08/12/2023
Jeremy Corbyn testifies for Assange at Belmarsh Tribunal in DC
The former leader of the British Labour Party, Jeremy Corbyn, defends Julian Assange at the Belmarsh Tribunal in Washington DC. He appeals to politicians wor...
10/04/2023
Ogeessota Seeraaf hedduu barbaachisaadha. Dubbisa gaarii!
Xiinxala Labsii Lafa Baadiyyaa Oromiyaa Haarawa
Hubannaa Labsii Lafa baadiyyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti kuta kutaan Abbaa Alangaa Naannoo Obbo Ibsaa Camadaatiin dhiyaate dha. La...
31/12/2022
Faayidaa Bunaa fi midhaa buna hedduminaan dhuguu!
Faayidaa Bunaa
1. Dammaqina (alertness) namaaf kennuusaatiin kan beekamu bunni barattootaafi namoota hojii halkanii hojjetaniin baay'inaan dhugama.
Kanas kan godhu bunni kemikaala sammuu keessatti argamu adinoosaayinii (adenosine) jedhamu kan nama dadhabsiisuufi hirriba namatti fidu hir’isuudhaani.
Bunni gaafa dhugamu qofa utuu hinta’in fooliisaatiinillee faayidaa dammaqina namaa kennuu akka qabu himama.
Kanaaf natti fakkaata namootni tokko tokko gaafa bunni akaawamu aarasaa fuunfatan kaan immoo borsaa ykn kiisiisaaniitti baatanii deemaniif.
2. Kuusaa yaadannoo gaarii akka qabaatan nama godha. Bunni kemikaala assetaayilkooliin (acetylecholin) jedhamu akka baay'inaan burqu gochuu danda’a.
Faayidaalee danuu keemikaalli kun qabu keessaa tokko sammuu keessa yaadannoo (memory) kuusuudha.
Kanaaf yeroo dheeraaf namootni buna dhugan dandeettii yaadachuusaanii cimsuurra darbee dhibee dagachuu (alzhemer) dullumaan walqabatee dhufurraa akka ittifaman gargaaruu danda’a.
3. Dhibee mukuu (depression) ittisuu.
Namootni yeroo hunda buna dhugan carraan dhibee mukuutiin qabamuusaanii kanneen hin dhugnerra dhibbantaa15 ni hir’ata.
4. Carraa of ajjeesuu (su***de) hir’isuu. Namootni of ajjeesan baay'eensaanii sababa dhibee mukuutiin (depression) akka ta’e ni beekama.
Egaa dhibee mukuu hir’suun carraa of ajjeesuu namaas %50 ni hir’isa.
5. Lafa hojiitti milkaa’ina akka qabaatan nama godha. Qorannoo haaraan akka agarsiisutti namootni buna dhugan carraan guddina argachuusaanii ni dabala.
Kun kan ta’u bunni dammaqina waan kennuufiif hojiisaaniitti dammaqoo ta’u, darbees carraa namoota baay'ee wajjin walii galuu waan argataniif.
Kun immoo dhiphuufi yaaddoo dinagdee hir’isuun fayyaa sammuusaanii eega.
6. Harkisa jaalalaa dabaluu. Namootni gaafa buna dhugaa taphatan dammaqinnisaaniifi simboonsaanii waan dabaluuf harkisi jaalalaa isaan gidduu jiraatu ni dabala.
7. Cooma garaa (borcii) irraa hir’isuun ilaalchi namootni ofiif qaban akka dabalu ni taasisa.
Midhaa Bunaa
Bunni yoo garmalee dhugame miidhaalee sammuu/qorqalbii armaan gadii fiduu danda’a:
1. Garmalee nama dammaqsuun (hyperactive) xiyyeeffannoo nama dhorka. Kun immoo hojii harka ofiirraa sirriitti raawwachuu nama dadhabsiisuu danda’a.
Miira nama sossodaachisuu waan namatti fiduuf qormaata (exam) irratti nama miidhuu danda’a.
2. Gara galgalaa yoo dhugame, nama rafuu barbaadu hirriba dhorkuun, qulqullina hirriba namaa jeequu danda’a.
3. Namni dhibee yaaddoo (anxiety) qabu yoo buna garmalee dhuge dhibee kana itti hammeessuu danda’a.
4. Nama dhibee miira garlamee (bipolar disorder) qabu akka sadarkaan maaniyaa (mania) isaa itti ka’u gochuun miidhaa biraafillee saaxiluu danda’a.
Miidhaaleen kun namoota guyyaatti buna finjaala/ siinii afurii ol dhuganitti akka baay'atu hima qorannoon dhiyeenya biyya Ingiliziitii ba’e.
Ta’us, waanti hubatamuu qabu carraan nama mudachuu miidhaalee armaan olii namaa namatti gara gara.
Kanaaf, qaama ofii dhaggeeffachuun madaala ofii argachuun haala fayyaa qabeessa ta’een buna dhuguun miidhaasaarra bu'aasaatu caala.
Fayyaa hindhabinaa!
Dr. Gurmeessaa