21/02/2024
Kominikeeshinii Aanaa Gooroo
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kominikeeshinii Aanaa Gooroo, Government Organization, AFRICA, Addis Ababa.
Fuula Feesbuukii -Waajjira Dhimmoota Kominikeeshiini Mootummaa Aanaa Gooroo isa sirrii, oduu,xinxalaa , odeessaalee fi taateewwan haaraa Itoophiyaa ,Afriikaa fi Addunyaa guutuu irratti ta'an argattu.
21/02/2024
14/02/2024
Leenjiin Barsiisotaafi Hoggantoota Barnootaa Mata Duree Irratti Mar'achaa Oolaniiru.
-----------
WKAGo-Guraandhala 06/2016 Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti Leenjiin barsiisotaafi hoggantoota oolmaa guyyaa 3ffaa isaa mata duree Qabeenya Horachuu fi Bulchuu jedhu irratti waaree dura Dr. Biqilaa Hurrisaatin kan viidiyoon dhiyaate yoo ta'u, waaree booda immoo leenjitootni tuuta tuutan qoqqoodamuun gadi fageenyaan irratti mari'ataa oolaniiru.
Marii isaanii keessattis maalummaa qabeenyaa, akaakuwwan qabeenyaa, akkamiin horatamuu akka danda'amuu fi bulchuun danda'amu irratti gaheen barsiisaa fi hogganaa barnootaa maal ta'uu akka qabu mari'ataa ooluun dhumarratti yaada walii galaa fi hubannoo walfakkaatu qabachuun oolmaa guyyaa 3ffaa xumuraniiru.
Guyyaa boruu 07/06/2016 immoo, leenjiin dhimma barnootatiin walqabate, irratti hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo Gadaatin kan dhiyaatu ta'uun beekameera.
12/02/2024
Kootdivaar Wancaa Afrikaa mooβatte
ππππππππππππππ
Qopheessituu Waancaa Afrikaa marsaa 34ffaa kan taate Kootdivaar goolii 2 fi 1 'n Naayijeeriyaa injifachuun yeroo 3ffaaf Shaampiyoonii Afrikaa taate.
11/02/2024
ββNuti Itoophiyaanoonni abbootii keenyarraa bilisummaafi duudhaa malee abidda hin dhaalle- Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimad.
Gurraandhala 03,2016-Nuti Itoophiyaanoonni abbootii keenyarraa bilisummaafi duudhaa malee abidda hindhaalle jedhan, Ministira Muummee Doktar Abiy Ahimad.
Adwaa gatii dhabsiisuun lafeefi dhiiga abbootii gatii dhabsiisudhas jedhan, Abbootiin keenya lafee isaanii caccabsuuniifi dhiiga isaanii dhangalaasuun tokkummaan wareegama kaffaluun Itoophiyaa harβaan gahaniiru jedhan.
Abbootiin keenya duraanii biyyaafi Mootummaa adda baasanii sirriitti beekus jedhan.
Itoophiyaa bilisummaafi kabaja ishee eeguun dhaloota ittiaanuuf dabarsuuf nihojjennas jedhan.
'Bandoonni' hojii hojjechaa jiruurraa nu dhaabsisuu hin dandaβan jedhan.
Ijaarsi Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa haala miidhagaan akka xumuramuuf gahee olaanaa kan bahatan Kantiibaa magaalaa Finfinnee Duraanii Injinar Taakkalaa Uummaafi Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee galateeffataniiru.
11/02/2024
Seenaa hojjanne seenessa dhugaa dhalootatti!
===============β=============
Muuziyeemii Yaadannoo Aduwaa
ββββββββββββββββββ
Mallattoo injifannoofi hambaa bilisummaa uummata gurraachaa kan ta'e Aduwaan biyyaaf jecha aarsaa kaffalameen injifannoon guddaan kan itti goonfatamedha.
Seenaa guddaa Injifanniicha gitu immoo goototni har'aa yaadannoo magaalaa Finfinneetti ijaaranii dhalootaaf ashaaraa kaa'ani jiru.
β Guddaa galatooma!!
09/02/2024
Gurmaa'insa Mootummaa fi Paartii sadarkaan jiran cimsuun gama tokkoon nageenya keenya mirkaneessuun gama biraan ammoo hojiiwwan misoomaa fi kenna tajaajilaa fooyyessuun milkaa'ina karoora xiiqii xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu ibsame.
ββββββββββββββββββββββββ
πΎπΎπΎπΎπΎπ½π½π½π½π½πΎπΎπΎπΎπΎπ½π½π½π½
π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»π¨βπ»
Guraandhala 1/2016- Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Goorootti Raawwiin Hojii Paartii fi Mootummaa Kurmaana 2ffaa Bakka Hoggantoonni Seektaraa, Hundeen Paartii Aanaa, Gandaa fi Caasaaleen gandaa argamanitti guyyoota sadiif Gamaggamamaa ture Kallattiin gara fuula duraa kaa'uun Xumurame.
Xumura gamaggama kanaa irratti argamuun kallattii hojii Paartii fi Mootummaa gara fuula duraa kan kaa'an Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Gooroo Obbo Mokonnin Dastaa gaaffiwwan ka'aniif deebii laachuun karoora xiiqii qabannee jirru milkeessuu fi Badhaadhina maatii mirkaneessuf xiiqiin hojjechuun murteessaa ta'uu himuun raawwiin Karoora xiiqii hanga yoonatti jiru gaarii ta'uu fi cimina jiru caalmatti itti fufsiisuu fi hanqinoota jiran ammoo fooyyessuun nageenyaa fi misooma mirkaneessuun jiruuf jireenya hawaasa keenyaa jijjiiruf ammas gara fuula duraatti carraa Jiru hundatti fayyadamuun Inisheetivii Yeroo ammaa Mootummaan qabatee jiru itti fufsiisuun hawaasni keenya waliin qindoomee ciminaan hojjetamuu akka qabus kallattii kaa'aniin ibsanii jiru.
Daarikteerri Siyaasa fi Subqunnamtii Waajjira Paartii Badhaadhinaa Aanaa Gooroo Obbo Takkaa Kitaabaa Kallatti hojii Paartii fi Mootummaa gara fuula duraa kaa'aniin gamaggama guyyaa sadiif gaggeeffameen ciminnii fi hanqinni hojii Paartii fi Mootummaa hanga ammaatti jiru adda bahee Kan jiru yommuu ta'u, Uummata keenya ceesisuuf karoora xiiqii Mootummaan keenya qabatee jiru galmaan ga'uuf ciminaan hojjetamaa Kan jiru yoo ta'u Kenna tajaajila seektaraalee keenyaa fooyyessuun ciminoonni jiran akka itti fufan hanqinoonni jiran akka foyya'anii fi nageenya keenya mirkaneessuun gufuuwwan mudatan maqsuun gurmaa'insa keenya cimsinee humnoota Waloo keenyaatti fayyadamuun Mana murtii aadaa keenya sadarkaa gandaatti cimsuu qabna jechuun kallattii kaa'uun gamaggamichi Goolabamee jira.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
https://t.me/DhKMAGooroo join godhaa.
Karaa Page FB keenyan nu hordofuuf https://www.facebook.com/Kominikeeshinii-Aanaa-Gooroo-717069155333670/ like godhaa
link https://twitter.com/GoroWoreda/status/1425422006749736960
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
09/02/2024
Dooktar Abiy raawwii hojii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay gamaaggamuu eegalan
Guraandhala 1, 2016β Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad raawwii hojii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay gamaaggamuu eegalaniiru.
Bulchiinsi yeroo naannichaa erga hundaaβe eegalee hojiilee hojjetamanii fi fooyyaβiinsa jiru gadi fageenyaan qorachuu eegaluu ibsameera.
Gamaaggamni kun hojiilee deebisanii ijaaruu fi hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaarratti Mootummaa Federaalee fi naannoon hojjetamanirratti kan xiyyeeffate taβuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul'isa.
Gamaaggamni raawwii hojii kun bakka Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dabratsiyoon Gabramikaa'eel dabalatee Hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannichaa biroo argamanitti gaggeeffanaa jira jedhameera.
06/02/2024
Kan kaleessaatiin osoo wal ajjeesnuu boruu keenya dhabaa jirra
==
Uummanni Itoophiyaa seenessa waloo hedduu qaba. Seeneessa waloo uummanni qabu ijaaraa deemuun barbaachisaa taβa. Kan kaleessaatiin osoo wal falminuu boruu keenya dhabaa jirra waan taβeef tasgabbiidhaan waliin taβuun seeneessa waloo qabnu ijaaraa deemuun rakkoo gama kanaan jiru buβuurarraa hiikuun jijjiirama biyya keenyaafis murteessaadha.
Biyyoonni hedduu rakkoo keenya caalaa rakkoo keessa galanii turan rakkoo isaanii taaβanii mariβachuun hiikaniiru. Nutis rakkoofi miidhaa tureef beekkamtii kennuun tasgabboofnee boruu keenya ijaaruuf hojjechuu qabna. Kanaafis Komishiniin Maree Biyyaaleessaa hojii hedduu hojjechaa jiru hunduu deeggaruun milkaaβina isaatiif hojjechuu qaba.
Nageenyi gatiin isaa jabaadha. Itoophiyaa keessatti waggoota 50n darban keessatti yaada qindeessuun kaayyoo siyaasaaf hiriiruu dhabuun, nagaa waaraan akka hin uumamneef hudhaa taβeera. Qawwee fayyadamuunis nagaan akka hin uumamneef gufuu birooti. Rakkoo furuun kan dandaβamu marii qofaani.
06/02/2024
"Uummata ofii qawween dararaa siifan falma jechuun adeemsa hiika hin qabneedha. Kun waan Shaneen naannoo Oromiyaa keessatti dalagaa jirtuudha. Itoophiyaa keessatti garuu karaa nagaa, dimokiraasii fi filannoon yoo ta'uu baate qawwee qabatanii aangootti dhufuun gonkumaa hin danda'amu."
MMI Dr. Abiy Ahimad
05/02/2024
Gamaggamni Raawwii Hojii Paartii fi Mootummaa Guyyoota Sadiif Gaggeeffamaa Ture Xumurame
=============================
Amajjii, 27/2016(WDHKOAG)-Godina shawaa kibba lixaatti gamaggamni raawwii hojii ji'oota jahan darbanii hojii Mootummaaf Paartii guyyoota sadiif gaggeeffamaa ture xumurame.
Gamaggama raawwii hojii Mootummaa fi Paartii gaggeeffameen xumura irratti madaalliin gaggeeffameera. Madaallii gaggeeffameenis Aanaan Gooroo Aanaalee godina Shawaa Kibba Lixaa 12'n jiran keessaa Raawwii hojii Paartiinis ta'ee kan Mootummaatin sad.1ffaa yoo madaalamu Cuunfaa madaallii raawwii hojii paartii fi mootummaatiinis sad.1ffaatti madaalameera.
Kanaaf Hoggantoonni Aanaa Gooroo,Hojjettoonni Mootummaa, Caasaaleen Gandaa fi Uummanni Aanaa Gooroo hundi hojii Paartii fi Mootummaa hojjechaa turtaniin sadarkaa 1ffaatti waan madaalamtaniif Baga Gammadan Baga Gammanne!!
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
https://t.me/DhKMAGooroo join godhaa.
Karaa Page FB keenyan nu hordofuuf
https://www.facebook.com/Kominikeeshinii-Aanaa-Gooroo-717069155333670/ like godhaa
link
https://twitter.com/GoroWoreda/status/1425422006749736960
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
04/02/2024
Hojiin Kominikeeshinii Bu'aa Qabatamaatiin Madaalamuu qaba - Obbo Hayluu Addunyaa
Finfinnee, Amajjii 26, 2016 (WKAG) - Hojiin Kominikeeshinii Bu'aa Qabatamaatiin Madaalamuu akka qabu Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayluu Addunyaan ibsan.
Biirichi raawwii hojii baatii jahaa Magaalaa Adaamaatti qorateera.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa tooftaa kominikeeshinii adda addaafi miidiyaatti fayyadamuun immaammataafi tarsimoo Mootummaa hojjirra oolchuun wal hubannaan gaariin akka jiraatuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee akka itti fufuu qabu ibsanii jiru.
Kurmaana lamaan darban keessatti hojiin fooyya'insa qabu kan itti mul'ate ta'uu eeraniiru.
Ammas jijjiirama mul'achaa jiru cimsuuf iddoo hundatti miirri wal dorgommii fi deeggarsaa fi hordoffii caasaalee sadarkaa jiranii cimsuun bu'aa caaluuf hojjechuun murteessaa ta'uu Obbo Hayiluun ibsanii jiru.
Karoora qabame karaa guutuu ta'een milkeessuuf sadarkaa hundatti waan karoorsan qabatamaan hojitti hiikuun bu'aan madaalamaa deemuun murteessaa ta'uu eeruu ragaan biiricharraa argame ni mul'isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
https://t.me/DhKMAGooroo join godhaa.
Karaa Page FB keenyan nu hordofuuf https://www.facebook.com/Kominikeeshinii-Aanaa-Gooroo-717069155333670/ like godhaa
link https://twitter.com/GoroWoreda/status/1425422006749736960
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna
30/01/2024
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Website
Address
AFRICA
Addis Ababa
