26/08/2025
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Arsii 7ffaa.
Haqaan hojjechuun amantaa ummataa ni horanna.
26/08/2025
Yaa'ii Abbootii Seeraa Manneen Murtii Godina Arsii 7ffaa.
24/07/2025
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Asallaa Iddoo hojii mijataa uumuuf suphaa keessa gamoo gaggeessaa jira. Iddoo hojii mijataa uumuun kabaja ummata tajaajilamuuf agarsiisuudha.
26/04/2025
Barsiisoo
=================⚖️⚖️
Himatamtoonni boba'aa seeraan Ala geejjibsiisaa turan adabaman!!
========================
Himatamtonnii Dani'eel Shaalaqaa fi Fayyiisa Assaafa jedhaman Heeyyaama daldaala ragga'e Osoo hin qabaatiin gaafa guyyaa 12/06/2017 tilmaammaan Halkaan keessaa sa’aatii 7:00 yoo ta’u asuma Bu/Magaalaa Asallaa Ganda Burqitu iddoo addaa buufata bobaa'a sheelii jedhamee wamammuuttii bobaa'a beenziila baay'innii isaa lit -2980 ta'ee fi tilmaamni isaa qarshii 302,172 basuu konkoolata Isuuzii lakk- gabaate 66263 -A ta'een osoo geejibsaasa jiran harkaaf harkaattii qamoole seeraa sakkaata'insa irraa jiraanin qabamanii galmeen qulqullaahee Abbaan Alangaa mana murtiitti himatuun Himatamtoonnii Yakkaa ittiin himatamàan guutumman guututti waan amanaaniif bu'uuraa Sdfy kwt 134 tiin kewt -ittin himatamaan jalatti balleessaa qaban jedhamaniru yaadaa adabbii bitaaf mirgaa erga dhagahameen booda manni murtii Aanaa magaalaa Asallaa adabbii Himatamaa barsiisuu Fi fakkaattota akkeekkachiisu dandaa'u dhaddaacha gaafa guyyaa 13/06/2017 Oleen himaataman 1ffaa Adabbii mallaqaa Qr. 6000 himaataman 2ffaan Qr 3000tiin adabamaaniru
Ciraan: qabamees bobaa'a lit-2980 Mootuummaaf galii ta'eera.
Hojiiwwan RTD mana Murtii Aanaa Magaalaa Asallaan Hojjetaman.
=================
Manni Murtii Aanaa Magaalaa Asallaa Guyyaa 03/02/2017 Dhimmoota RTDn dhiyaatan Galmeewwan Afur(4) ilaaluun murteessee jira. Galmeewwan ulaagaa RTD guutuun himannaan Abbaa Alangaa Magaalaa Asallaatiin Qophaayee dhiyaatee, himatamtoonni mirga isaanii eeggachuun himannaa isaan irratti dhiyaate amanuun galmeewwan afur guyyaa dilbataa hojjetamuun fala aragatanii jiru. Dhimmoonni Ulaagaa RTD guutuun dhiyaatan kamiyyuu haala mirgi himatamtootaa eeggameen sababa hanqina mana murtiitiin osoo gara idileetti hin deebi'in guyyaa sanbataa fi ayyaanaallee dabalatee adeemsa RTDN hojjetamaa jiru.
16/09/2024
Marii Qaamolee Haqaaf Nageenyaa Magaalaa Asallaa
Kabajamuu Mirga namootaa fi Olaantummaa Seeraatiif Qindoominaan Hojjechuun Qaamolee Haqaaf Nageenyaa Barbaachisaadha. Haaluma Kanaan akka Qaamolee Haqaaf Nageenyaa Magaalaa Asallaatti Wixinee Karoora Qaamolee Haqaa Magaalaa Asallaa Bara 2017 irratti bilchinaan Mariin Gaggeeffame.
10/09/2024
Baga bara 2017 nagayaan geessan. Barri 2017 bara nagaa fi milkaayinaa isiniif haa ta'u.
MANA MURTII AANAA MAGAALAA ASALLAA.
14/08/2024
Guyyaa 08/12/2016
Duula kunuunsaa fi Dhaabbii biqiltuu Gannaa.
Hojjettoonni mana murtii Aanaa magaaalaa Asallaa hojii magariisummaa fi hawwattummaa iddoo hojii dabaluuf hojjechaa oolanii jiru. Dallaa mana murtii Aanaa magaalaa Asallaa keessa hawwataa fi miidhagaa taasiisuuf yeroo yerodhaan hojiin heddu hojjetamaa kan ture yoo ta' u ganna bara kanaa kanas biqiltuuwwan adda addaa dhaabuudhaan kan duraan dhaabate shooggaruu fi kunuunsuudhaan hojiin hojjetamaa jira. Hojii kana hojjettoonni mana murtii humnaa fi kaka'umsa mataa isaaniitiin hojjechaa jiru.