09/03/2026
Nuyi Tokkumaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Nuyi Tokkumaa, Public Service, Addis Ababa.
09/03/2026
04/03/2026
"Garaagarummaa keenya waldhabdeefi meeshaa waraanaan hiikuuf yaaluun nu hin baasu." Abiyyi Ahimad(PhD)
OBN Cyber Media' Guraandhala 24,2018
Garaa garummaa siyaasaa jiru waldhabdeefi meeshaa waraanaan hiikuuf yaaluun nu hin baasu jedhan, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad(PhD).
Waraanni biyyi keenya maraammartoo keessa akka turtu gochuu kan ibsan Abiyyi Ahimad (PhD), kunimmoo gonkumayyuu kan nu baasu miti jedhan, afgaaffii TOI waliin Afaan Tigireen godhaniin.
Bakkaafi yaada ka'umsaatu waljijjiira malee waldhabdeen yoomillee jira kan jedhan, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) maraammartoon walwaraansaa kun dhaabbachuu qabaa akeekan.
Waldhabdee dhaabuufis ittigaafatamummaa fudhachuu qabna; waraanas hin barbaadnu,mufiin jirus karaa mariitiin qofa akka furamu akeeka qabna jedhan.
21/02/2026
Mariin waloo dhimma kenninsa tajaajilaa mootummaafi misooma irratti xiyyeeffate Hoggansa Bulchiinsa Magaalaa Hoolataafi Bulchiinsa Aanaa Walmaraa waliin gaggeeffame.
Gurraandhala 15, 2018 - Hoggansi Bulchiinsa Magaalaa Hoolataafi Bulchiinsa Aanaa Walmaraa marii waloo dhimma kenninsa tajaajilaa mootummaa si'ataa ammayya'aa taasisuu bulchiinsa gaarii mirkaneessuufi misooma waloo irratti mari'atan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa Obbo Isheetuu Baqqalaa haasaa taasisaniin, kaayyoon marichaa tarsiimoo kenninsa tajaajila mootummaa si'ataa, ammayya'aa teeknooloojiin deeggarame taasisuufi dhimma misooma waloo irratti mari'achuun rakkoo bulchiinsa gaarii kenninsa tajaajilaan walqabatee jiru maksuun fayyadamummaa uummadhaa dhugoomsuuf wal tumsuun waliin hojjechuuf jedhaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Walmaraa Obbo Didhaa Gaarii akka jedhanitti, uummaanni Bulchiinsa Magaalaa Hoolataafi Aanaa Walmaraa uummata tokko, kan addaan baasuun hin danda'amnedha. Kanaaf hariiroo gaarii duraan jiru daran cimsuun hojii misoomaa, hawwaas-dinagdeefi kenna tajaajila mootummaa si'ataafi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa uummata waloon mirkaneessuuf waliin ta'uun qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hoggantoonni gama lamaaniin maricharratti hirmaatan tokko tokko yaada kennaniin, uummanni Aanaa Walmaraafi Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa uummata tokko; kan daangaan bulchiinsa qofti addaan baasudha. Kanaaf hariiroo hawwaasummaa daran cimsuufi walittti hidhaminsa hojii misoomaa daran cimsuun tarsiimoo mootummaan karaa wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoon tajaajila mootummaa si'ataa, haqa qabeessa, dhaqqabamaafi ammayyaa teeknooloojiin deeggarame kennuuf hojjetaa jiru milkeessuun fayyadamummaa uummataaf wal tumsuun waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.
Waltajiin marii kanaan fayyadamummaa uummataa dhugoomsuufi amantaa uummanni mootummaa irratti qabu dabaluuf kenninsa tajaajilaa mootummaafi misooma irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta'uun hubatamee waliigalteen xumur
21/02/2026
21/02/2026
Mareefi Marabbaan Ulfoodha!
Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
21/02/2026
"Imalli keenya waggoottan shanan itti aananii yeroo murteessaa egeree amansiisaa lafa qabsiifnuu fi biyya fakkeenya taate itti ijaarruudha."
Obbo Kaffaaloo Tafarraa
20/02/2026
"Biyya cimtuu fi fudhatamummaan ishee mirkanaa'e fulla'insaan ijaaruuf ajandaalee bu'uuraa biyyaalessaa ta'an irratti waliigaltee uumuun akeeka ijoo siyaasa keenyaati."
Obbo Kaffaaloo Tafarraa
17/02/2026
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Addis Ababa
