Oromia Education Bureau

Oromia Education Bureau

Share

We Shall Make Oromia Flood of genius students who score high grades in national Exams.
2014/2022

https://www.privacypolicies.com/live/a7470f6a-b30a-41da-9e4e-5d4382c2431d

Photos from Oromia Education Bureau's post 21/10/2022

Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Nagaan Xumuramuusaa Ilaalchisee Hog/ Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo Gammachuu Qaban Ibsan.
================================
Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Fulbaana 30/2015 hanga guyyaa har'aa Onkololeessa 11/2015 tti Yunivarsiitiiwwan keessatti kennamaa ture nagaafi naamusa gaariin xumuramuusaa hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo gammachuun olaanan isaanitti dhagahamuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa kun nagaafi naamusa gaariin akka xumuramu gahee isaanii haala boonsaa ta'een kan bahan maatiin barattootaa, barattootni keenya, hoggantootni godinaalee, aanaalee, Magaalotaa. manneen barnootaa, qaamotni nageenyaa, Abbaan Taayitaa geejjibaa, Komishiinii Polisii Oromiyaa, konkolaachiftootnifi qaamotni dhimma barattootaa keenyaa irratti hirmaattan hundi galata guddaa akka qaban Dr. Tolaan ibsaniiru.
Hog/ BBO Dr. Tolaa Bariisoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Yunivarsiitiiwwan haala adda ta'een galateeffataniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa galma gahuu qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa kana haala adda ta'een 'Task Force' qindeessuun sadarkaa naannoorraa kaasee hanga mana barnootaatti diriirsuun barattootni keenya nagaafi tasgabbiin akka geejjibaman gochuudhaan abbummaadhaan waan hordofaa tureef galata guddaa qabdu jedhanii jiru.
Yunivarsiitiiwwan Naannoo keenyatti argaman hundi barattoota keenya akka maatiitti simachuu irraa eegalee nyaata, bakka ciisichaa, mana yaalaa sa'aatii 24 banaa gochuun fayyaa isaanii eeguufi akka tasgabbaa'anii qorumsa fudhatam gorsuun xumursiisanii gara maatii isaanii waan geggeessitaniif galanni keessan olaanaadha jedhaniiru.
Walumaagalatti, hojjattootni Biiroo Barnootaa Oromiyaa hundi, keessattuu barattootni keenya akka Yunvarsiitiiwwan Naannoo keenyaa keessatti ramadaman gochuuf halkaniifi guyyaa ramaddii hojjataa turtaniifi Yunvarsiitiiwwan barattootn keenya itti ramadaman deemtanii halkaniifi guyyaa haala mijeessaa turtan galateeffatanii jiru.
"Walii galan; Alaa galan!" jedhan Dr. Tolaa Bariisoo.
Kanaafuu, tokkummaan walii galteen waan hojjanneef injifannoo arganneef,
Irra deebi'anii Baga Gammadne! Baga Gammaddan jedhuudhaan ibsa isaanii xumuraniiru.
Dhumarratti, Barnootaafi Barattootni Naannoo keenyaa kanneen rakkoo garaagaraatiin qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa otuu hin fudhatin hafatan yeroo dhihoo keessatti qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffaa marsaa lammaffaan waan qoratamtaniif qo'annaa akka wal irraa hin kunne hubachiisaniiru. Haaluma wal fakkaatuun Manni Barnootaafi barsiisotni manneen barnootaa san keessatti argamanis barattootaaf deeggarsi godhamuu akka hin dhaabbannee dhaamsa dabarsaniiru.

Photos from Oromia Education Bureau's post 19/10/2022

Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Naamusa Gaariin Itti Deemamaa Jira.
09/02/2015
======================
Qorumsi Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa Barnoota Saayinsii Uumaa guyyaa 2ffaa haala Tasgabbiifi Naamusa Gaarii qabuun xumuramuu isaa gabaasni Yunivarsiitiiwwan keenya irraa nu gahe ibseera.
Barattootni kutaa 12ffaa barnoota Saayinsii Uumamaa qoratama jiran har'a guyyaa lammaffaa isaanii kan lakkoofsisan yoo ta'u haala tasgabbiifi naamusa qorumsaa eeggateen xumuruun beekameera.
Qorumsi kun ammas kan guyyaa lamaaf(10-11/02/2015) itti fufu waan ta'eef akkuma barame naamusa gaariifi tasgabbiin akka xumurtan abdii guddaa qabna.
Akkasumas naamusa gaariifi tasgabbii agarsiiftaniif Biiroon Barnootaa Oromiyaa isin galateeffatee jira.
Yunvarsiitiiwwan keenyas barattoota keenya kunuunsuun har'aan gahuu keessaniif galata guddaa qabdu.
Walumaagalatti qaamni dhimma barattoota keenyaa karaa hundaan haala mijeessaafi hordofaa jirtanis galatooma jechaa hanga guyyaa barattoota keenya gara maatii isaaniitti deebisnutti cimnee kan itti fufnu ta'a!

Barattoota Keenyaaf Carraa Gaarii Haata'u!

B B O
======

Photos from Oromia Education Bureau's post 19/10/2022

Guyyaan Galmee Barattoota Kutaa 9ffaafi 10ffaa Manneen Barnoota Bultii Addaa Sad. 2ffaa Beekameera.
----------------------------
Biiroon Barnootaa Oromiyaa bara barnootaa 2015 barattoota kutaa 9ffaa baratan qorumsa seensaa kennuun adda baasnee Manneen Barnootaa Bulti Addaa Sad. 2ffaa torba keessatti raabsnee ramaduun keenya ni beekama.
Haluma kanaan:
kutaa 9ffaa guyyaan_galmee :- Onkololeessa 19/2015 hanga 20/2015 yoo ta'u 21/02/2015 adabbiin kan galmaa'an ta'uun beekameera.
kutaa 9ffaa haaraa waan taataniif meeshalee qabattanii dhufuu qabdan akka armaan gadiitti isin beeksifna.
- Uffata halkan uffatamu / Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatiifi kkf/
- Uffata Ispoortii guutuu kophee dabalatee /uffata bishaan ittiin daakamu, kan Jimnaastikiin ittiin hojjatamu/
- Meeshaalee Barnootaa /dabtara, qalama, kobbee,qartuu, sarartuufi kkf/
- Ragaalee barnootaa kutaa 8ffaa irraa gara 9ffaa ittiin dabartan orijinaalaafi koopii tokko tokko waliin dhiheessuu
- Suuraa yeroo dhihoo keessatti kaatan 3×4 lama fi kan maatii keessanii/ kan abbaa ykn kan haadhaa ykn kan guddiftuu/ qabattanii Mana Barnootaa itti ramadamtanitti guyyaa jedhametti akka galmooftan isin beeksifna.
kutaa 10ffaa immoo guyyaan galmee isaanii:
Onkololeessa 14/2015 hanga 15/2015 yoo ta'u 16/02/2015 adabbiin kan galmaa'u ta'uun beekameera.
Hubachiisa:- Barattoota kutaa 9ffaas ta'ee 10ffaa guyyaa galmeef ibsaman booda kan dhufan fudhatama akka hinqabne hubachuun guyyaa jedhaman keessatti akka galmooftan isin beeksifna.

Bara Barnootaa Gaarii Isiniif Haata'u!
B B O
----

Photos from Oromia Education Bureau's post 17/10/2022

Barattootni manneen barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa sad.2ffaa Oromiyaa keessatti argaman seentanii barachuuf qormaata seensaa bara 2015 fudhattanii qormaaticha dabartanii ramaddiin isinii kenname baga gammaddan jechaa; Bakka ramaddii keessanii akka asii gadiitti ilaallachuu dandeessu.

Photos from Oromia Education Bureau's post 16/10/2022

Deeggarsa Dhaabbata 'UNICEF'n Deeggaramuun Dhaabbatni 'My Home' ykn 'Bete' Jedhamu Sagantaa isaa Beeksisee Jira.
05/02/2015
========================
Dhaabbatni 'My Home' ykn ' Bete' jedhamu daa'imman sababa balaa adda addaatiin buqqa'an barnoota barachuu akka danda'an, ogummaa jireenya isaanii foyyessu leenjisuufi nageenya isaanii eeguu irratti kan hojjatu dhaabbileen sadi walitti hedhufuun kan dhaabbatan rakkoo ummata keenyaa salphisuuf iddoowwan rakkisaa keessa taa'anii hawaasa gargaaruuf kan dhaabbatedha.
Dhaabbileen walitti dhufanii 'My Home' ykn 'Bete' ta'anii qindoman kunniin kanaan dura naannoo Oromiyaafi Naannoo Sabaafi Sablammoota Ummata kibbaa keessatti hawaasa gargaaraa turan ta'uun ragaan jiru ni agarsiisa.
Naannoo Oromiyaa Keessatti Godina Baalee, Baalee Bahaa,Gujii, Gujii Dhihaa,Wallaggaa Dhihaafi Wallaggaa Bahaa
Naannoo Ummata kibbaa keessatti immoo Godina Koonsoo keessatti hajjataa akka jiran ragaan ni mul'isa.
Dhaabbatni 'Bete' ykn My Home jedhamu naannoowwan daangaa irra jiran, gammoojjiifi bakka rakkoon nageenyaa jiru hundatti ummata keessa seenuun gargaaraa jiran ta'uun erga ibsamee booda qaamni mootummaa cimee isaan cinaa akka dhaabbatu gaafataniiru.
Haaluma kanaan I/A Hoggantuun Biiroo Barnootaa Oromiyaa Adde Magartuu Mahaammad ergaa dabarsan keessatti "Biiroon Keenya yeroo nuti ummata Oromoo hundaaf Barnoota qulqullina qabu kennuuf carraaqaa jirrutti nu cinaa dhaabbachuu keessaniif galateeffanna" jechuun Dhaabbata kana cinaa BBO'n akka dhaabbatus ibsaniiru.
Dhumarratti, I/A hoggantuu BBO Adde Magartuu Mahaammad Dhaabbata UNICEF kan bajataan deeggaraa jiruufi dhaabbata Imagine 1Day _ Ethiopia jedhu galateeffachuun wantoota barnoota irratti hojjatamu hundaan biiroon keenya isin cinaa jira jechuun dhaabbatichaaf bara hojii gaarii hawwaniiru.

Photos from Oromia Education Bureau's post 13/10/2022

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Gamaaggama Raaw'ii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2015 Geggeesse.
03/02/2015
========================
Biiroon Barnootaa Oromiyaa raaw'ii hojii kurmaana 1ffaa(Adoolessa, Hagayyaafi Fulbaanaa) gamaaggamuun ciminaafi hanqina adda baafachuun
kurmaana 2ffaa immoo maal irratti xiyyeeffatamee akka hojjatamuu qabu hojjattotni hunduu yaadaa irratti kennuu qabdu jechuudhaan hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo sirna gamaaggama raaw'ii hojii kurmaana tokkoffaa bananiiru.
Gabaasni Raaw'ii hojii kurmaana 1ffaa bakka hojjattootni BBO hundi jiranitti magaalaa Adaamaatti kan geggeeffame yoo ta'u raaw'iin karoorichaa kan dhihaate kutaa lamatti qoqqoodameeti.
- Kutaan duraa, Raaw'ii Inisheetiivii Barnootaa yoo ta'u
-Kutaan lammaffaan immoo raaw'ii hojiiwwan gurguddoo jedhamuun Daarektara Daarektoreetii karooraa obbo Hasan Idris dhihaateera.
Haaluma kanaan Inisheetiivii Barnootaa jalatti;
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu ilaachisee kan karoorfame 6000 ijaaruuf yoo ta'u raaw'iin karooraa ol 6,429 ijaarsi jalqabameera. Kanneen ijaarsi jalqabame kessaa immoo 2 ,421 xumurameera.
1 383 immoo hojiin baruu barsiisuu keessatti eegalameera.
Manneen Barnootaa Bu'uura Boruu Barsiisota 2950 leenjifamanii yoo ramadaman barsiisotni 3000 immoo marsaa lammaffaa leenjiif qophaa'aniiru.
Barattootaaf dhiheessu ilaalchisee gabaasni dhihaate immoo karoorri barattoota miliyoona 7.5 nyaata dhiheessuu yoo ta'u guyyaa nyaata barattootaaf dhiheessuun itti labsame (01/02/2015) irraa eegalee hanga har'aa kan qabatamaan bira gahame barattoota miliyoona 1.5 f laachuun beekameera. Kunis kan guyyaa 3 keessatti hoggantootni Biiroo keenyaa irra naanna'uun mirkaneeffatan ta'uun ibsameera.
Miidhaan nyaataa barattootaaf bara 2015 laatamu Godinaaleefi Magaalota hunda keessatti haala gaariin kan walitti qabaman ta'uun beekameera.
Barnootaa Haaraa hojiirra oolchuu ilaalchisee kitaabileen hunduu kan qophaa'an yoo ta'u maxxansuu irratti hanqinni baajataa waan nu qunnameef hanga dhaqqabutti kitaabilee hunda "Soft copy " isaa telegramii Biiroo keenyaa irraa buufatanii akka itti fayyadaman fuula Facebook "Biiroo Barnootaa Oromiyaa" jedhu irratti ibsamee jira jedha gabaasichi.
Kanumaan walqabatee leenjiin barsiisotaa, daarektarootaafi suparvaayizarootaas marsaa adda addaatti geggeeffamuun barsiisota sirna barnootaa haaraa qopheessuun ibsameera.
Barnoota Ga'eessotaa,
Oromoo Naannolee Ollaatti Babal'isuuf
keenya Afaanota Biyya alaa dabalataan barsiisuu akka hojiirra oolchaa jirru mata duree Inisheetiivii Barnootaa jalatti dhihaachuun bal'inaan irratti mari'atamee jira.
Kutaa lammaffaa; Raaw'ii hojiiwwan gurguddoo jalatti dhihaatanii kanneen irratti mariin geggeeffame immoo
Barattoota Bara 2015 ilaachisee hanga har'aatti barattooni miliyoona 10 ol galmaa'anii barataa kan jiran ta'uu gabaasa keessatti ka'eera.
kutaa 8ffaa "Software" haaraa maddisiisuun itti sororfamee jira, qabxii barattootaa ittiin guutnee waraqaa ragaa ittiin qopheessuun hojiirra oolchinee jirra. Akkasumas ragaan galmee barattootaa aanaafi godinaalee irraa Biiroo Barnootaa kan gahu "software" kanaan yoo ta'u ragaa keenya gara sirna dijitaaawaatti jijjirra akka jirru ibsameera.
Barnootaa, waa'ee milkaa'ina Qorumsa Biyyoolessa Kutaa 12ffaa naannoo keenyaa, waa'ee itti fayyadama baajataa, waa'ee leenjii humna namaafi kkf irratti gadi fageenyaan erga mari'atanii booda dhimmoota gabaasa keessatti dabalamuu qabaniifi sirrachuu qaban irratti yaada kennaniiru.
Dhumarratti Dr. Tolaa Bariisoo hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa hirmaattotaaf yaada walii galaafi kurmaana lammaffaa keessa immoo hojiilee irratti xiyyeeffatamuu qaban kallattii kaa'uun mariin xumurameera.

12/10/2022

Qorumsi Biyyoolessaa Barnoota Saayinsii Hawaasa Kutaa 12ffaa Har'a Nagaan Xumurame.
02/02/2015
=======================
Barattootni Saayinsii Hawaasaa Qorumsa fudhatan lakkoofsan baay'ee hedduu ta'anillee naamusni gaariin isaan qorumsa irratti agarsiisan Biiroo Barnootaa Oromiyaatiin akka Galateeffaman isaan taasiseera.
Qormaatni Barattoota Saayinsii Hawaasaa bara 2014 barataa turan Fulbaana 30/2015 kan eegalame yoo ta'u har'a Onkololeessa 02/2015 waaree booda haala nagaafi naamusa gaariin xumurameera.
Barattootni kutaa 12ffaa bara 2014 barataa turan gara Yunivarsiitiiwwan mootummaatti faffaca'anii guyyaa sadiif qorumsa xumura kutaa 12ffaa fudhataa turan har'a waaree booda gosa barnootaa Seenaa(History)fi Barnoota Lammummaafi Amala Gaarii(Civics & Ethical Education) fudhachuun nagaafi naamusa gaariin xumuramuu isaa ilaalchisuun Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Qorumsa fudhatan galateeffateera.
Gara maatii isaaniis akka nagaan galan hawweefiira.
Akkasumas qaamota qindoominaan barattoota keenya hordoffiifi kunuunsa gochaa jiran hundi galata akka qaban ibsuun keessattu Yunvarsiitiiwwan keenya Barattoota akka maatii taatanii simachiudhaan waan kunuunsitaniif galanni keessan olaanaa ta'uusaa ibsameera. Qorumsa har'a xumurameen wal qabatee barattootni hedduun har'a irraa kaasee kan geggeeffamaa jiran yoo ta'u guyyaa boruu 03/02/2015fi 04/02/2015 gara maatii isaanii geejjibamuun kan itti fufu ta'uu sagantaan bahe ni agarsiisa.
Kanaafuu, qaamni barattoota geejibsiisu hundi konkolaachisaa waliin ta'uun yaadaa_qalbiifi tasgabbiin barattoota gara maatii isaanii akka deebiftan Biiroon Barnootaa Oromiyaa dhaamsa dhabarsee jira.
Itti aansuudhaan Onkololeessa 5-6/2015 immoo barattootni Saayinsii Uumamaa gara Yunivarsiitiiwwan itti ramadamaniitti waan geejjibamaniif qaamni hunduu muuxannoo argannetti fayyadamuun hanga xumuraatti cimnee akka keessa baanu wal yaadachiisaa,
Barattootni Qorumsa Barnoota Saayinsii Uumamaa kutaa 12ffaa qorataman odeeffannoo qorumsaa kan kennamuuf 07/02/2015 yoo ta'u, qorumsi immoo 08-11/02/2015 waan ta'eef qophii gahaa akka taasisan ibsaa,
Barattoota keenyaa hundaaf karaa gaarii hawwaa, barattoota Saayinsii Uumamaatiif dabalataan Carraa Gaariin akka isaan qunnamu ni hawwina.
B B O
======
Onkololeessa 02/02/2015
Finfinnee
--------

Photos from Oromia Education Bureau's post 07/10/2022

Yunvarsiitiiwwan Barattoota Qorumsa Biyyoolessa Kutaa 12ffaa Fudhataniif Simannan Godhamaa Jiru Itti Fufeera.
27/01/2015
========================
Yunvarsiitotni Mootummaa kanneen Naannoo Oromiyaa keessatti argaman barattoota keenya simachuufi kunuunsuu irratti haala gaariin hirmaataa akka jiran hubatameera.
Simannaa irraa jalqabee haala mooraa keessaa mara mijeessuun barattootni akka dafanii madaqaniifi qorumsa isaanii qofarratti akka xiyyeeffatan gochuuf haala gaariin kunuunsaa akka jiran koree simannaa barattootaa ibsaniiru.
Barattootnis simannaafi kunuunsa godhamaafii jiruttu baay'ee kan gammadan ta'uu isaanii dubbataa jiru.
Haala geejjibaa ilaalchisee barattootni yoo dubbatan haala qindoomina qabuufi rakkoo tokko malee nagaan gara mooraa Yunivarsiitiiwwanii akka gahan dubbataniiru.
Dabalataanis barattootni qorumsaaf gara mooraa Yunivarsiitiiwwanii dhufan xiyyeeffannoon isaanii qorumsa irratti qofa akka ta'e dubbataa haala simannaa ho'aa isaaniif godhameef Yunivarsiitiiwwan galateeffataniiru.
Haalli Simannaafi Kunuunsi Godhamaa jiruufi yaadni barattootaa walfakkaataa waan ta'eef Yunvarsiitotni keenya hanga xumuramutti miiruma kanaan akka itti fufamu dhaamsa keenya ta'a.

B B O
====
Finfinnee
27/01/2015

Photos from Oromia Education Bureau's post 05/10/2022

Fulbaana 25/2015

Biiroon Barnootaa Oromiyaa barattoota qaxalee baay'inaan horachuuf karoorfatee hojii hojjetaa tureen manneen barnootaa addaa sad.2ffaa faasiliitii hunda guuttate qopheessuun barattoonni kutaa 8ffaatti qabxii ol'aanaa fidanii gara kutaa 9ffaatti darban keessaa qirmaata seensaa kennee calaluun akka baratan gochaa jira.
Bu'uuruma janaan barattoonni manneen barnootaa Ifa Boruu Addaa Sad.2ffaa seenanii baratan qormaanni seensaa wiirtuu qormaanni kennamu hundarratti nagaafi tasgabbiidhaan fudhatanii jiru.
Barattoonni qormaata kana fudhatan,
Dhi= 4,234
Dub= 2684
Walitti barattoonni 6,918 ta'an nagaan fudhatanii xumuranii jiru.

05/10/2022

Baga Guyyaa Barsiisotaa Addunyaa Geessan.
(Dr. Tolaa Bariisoo Hog/ BBO)
25/01/2015
===================
Biyyi tokko Barumsaan dagaaguufi haala fooyya'aatti ce'uu kan dandeessu ifaajjii Barsiisotaatiin ta'uun kan itti walii galameedha.
Kanaafuu Barsiisotni biyya keenyaafi Naannoo keenyaas haala mijaawaa otuu hin eeggatin bu'aa bahii baatanii dhaloota bara baraan qaraa jirtu.
Kanaaf Galanni keessan Guddaadha.
Baga Guyyaa Barsiisotaa Addunyaa Geessan/Geenye!
Yeroo ammaa Barsiisotni Naannoo keenyaa haala mijaawaa ta'e otuu hin eeggatin Sirna Barnootaa Haaraa hojiirra oolchaa jirtu.
Walumaagalatti sammuu dhaloota haaraa qaruudhaaf hojiiwwan barnootaa babal'aa geggeessaa waan jirtaniif ammas irra deebi'ee isin galateeffachaa
Baga Guyyaa Barsiisotaa Addunyaa Geessan/ Geenye isiniin jedha.

Dr. Tolaa Bariisoo
Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa

Photos from Oromia Education Bureau's post 04/10/2022

Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Manneen Barnootaa Addaa Sad.2ffaatti Baratan Filachuuf Qophii Xumre

Barattoota manneen barnootaa addaa sad.2ffaa seenanii barataniif qormaata seensaa wiirtuu filatamanitti Fulbaana 25/2015tti kennuuf qophiin xumuramee jira.
Manneen barnootaa addaa sad.2ffaa waj barnootaa godinaalee, Bul.magaalotaafi Yuunivarsiitota Naannoo Oromiyaa keessatti argamaniin kan hundeeffamaniifi deeggaraman yammuu ta'u; barattoota qaxalee baay'inaan horachuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa hojii bal'aa hojjetaa jira.

Bu'uuruma kanaan, waajjirri barnootaa sadarkaan jirtan hundi barattoota qormaata seensaa fudhachuuf galmaa'anii qophiirra jiran waamicha taasisuun guyyaa jedhametti ganama keessaa sa'aatii 2:30tti wiirtuu qormaanni kennamutti akka argaman gochuufi seeraafi naamusa qormaataa kabajuun akka kennitan dhaamsa dabarsina.
BBO

Barattootaaf Carraa Gaarii!!

Photos from Oromia Education Bureau's post 01/10/2022
Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Oromia Region
Addis Ababa