Oromia President Office

Oromia President Office

Share

Oromia President’s Office — Official page

03/06/2026

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti Kilaastara Omisha Maangoo

Photos from Abiy Ahmed Ali's post 03/06/2026
Photos from Oromia President Office's post 01/06/2026

Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa Naannoo Filannoo Dandii 2ffaa, Buufata Filannoo Galama Bulchiinsa Magaalaa Ginciitti argamuun sagalee isaanii kennanii jiru.

Filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa, Naannoo Filannoo Dandii 2ffaatti Paartii Badhaadhinaa bakka bu'uun Caffee Oromiyaaf kaadhimama kan ta'an Kab. Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa erga sagalee isaanii kennanii booda ergaa dabarsaniin, aadaa dimokiraasii jabeessuuf ummanni keenya xiiqii ol'aanan ganamaan ba'ee mootummaa isaaf ta'u ijaaruuf hiriiruun ragaa ta'uu eeran. Ittidabaluunis, qaamni kamiyyu fedhii ummataan malee gara aangootti dhufuun akka hin danda'amne agarsiiftuu guddaa ta'uu yaadachiisan.

Photos from Oromia President Office's post 27/05/2026

Giddugala Aadaa Oromoo Booranaa Suuraan:-

Photos from Shimelis Abdisa's post 27/05/2026
Photos from Oromia President Office's post 27/05/2026

MM Abiyyi Ahimad(PhD) Giddugala Aadaa Oromoo Booranaa, Magaalaa Yaaballootti ijaarame eebbisan.

Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD), Magaalaa Yaa’aballootti kan argamu Giddugalli Aadaa Oromoo Booranaa guyyaa har’aa eebbifamuu ibsuun, dhagaan bu’uuraa giddugalichaa bara 2013 Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon kaa’amuufi gurgurtaa kitaaba Ida’amuun kan ijaarame ta’uu eeran.

Giddugalichi lafa heektaara 57.6 irra kan qubate yoota'u, ‎giddugalli kun Sirna Gadaa agarsiisuuf haala addaan diizaayin kan ta'e, akkasumas galma walga’ii yeroo tokkotti hanga namoota kuma lamq qabachuu danda’uufi godambaa hambaalee kan ofkeessatti hammateedha.

Walumaagalaan, giddugalichi aadaa, seenaafi falaasama Oromoo Booranaa dhalootatti ceesisuuf qooda olaanaa qabaachuus MM Abiyyi eeraniiru.

Photos from Oromia President Office's post 27/05/2026

Pirojektiin Guddichi Dhiyeessii Bishaan Dhugaatii Galchat Sariitee bishaan qulqulluu amansiisaa ta’e ummanni akka argatu taasisuun jireenya hawaasa Godinaalee Booranaa bu'uurarraa jijjiiruu eegale.

Jila Ministiira Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) n durfamuun kan daawwatame pirojektiin bishaan dhugaatii Galchat Saritee, ummata bal'aaf bishaan dhugaatii qulqulluufi amansiisaa ta’e akka argatan taasisaa kan jiru yoota'u, piroojektichi hojii sarara ujummoo kiiloo meetira kumaatamaan lakkaa’amu, bu’uuraalee misooma bishaanii dandamachuu danda’an, wiirtuuwwan paampii sadarkaa olaanaa qabanifi kuufama bishaanii gabbataa gogiinsa damdamachuu danda'uun kan walqabateedha.

Jijjiiramaan dura rakkoon gama bishaan dhugaatiin hawaasa Godinaalee Booranaarra gahaa ture ulfaataafi baroota dheeraaf deebii dhabee kan tureedha. Xiyyeeffannaa mootummaan jijjiiramaa gama hundaan hawaasa horsiisee bulaaf kennee hojjachaa jiruun hawaasni godinichaa furmaata waaraa argataa dhufeera.

Gama Bishaan Dhugaatitii Pirojektiin kun hawwii ummataa Godinaalee Booranaa yeroo dheeraa dhiheessii bishaan dhugaatii argachuuf qabu deebisuun tajaajila jalqabuunsaa mootummaan hangam rakkoo bu’uuraa ummataa hiikuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru kan agarsiisudha.

Walumaagalaan, bishaan bu’uura misoomaa, jireenyaafi fayyaa hawaasaa ta'uu hubachuun, jijjiiramaa as mootummaan tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu babal’isuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf Oromiyaatti hojiileen gurguddoon hedduun gama kanaan hojjatamanii tajaajila ummataaf banaa ta'aniiru.

27/05/2026
Photos from Oromia President Office's post 27/05/2026

Jilli Ministira Muummee Abiyyi Ahimad(PhD) n durfamu Godina Boorana Bahaatti argamuun sochiilee misoomaa garaagaraa daawwataa jira.

Bu'uuruma kanaan, jijjiirama gama qonnaan godinicha keessatti mul’achaa jiru immoo imala Itiyoophiyaan nyaatan ofdanda’uutti taasiftu ragaa cimaa ta'uu MM Abiyyi eeran. Bara kana qonnaan bultoonni lafa heektaara kuma 176,223 ol misoomsuun kuntaala miiliyoona 3.1 ol ni sassaabu jedhamee akka eegamus himan.

Photos from Oromia President Office's post 27/05/2026

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa biyya keessatti bakka balaliisaa 24ffaa, Buufata Xiyyaaraa Gadaa Nagallee Booranaa bakka MM Abiyyi Ahimad(PhD), Pirezidaantiin MNO Shimallis Abdiisaafi hoggantoonni mootummaa federaalaafi naannoo ol'aanoon argamanitti eebbifameera.

Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Address


Addis Ababa
106917