Arsi Zone Land Office

Arsi Zone Land Office

Share

The name of this institution is changed from Arsi Zone Land Administration and Uses Office to Arsi Zone Land Office only.

Photos from Shimelis Abdisa's post 07/01/2026
07/01/2026

π‡π¨π«ππ¨πŸπ­π¨π¨π­πš π€π¦πšπ§π­πšπš 𝐊𝐒𝐫𝐒𝐬𝐭𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 Hundi, 𝐁𝐚𝐠𝐚 π€π²π²πšπšπ§πš 𝐐𝐒π₯π₯𝐞𝐞 𝐍𝐚𝐠𝐚𝐚𝐧 π†πžπžπ¬π¬πšπ§!
**************************************
π‘¨π’šπ’šπ’‚π’‚π’π’π’Š π‘Έπ’Šπ’π’π’†π’†, π’Œπ’‚π’ π’π’‚π’ˆπ’‚π’‚, π’ˆπ’‚π’Žπ’Žπ’‚π’„π’‰π’–π’–, 𝒋𝒂𝒂𝒍𝒂𝒍𝒂𝒂, π’•π’π’Œπ’Œπ’–π’Žπ’Žπ’‚π’‚π’‡π’Š π’ƒπ’‚π’…π’‰π’‚π’‚π’…π’‰π’Šπ’π’‚π’‚ 𝒉𝒖𝒏𝒅𝒂 π’Œπ’†π’†π’π’šπ’‚π’‚π’‡ 𝒉𝒂𝒂 𝒕𝒂’𝒖!

Photos from Arsi Communication Office's post 03/01/2026
01/01/2026

Wishing all our friends and partners a Happy New Year as the global community rings in 2026!

Remember, you’re 8 years younger though when you πŸ‡ͺπŸ‡Ή

Photos from Arsi Zone Land Office's post 31/12/2025

!!
βœοΈβœοΈβœοΈπŸ”πŸ”βœοΈβœοΈ
Muddee 22/2018 Godina Arsii Aanaa Loodee Heexosaatti Waajjirri Qonnaa fi Lafa Aanichaa Haaromsa waraqaa ragaa Abbaa qabiyyummaa lafaa irratti qooda fudhattootaf leenjii kennee jira.

Barbaachisummaa leenjichaa irratti haasaa kan taassisan bakka bu'aan damee lafaa obbo akka jedhanitti Haaromsi waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa kun alseerummaa hir'isuu fi waldhabdee hawaasaa xiqqeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himuudhan, hubannoo leenjicharraa argame gara hojiitti hiiku akka qaban dhaamanii jiru.

Waajjira Qonnaa fi Lafa Aanichaatti Abbaan Adeemsa Kaadaastara lafaa obbo gama isaanitiin Ragaa lafaa qulqulluu fi burjaajii irraa bilisa ta'e galmeessudhaan,ragaa lafaa teeknoolojiidhaan deeggarametti fayyadamuun barbaachisaadha jedhanii jiru.Haaromsa waraqaa ragaa lafaa kun:-
πŸ‘‰Alseerummaa lafaa hir'isa.
πŸ‘‰ Ragaa lafaa qulqulluu
πŸ‘‰ Saamicha lafaa ni hir'isa jedhanii jiru.

!!

Photos from Biiroo Lafa Oromiyaa's post 29/12/2025
Photos from Arsi Zone Land Office's post 28/12/2025

Guyyaa 19/4/2018
Godina Arsii Aanaa Muneessatti waraqaa ragaa qabiyyee Lafa baadiyyaa sadarka 2ffaa Qo/bultootaf kenname.
Saganta jalqabsiisa kennaa kaarta qabiyyee lafa bakka IG waajjira keenyaa kabajamoo obboo Kadiir Hirphoo fi IA Bulchaa fi IG Qonnaa fi Lafa Aanaa Muneessa fi qaamotni gara garaa argaminiti gaggeeffamera.

Photos from Arsi Zone Land Office's post 25/12/2025

Godina Arsii aanaa Gunaa magaalaa Nageelletti lafa mana jireenyaa waldaaleef dabarfamee

Magalichatilafti mana jireenyaa waldaalee 14 miseensota 300f dabarfamee kan kenname yommuu ta'u Barsiisota,hojjattoota mootummaa,qaamolee nageenyaa,qonnaan bultootaafi jiraattota magaalichaa waldaan gurmaa,aniif Bakkaa bulchaan aanaa Gunaa obboo shimalilis Darajjee fi keessummoni Godina argamanitti dabarfamee kennameera.

Photos from Arsi Zone Land Office's post 16/10/2025

Guduunfaa fi Kallattii Raawwii Karoora Bara 2018

Hubachiisa:- "Magaalota irratti lafa kan bulchu bu'uuraalee misoomaati".

Kallattii Raawwii Bara 2018

1. Hojiilee ijaarsa dandeettii cimsuu
2. Hojiilee hojiirra oolmaa KIFL keessaa bahuu
3. Too'annoo fi hordoffii ISA adda baasuun furmaata waaraa kaa'uu
4. Dhiyeessii lafaa baadiyyaa fi magaalaa gosa tajaajila isaatiin raawwachuu
5. Dabarsa lafa baadiyyaa fi magaalaa akkaataa qajeelfamaan gaggeessuu
6. Qabiyyee durii fi ISA dambii liizii duraa seera qabsiisuun keessaa bahuu
7. Too'annoo, hordoffii fi waliigaltee odiitii gaggeessuun bu'aa isaa gabaasuun madaalaa deemuu
8. Mirkaneessa qabiyyee lafa baadiyyaa Aanaaleen akka Muneessa, Seeruu fi Xiichoo xiyyeeffannaan raawwachuu
9. Kenna tajaajilaa saffisaa, qulqullina, baay'inaa fi ariitiin, akkasumas dachaan dabaluun sistamoota lafaa kana fayyadamuu(Fkn:- NRLAIS, SOLA, CRPRS)
10. Simannaa abbaa dhimmaa fooyyessuun, komii fi waldiddaa xiqqeessuu
11. Qabannaa ragaa qindaa'aa fi manneen galmee keessattuu kan magaalotaa haala ammayyaan fooyyessuu fi gabaasuu
12. Kaadastara magaalaa, keessattuu Magaalaa Boqojjii, Hurutaa fi Dheeraa illee kan dabaluu dha.
13. Hoggansa ragaalee lafaa gara teknolojiitiin 'hard copy fi soft copy' qindeessuu
14. Gahee lafti galii guddina biyya tokkoo keessatti gumaachaa jiru, agarsiisuu, mul'isuu fi gabaasuu
15. Ciminootaa fi hanqinoota jiran madaalaa deemuu dha.

Waliigalaan:
1. Qindoominaan hojii keenya raawwachuu
2. Tajaajila sirnoomsuun ciminaan kennuu
3. Sirna deeggarsaa fi hordoffii cimsuu
4. Bu'aa fi fayyadamummaa ummataan madaalaa deemuu fi kkf ta'uu I/Aanaan Waajjira Lafaa Godina Arsii kallattii raawwii hojii bara 2018 keessatti kaa'aniiru.

Dhumarratti, I/Gaafatamaan Waajjira Lafaa Go/Arsii guduunfaa gamaaggamichaa irratti, hirmaattotni Aanaalee fi Magaalotaa, hojiilee amma ilaalle kanaa fi ciminoota itti fufsiisaa, hanqinaalee jiru, fooyyessuun, hoggansa achi jirus hubachiisuun bu'aa ajaa'ibsiisaa baarateen yeroo itti aanu akka wal arginu imaanaa jiru hirmaattotaaf dhaamuun,
1. Karoora fooyyessuu(amend) gochuu
2. Hojii keenya akka safaramuu danda'uuf yeroo fi 'taargeetii' kaawwachuun hojjachuu
3. Lafa bulchuun, labsiin, dambiin, qajeelfamaan fi seeraan bulchuu akka qabnu, ogeessaa fi hoggansi illee beekuu akka qabu fi kkf kaasuun leenjii fi gamaaggamichi guyyaa 2f ture, haala boonsaa hoggansa waajjira lafaa ibsuun xumurameera!!

Photos from Arsi Zone Land Office's post 16/10/2025

Guyyaa 06/02/2017

Oolmaa Gamaaggama Har'aan Kan Itti-fufe:

Hubannoo leenjii fi gamaaggama hojii kur.1ffaa Waajjirri Lafaa Go/Arsii, Aanaalee fi Magaalota isaa waliin gaggeessaa tureen, gaaffilee fi yaada adda addaa hirmaattota irraa ka'aniif, Abbootiin adeemsaa fi hoggantootnis deebii itti kennaniiru.

Gaaffilee fi yaadota ka'an muraasa keessaa:

1. Hojii KIF Lafaa irratti ogeessa malee, hoggansaan xiyyeeffannaan kan hin jirre ta'uu

2. Caasaaleen waajjira lafaa hanga gadiitti fooyya'aa jira moo, maal jechuu dandeenna, sabni isaa gubbaa ministeera, jalaa gandarratti qaamotni laaffisan jiru waan taheef?

3. Mirkaneessa qabiyyee lafa magaalaa irratti, abbootiin qabiyyee hedduun biyya alaa jiraachuun, ragaaleen waajjira keessa jiru hanqina qabaachuun hojii kaadastara magaalaa saffisiisuu dhabuu

4. Erga gurmaa'insaan booda humni namaa kan damee lafaa aanaalee irratti baay'ee xiqqaa waan taheef, ergamoota adda addaa irraa osoo bilisa tahee gaarii ta'uu fi humna namaa guutuun danda'amee?

5. Sababa gara baadiyyaa fi gandaatti ogeeyyin gadi bu'aniif meeshaaleen hojii lafaa ittiin gaggeeffamu, ragaalee, motorootaa fi kompitarootni hedduun osoo gara seektaraa deebi'ee barbaachisaa ta'uu

6. Magaalota irratti, dambii gurmaa'insa caasaa MNO 250/2016 bahe sanaan lafa magaalaa osoo Bu'uuraaleen hogganuu qabu, maaliif akka abbaa hin qabnee kaafama? Gurmaa'insa booda maqaan seektara lafaa immoo magaalota irratti maal jedhamee waamama? Chaappaa fi loogoo Bu'uuraaleen magaalota irratti maaf hin qabaanne?

7. Sirni deeggarsaa fi hordoffii Magaalota hunda biraa fi aanaalee hundaa bira osoo gahamuun danda'amee? Xumura waggaa irratti osoo beekkamtiin kennamuun jajjabeeffamee? Gahee fi angoon Waajjira Lafaa fi Misooma Magaalaa fi Manneenii qajeelfamaanis, fedhii namoota dhuunfaa tokko tokkoonis osoo walitti bu'uu baatee, adda bahee sadarkaa godinaatti, hoggansa godinaatiin kaayamee, kan jedhuu fi kkf hirmaattotarraa ka'uun deebii fi yaadni itti kennameera.

Want your business to be the top-listed Government Service in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Asella