28/09/2026
Haasawa Afyaa'ii Caffee Oromiyaa Kab. Obbo Abdulsalaam Waariyoo guutuu isaa
Hunda dura, Kabajamtoonni Miseensota Caffee Oromiyaa FILANNOO MARSAA 7FFAA adeemsifameen filatamtanii Yaaβii Duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa gaggeeffamaa jiru kana irratti hirmaachuuf Baga Nagaan Dhuftan; Anaa Dhufu!
Caffeen Bara Hojii 7ffaa bakka buβaa ummata Naannichaa taβuun amaanaa itti kenname galmaan gahuuf harβa waadaa galuun hojiisaa jalqabee jira. Kabajamaan Caffee kunis, guyyaa seena qabeessa kanatti AFYAAβII CAFFEE OROMIYAA taβee ummata Naannoo keenyaa akkan tajaajiluuf hiree naaf kenne gammachuu olaanaan simadhee, haqummaafi amanamummaa guutuun tajaajiluudhaaf qophii taβuukoo irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada.
Haa taβu malee, itti gaafatamummaan ummataa ulfaataadha. Xiiqiifi kutannoo olaanaan hojjechuu barbaada. Miira waloomaa cimsuun, tokkummaa ummata Naannoo keenyaa daran cimsinee, duudhaalee waliin jireenyaafi waliin hojjechuu caalmaan dagaagsuun hawaasa keenya tajaajiluu gaafata.
Kunimmoo, deeggarsa hawaasa balβaa, qooda fudhannaa Kabajamaa Caffee kanaafi tumsa qaamolee Mootummaa Naannichaa hundaa barbaada. Amaanaa kana milkeessuuf, utubaa waliif taanee, halkaniif guyyaa hojjennee, fayyadamummaa ummata Naannoo keenyaa mirkaneessuu akka qabnu carraa kanaan waamicha taasisa.
Kabajamtoota Miseensota Caffee !
Kabajamtoota Keessummoota Keenya !
Filannoo Marsaa 7ffaa gaggeeffameen injifannoo seena qabeessa ummanni keenya sagalee isaan mirkaneessuu dandaβee jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaa harβa bifa haaraan hundaaβaa jiru kunis, buβaa sagalee ummataan kan dhalatedha. Buβuurri dagaagina diimokiraasii sagalee ummataa taβuu hundeeffama kanaan kan mirkaneessedha.
Ummanni keenya, Oromiyaa balβoo keessa jiraatu dambalii guddaan bahee, cichoomina olaanaan qormaatileefi dhiibbaawwan filannicha gufachiisuuf aggaaman hunda dandamatee yammuu nu filatu mallattoo nuuf kenne qaba. Kunis, βMiira tajaajiltummaa olaanaan akka isa tajaajillu; fedhiifi faayidaa isaa akka kabachiifnu; haqa isaa mirkaneessuun misooma irratti akka fuulleffatu; waardiyyaa nagaa taβuun birmadummaa biyyaa akka tiksinu, waltaane hawwiifi dheebuu badhaadhinaa ummanni keenya qabu milkeessuun biyya dhaloota hegereef taatu akka ijaarruuf abdiifi amantaa guddaa nurraa qabu sagalee isaa qaalii jabeessa taβe kanaan nuuf mirkaneessee jira.
Kunimmoo, Yaadamni Paartiin Badhaadhinaa ijaarsa sirnaa irratti xiyyeeffachuun qabatee kaβe, SEENESSI WALOO utubaawwan ijaarsa biyyaa keessaa isa buβuuraafi faajjii tokkummaa biyyaalessaa taβee kan tajaajilu taβuu waan hubateefi. Akkasumas, gaaffiin misoomaafi hawaas-diinagdee ummanni kaasu karaa tarsiimaaβaa taβeen deebii akka argatuuf waggoota shanan darban kutannoofi xiiqii olaanaan hojiiwwan hojjetamaa turan cimanii yoo itti fufan Naannoon keenya Badhaadhina biyyaa mirkaneessuu keessatti gumaachi olaanaa qabdu ni dhugooma amantaa jedhu waan horateefi. Paartiin Badhaadhinaas hiree Mootummaa Naannichaa hundeessuu akka argatuuf abdii guddaa qabu filannoo kanaan waadaa gochaan haaromsee jira.
AMANTAAN kun ammoo, baβaa ulfaataafi itti gaafatamummaa guddaa taβuu isaa hubachuun, of dagannaa tokko malee hojii kanaan walgitu hojjechuuf amma irraa eegalee of qopheessuun humna, beekumsa, horataafi pooteenshaala qabnu hunda qindeessinee warra amaanaa fudhate gochaan dhugoomsu taβuudhaaf onnannee halkaniif guyyaa hojjechuu akka qabnu dhaamsan qabu carraa kanaan dabarsuun barbaada.
BARII JIJJIIRAMAA irraa eegalee, humnoonni diigumsa biyyaa irratti qiyyaafatan baandaan keessaafi humnoonni masaanuu alaa guddina biyyaa arguu kan hin barbaanne, waltaβiinsa tolfatanii hojjechaa kan turan taβus, abjuun isaanii galma gahuu hin dandeenye.
Dhageettii hariiroo diiplomaasiin biyyi keenya qabdu, nagaafi tasgabbiin waaraβee guddinni biyyaa akka saffisu, kuufama qabeenyaa qabnutti fayyadamnee badhaadhina dhugoomsuuf hojii hojjechaa jirrutti qaamoleen gammachuu hin qabne, ajandaa diigumsaa warri bocaa bulan, kaleessa milkaaβuu hin dandeenye; borus hin milkaaβani. Hirmaannaa hunda galeessa ummata keenyaan utubnee, gama tokkoon, olaantummaa seeraa kabachiisuun hojii nageenya mirkaneessuu hojjechaa, gama biraan ammoo, hojii misoomaa galma mulβata keenyaa akeeke qabannee xiyyeeffannaa addaan hoogganuun kan hojjetamu taβa.
Injifannoowwan MARII BIYYAALESSAAN galmaaβan hojii qabatamaatti jijjiiruun sirnoomsuun, kallattiiwwan gurguddoon KAROORA OFDANDAβUU Mootummaan Naannoo Oromiyaa Baadiyyaafi Magaalaa jijjiiruuf, dameewwan hojii misoomaa hundaan qabate, qajeelloon hojiirra oolanii ummanni keenya sadarkaan jiru fayyadamaa akka taβuuf ni hojjetama. SEEROTA utubaa sirnichaa taβan baasuun hojiirra oolchuu, seeronni bahan ammoo sirnaan hojiirra oolanii fayyadamummaa lammiilee akka dhugoomsaniif sirna hordoffiifi toβannoo hirmaachisaa, yaadama Karoorichaa milkeessuun buβa qabeessummaa dabalu gaggeessuu irratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu taβa.
Bifuma walfakkaatuun, mootummaafi ummata gidduutti hariiroo cimaa tumsa waloofi walhubannoo dagaagsuu irratti xiyyeeffate akka jiraatuuf, HOJII BAKKA BUβUMMAA miira ummataa mootummaaf ibsuu dandaβu, dhimmoota misoomaa, hawaas-diinagdee, bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajila haqaan walqabatee yaadni, qeeqniifi komiin ummata irraa dhiyaatu mootummaaf galtee taβee Karooraan deebii argachaa akka deemuuf xiyyeeffannoo olaanaan kennamee kan hojjetamu taβa.
Keessaahuu, Manneen Maree Aanaalee, Magaalotaafi Gandootaa cimsuun Mootummaa cimaa Ummatatti dhiyoo jiru ijaaruun utubaa dagaagina diimokiraasii taβee waan tajaajiluuf hudhaalee jiran sakattaanee cimanii ergama hojii bakka buβummaa isaanitti kenname gahuumsaan akka bahataniif qindoominaan ni hojjetama.
Guyyaan harβaa jalqabbii imala boqonnaa haaraati. Kanaaf, hojiiwwan misoomaa barii jijjiiramaa irraa eegalee hojjetamaa turan, iddoo irraa kaanee waliin walbira qabnee yammuu madaallu, imala milkiifi injifannoon guutame taβuu dandaβa. Haa taβu malee, haala qabatamaa saffisa jijjiiramaa addunyaan keessa jirtuun, fedhii ariitiin guddachuu, qeβee isaatti misoomee badhaadhina hawaasummaa dhugoomsuuf hawwii ummanni keenya qabuu waliin walbira qabamee yammuu madaalamu hojiin nu hafu baay'ee, ulfaataafi walxaxaa, akkasumas, hooggansa qindaaβaafi tarsiimaaβaa taβe kennuun hojjechuu akka qabnu kan nutti agarsiisu taβuu isaa hubachuun barbaachisaadha.
Milkaaβina hojii kanaafis, kutaaleen hawaasaa hundinuu, keessaayyuu humna oomishaa kan taβan qeerroofi qarreen keenya qorqalbii hojjetanii jijjiiramuu, biyyas jijjiiruu gonfachuun dhaweessummaa dagaagsuu, teeknoloojii yeroon gaafatu hidhachuun ogummaawwan jiran hunda keessatti hirmaachuun sochii Mootummaan taasisaa jiru tumsuun hedduu murteessaadha.
βWALIIGALAN MALEE ALAA HIN GALANβ akkuma jedhamu, waldhagahuu, waltumsuufi carraa argame hundatti fayyadamuun jijjiiramaaf hojjechuun barbaachisaadha.
Dhaloota hiyyummaa lagatee badhaadhinaaf onnatee hojjetu horachuuf hooggansi kenninu ammoo hedduu murteessaadha. Kanaaf, Riifoormii Hooggansaa hundeeffama Mootummaa Naannichaan walqabatee gaggeeffamu keessatti hooggansi sadarkaan itti gaafatamummaa fudhattaniifi Kabajamaan Caffee Bara Hojii 7ffaa ummata bakka buune tajaajiluuf harβa waadaa galle, hojii manaa ijoo kan fudhanne taβuu isaa gamanumaan yaadachiisuun barbaada.
Walumaagalatti, itti gaafatamummaan fudhanne guddaafi qindoomina qaamolee mootummaafi jaarmiyaalee adda addaa gaafata. Waltaβiinsa humnoota misoomaafi tumsa ummata keenyaa barbaada. TOKKO TAANEE galmoota misoomaa badhaadhina Naannoofi biyya keenyaa dhugoomsuuf qabaman saffisiisuun ummata keenya haa tajaajillu dhaamsa jedhu carraa kanaan dabarsaa;
Caffeen Oromiyaa, Yaaβii Duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii 7ffaa harβa hojiisaa ifaan eegalu kun, ajandaalee gurguddoo qabateen, hooggansa olaanoo qaamolee mootummaa Naannichaa keessatti itti gaafatamummaa fudhatan moggaasuufi muuduun Mootummaa Naannichaa karaa guutuu taβeen bifa haaraan hundeessuun ni raawwatama. Wixineewwan Labsii adda addaa dhiyaatan irrattis mariβatee ni raggaasa jedhamee eegama.
Dhumarrattis, Yaaβiin Duraa Waggaa 1ffaa Bara Hojii Caffee 7ffaa gaggeessaa jirru kun milki qabeessa akka nuuf taβuuf hawwiin qabu ibsaa; Galatoomaa!