Oromia President Office

Directions Website Contact the organization

Oromia President Office Oromia President’s Office — Official page
(206)

19/10/2026
19/10/2026

Mootummaan wantota shan sirnaan hogganuu qaba. Isaanis Misooma, tajaajila, nageenya, bulchiinsaafi ce'umsadha.

Nageenya waaraa ijaaruun imaammata misoomaarraa adda hin bahu! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNONageenyi Mootummaa N...
19/10/2026

Nageenya waaraa ijaaruun imaammata misoomaarraa adda hin bahu! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Nageenyi Mootummaa Naannoo Oromiyaa biratti bu’uura jireenya hawaasaa qofa osoo hintaane, bu’uura misoomaa, invastimantii, hojii uumuu, oomishtummaafi badhaadhinaati. Ce’umsa hawaas-dinagdee naannichaa qabatamaan milkeessuuf nageenyi waaraan bu’uura murteessaa waan ta’eef, qabeenyaafi humni namaa naannoo nageenya qabu keessatti qofa sirnaan hojii dinagdee keessatti hirmaachuu danda’a. Kanaaf, nageenya waaraa ijaaruun imaammata misoomaa irraa adda hin bahu.

Mootummaan waldhiibinsaafi jibbiinsa siyaasaa hambisuun marii, marabbaa, araaraafi waliigaltee cimsuun nageenya waaraa ijaaruuf hojjechaa jira; marii nagaa kamiifuu karrisaa akkuma yeroo maraa banaadha. Rakkoolee nageenyaa naannoo keenyatti mul’atanis marii, araaraafi waliigaltee ummataatiin furuuf tattaaffiin taasifamu kan ittifufu ta'a. Garaagarummaan siyaasaa gara jeequmsaatti ce’uu hin qabu; falmiin siyaasaa kamiyyuu karaa nagaa, mariifi seeraan gaggeeffamuu qaba. Gochi lubbuu namaa galaafatu, qabeenya mancaasuufi tasgabbii hawaasaa booru kamirraa dhufullee fudhatama hin qabu; nageenya ummataa tiksuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuun immoo dirqama mootummaati.

Haata’u malee, nageenyi mootummaa qofaan hin ijaaramu; qalbii, hirmaannaafi tumsa waloo hawaasaa irraa ijaarama. Abbootiin Gadaa, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dubartoonni, dargaggoonni, hayyoonni, dhaabbileen hawaasaafi qaamoleen siyaasaa hundi nageenya waaraa ijaaruu keessatti gahee qabu. Mootummaan gama isaatiin seera kabachiisuufi nageenya lammiilee mirkaneessuu irratti gahee isaa ni bahata.

Kanaaf, waggoota dhufan keessatti nageenya akka bu’uura misoomaafi badhaadhinaatti ilaaluun, nageenya waaraa, olaantummaa seeraafi waliigaltee hawaasaa walitti hidhuun cimsuun murteessaadha. Nageenyi bu’uura misoomaa ta’ee, misoomni immoo nageenya waaraa cimsa; akkasitti nageenyaafi badhaadhinni wal-deeggaranii ijaaramu.

18/10/2026

Caaseffama haaraa keessatti ga'eefi ittigaafatamummaan naannoo tarsiimoo bocuufi hojiilee gurguddoo qajeelchudha. Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa

Gurmaa'insi caasaa haaraa MNO, fayyadamummaa ummataa kan giddugaleeffatedha! Pirezidaanti, Shimallis Abdiisaa Caffeen Or...
17/10/2026

Gurmaa'insi caasaa haaraa MNO, fayyadamummaa ummataa kan giddugaleeffatedha! Pirezidaanti, Shimallis Abdiisaa

Caffeen Oromiyaa murtee seena qabeessa fayyadamummaa ummataa giddugaleeffate dabarsuun rifoormii haaraa ijaarsa sirna cimaafi mootummaa jabaa bu’uuressuuf ta'u yaa’ii isaa duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa taa'een, Wixinee Labsii Gurmaa’insa MNO raggasisuun isaa kan yaadatamudha. Wixineen kunis hojiilee walfakkaataa bakka tokkotti gurmeessuu, tajaajila ummatatti dhiyeessuu, sochii dinagdee ariifachiisu, akkasumas ittiquufiinsa tajaajila mirkaneessuu irratti kan kaayyeffatedha.

Waggoota shanan dhufan, haala dandeessisoo umuu, dandeettii mootummaa gara jireenya ummataatti jijjiiru danda'u ijaaruu qaba. Bu’uuruma kanaan, gurmaa’insa qaama raawwachiisaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa naannoofi magaalaa hanga gandaatti jiru keessa-deebiin kan caaseffamedha.

Kanaaniis, angoo, leecalloofi tajaajilli rarra’ee hafe akka ummataatti dhiyaatu ta'a. Manneen hojii naannoos, ko’oma hojii bulchiinsaa keessaa baahuun gara imaammataafi tarsiimoo maddisiisuufi raawwii qindeessuuti akka ce’an keessa-deebiin kan caaseffamedha. Kunis, kaayyoo galmoota qabsoo Oromoo sadan: dinagdee cimaa ijaaruu, barnootaaf tekinoolojiin dhaloota dorgomaa ta'e umuu fi srna cimaa ijaaruu jedhu milkeessuu giddugala taasifatee kan hojiirra ooludha.

15/10/2026

Riifoormiin caasaa MNO’n taasifamaa jiru gulantaa afuriitti qoodamuun adeemsifamaa kan jirudha. Isanis: aangoofi tajaajila sadarkaa naannootti kuufamee ture caasaa gadiitti siqsuu, seektaroota akkaata hojii isaaniitti akka gurma’aan taasisuu, mootummaa gandaa idilaa'e hundeessuu fi riifoormii sadarkaa godinaafi naannootti raawwachudha.

Imaammanni galii Oromiyaa sassaabbii galii irraa gara ijaarsa humna dinagdeefi faayinaansii misoomaatti ce’aa jira! Shim...
15/10/2026

Imaammanni galii Oromiyaa sassaabbii galii irraa gara ijaarsa humna dinagdeefi faayinaansii misoomaatti ce’aa jira! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Ciminni dinagdee naannoo tokkoo galii mootummaa isaa keessatti mul’ata; haata’u malee, galii mootummaa guddisuun sassaabbii galii qofa miti. Mootummaan Naannoo Oromiyaa dandeettii galii maddisiisuu dinagdee guddisuun, dandeettii galii sassaabuu mootummaa ammayyeessuun, bulchiinsa qabeenya mootummaa fooyyessuufi sirna itti fayyadama baajataa bu’a qabeessa taasisuun hojiilee bal’aa hojjechaa jira.

Galiin mootummaa naannichaa bara jijjiiramaa jalqabaa Birrii bil. 16 ture bara 2018 gara Birrii bil. 343'tti guddateera; gaheen deeggarsa mootummaa federaalaa ammoo gara dhibbeentaa 30 gadiitti bu’eera. Xumura Karoora Of-danda’uutti galii naannichaa gara Birrii tiriliyoona 2.3'tti guddisuuf karoorfameera. Kallattii kana keessatti kaayyoon ijoo humna dinagdee keessaa galii maddisiisuudha. Dinagdeen oomisha, hojii, galiifi invastimantii yoo uume, dandeettiin galii mootummaa ni cima. Kanaafuu, sirna galii sassaabuu ammayyeessuu cinaatti, humna dinagdee naannichaa cimsuun bu’uura galii mootummaa itti fufiinsaan maddisiisu diriirsuun murteessaadha.

Akkasumas, galiin sassaabame sirnaan baajata gahaa hojii idileefi misooma itti fufiinsa qabuuf akka oolu mirkaneessuun barbaachisaadha. Yaa’iinsa maallaqaa sirnaan bulchuu, baajata bu’a qabeessa taasisuu, qabeenya mootummaa sirnaan fayyadamuufi gaafatamummaa mirkaneessuun faayinaansii misoomaa cimsuuf bu’uura ta’a. Kanaaf, imaammanni galii Oromiyaa sassaabbii galii irraa gara ijaarsa humna dinagdeefi faayinaansii misoomaatti ce’aa jira. Galii mootummaa guddisuun kaayyoo mataa isaa osoo hin taane, tajaajila mootummaa fooyyessuu, misooma itti fufiinsa qabuuf faayinaansii mijeessuufi leetoo ummataa fooyyessuuf meeshaa murteessaa ta’a.

Address

Addis Ababa
106917

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromia President Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Oromia President Office:

Shortcuts

Share