Firakiya kassahun Genemo

Firakiya kassahun Genemo

Share

Shaggar Education for a bright 🌅 future.

Photos from FMC Afaan Oromoo's post 05/01/2026
Photos from POA English's post 04/11/2025
Photos from Firakiya kassahun Genemo's post 03/11/2025



Magaalaa Shaggar manneen barnootaa 1224 keessatti sagantaan nyaata barattootaa hojii irra oolaa jira. Sagantaa nyaata barattootaa kanaan barattootni 379,279 fayyadamaa ta'ani jiru.

Sagantaan nyaata mana barnootaa Shaggar keessatti hojii irra ooluu erga jalqabee faayidaa hedduu kan bu’aa barnootaa fi fayyaa daa’immanii irratti fidee jira. Isaan keessaa _Sagantaan nyaata mana barnootaa nyaata madaalawaa ta'e dhiheessuun hanqina nyaataa fi hanqina soorata ittisuu danda’e jira. Manneen barnootaa bu'uura boruu keessatti sagantaan nyaata meenuu keessatti aananii fi hanqaaqquun akka hammatamu taasisuu danda'u keenyaan daa’imman soorata barbaachisoo guddinaa isaaniif barbaachisan akka argatan taasisee jira. Sagantaa kanaan dhaabbilee adda addaa waliin hojiin hojjachaa jirru kan fakkeenyummaa qabu dha.

Daa'imman nyaata madaalawaa argatan xiyyeeffannoo barnootaa, dandeetti yaadachuu fi ga’umsa barnootaa waliigalaa akka qabaatan taasisa, qabxiin barattootaa akka fooyya'u godha.Sagantaan nyaata barattootaa erga jalqabee qabxiin barattootaa fooyya'insa agarsiisaa jira. karaa biraatiin erga sagantaan nyaata barattootaa dhiheessuun erga jalqabee maatiin ijoollee isaanii gara mana barumsaatti akka erganiif kakaasuu danda’ee jira. Maatiin ijoollee isaanii mana barumsaatti nyaata argachuu isaaniitiin baay'ee gammadoo dha. Maatiin rakkoon diinagdee isaan irraa karaa mootummaatiin irraa salphachuu kaasu, kun immoo barattootni barnoota isaani akka addaan hin kutne fi hin harcaane taasisee jira. Shaggar keessatti reetiin harcaatii barattootaa baroottan darban keessatti xiqqaachaa akka dhufu sagantaan nyaataa deeggaree jira. Sagantaan nyaata barattootaa walitti hidhamiinsa hawaasummaa barattootaa guddisuu keessatti gahee guddaa qaba. Nyaanni mana barumsaa daa’imman haala adda addaa irraa dhufan walitti dhufeenya uumuu fi hiriyummaa akka ijaaran gargaaruu danda’e jira, miira hawaasaa fi walitti dhufeenya hawaasummaa horachuu akka danda'an taasisee jira. Walumaa galatti akka magaalaa Shaggaritti sagantaan nyaata barattootaa Lammii gahumsa, beekkumsa, dandeettii fi naamusa qabu horachuuf hojii hojjatamaa jiru keessatti gahee isaa taphachaa jira.

Shaggar_Ifa boruutiif.
education for a bright future
#ሸገር ትምህርት ለነገው ብርሃን

Photos from Shimelis Abdisa's post 29/10/2025
Photos from Shaggar City Communication Office's post 29/10/2025
Photos from W/Barnootaa Magaalaa Shaggar's post 28/10/2025
Want your business to be the top-listed Government Service in Addis Ababa?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Addis Ababa