20/10/2021
10/02/2014
Tasgabbii Gabaa fi Daldala Seeraan alaatiin walqabatee Hojii guddaan Hojjachaa turuun keenya ni yaadatama. Kanaanis jijjiiramni hin tuffatamne dhufeera. Gatii oomishaalee baay'ee gadi buusuun ykn iddootti dhaabuun danda'ameera. Kun ammas cimee itti fufuu qaba.
Yeroo ammaa Godina keenya keessatti Oomisha midhaanii Sassaabuun calqabameera.
Sassaabbii Oomishaatiin walqabatee Saamichi Gatii Kombaaynaraa/1Kuntaala irratti geggeeffamuu fi Midhaan Qonnaan bulaa Gatii Xiqqaadhaan Maasii Qonnaan bulaa irratti bituun/Saamuun Godina keenya keessatti raawwatamaa tureera.
Kun ammoo raawwatama.
Bara kana Rakkoo kana hambisuuf Koreen Sadarkaa Godinaa mari'atee Hojii keessa galeera.
Gatiin Sassaabbii midhaaniitiif Kombaaynaraaf kaffalamu Kuntaalaan Qarshii 80-100 akka ta'u murtaa'eera.
Bittaa fi gurgurtaan Maasiirratti raawwatamus yakka akka ta'e kallattiin taa'eera.
Kana bu'uureffachuun Caasaan keenya Sadarkaan Hojii kana keessatti Koree Sadarkaa Aanaa waliin Qindoomee gahee isaa bahuu akka qabu ciminaan kan hojjatamu ta'a.
Gadaan Quufaa Gabbina!!!

06/10/2021
25/09/2021
14/09/2021
14/09/2021