Agaro City Communication Office

Call Directions Contact the organization

Agaro City Communication Office Bulchiinsa magaalichaafi uummata walqunnamsiisuun,yaa'insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu ni taasisna.

"Nageenya amansiisaafi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaadha." Obbo Naziif Maha...
09/10/2026

"Nageenya amansiisaafi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaadha." Obbo Naziif Mahaammadamiin !!
***********
Fulbaana 29,2019[WKMA]
Manni Maree Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo hojii nageenyaa hanga ammaa jiruufi haala yeroo irratti mari'achuun kallattii hojii fuula-duraa kaa'ee jira.

Walitti qabaan mana maree nageenyaa fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Aggaaroo Obbo Naziif Mahaammadamiin waltajjii kanaan ciminootaafi hanqinaaleen hojii nageenyaa keessatti mul’atan gadi fageenyaan qoratamuun kallattiin fuula-duraa kan kaa'aamee ta'uu ibsaniiru.

Sadarkaa hundatti nageenya amansiisaafi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa akka ta'ees Obbo Naziif ibsaniiru.

Dabalataanis Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Aggaaroo Obbo Ayyalee Qanaatee,imala badhaadhinaa milkeessuuf tumsi qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Waltajjii kanarratti hoggantoonni qaaamolee nageenyaa fi miseensonni mana maree nageenyaa hirmaataniiru.

Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : -
👉 Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735
👉 Tiktok:
tiktok.com/
👉Telegram: https://t.me/agarocom
👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09==
👉Youtube :
https://youtube.com/?si=3px2RsTypQgS4rzf6

09/10/2026

"Ulaan galaanaa Itoophiyaaf hinmalu kan jedhu nuti hindhageenye." Looreta Nagaa Addunyaa MMI Dr.Abiyyi Ahimad !!

08/10/2026
08/10/2026


Kibba Lixa Oromiyaa
&

08/10/2026
Yaadachiisa : - Jiraattota Magaalaa Aggaaroo Maraaf !!***********Guyyaa har'aa Fulbaana 28,2019 sa'aatii booda sa'aa 8:0...
08/10/2026

Yaadachiisa : - Jiraattota Magaalaa Aggaaroo Maraaf !!
***********
Guyyaa har'aa Fulbaana 28,2019 sa'aatii booda sa'aa 8:00 irraa kaase yeroo muraasaaf sababa hojiitiin ibsaan waan addaan cituuf dursitanii qophii akka taasistan kabajaan isiniif ibsina.

Humna Ibsaa Damee Aggaaroo !!

Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : -
👉 Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735
👉 Tiktok:
tiktok.com/
👉Telegram: https://t.me/agarocom
👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09==
👉Youtube :
https://youtube.com/?si=3px2RsTypQgS4rzf6

08/10/2026
07/10/2026

Jimmaa Damee

''Hojiiwwan misoomaafi nageenyaa eegalaman daran itti fufsiisuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan ho...
07/10/2026

''Hojiiwwan misoomaafi nageenyaa eegalaman daran itti fufsiisuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamuu qaba.'' Dr. Rashaad Kamaal !!
**********
Fulbaana 27,2019[WKMA]
Koreen hoggansa olaanaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa raawwii hojiiwwan misoomaafi nageenyaa hanga ammaa jiran qorachuun kallattii hojii ittaanu kaa'aniiru.

Waltajjii kanaan raawwiin hojiiwwan misoomaafi nageenyaa akkasumas raawwiin hojii kenna tajaajilaafi pirojektootaa dabalatee hojiiwwan walii galaa Godinichaa sadarkaan irratti argamu kan dhiyaate yemmuu ta'u, ciminootaa fi hanqinaaleen turanis addaan bahee kallattiin ittaanu kaa'ameera.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa kabajamoo Dooktar Rashaad Kamaal, hojiiwwan misoomaafi nageenyaa eegalaman daran itti fufsiisuudhaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamuu qaba jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenna tajaajilaa fooyyessuu, misooma eegalame daran itti fufsiisuufi nageenya waaressuuf riifoormiiwwan gara garaa hojiirra oolchaa akka jiru kan himan Dooktar Rashaad, akka Godina Kibba Lixa Oromiyaattis hojii gama kanaan jalqabame milkeessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru.

Hogganaan Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasir, hojiiwwan mosoomaa jalqabaman akka milkaa'aniif nageenyi waaraan jiraachuun dhimma murteessaa ta'uu himanii, hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi alseerummaa dhabamsiisuuf hojjetamu hojii xiyyeeffannoo barbaadu akka ta'e ibsaniiru.

Biiroon Nagaa Oromiyaas, nageenyi Oromiyaa keessatti akka waara'u fi misoomni jalqabame akka milkaa'uuf qaamolee nageenyaa sadarkaan jiran mara wajjin qindoomina olaanaan kan hojjetu ta'uus Obbo Tijjaaniin himaniiru.

Odeeffannoowwan magaalaa keenyaa ariitiin argachuuf : -
👉 Facebook
https://www.facebook.com/profile.php?id=100064795866735
👉 Tiktok:
tiktok.com/
👉Telegram: https://t.me/agarocom
👉Twitter: https://x.com/AgaroCommunica1?t=3EOZta5GW-IOoXfYtq59TQ&s=09==
👉Youtube :
https://youtube.com/?si=3px2RsTypQgS4rzf6

Address

Agaro

Telephone

+251472214067

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Agaro City Communication Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Organization

Send a message to Agaro City Communication Office:

Shortcuts

Share