Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ

Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ

Share

Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Mirgi Bakka bu’iinsii fi fayyadamummaan isaanii mirkanaayee arguudha.

Women and Childrens of Oromia to see their Right to Representation and benefits guaranteed. Dubartootaa fi Daa’imman Naannoo Oromiyaa Mirgi bakka bu’iinsii fi fayyadamummaan isaanii gama Diinagdee , Hawaasummaan fi Siyaasaa keessatti mirkanaayee arguu dha.

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 26/05/2026

Caamsaa,18/9/2018
Finfinnee
Manni Maree Ministirootaa yaa’ii idilee 55ffaa Guyyaa har’a wixinee Imaammata Biyyaalessaa Aangomsuu Dubartootaa fi Walqixxummaa Koorniyaa irratti gaggeesse.
===
Imaammatni kun kan qophaa’ee fi Mana Maree kanaaf kan dhiyaate waliigalteewwan walqixxummaa koorniyaa idil-addunyaa fi Itiyoophiyaan raggaasiftee, hundee wal-qixxummaa saalaaf xiyyeeffannoo gahaa kennuudhaaf, midhaa koorniyaa irratti hundaa’e sirnaa ittisuu fi deebii kennuuf, akkasumas dubartoota qaama miidhamtootaa fi dubartoota rakkoo adda addaatiif saaxilamoo ta’aniif deebii kennuudhaaf. Wixineen kun waliigalteewwan walqixxummaa koorniyaa idil-addunyaa fi Itiyoophiyaan raggaasifte waliin walsimsiisuun qophaa’ee Mana Maree kanaaf dhiyaateera. Manni Marichaa wixinee imaammataa kana irratti marii bal’aa erga taasisee booda galteewwan dabaluu fi guyyaa Manni Marichaa raggaasise irraa eegalee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesse jira.

24/05/2026

Dubartootaa fi siyaasaa:Hirmaannaa Siyaasaa: Dubartoonni aangoo siyaasaa, filannoo, fi murteewwan seeraa keessatti qooda fudhatanii, fedhii fi yaada hawaasa isaanii mul'isu
====
Sosochii duula na filadhaa Akka Nannoo Oromiyaatti Dubartootaa Deegrtootaa fi Miseensoota paarti Badhaadhinaa ta'an Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 23/05/2026

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti
===
Paartiin Badhaadhinaa injifannoonowwan argaman kana itti fufsiisuudhaan Itoophiyaa gara biyya fakkeenya badhaadhina taateetti ceesisuuf filannoo waligalaa marsaa 7ffaa bara kana geggeeffamu irratti duula na filadhaa Dubartootaa akka Naannoo Oromiyaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffameera.

Biyya keenya Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa sagalee uummataan gara aangootti dhufuu hordofee jijjiiramoonni gurguddoon gama dinagdee, hawaasummaafi siyaasaatiin galmaa'a jiru. Keessumaa biyyi keenya biyya sabdaneessummaafi afdanessuummaan keessatti dagaage gochuudhaan hojiilee gurguddoo sirna dimokiraasii bu'uuressuu irratti hojjetamaa jiruun milkaa'inoonni abdachisoon argamaa jira jedhan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaa Addee Mabraat Baacaa.

Gama biraatiin biyyi keenya birmadummaa siyaasaa qabduun cinatti birmadummaa dinagdee ishees akka mirkanahuu gochuuf yaadama dinagdee damdaneessaatiin hojiilee hojjetamaa jiraniin injifannoowwan gurguddoon argamaniiru. Keessumaa Hirmaanaa fayyadamummaa dubartootaa walqixummaa korniyaa yaadama kanaan hubachuudhaan gara bu'aa dinagdeetti jijjiiruuf tarkaanfileen garagaraa fudhatamaa jiran abdii kan namatti horanhimaniru.

I/A Af-Yaa'ii caffee Nannoo Oromiyaa Obboo Elias Ummataa gama isaaniitiin, filannoon mul'iftuu demokraasii, sanada waliigaltee paartiifi hawaasni ittiin waliigalaniifi meeshaa murteessummaa uummanni abbaa aangoo dhugaa tahuu ittiin mirkaneessu ta'u himaniiru.

Paartiin badhaadhinaa paartii kaayyoofi ajandaawwan ummanni gatii guddaa itti kaffale milkeessuuf hojjatatuudhaas jedhanii jiru.

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 23/05/2026

Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti!
===
Sosochiin Duula na filadhaa Paartii Badhaadhinaa Dubartootaa Akka Nannoo Oromiyaatti Magaalaa Bishooftuutti sirna gargaraatti gaggeeffama jira.

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 22/05/2026

Hirmaanaan dubartooni siyaasa keessatti qaban ! Miiraa jalalaa hawaasa keessatti ummuun tokkumma ummataa dhugomsuun Dimokraasii lafa qabsiisuu keessatti gaheen isaani olaana dha!

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 22/05/2026

Gaheen dubartootaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban gudda dha.Keessummaa siyaasa keessatti Dubartoonni qooda fudhataniin feedhii fi yaada hawaasaa mul'isuu

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 21/05/2026

Dubartootni utubaa Biyyaatti!
Gaheen Dubartootaa ijaarsa biyyaa keessatti olaanadha!

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 19/05/2026

Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman oromiyaatti Lammilee miidhaan koornayaa bu'uurefachuun irraa gahe dandamachiisuu, tajaajila kennuufi deebisanii dhaabuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.
===
Hoggantuun Itti Aantuun Biiroo ‎ Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaa Gamaggama fi leenjiin ittisa koornayaafi kallattiin hojii bara 2019 kennamuu irratti yaada kennaniin Bakka rakkoon nageenyaa jirutti dubartootni miidhaa koorniyaa bu'uureffateef saaxilamummaa guddaan kan mudatu ta'uu himanii, dhaabbata deeggarsa fayyadamuun hawaasaafi dubartoota rakkoo kanaaf saaxilaman gama hawaasumnaafi diinagdeen dandamachiisuun deebisanii dhaabuun dabalatee xiinsammuu isaanii jabeessuun murteessaa ta'uu himanii, kana bu'uura taasifachuun xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jira jedhan. ‎Galma ga'insa hojichaafis dhimmamtoonnifi qooda fudhattoonni hunduu tumsuu akka qabanis Aadde Samiiraan himaniiru.

Biirichatti Qindeesaan Sagantaa Lammilee Miidhaa Koornayaa Bu'uurefatee Irraa Gahe Deebisanii Dandamachiisuu, Tajaajila Kennuufi Deebisanii Dhaabuu Dr. Iwunetuu Busheerii akka jedhanitti sagantichi Pirojeektii hawaasa sababa rakkoo nageenyaan miidhan dandamachiisuufi deebisanii dhaabuu '3R Itoophiyaa' jedhamuun kan deeggaramu ta'uu himanii, kaayyoon sagantichaas godinaalee Oromiyaa 4fi Aanaalee 5 gandoota 60 keessatti dubartoota sababa rakkoo nageenyaan miidhaman dingadeen damdamachiisuufi deebisanii dhaabuuf kan hojjetuu ta'u ibsaniiru.

‎Dubartoota Aanaalee Godina kunneenii sababa rakkoo nageenyaan miidhaman 500 ta'an Aanota 5 irraa filuun leenjiin ogummaa baatii 3f turu kennamaa jira jedhan. Leenjii kanaan boodas leenjitoota kanneen gurmeessuun hojiitti bobbaasuun hojjetanii jiruufi jireenyasaanii akka geggeefataniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu Dr. Iwunetuun yaadachisaaniiru.

Dubartoota sababa rakkoo nageenyaatiin miidhaan irra gahe gama hundaan damdamachiisuu, deebisanii dhaabuuf qooda fudhattoonnifi dhimmamtoonni hundi xiyyeeffannoon kennuu akka qabanis dhaamaniiru.

Photos from Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa'imman Oromiyaaኦሮሚያ ሴቶች እና ህፃናት ጉዳይ ቢሮ's post 14/05/2026

Dubartootni Ijaarsa Biyyaa fi Sirna Keessatti Gahee Olaana Qabu. Dubartootni Nadoo Qamadii ni Filanna Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Keenna . Paartii Badhaadhina Filachuun Dimokiraasii, Federaalizimii Dhugaa , Misooma ,Walqixxummaa fi Sabdaneessuummaa Filachuu . Paartii aantummaa Uummataa Qabu Filachuun Itoophiyaa Gara Biyyaa Fakkeenyummaatti haa Ceessisnuu
===++
Addee Mabraat Baacaa Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartootaa Daa'imman Oromiyaa

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Sarbet
Addis Ababa
1000