26/04/2024
Kafaltii tajaajilaa haraa mirkana'e
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Ku/Ma/Kooyyee Faccee, Government Official, Addis Ababa.
26/04/2024
Kafaltii tajaajilaa haraa mirkana'e
16/04/2024
08/04/2024
Hoogganaan Waajjira Abbaa Alangaa Magaala Shaggar obbo Yohaannis Abdata daawwannaaf biyya Chaayinaa jiru. Daawwannaa milkii yaa ta'u!!
大家好,我正在学习中文,我们说话吧
04/03/2024
04/03/2024
# Seera # #
Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaala Kooyyee Faccee Ayyaana 'Maarchi Eyitii' sababeeffachuun qaama hawaasaa adda addaatiif mata duree, "yakka dubartoota fi daa'mman irratti raawwatamu ittisuu keessatti gahee qaamolee hawaasa adda addaa" jedhu irratti karaa abbaa alangaa Mootummaa Jallataatin hubannon kennamee jira.
23/6/2016
Koyyee Faccee
29/02/2024
Murtii MM idilee Murteesseen gamatti seera Aadaa bu'ureeffachuun Murtii MM Aadaa murteessuun haqa baase dubbisaa!
........//.....
GAADDISA gaafa guyyaa 21/11/2015 oleen Kan murteesse Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti MM Aadaa Aanaa Waddeessaati.
Dhimmi, adeemsi ittiin murtaa'ee fi Murtichi akkaai:
Bara sagaltammoota keessa Abbaan Qabiyyee lafaa nama qotiyyoo qabutti lafa qabiyyee isaa irraa oomishee akka oomisha isaa qooduuf hirtaa/qixxee kennata. Waliigaltee barruun osoo hin taanee Afaanumaan, akka aadaaf safuu Oromootti wal amantaadhumaan jechuu dha.
Namichi hirtaa fudhate kunis waggaa waggaan qotee abbaa qabiyyeef walakkaa oomisha laficha irraa argamee qoodaa ture. Haata'u malee waggoonni hedduu erga darban booda. Oomisha silaa qooduu qabu dhorkata. Abbaan qabiyyee lafa kiyya gad lakkisi jennaanis namni hirtaa fudhate kun "dhaqii na himadhu lafa na biraa hin qabdu" jedhaan. Abbaan qabiyyees MM sadarkaa calqabaa federaalaa dhaddacha kutaa magaalaa Aqaaqii qaallittitti bara 2002 himata.
Dubbiin garuu akka inni yaade hin taane, seerri ittiin dhimmichi laalamus seeraa aadaa miti. Dhaddacha gaafa guyyaa 23/2/2002 ooleen, galmee lakk 211/2002 himanni isaa darbinsa yeroon kufaa ta'e.
Egaa waliigaltee barruu malee safuufii duudhaa uumata oromoon amanee itti kennee, sababa darbinsa yeroon qabiyyee lafa isaa dhabe gale.
Kana booda osuma kanaan jiranii Abbaan qabiyyee kanaa ni du'a. Namichi lafa isaa haales ni du'a. Ijoolleen garee lamaanii dhaala abbaa ofii argachuuf mirga qabu. Haata'u malee kan silaa abbaan qabiyyee dhugaa murtii mana murtii idileen qabiyyeen abbaa isaanii waan irraa fudhatameef lafa dhaalan dhaban.
Kan silaa lafa dhugaan hin qabne immoo sababa seera ammayaan murtii MM idileen abban isaanii kan argate dhaala abbaa isaanii godhatanii adda qooddatan.
Kana booda bara 2016 keessa ijoolleen abbaa qabiyyee lifichaa inni dhugaa(murtii MM idileetiin dhabe) kun ijoollee namicha isa murtii MM idileen lafa argatee kana himatu.
Himanniisaanis akkasi. "Abbaan himatamtootaa lafa abbaa keenyaa seeraan ala qabatee du'e . Himatamtoonni immoo dhaala abbaa keenyaati jechuun qooddatan. Kanaaf MM aadaa kun nuf gafatee lafa abbaa keenya akka gad lakkisan nuuf haa murteessu" kan jedhu dha.
Himatamtoonni immoo deebii isaaniin, "nuti lafa abbaa isaanii hin qabanne. Lafa abbaa keenyaa inni duunaan adda qooddanne, lafa kanarratti abbaan isaanii abbaa keenya MM idileetti himatee abbaa keenyaaf murtaa'ee, lafa harka isaa galfatee du'e waan ta'eef himanni isaanii nurraa haa hafu" jedhu.
Jaarsoliin MM aadaa garee wal falmu dhugaa jiru gaafatu. Himattoonnis akka abbaa himatamtootaaf murtaa'e amanu garuu "haqa qabna lafa xiqqoollee argachuu qabna" jechuun seera aadaa abdatanii falmii ofiitti cichu. Himatamtoonni immoo lakki fati tasuma kan abbaa himattootaa miti, lafa kana abbaan keenya abbaa himattootaa irraa hirtaa hin fuune garuu falmiin isaan gidduutti ka'ee abbaa keenyaaf murtaa'eera jechuun Murtii MM idilee abdachuun falmii ifiitti cichu.
San booda jaarsoleen lafti kun calqabni isaa kan eenyuu akka ta'e adda baafachuu akka qaban, haqnis kana ta'uu akka qabu hubachuun, himatamtoonni dhuguma lafichi kan abbaa himattootaa akka hin taane maatii waliin akka kakachuu qaban murteessuun garuu kaksiisuun dura akka itti yaadaniif torbee tokko kennuuf
Beellamni gahe. Himatamtoonnis maatii waliin mari'atanii dhufuun GAADDISA irratti akkas jedhu.
"Nuti hin kakannu, cubbuu qeef, sanyii keenyatti hin galchinu, lafichi calqaba kanuma abbaa himattootaati. Seerri immoo abbaa keenyaaf murteesseera waan ta'eef nus isaanis dhabuurra lafa kana rraa qoonnee kenninaaf" jedhu.
Himattoonnis "osoo himatamtoonni kun MM aadaa kanaan dhimmi keenya akka laalamu hin feenu jedhan ta'ee karaa kamuu furmaata akka hin qabne ni beekana isaan haga kana erga dhugaa keenya baasanii waan nuuf qoodan fudhana" jedhan.
Jaarsoleenis kanumatti amananii, kanuma isaan irratt walii galan cimsaniif. Haaluma kanaan himatamtoonni laficha irraa Lafa kaaree meetira 1600 himattootaaf qoodanii kennaniif.
Haqni abbaas lafti abbaas(gartokkoon) haala kanaan ilmaan isaaf deebi'e. Gareen lachuu wal haammatee, wal dhungatee jaarsolee MM aadaa eebbisee gale.
Hubadha!lafti kaareen 1600 Magaala kana oeessatti gatiin isaa meeqa( bittaaf gurgurtaan /commercial cost osoo hin taane gatii dinagdeen/ economical cost )
Ollaan nagaa , haqni Adii
Haqa dhuunfaa fi waloof MM AADAA
BHB
Guraandhala 21, 2016
Kooyyee faccee
26/02/2024
BEEKSISA ARIIFACHIISAA!
24/02/2024
Hawaasaa #
Yakka dubartoota fi daa'iman irratti raawwatamu ilaalchisee haala qindominaan hawaasaf hubannoon itti uummamu danda'u, haala yakki kun itti ittifamuu danda'u fi haala yakki kun yoo raawatamee argame itti olaantummaan seeraa itti mirkana'u irratti qaama hawaasaa adda addaa fi qaamoolee haqaa waliin mariin geggeffamee jira.
15/6/2016
22/02/2024
21/02/2024