12/04/2026
Walaloo ajaa'ibaa deeggaraan Manchester City,Kumarraa Jiidhaa nuuf erge❗️Manchester City'n goolii 3 fi 0 dhaan Cheelsii kan injifate yoo ta'u carraa waancaa Piriimarliigii kaasuuf Arsenal wajjin kokkee walqabee jira.Xumura irratti Walaloo kanaaf qabxii 10 keessaa meeqa kennituuf❓
==================================
Morkiin falma waancichaa
Lammiiwwan xiiqii geessee
Torban walitti fufaan
Injifannoo galmeesse
Har'as cuquliisota
Afaan beekuun dubbisee
Dirree isaatiin ala
Injifatee shubbise
Taaktikaaf tooftaa taphaan
Qabatamaadhaan caalee
Qabxii argachuu qabu
Har'as inuma dhaale
Gareen cuquliisotaa
irra aanuudhaaf-
Haalaan falmaa turani
Yoo mo'achuun ulfaates
Qabxii gachisiisuudhaaf
Qixa ba'uuf turani
Akkaaf haala taphichaa
Xiqqoo yoon saaqu galmee
Morkii salphaa hin turre
Cheelsiin jabaatee falme
Ta'us 'Chelsiin of cimsee
Falmee mo'uuf akeeka
Gaardiyoolaadhaaf dhiisna
Inni waan godhu beeka'
Jennee yoo itti seennu
Tapha boqonnaa boodaa
Malamalteen leenjisaa
Kan lammiiwwanii ooda
‘Maal wayya?’ osoo jennuu
Oreeliin keessa buuse
Cheelsiin maraatee yuuse
Bitaaf mirgaan kabalee
Gehiin galchii dabale
Cheelsii hin furre cookuun
Itti sadeesse Dookuun
Abjuun saaniis rarra'e
Akka yaadan hin taane
Qe'ee isaanii deemnee
Of kabachiisnee baane
Kaanis nu haa beekani
Hammam akka nu geenyu
Taphaan falmanna malee
Koornaa abdannee'n teenyu
Join godhaa 👉t.me/kushelectronicsshop
08/04/2026
Kabaja Ayyaana du'aa ka'uu gooftaa Iyyasuus kiristoos Dilbata dhufu kabajamu ilaalchisee Gabaa Ayyaana Magaalaa Adaamaa kutaa Magaalaa Bokkuu Shanan Aanaa Harooree.
👉t.me/T_ispoortii
05/04/2026
Siidaa Yaadannoo atileetota beekamoo Itoophiyaaf paarkii Ispoortii haaraatti hojjetameef keessaa muraasa.
👉t.me/T_ispoortii
02/04/2026
Qormaata biyyooleessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee...❗️
Gosti barnootaa fi sadarkaa kutaalee qormanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 irraa qophaa’u ifoome.
➤Barnoota Saayinsii Umamaatiin kan kennaman: Ingiliffa, Herrega, Scholastic Aptitude, Baayoloojii, Keemistirii fi Fiiziksii akka ta'a ifoomeera.
➤Saayinsii Hawaasaan immoo: Ingiliffa, Herrega, Scholastic Aptitude, Seenaa, Ji'oograafii fi Ikonoomiksii dha jedhameera.
➤Qormaatichi gosa barnootaa hundaaf kutaalee 9ffaa hanga 12ffaatti boqonnaalee jiran hunda kan hammatu akka ta'es ibsameera.
Haalli qophii isaas:
Kutaa 9ffaa irratti: Qabiyyee sirna barnootaa duraanii fi isa haaraa irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti ammoo Sirna barnootaa haaraa irratti kan hundaa’e ta’a.
Gosti barnootaa Ikonoomiksii, sirna barnootaa haaraa irratti hundaa’uun kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti kan hammatu ta’uun ibsameera.
Join 👉t.me/T_ispoortii
31/03/2026
Waaliyaan tapha lamaaniinuu Saa’oo Toomee injifachuun gara marsaa itti aanutti darbe.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyoolessaa Itiyoophiyaa tapha lamaaniinuu walumatti goolii 4 fi 0 dhaan Saa'oo Toomee injifachuun dorgommii AFCON marsaa itti aanuuf darbeera.
👉t.me/T_ispoortii
21/03/2026
Gootittiin atileet Daraartuu Tulluu waggaa 54ffaa ishee kabajachaa jirti.
Warri jaalattan mee eebbisaa❗️
👉t.me/T_ispoortii
14/03/2026
Godina Gaamoo naannoo kibba Itoophiyaatti balaa sigigaachuu lafaa mudateen lubbuu namoota hedduu darbeef gaddi Biyyaalessaa Guyyoota sadiif turu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiin labsameera.
Lubbuu isaaniif jannata Maatiifi firoottaniif immoo jajjabina hawwina.
👉t.me/T_ispoortii
10/03/2026
💼Hp NoteBook
🟰Core i5
🟰13Th Generation
🟰512GB SSD
🟰8GB RAM Upgradable
🟰With Keyboard Light
🟰15.6inch
💵95,000
☎️0911509907
25/02/2026
Walaloo deggeraa kilaba kamiifuu barraa'e❗️
Kan nuuf erge Waloo Kumarraa Jiidhaa dha❗️
Torbee kana booda kilabiin keessan meeqaffaa akka ta'u feetu❓Dhuma irratti barreessaa❗️
===================================
Kilaba deggeruun
Bar sammuu gaafata
Onnee keetu filee
Kilaba jaalata
Jaalalli kilabii
Jaalalli isaa adda
Sammuun qaacceffamee
Onnee keessaa madda
Akkuma jaallattu
Kilaba filattee
Taphasaas hordoftu
Package bitattee
Kiyya seenaa qaba
Kanas milkeesseera
Geeba baayyees nyaate
Na gammachiiseera
Kilabni addunyaa
kanumatu jira
Deggeraa baayyeetu
Alaafi keessa jira
Keessa keetti yaaddee
Yaada dogongoraa
Hubannoo dhabdeellee
Daandii keerraa goraa
Of hin fakkeessini
Gowwaa waan hubanne
Akka dubbii keetiin
Namnis sin tuffanne
Bayyee jaallattullee
Kilaba deggertu
Kubbaaf nama hin lolin
Akka gadheef yartuu
Kan namaas kabaji
Innis kilabumaa
Namas hin tuffatin
Akka kee namumaa
Kan feetu deggeri
Dirqiin sirra hin jiru
Nama immoo kabaji
Qomoo koo yaa tiru!
====================
Join godhaa 👉t.me/T_ispoortii
25/02/2026
Hanga ammaatti Maatiin biraa akka maatii Dibaabaa kanaatti fiigicha fageenyaa irratti ol’aantummaa qaban hin jiru🇪🇹
Tirunesh Dibaba, Genzebe Dibaba, Ejegayehu Dibaba, Anna, fi Melat Dibaba seenaa atileetiksii keessatti hambaalee humna guddaa qaban keessaa tokko ijaaraniiru.
Waliin ta’uun, meedaaliyaa kanneen armaan gadii walitti qabaniiru:
🥇 Meedaaliyaa warqee Olompikii 4
🥈 Meetii Olompikii 2
🥉 Nadhii Olompikii 3
🏆 Waancaa Shaampiyoonaa Addunyaa 15
Fakkeenya fi kaka'umsa guddaa ta'uun addunyaatti akka beekan kan taasistes gootittii atileet Daraartuu Tulluu akka taate yeroo hedduu dubbataniiru.
Join 👉t.me/T_ispoortii
24/02/2026
Goda-hambaan(muuziyeemiin) yaadannoo Neelsan.Maandeellaa Finfinneetti eebbifame.
Hub: Neelsan Maandeellaan bara dargaggumma isaa Finfinnee buufata poolisii humna addaa federaalaa kolfeetti leenjii loltummaa fudhatee ture.
👉t.me/T_ispoortii
24/02/2026
Senne Lamens goolii eegaan Man United taphataa cimaa tapha Kaleessa Everton waliin taphatanii ta'eera.
Qabxii 10 keessaa meeqa kennituuf❓
👉t.me/T_ispoortii