03/06/2026
Shawaa Kibba Lixaatti Pirojektoonni Bishaanii Qarshii Miliyoona 82 Oliin Hojjetaman hawaasa kuma 63 ol fayyadamoo taasisan.
========
– (Caamsaa 26/2018)-Godina Shawaa Kibba Lixaatti pirojektoonni bishaan dhugaatii garaagaraa bajata mootummaa fi dhaabbilee arjoomtotaa walumatti qarshii miliyoona 82 oliin bara kana hojjetamaa turan xumursiisuun rakkoon hawaas-dinagdee jiraattotaa furamuu Waajjirri Bishaaniifi Inarjii Godinichaa beeksise.
Kana keessaa Aanaa Gooroo, Ganda Feencir Ambabbeessaatti pirojektiin bishaan dhugaatii humna aduutiin hojjetu Dhaabbata Direct Aidtiin qarshii miliyoona 16 oliin ijaarame bakka hoggantoonni mootummaa fi hawaasni argamanitti eebbifamee hojii eegaleera.
Itti Gaafatamaan Waajjira Bishaaniifi Inarjii Godinichaa Obbo Alamaayyoo Shallamaa akka ibsanitti, pirojektoonni hojiin isaanii xumuruun tajaajilaaf banaa ta’an rakkoo dhiyeessii bishaanii hawaasaa furuun fayyadamummaa uummataa qabatamaan mirkaneessaa jiru.
Pirojektoonni kunneen, hawaasa 63,223 fayyadamaa taasisaniiru.
Dabalataanis, damee inarjiitiin teknooloojii baayoo gaazii 80, raabsaa soolaarii 6,177 fi geemmoo fooyya’aa 59,139 hawaasaaf raabsuun namoota 281,980 fayyadamaa taasisuu obbo Alamaayyoon eeraniiru.
Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa 👇🏽
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org
02/06/2026
-(Caamsaa 25/2018)-Godina Bu/Beddellee Aanaa Dhidheessaatti, Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Dambii Qar mil 131 fi kuma 900 oliin ijaaramaa ture xumuramuun tajaajila kennaa jiraachuun ibsame. Pirojektiin kun boolla bishaanii gadi fagoo lamarraa maddurraa sarara bishaanii km 35 diriirfameen ummata kuma 25 oliif tajaajila kennuu danda'a jedhame.
Godina Baaletti kan argamu Dhaabbanni Tajaajila Bishaan dhugaatiifi Dhangala'aa Mi'oo-Gaasaraa ammoo sarara bishaanii km 11.2 diriirsuun hawaasa kuma lamatti siquuf tajaajila bishaan dhugaatii dhiheesse.
Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa 👇🏽
Telegram ➲ https://t.me/oromiawaterandenergy
Facebook ➲ hOromia Water and Energy BureauTwitter ➲ https://twitter.com/oromiawater_
YouTube ➲ https://www.youtube.com/
Instagram ➲ https://www.instagram.com/oromiawaterandenergy
LinkedIn ➲ https://www.linkedin.com/company/oromiawaterandenergy
Website ➲ https://oromiawaterandenergy.org
27/05/2026
Hordoftoota amantaa Musliimaa maraan baga Ayyaana Id-Al-Adahaa (Arafaa) Bara 1447ffaan isin gahe jechuun, ayyaanichi kan nagaa, gammachuu, milkii fi badhaadhinaa akka ta’u Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa hawwii qabu gammachuun ibsa!
𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐚𝐫𝐢𝐢!
26/05/2026
Harargee Lixaatti Pirojektiin bishaan dhugaatii Qar. Miliyoona 130tti siquun ijaarame eebbifame.
============
-(Caamsaa 18, 2018)- Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Qulqulluu Qarshii Miliyoona 130 tti siquun Hojjetame Eebbifame.
Pirojektiin kun Aanaa Ciroo Gandaa Laalluu Guddootti bajata mootummaatiin ijaarame.
Itti Gaafatamaan Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Harargee Lixaa Injinar Maashoo Dheekkamoo akka jedhanitti, pirojektiin kun jiraattota gandichaa kuma 9 ol bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo taasisuu danda'eera.
Hawaasni gandaa Laalluu Guddoos pirojektiin bishaan dhugaatii kun rakkoo bishaanii yeroo dheeraa ture kan hiike ta’uu ibsanii, mootummaa gaaffii isaanii deebiseef galateeffataniiru.