08/10/2026
Bara kana pirojektoonni bishaanii buleeyyii fi haaraa 172 hojjetamaa jiru
=======
| Fulbaana 28/2019 | Finfinnee:- Biiroon Bishaanii Oromiyaa bara 2019 keessatti sagantaa bajata mootummaa idileetiin pirojektoota bishaanii buleeyyii fi haaraa 172 karoorfatee hojjechaa jira.
Biirichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa damee misooma bishaan dhugaatii fi bulchiinsa kontiraataa gamaaggamuun, kallattii hojii kurmaana itti aanu irratti mari’ateera.
Haaluma kanaan, pirojektoota qotinsa boollaa 186 keessaa 127 sadarkaa Naannoo fi 59 sadarkaa Godinaatti kan hojjetamaa jiran yoo ta’u, 68 pirojektoonni buleeyyii, 118 immoo pirojektoota haaraa ta’uu ibsameera.
Pirojektoota ijaarsaa 172 keessaa 107 sadarkaa Naannoo fi 65 sadarkaa Godinaatti argamu. Isaan keessaa pirojektoonni 47 bara 2019 keessatti xumuramuuf karoorfamaniiru.
Bajata mootummaa idileetiin raawwataman cinaatti, pirojektoonni hirmaannaa hawaasaatiin hojjetamanis kurmaana 1ffaa keessatti raawwatamuun hawaasa heddu fayyadamoo taasisaniiru.
Sagantaa bara 2019 keessatti hojiiwwan maddoota bishaanii misoomsuu fi boolla harkaan qotamuun walqabatan 1,802 hirmaannaa hawaasaatiin hojjetamuuf karoorfaman.
Akkasumas, dhaabbileen miti-mootummaa fi hawaasummaa (NGO/CSO) hojiiwwan misooma bishaanii fi suphaa pirojektootaa irratti hirmaachuun, kurmaana 1ffaa keessatti raawwii jajjabeessaa galmeessisaniiru; hojiiwwan kunneen namoota kuma 61,000 fayyadamoo taasisuun ilaalameera
Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa kana kan dhoheessan Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaa Damee Misooma Bishaan Dhugaatii fi Bulchiinsa Kontiraataa, Inj. Kunuz Ahimad yoo ta'an, Gabaasicha Manajimantiin Biirichaa gadi fageenyaan gamaaggameera.
Hoggantuun Biirichaa Injr. Maariyaa Guutamaa raawwii hojii kurmaana 1ffaa keessatti, hanqinoota fi rakkoolee hojii gufachiisan, akkasumas tarkaanfiiwwan furmaataa fi kallattii hojii kurmaana itti aanu irratti xiyyeeffachuun raawwii hojii kana gamaaggamuun, kallattii hojii kurmaana itti aanu kaa’aniiru.
Hojiiwwan karoorfaman saffisaa fi qulqullinaan akka raawwataman, hordoffii fi deeggarsi walirraa hin cinne akka cimu, rakkooleen mudatanis yeroo isaanii eeggatanii akka furaman kallattii kaa’aniiru.
Milkaa’ina karoora hojii kanaaf qindoominni qaamolee qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu isaaniis hubachiisaniiru.
Biiroon Bishaanii Oromiyaa bara 2019f karoora bajataa waggaa qarshii biliyoona 14.86 ol qabuun hojiiwwan damee misooma bishaanii irratti hojjechaa jira.
Gamaaggama kanaan, hojiiwwan kurmaana 1ffaa keessatti raawwataman cimsuun, pirojektoota hafan saffisaan xumuruun, akkasumas rakkoolee nageenyaa, hanqina maallaqaa, qaala’iinsa gatii meeshaalee fi boba’aa, akkasumas dadhabbina kontiraaktarotaa biratti mul'atu mariidhaan maqsuun hojiiwwan kurmaana itti aanu keessatti xiyyeeffannoo olaanaa kan argatan ta’uu kallattiin kaa’ameera.
Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa 👇🏽
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org