Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii

Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii

Share

We are striving to establish modern and Accessible Road Network in Arsi Zone!

20/04/2025

Ergaa Baga geessanii!๐ŸŒณ๐ŸŒณ๐ŸŒณ๐ŸŒณ๐Ÿ€๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒฟ๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท๐ŸŒท
Waajjirri Daandii fi Loojistiikii Godina Arsii Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Sektaricha keessa jiran Sadarkaa Aanaarraa hanga Gubbaa jiranii fi Hordoftoota Biyya keessatti argaman Baga Ayyaana Faasikaa geessan jedha.
Ayyaanichi:-
๐ŸŒฟKan Nagaa
๐ŸŒฟKan Jaalalaa
๐ŸŒฟKan Gammachuu
๐ŸŒฟKan Badhaadhinaa
Akka ta'u hawwa!

Ayyaana gaarii!

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 28/03/2025

19/07/2017
Gamaaggama Hojii
~~~~~~~~~~~~~
Waajjira Daandii fi Loojistiikii Godina Arsiitti Gamaaggamni Gamaqgamni Hojii Hanga Kurmaana 3ffaa Aanaalee Godinichaa waliin geggeeffamaa ture Guyyaa har'aa xumurameera.
Gamaaggamichaan:
-Hanqinaaleen
-Ciminootni
-Rakkoolee fi
-Dhimmootni Xiyyeeffannaa gara fuula duraa argachuu qaban adda bahaniiru.
Sadarkaan Aanaaleetis Adda bahee kan taa'e yommuu ta'u Aanaalee akka Gololchaa, Roobe, fi Suudee karaa fooyya'ina qabuun Hojii isaanii Raawwachaa turuun isaanii ilaalameera.
Faallaa Kanaatiin Aanaaleen akka Seeruu, Z/dugdaa, Doddotaa fi Jajuu Raawwii Hojii Pirojektoota Daandiitiin Aanaalee Xiyyeeffannaa barbaadan ta'uunis ilaalameera.
Dhimmoota Hubannoo barbaadan irrattis Leenjiin Gabaabaan kennameera.
Xumura irratti Hojiilee Ji'oota darban Harca'an dabalatee Karoora Hojiilee Kurmaana 4ffaa irratti Kallattii kenname irratti waliigalteerra gahuudhaan waltajjichi goolabameera.

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 26/03/2025

16/07/2017
Gamaaggama Hojii

Sadarkaa Waajjira Daandii fi Loojistiikii Godina Arsiitti Hojjattoota Waajjiraa waliin Gamaaggama Hojiilee hanga ammaa geggeessineerra.
Gamaaggama Kanaanis Sadarkaa Raawwiin Hojii Pirojektoota irra jiru Kan Qoranne yommuu tahu, Pirojektoota Bara kana Hojjachuuf karoorfanne Keessaa Pirojektoota 17 yeroo ammaa xumuramanii Tajaajilaaf banaa tahan dabalatee Pirojektoonni 59 Hojii keessa jiraachuun adda baheera.
Pirojektootni hafan Sababoota humnaa olii gara garaatiin dhaabbatanii jiraachuunis ilaalameera.
Xumura irratti Haala Saffisaa fi Qulqullinaan yeroo itti aanu keessatti Pirojektootni itti hojjataman irratri kallattiin kaa'uudhaan waliif galamee waltajjichi goolabameera.

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 12/03/2025

03/07/2017
Walharkaafuudhinsa Saayitii
=================
Guyyaa har'aa Riqa Abbaa Meetira 20 Bara kana Aanaa Martii Laga Fardaa irratti hojjatamuuf karoorfame wal harkaafuudhinsa iddoo/saayitii/ Dhaabbata Hojicha hojjatu waliin taasisneerra.

Sagantaa kana irratti Abbaa dhimmaa kan ta'e Uummata Gandoota D/Garjallee fi A/Gorobaa waliin marii taasisnee jirra.
Marichaanis Pirojektichis ta'ee Namootni Hojii kana hojjatan Hanga Hojichi xumuramutti Kan Uummata Gandoota Kanaa waan taheef fudhatanii Kunuunsaa fi Eegumsa barbaachisu hunda gochuufi akka qaban kallattii taa''e irratti waliigaltee cimaarra gahamee Uummatichis Dhaabbata Hojii Hojjatu ofitti fudhatee Kunuunsa barbaachisu gochuuf Waadaa galeera.

Fiixaan baasi Waaqi!

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 14/01/2025
Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 14/01/2025

Ammajii 06, 2017
Caalbaasii
Guyyaa Har'aa Pirojektii Riqa Alaltuu Aanaa Xiyoo keessatti Hojjachiisuuf Waajjiri Daandiiwwanii fi Loojistiiksii Godina Arsii Karoorfate Beeksisni Caalbaasii isaa Guyyoota darbaniif Qilleensarra turuun isaa ni yaadatama.
Koreen Raggaasistuun Godina Arsii Guyyaa Har'aa Caalbaasicha Banuudhaan Madaalee Dorgomtoota Ulaagaa baniinsaa guutan gara Koree Teeknikaatti qajeelchee jira.
Koreen Teeknikaa Guyyoota Muraasa keessatti calallii xumuree Kallattii itti aanutti akka dabarsu ni eeggama.

Milkeessi Waaqi!

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 08/01/2025

30/04/2017
Akkam jirtan Hordoftootni Fuula kanaa?!
Hordoftootni Amantaa Kiristaanaa Baga Ayyaana Qillee geessan!

Guyyaa Har'aa Pirojektootni Riqaalee Daandiiwwanii Caalbaasii banamee ture Koreen Teeknikaa Pirojektii Godinichaa ilaalee Gulaalee Koree Raggaasistuu Godinaatiif dhiyaatee mariin bal'aan erga irratti taasisifamee booda mirkanaa'ee kallattii itti Aanutti darbeera.
Milkeessi Waaqi!

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 17/12/2024

08/04/2017
Caalbaasii

Guyyaa Har'aa Pirojektoota Riqaalee Haaraa Waajjira Daandii fi Loojistiiksii Godina Arsii Caalbaasii isaa banneerra.
Riqaalee Bara kana Hojjatamuuf Caalbaasiin isaanii Guyyaa har'aa baname kunniin:
1. Riqa Laga Waargaa... Aanaa L/bilbiloo
2. Riqa Laga Baqaqsaa Aanaa Sh/Kooluu fi
3. Riqa Laga Fardaa Aanaa Martii keessatti argaman tahee Hojiin Riqoota kanniinii Yeroo Waggaa tokkoo keessatti kan xumuramu ta'a.
Yeroo Caalbaasichi xumuramee, Moo'ataan adda bahee Waliigalteen xumuramee Hojiin calqabamutti Deeggarsa barbaachisu taasisuudhaaf Aanaaleen Pirojektoonni kunniin keessatti hojjatamanii fi Abbaa kan ta'e Uummanni Naannoo sanaa ammumarraa qophaa'uu akka qabu ni dhaamna.
Waaqni Fiixaan haa baasu! Aamiin!!!

Photos from Waajjira Daandiiwwanii fi Loojistiikii Godina Arsii's post 19/11/2024

10/03/2017
Waajjira Daandii fi Loojistiiksii Godina Arsii
Gamaaggama Hojii Ji'oota Afurii(4)
=========================
Guyyaa Har'aa Gamaaggama Hojii Ji'oota Afurii Seektara keenya Aanaalee waliin geggeessineerra.

Calqaba irratti Gabaasni Hojii ji'oota darbanii dhiyaatee mariin irratti taasifameera.

Gamaaggama kanaanis Hojii Pirojektii Daandiiwwaniitiin walqabatee Aanaleen calqabbii gaarii qaban akkuma jiran Aanaaleen Reefu Sadarkaa Caalbaasii baasuutiin walqabatee Adeemsarra jiranii fi Harkifannaan biratti mul'atu akka jiran ilaallee jirra. Kanarraa ka'uudhaanis,Hanqinaa fi cimina Ji'oota darbanii erga addaan baafnee irratti mari'anneen kallattii gara fuulduraa irratti mariin taasifameera.

Want your business to be the top-listed Government Service in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Website

Address


2nd
Asella