Murtii Barsiisoo
Go/Arsii A/Gunaatti Himatamaan Gocha yakka hanna cimaa raawwachuun himatame adabbii hidhaa salphaan adabame.
Himatamaan kun badhaadhina isaaf hin malle argachuuf itti yaadee gaafa 23/2/2015 Halkan sa'a 11:00tti A/Gunaa Magaala Abbaa Jamaatti mana kuusaa midhaani/magaazana/ miidhamaa dhuunfaa qulfii balbalaa morodaan kutee seenun, midhaan baaqela fi atara Kg 100 hatuun gaafa 24/2/2015 daldalaatti Qr.5000'n gurguraa osoo jiruu harkaaf harkatti qabame jechuun Seera yakkaa kewt. 669(3)(b) jalatti himannaan A/A irraatti dhiyaate.
Himatamaanis dhaddacha irratti gocha yakkaa ittiin himatame guutumatti amaneef, manna murtii dhaddacha gaafa 24/2/2015 oolen himatamaas ta'ee fakkaataa isaa ni barsiisa jechuun kan itti amane adabbii hidhaa salphaa Wag. 3 tiin adabee jira.
Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Gunaa
The main role and job of this kindly page is to post about Gunaa district General Attorny
Murtii Barsiisoo
Go/Arsii A/Gunaatti, Himatamaan Gocha yakka Gudeeddii raawwachuun himatame adabbii hidhaa Cimaatiin adabame.
Himatamaan kun itti yaadun gaafa 10/01/2015 halkan, A/Gunaa ganda Walargii boobeetti miidhamtuu dhuunfaa fedhii isheetiin ala dirqisiisee gudeede jechuun Seera yakkaa kewt.620(1) jalatti himannaan A/A irraatti dhiyaate.
Himatamaan, himannaa irratti dhiyaate waakkatus, ragaan namaa fi barruu hospitaala irraa dhiyaate akkaatuma himannaa A/A tiin kan mirkaneessan waan ta'eef himatamaan keewwatuma ittiin himatame jalatti akka ofirraa ittisu ajajame. Ragaan ittisaa dhiyaatan garuu, himatamaan gocha yakkaa kana raawwachuu dhabuu isaa waan hin mirkaneessineef dhaddachi murtii balleessummaa erga kenneen booda, himatamaa fi fakkaattota isaa ni barsiisa jechuun kan itti amane adabbii hidhaa cimaa wag. 5 tiin adabe
09/09/2021
Manni Hojii A/A Aanaa Gunaa gaafa guyyaa 29/12/2013 Gandaa walargii Boobee irratti hubanno seeraa Dhimmaa nagenyaa fi ittisaa yakkaa irratti hubanno bifa kanaan keenne jira.
Yaa'iin Abbootii Alangaa fi Waldaa Abbootii Alangaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin akka haarawatti dhaabbachuu isaatiif Abbootiin Alangaa naannoo keenyaa maqaa mana hojii keenyaatiin baga gammaddan isiniin jenna.
Himatamaan maqaan isaa Abbee Hassan Hamdaa jedhamu badhaadhina isaaf hin malle argachuuf yaaduun gaafa guyyaa 5/6/2013 tilmaamaan sa'aatii 7:00 yoo ta.u Aanaa gunaa magaalaa nageellee ganda 01 iddoo addaa bankii hojii gamtaa oromiyaa damee arbaa guuguu jedhamutti lakkoofsa herregaa isaa irratti maallaqa gahaa tahe osoo hin qabaatin akka maallaqa qabu fakkeessuun yeroo neetoorkiin badu eeguun unka maallaqa ittiin baafatan irratti mallatteessuun qarshii 1000 kan baasee fudhate waan ta'eef seera yakka bara 1996 fooyya 'ee bahe keewwata 692(1) irra darbuun yakka gowwoomsuun isaa waan irratti mirkanaa 'eef manni murtii aanaa gunaa dhaddacha gaafa guyyaa 15/7/2013 ooleen adabbii hidhaa cimaa waggaa tokko fi adabbii maallaqa qarshii 400tiin akka adabamu murtaa 'ee jira.
Manni Hojii A/Alangaa Aanaa Gunaa milishotaa Aanaa kennatiif gaafa guyyaa 22/04/2013 kilastaraa nagelee irratti Heera motummaa irratti hubannoo kennee jiraa, carraa kananiis halaa kennaa tajajilaa A/Alangummaa aanaa keenyaa irrattis maarin bal'aa geeggefamee jira.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Website
Address
Asella
