Arsi Zone Finance Office

Arsi Zone Finance Office

Share

Government Official

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 17/02/2026

Guyyaa 10/06/2018 Waajjira Mallaqaa Godina Arsiiti Fooramii waajjiraalee Mootummaa fi Dhaabilee Hawaasaa ykn NGO'S Godina Arsii qophaa’e jira. dhaabbileen hawaasaa gara garaa fi wajjiraaleen mootummaa misooma gara garaa irratti hojjatan baajata hojiif ramadamu kamuu qisaasama tokko malee akkaataa hojiirra Ooluu qabu irratti mari'atan.

Fooramii kana irratti Hogganaan Waj.Mallaqaa G/Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa akka Godinichaatti dhaabbileen siviilii hawaasaa 33 ta'an pirojektoota gara garaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan 59 birrii biiliyoona 3.2 oliin hojjachaa jiraachuu himanii jiru. Itti dabaluunis waajjiraaleen mootummaa fi dhaabbileen hawaasa godinicha keessatti misooma gara garaa hojjachaa jiran karoori misoomaaf akka godinichaatti qabame akka milkaa'uuf qaamonni kun qindoominaan hojjachuu qabu akkasumas muuxannoo walirraa fudhachuu qabu jedhani jiru. Akkasumas Dhaabileen Hawaasaa (NGO) filataman keessaa gabaasa raawwii isaanii dhiheessanii jiru. Hirmaatota keessaa yaadni marii bal'aan ka'ee irratti mari'atameera.

Biiroo Maallaqaa Oromiyaa irraa Daayrektarri Dayrektarootii Dhaabiilee Siiviilii Hawaasaa Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Deebisaa haala qindoomina walitti dhufeenya waaj. Mootummaa fi DhMM giddu jiru miira fi itti fayyadamumma tajaajila ummataa irratti kan xiyeefate ta'u qaba jedhaniiru.

Yaada xumuraa irrattis I/Aanaan Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa akka jedhanitti Hojiiwwan hojjatamaa turan gabaasa dhiheessuun muuxannoo gaggaarii walirraa barachuufi hanqinaalee jiran fuula duraaf furmaata kaayuun barbaachisaa akka ta'e ibsuun, Akkasumas qaamni sadarkaan jirus deeggarsaa fi hordoffii cimsuun itti fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuufi biyya keennas gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf hojjachuu akka qabanis dhaamaniiru.

Dhumarrattis Dhabilee Hawaasummaa keessaa dhaabbilee hojii fakkenyummaa hojjataniif Sad. 1ffaa hanga 5tti badhaasni Geebaa fi waraqaan ragaa kennuun xumuramee jira.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 02/01/2026

Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti Gamaaggama Raawwii karoora hojii Hanga kur. 2ffaa bara Baajataa 2018 Aanaalee fi Bul/Magaalotaa waliin Muddee 24/2018 Gamaaggamni taasifamee jira.

Walttajjii kana irratti kan hirmaatan:-
Aanaalee fi Bul. Magaalootaa irraa itti Gaafatamtoota W/Maallaqaa Aanaalee , Abootii Adeemsaa fi Ogeessa KTL Aanaalee kan hirmaachiseedha. Gabaasni hojii raawwii Hanga kur.2ffaa Waaj Maallaqaa Aanaalee fi kan Godinaa akkasumas Dub-Deebii Supper visionii kur.1ffaa kan dhihaate yoo ta'u.

Sagantaa Gamaaggamaa kana ilaalchisuun marii kan taasisan Hoogganaan Waajjira Maallaqaa G/Arsii obbo Gishaa Kabbadaa "Raawwiin keenya yeroo hunda adeemsa gabaasuu qofa osoo hin taane , akkamitti hojjanne raawwiin keenya immoo haala kamiin hawaasa bira gahee bu'aa buuseera kan jedhu ilaaluun barbaachisaa fi dirqama ta'uu isaa beekuu qabna jedhan".

Haaluma kanaan yaada ka'een haala itti fayyadama baajataa yeroo isaa keessatti fayyadamuun Bittaa yeroon bituun karoora karoorfanne Olitti Raawwachuu qabna jedhaniiru. Gama uwwisa Oodiitiitiinis Arggannoo tarkaanfii Oodiitii deebisiisuu, walitti qabamaafi kaffallamaa, hojiin Maqsaa Qabeennaa tajaajilaan ala ta'an fi Initiative Waajjira Maallaqaa Sadarkaa irra jiran irratti kan adeemsifame yoo ta'u.

Dhumarrattis Hoogganaan Waajjira Maallaqaa G/Arsii obbo Gishaa Kabbadaa Adeemsota hundaanu yaadni bal'aan ka'anii mariin bal'aan erga irratti mari'atamee booda yaadota ka'aniif akkataa ciminoota jiranifi hanqinoota jiran kaasuun milka'ina kana olii milkeessuuf dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan irratti xiyyeeffachuun kallatii hojii fuulduraatiifis kallattii kaayuun xumuramee jira.

Photos from Arsi Communication Office's post 25/10/2025
Photos from Arsi Zone Finance Office's post 24/09/2025

Fulbaana 14/2018

Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti Meeshaalee Barnootaaf Oolan Hojjattoota Waajjiraa keessaa filachuun deeggarsa taasisee jira.
‎====

‎Hoogganaan Waajjira Maallaqaa Obbo Gishaa Kabbadaa akka jedhanitti tola ooltummaan duudhaa walgargaarsaa hawaasni keenya inni waa qabu isa waa hin qabnee gummachuudhaan ittiin beekamu yemmuu ta'u. Waajjirri keennas kanuma bu'uureffachuun waan qabu irra meeshaalee barnootaaf oolaan maatii barattoota kanaaf gummacheera. Humna qabnu hundaan gara fuula duraatis hojiilee kenna tajaajila lammummaa kana dura hojjataa turees itti fuufsisuun kan hojjannu ta'uus ibsaniiru.

‎Maatiin barattootaa deeggarsi taasifameefis deeggarsa waajjirri isaaniif kenne kana galatteefataniiru.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 15/08/2025

Hagayya 9 bara 2017
Waajjirri Maallaqaa Godina Arsiitti, Bittaa meeshaalee dhaabbii fi dhumeeyyii raawwachuuf caalbaasii ifaa baase guyyaa har'aa banee jira.
Waajjirichi beeksisa caalbaasii ifaa miidiyaa uwwisa bal'dhaa biyyoolessaa qabu gaazexaa Aaddis Zaman irratti Adoolessa 18 bara 2017 baasee tureen dhiyeessitoota akka guutuu biyyaatti argamaniif waamicha taasiseera.
Bu'uuruma kanaan dhiyeessitoonni hedduu sanada caalbaasii,
1-Uffata seeraa hojjatootaa,
2-Meeshaalee barreeffama,
3-Meeshaalee qulqullinnaa,
4-Goommaa konkolaattotaa,
5-Elektirooniksii fi,
6-Farniicharootaaf qopheeye guyyoota hojii mootummaa 15 walitti aanuuf gurguramaa turee jira.
Caalbaasichis, guyyaa hojii 16ffaa waaree dura sa'aatii 4:00 tti saanduqni caalbaasii erga cufameen booda, guyyama kana turtii daqiiqaa 30 booda, sa'aatii 4:30 iddoo kaadhimamtoonni dorgomtoonni, taajjabdooni, Oodiitii, fi ogeeyyiin iddoo argamanitti sirni baniinsaa geggeeffamaa oolee jira.
Caalbaasiin kunis haga danda'ameen yeroo gabaabaa keessatti ulaagaan madaallii teekniikaa fi faayinaansiin calalliin erga xumuramee booda, Koree Raggaasiftuu Biittaa Meeshaa fi Tajaajilaatiif dhiyaatee erga raggaasifamee booda, bu'aan caalbaasii ibsamee dhiyeessitoota caalbaasii moo'atan waliin kan mallattaa'u ta'a.
Hanga adeemsi caalbaasii kun xumuramutti baajanni manneen hojii abbaa baajataa mirkanaayee Naannoo irraa akkuma dhufeen yeroo gabaabaa keessatti dhiyeessitoota moo'ataniif ajajni bittaa kennamee dhiyeessiin meeshaalee kur. 1ffaa keessatti tajaailaaf akka dhiyaatu kutannion kan hojjatamu ta'uu Dursaan Garee Bittaaf Bulchiinsa Qabeenyaa Obbo Kadiir Maarqos ibsaanii jiru.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 10/08/2025

Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti Aanaalee Raawwii hojii olaanaa galmeessisaniif beekamtiifi badhaasni kennameera.

Gamaaggama raawwii hojii Waajjira Maallaqaa Bara 2017tiin guyyaa har'aa gaggeeffamaa Ooleen Aanaaleen Raawwii hojii olaanaa galmeessisaniif sirni beekamtiifi badhaasaa kennameera.

Bu'uruma kanaan Cuunfaa madaallii raawwii hojii walii galaa bara 2017tiin

Aanaalee

1ffaa. W/M/Aanaa Roobee
2ffaa. W/M/Aanaa Loodee Heexosaa
3ffaa. W/M/Aanaa Diksiis
4ffaa. W/M/Aanaa Balee Gasgaar
5ffaa. W/M/Aanaa Digaluuf Xiijoo

Badhaasa Addaa Cufiinsa Herreegaa Waxabajiitiin

1ffaa. W/M/Aanaa Loodee Heexosaa
2ffaa. W/M/Aanaa Roobee
3ffaa. W/M/Aanaa H/Waabee

Zonal Award(Badhaafamaa addaa)

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gunaa immoo badhaafamaa addaa ta'uun badhaafameera.
..
.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 09/08/2025

Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti kallatti Qophii Baajataa bara 2018 Aanaalee fi Bul/Magaalotaa waliin Hagayya 3/2017 geggeefamee jira.

Walttajjii kana irratti kan hirmaatan Aanaalee fi Bul. Magaalootaa irraa...
Bulchaa Aanaalee ykn Kantiibaa , Af-Yaa'ii,
I/G/W/Galii Aanaalee
I/G/ W/Maallaqaa Aanaalee , Abootii Adeemsaa, fi Ogeessa KTL yoo ta'an.

Walttajii kana kan banan I/A/ Bulchaa Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa fi Hoogganaan Waajjira Maallaqaa G/Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa yoo ta'an.

Haaluma kanaan Kallattii Qophii Baajataa bara 2018, Gabaasa Hojii KTL bara 2017 fi raawwii bara 2018 akkasumas Hubannoo gabaabaa Sanada Qindoominaa fi Tumsa dhaabilee Hawaasa Siivilii qaamolee qooda fudhatoota jedhuun erga dhiyaateen booda mariin taasifameera.

Kanumarratti hundaayuun Hoogganaan Waajjira Maallaqaa G/Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa Karooraan hoogganamuu,karoora hirmaachisaa gochuu,qajeeltoowwan seeraa mana hojiin hoogganamuu,qophii karooraa keessatti xiinxala haala keessaa fi alaa(SWOT) gaggeessuu fi sirna gabaasaa akkasumas deeggarsaa fi hordoffii cimaa hojirra oolchuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Dhumarrattis I/A/Bulchaa Bulchiinsa G/Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa Hanqinoota mul'atan fooyyessuun, ciminoota turan itti fufsiisuun hawaasa keenya of kenninee tajaajiluu qabna kan jedhan yoo ta'u. Akkasumas Inisheetiivoota mootummaan naannoo keenyaa hojirra oolchaa jiru fudhachuun fayyadamummaa ummataa dhugoomsuuf hojjachuu akka barbaachisu dhaamaniiru.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 21/06/2025

Waxabajjii 13/2017- Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti Cheek-listii cufiinsa herreegaa waliigalaa bara baajataa 2017 irratti hooggansa, Manaajimantii Waajjira Maallaqaa Aanaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa waliin marii hubannoo cimsuu gaggeessee jira.

Marii kana iddoo saditti qooduun koonyaa Arbaa Guugu,koonyaa Xiichoo fi Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti kan taasifame yoo ta'u.

Hoogganaan Waajjira Maallaqaa Godina Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa akka jedhanitti hirmaattoonni hubannoo kallattii cufiinsa herregaa waliigalaa bara baajataa 2017 kennamaa jiru irratti xiyyeeffannaa itti kennuun hordofuu akka qaban dhaamanii jiru.

Cheek-listii kanarratti koonyaalee Arbaa Guugu fi Xiichoo akkasumas Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitti sanada marichaaf qophaa'e irratti cheek-listii kallattii cufiinsa herregaa Woliigalaa bara baajataa 2017 irratti hirmaattootaaf hubannoon kennamee jira.

Xumura irratti kallattii cufiinsa herreegaa Waliigalaa bara baajataa 2017 dhihaate irratti mariin gadi fageenyaan kan gaggeeffame yoo ta'u, kallattiin waliigalaa kennuun xumuramee jira.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 19/06/2025

Qabeenya mootummaa qisaasama malee karaa qulqullina qabuun ittifayyadamuun tajaajilaa barbaachisuuf olchurratti hojjatamaa jira.

Qindeessummaa Biiroo Maallaqa Oromiyatiin gamaaggamni raawwii hojii dhabamsiisa qabeenya tajaajilaan alaa bara baajata 2017 aanaaleefi bulchiinsa magaalotaa godinaalee Arsiifi Arsii Lixaa hirmaachise gaggeeffame.

Ittigaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa godinichatti manneen hojii mootummaa hundi bifa qixa ta'een qabeenya jiruu qisaasama malee sirnaan akka ittifaayadamaniif deeggarsaafi hordoffii taasisuurra dabree too'annoo gochuun hojjatachaa turuu himan.

Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa sekteraaleen mootummaa qabeenya sirnaafi of-eeggannoon qabachuun cinaatti,qabeenya suphamuun tajaajila kennuu danda'us suphisiisuun sirnaan akka ittifayyadamaniif hojjatamuu akka qabu himan.

Biiroo Maallaqa Oromiyaatti Daariktarri Daariktooreetii Reegulaatoorii Sirnaa Bittaafi Bulchiinsaa Qabeenyaa Obbo Millisha Gaddaa sirna bulchiinsa qabeenya mootummaa ammayyeessuun qabeenyi karaa qulqullinaafi of-eeggannoo qabuun qisaasamarraa hambisuuf hojjatamaa jiraachuu himan.

Photos from Arsi Zone Finance Office's post 17/06/2025

Gamaaggamni raawwii hojii sagantaa "CALM"qooda fudhattoota hirmaachise gaggeeffame gaggeeffame.

Gamaaggamni raawwii hojii sagantaa "CALM" bara baajata 2017 godinaalee Arsii,Baaleefi Baalee Bahaa hirmaachise gaggeeffameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Maallaqaa godina Arsii Obbo Gishaa Kabbadaa sagantaa "CALM"komiiwwan gama lafaatiin wal qabatanii,hojiilee qabeenyaa uumamaatiin bifa jijjiirama fiduu danda'uun hojjatamuun bu'aa gaarii fiduu danda'aniiru.

Gamaaggamichaan hanqinoota,ciminootafi rakkoolee gurguddoo turanirratti mari'achuun kallattiin hojii ittaanuu kennamuun cinaatti,godinaaleen muuxannoowwan hojii sagantichaa walirraa fudhachuun ciminaan hojjachuu akka danda'aniif kan gargaaru ta'uunis ibsame.

Biiroo Maallaqaa Oromiyaatti Qindeessituun Herrega fandiiwwan chaanalii tokko aadde Biqiltuu Maatamaa sagantichi Hojiilee qabeenya uumamaafi ittifayyadamaa lafaarratti hirmaannaa dubartootaa dabaluun fayyadamummaa kan mirkaneesse ta'uu himan.

Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa Ciminoota,hanqinootaafi rakkoolee gurguddoo raawwii hojii keessatti mul'atan addaan baasuun akkaataa fayyadamummaa hawaasaa milkeessuun danda'amuun hojjatamuu akka qabu himan.

Want your business to be the top-listed Government Service in Asella?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Asella