11/05/2026
Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdisa Kilaba Kubbaa Miilaa Nageellee Arsiif deeggarsa qarshii miiliyoonaa 50 taasisan.
Kilabiin Magaalaa Nageellee Arsii bara dorgommii kana yeroo jalqabaaf gara Piriimer Liigii Itiyoophiyaatti ol guddachuun maqaa Godina Arsii fi naannoo Oromiyaa beeksisaa jira. Kilabichi yeroo ammaa injifannoo cimaa agarsiisaa jechuunis sadarkaa lammaffaa irratti argamuun qaama hunda kabajaa guddaa argatee jira.
Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kilabichi caalmaatti dorgomaa ta'ee piriimer Liigii biyyattii keessatti moo'ataa akka ta'uuf kilabicha hamileessuuf kan oolu qarshii miiliyoona 50 deeggarsa taasisanii jiru.
Taphattootni kilabichaas taphoota hafan xiyyeeffannoon taphachuun piriimer Liigii Itiyoophiyaa injifachuuf kutannoon hojjachuu akka qaban dhaamaniiru.
Hojii misooma ispoortiif xiyyerfannoo kennuun bakka olma ispoortii gandatti ballisuun, pirojektiin qabamee bufati leenjii ispoortii akka sadarkaan isaani foyaa'u taasisuun, dorgommiwan sadarka naannoo fi biyyaaf bajata ramaduun hojii misooma ispoortiif xiyyeefannaan hojii hojjetaa jiraniif kabajamoo pirezidaantii
11/05/2026
Deeggarsi Harka Qalleeyyiif Taasifame
Qellem Wallaggaa, Ebla 2018 — Qindoomina Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa, Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Godina Qellem Wallaggaattiin deeggarsi harka qalleeyyiif taasifameera.
11/05/2026
Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatti Seera Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 7ffaa irratti hubannoo cimsuuf leenjiin gabaabaan kennameera.
Saganticha irratti Hoggantuu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa ergaa dabarsaniin filannoon mootummaa dimookiraatawaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun ibsaniiru. Filannoon mootummaa haqaqabeessaa, bilisaa fi hirmaachisummaa qabu akka ta’uuf mootummaa qofaan osoo hin taane hawaasni hundi mootummaa waliin ta’uun gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru.
Aadde Roozaan itti dabaluun Seera Filannoo Biyyoolessaa Marsaa 7ffaa karaa guutuu fi sirrii ta’een hojii irra oolchuun Itoophiyaa biyya dimookiraasii keessatti fakkeenya taatu ijaaruuf mootummaa fi ummanni waliin hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Saganticharratti Obbo Habtaamuu Fiqaaduun hojjettootaaf seera filannoo irratti leenjii gabaabaa kennuun, mootummaa dimookiraatawaa keessatti seerri filannoo maal akka ta’e, gahee mootummaa fi hawaasni qabu bal’inaan ibsaniiru.
Sagantaan hubannoo hojjetoota mootummaa kun Magaalaa Adaamaatti Hotel Naafileet keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, hojjettoonni Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa hundi irratti hirmaataniiru.
“Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyaummaatti!”
11/05/2026
Deeggarsi Hidhaannoo Kubbaa Harkaa Taasifame
====//=====
Deeggarsi taasifame kun kubbaa harkaa keessatti dargaggoonni hedduun hirmaannaa isaanii akka cimsatan, hojii leenjii fi dorgommii keessatti bakka guddaa akka qabaatan kan gargaarudha. Sagantichis, bakka Itti Aanaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa fi Itti Gaafatamaa Damee Ispoortii Obbo Dassaalenyii Xilaahun akkasumas Itti Gaafatamaa Federeeshinii Kubbaa Harkaa Naannoo Oromiyaa Obbo Amaanaa Bandhashee argamanitti, deeggaraan fi jaallataan ispoortii Obbo Tamasgeen Namee guddina ispoortii Naannoo Oromiyaatiif mootummaa fi jaalala guddaa qaban jechuun deeggarsa hidhaannoo ispoortii guutuu fi kubbaa harkaa taasisaniiru.
11/05/2026
Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti!
Godina Booranaa Magaalaa Yaaballootti sagantaan Sosochii ispoortii hawaasaa mataduree Itoophiyaa Gara Biyya Fakkeenyummaatti jedhuun gaggeefamee jira.
09/05/2026
Godina Arsiitti Walta'iinsa Biiroo Dargaggoof Ispoortii Oromiyaa ,Federeeshinii Kubbaa Harkaa Oromiyaa fi Waajjira Dargaggoof Ispoortii Godina Arsiitiin Leenjiin Leenjisummaa fi Murteessummaa Kubbaa Harkaa Caamsaa 1_13/2018 Turu Magaalaa Dheeratti Kennamuu Jalqabe
09/05/2026
Leenjiin leenjisummaa kubbaa harkaa sadarkaa 1ffaa magaalaa Adaamaatti kennamuu eegale.
Biiroo dargaggoo fi ispoortii Oromiyaa, Federeeshiniin Kubbaa Harkaa Oromiyaa fi waajjirri Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Adaamaa waliin ta'uun leenjii leenjisummaa Kubba Harkaa kennamu egalera
07/05/2026
Marii fi Leenjii Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Maatuutti Gaggeeffame
“Nageenyi bu’uura waan hundaati” jechuun mootummaa fi qaamoleen hawaasaa yeroo hunda kan irratti walii galan yoo ta’u, nageenya biyyaafi tasgabbii hawaasaa keessatti gaheen dargaggootaa olaanaa ta’uu irra deebiin mootummaa fi hoggantoonni mootummaa mootummaa naannichaa keessaa ibsaniiru.
Marii fi leenjii hubannoo uumuu irratti xiyyeeffate Bulchiinsa Magaalaa Maatuutti bakka keessummoonni kabajaa keessaa:
Obbo Hayilee Gurmeessaa, Itti Aanaa Hogganaa Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa,
Obbo Teshaalee Eejarsaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Maatuu,
Obbo Kasaahuun, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Maatuu,
argamanitti gaggeeffameera.
Sagantaan kun nageenya, hojii mootummaa fi gahee dargaggootaa irratti hubannoo cimsuuf kan qophaa’e yoo ta’u, mootummaa fi dargaggoota gidduutti marii bal’aa gaggeessuun yaada wal jijjiirraa irratti xiyyeeffateera.
Itti Aanaan Hogganaa Bulchiinsaa fi Nageenya Oromiyaa, Obbo Hayileen Gurmeessaa, nageenyi fi misoomni walitti hidhamiinsa cimaa akka qaban ibsuun, “Nagaan bu’uura waan hundaati” jechuun mootummaa fi hawaasni waliin ta’uun nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Akkasumas imala badhaadhinaa mootummaa eegale milkeessuuf gaheen dargaggootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maatuu, Obbo Teshaalee Eejarsaa, dargaggoonni beekumsa, yaadaa fi humna isaanii hojii misoomaa, hojii mootummaa fi ijaarsa biyyaa keessatti qindoominaan akka oolchaniifi sababaa qabeessa ta’anii akka socho’an waamicha dhiyeessaniiru.
Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Maatuu, Obbo Kasaahuunis, filannoo haqaqabeessa fi hojii mootummaa milkeessuuf dargaggoonni gahee isaanii sirnaan bahachuu akka qaban dhaamsa dabarsaniiru.
Marii kana irratti hirmaatanis nageenya waaraa eegsisuu, tokkummaa cimsuu fi hojii misoomaa keessatti qooda isaanii bahachuuf mootummaa waliin akka hojjetan ibsaniiru.
Dhuma irratti, “Nagaa fi nageenya waaraa mirkaneessuu keessatti gaheen dargaggootaa bakka bu’uura hin qabnedha!” jechuun dhaamni waliigalaa darbuun sagantaan xumurameera.
06/05/2026
Ispoortiin jaalala, tokkummaafi nageenya labsuun guddina biyyaaf shoora olaanaa qaba.
Jimmaa, Eebila 28/2018 Shaampiyoonaan tapha guutuu Manneen Barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa gaggeeffamaa ture xumurame.
Ittigaafatamaan Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Jimmaa Injineer Muhammadsaanii Muhammadamiin, Shaampiyoonaan ispoortii manneen barnootaa kun gosoota ispoortii 4'n manneen barnootaa Magaalichaa gidduutti gaggeeffamaa turuun har'a xumuramuu dubbatan.
Shaampiyoonaan kunis ispoortii manneen barnootaa keessatti bu'uura kaa'uun dhaloonni walitti dhufeenya gaarii qabaatee akka guddatuuf gahee guddaa qaba jedhanii, kanaaf manneen barnootaa keessatti ispoortii cimsuufi utubachuun murteessaa ta'uu dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Jimmaa Obbo Sammaan Abbaa Raayyaa, bu'uurri ispoortii manneen barnootaa ta'uu ibsanii, shaampiyoonaan Manneen Barnootaa kunis hundeeffama Biiroo Barnootaa Oromiyaa waggaa 33ffaa sababeeffachuun qindoomina Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Magaalaa Jimmaa waliin gaggeessaa turuu dubbataniiru.
Barattoonni qaamaan cimaa ta'an gammachuufi jaalalaan barnoota isaanii sammuu cimaafi gahoomeen hordofu jedhan. Kanaaf manneen barnootaa magaalichaa keessatti gumii ispoortii cimsuun xiyyeeffannoo guddaan hojjataa jiraachuu himaniiru.
06/05/2026
Leenjiin Murteessummaa Teenisa Dirree Sadarkaa 1ffaa Magaalaa Adaamaatti Kennamaa Ture Goolabame
Magaalaa Adaamaatti leenjiin murteessummaa Teenisa Dirree sadarkaa 1ffaa kennamaa ture milkaa’inaan xumurame. Leenjiin kun qindoomina waliinii Federaashinii Teenisa Dirree Oromiyaa fi Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Adaamaa waliin ta’uun ogeessota 15f kennamaa ture.
Leenjiin kun dandeettii murteessummaa cimsuuf, akkasumas seeraa fi sirna dorgommii Teenisa Dirree irratti hubannoo gahaa uumuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, hirmaattonni leenjii kanaa beekumsa isaanii babal’ifachuun hojii isaanii keessatti akka fayyadaman abdachiisan.
Kana malees, Federaashiniin Teenisa Dirree Oromiyaa piroojeektii misooma Teenisa Dirree deeggaruuf meeshaalee barbaachisoo ta’an kan akka uffata ispoortii, rakkeettii fi kubbawwan gara garaa leenjii kana irratti hirmaatanif kenneera. Deeggarsi kunis leenjii fi dorgommii itti fufiinsa qabu gaggeessuuf gahee guddaa qaba jedhameera.