንን ምክንያት በማድረግ የተቀናጀ አገልግሎት በመስጠት ላይ ይገኛል።
የልደታ ክፍለ ከተማ አስተዳደር የነዋሪዎችን መሠረታዊ ጥያቄዎች ለመመለስ ዕረቡና አርብን ሙሉ ቀን በመጠቀም ቀልጣፋና ፍትሃዊ እንዲሁም ግልፀኝነት የሰፈነበት አገልግሎት እየሰጠ ይገኛል፡፡
በተቀናጀ አገልግሎት አሰጣጥ ላይ የክ/ከተማው ዋና ስራ አስፈፃሚ ወ/ሮ ልዕልቲ ግደይ፣ እንዲሁም ሌሎች የተቋም ሀላፊዎች ተገልጋዮችን እያስተናገዱ መሆኑን መመልከት ተችሏል።
አስተዳደሩ በተቀናጀ አገልግሎት ለነዋሪዎች ጥያቄ ፈጣን ምላሽ በመስጠት ግልፀኝነትን እና ብልሹ አሰራር በማስቀረት የተገልጋይ እርካታን የሚያረጋግጥ በመሆኑ በልዩ ትኩረት በመስራት ላይ ነው።
እየተሰጠ ባለው የተቀናጀ አገልግሎት፤ ተገልጋዮች ደስተኞች ሆነው ሲያመሰግኑ የልደታ ክ/ከተማ ኮሙኒኬሽን በቦታው ተገኝቶ ተመልክቷል።
17/01/2026
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Magaalaa Miizaan Amaan galaniiru.
Dooktar Abiy Ahimadii fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Buufaxa Xiyyaaraa Miizaan Amaan haaraa hojjetamuun xumuraa jiru gahaniiru.