26/03/2026
Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneen Go/Arsii
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Misooma Magaalaa fi Manneen Go/Arsii, Government Organization, Asella.
26/03/2026
25/03/2026
Magaalonni barootaaf saamtota baadiyyaa turan. Adeemsi kun hariiroo magaalaafi baadiyyaa madaallii hineegne, haqa maleessa darbees haala lachuu walqabatanii conqola'an umera! - Pirezidaantii MNO, Shimallis Abdiisaa
Tarsiimoofi imaammattoota magaalomsuu haaraa mootummaan keenya boce, rakkoolee seenaa loogii magaalaa (urban bias) cabsaniifi haq-qabeessummaa hawaas-dinagdee kan mirkaneessn akkasumas ce’umsaa hawaas dinagdee qinda’aa roga maran kan dhugoomsaniidha.
Umamni magaalota keenyaa kaappitaalli, humni namaa barateefi teknoolojiin, lafa rukkataa (density) akka filatu kan taasisu ture. Magaalonni rukkina bu'uuraalee misoomaa (daandii, ibsaa, bishaan, neetworkii) waan qabaniif, baasii omishaa niqusatu; bu’aa ammoo nidabalu. Abbaan qabeenyaa tokko baadiyyaatti invasti gochuurra, magaalaa filata; sababiin isaa buraajoon (facilities) magaalaa keessatti walitti dhiyeenyan waan argamaniifidha. Magaalaan qabeenya baadiyyaa—nyaata, humna namaa, qabeenya umamaa—ofitti harkisee kan xuuxu humna harkisa dinagdee (economic gravity) kanaani. Kun ammoo adeemsa hamaa “Kiyyoo Yaa’insa Kaappitaalaa” (Capital Flow Trap) jedhamu umera.
Kiyyoon kun adeemsa waljijjiirraa loogaa (unequal exchange) irratti kan hundaa’edha. Gama tokkoon, qonnaan bulaan omisha isaa—midhaan, aannanii — gatii gadi aanaafi rakasaan gara magaalaatti erga. Faallaa kanaatiin ammoo, maallaqa muraasa gurgurtaarraa argate sanaan, omishaalee warshaa magaalaa kanneen akka uffataa, meeshaalee ijaarsaafi xaa’oo gatii qaaliin bitachuuf dirqama. Dhiibbaan kun qabeenya qofa irratti hindaanga’u; humna namaa irrattis dhiibbaa walfakkaatu uma. Kunis, magaalonni keenya barootaaf saamtota baadiyyaa ta’anii akka jiraatan taasiseera.
Adeemsi kun hariiroo magaalaafi baadiyyaa madaallii hineegne, tokko kan biraa itti hinhumneessine darbees lachuu walqabatanii ittikufan uumera. MNO imaammata ce’uumsa baadiyyaa hojiirra oolchaa jiru cinaatti, yaadama magaalomsuu haaraa daba hariiroo kana sirreessu bocee hojitti galcheera.
Yaadamni haaraan kun, kiyyoo haalota dura ture cabsuun, adeemsa magaalaa “baadiyyaa liqimsu” irraa gara ijaarsa magaalaa “baadiyyaa hammatuufi waliin misoomutti” ce’uu, akkasumas ilaal-qalbii (psyche) “hireen koo kana hindarbuu” jedhu hawaasa baadiyyaa irratti fe’e ture cabsuu kan akeekudha.
02/03/2026
28/02/2026
26/02/2026
Hojiilee karoorfaman yeroofi qulqullinaan raawwachuun karoora xiiqii qabame milkeessuun cinaatti fayyadamummaa hawaasaa caalmaan milkeessurrattii qindoominaan hojjatamaa jira.
Godina Arsiitti qorannoon raawwii hojjilee pirojektii,sassaabbii galiifi wiirtuu kenna tajaajila iddo tokkoorratti xiyyeeffate qooda fudhattoota pirojektii,hoggantootaafi ogeeyyii magaalotaa hirmaachise gaggeeffame.
Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir misooma hundagaleessa ittifufsiisuun fayyadamummaa ummataa dhugoomsuuf sassaabbii galii cimsuun cinaatti bu'uraalee misoomaa rakkoo bulchiinsa gaarii furanirratti xiyyeeffannoon hojjatamuu akka qabu himan.
Bulchaa ittaanaan godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa godinichatti humna raawwachiiftummaa galii guddisuun pirojektiiwwan karoorfaman yeroofi qulqullinaan raawwachuun kenna tajaajilaa ummataa foyyeessuurratti hojjatamaa jiraachuu himan.
21/02/2026
07/02/2026
Waajjirri Misooma magaalaa fi Manneennii Godina Arsii Gamaggaa Kurmaana 2ffaaguyya 2f gaggeessaa turee xummure jira.
Gamaaggama kanan, gabaasni raawwii hojii Kurmaana 2ffaa Waajjiraa dhiyaate mariin irratti gaggeeffama jira.
Gamaaggamicha irratti argamun I/A Bulchaa Godina Arsii Obbo Hirphaa Dhaabaa akka jedhanitti waltajjii kanan kallattiin Rawwii kurmaana 3ffaamiiraa xiiqiin rawwatamuu Akka qabanis dubbataniru.
I/G Waajjira misooma magaalaa fi Manneennii Godina Arsii Obbo Abbas Abduroo Hojiiwwan ji'oota 6'n darbeetti raawwatamaniin galmoota magaalaa arfan hangam raawwachuun dhugooma akka jiran ibsaniru.
06/02/2026
Amajii 29/5/2018
Waajjirri Misooma Magaalaafi Manneenii Godina Arsii gamaaggama raawwii hojii ji'oottan jahan dabraniirratti xiyyeeffate caasaa isaa sadarkaa magaalotaa wajjiin gaggeesseera.
Gamaaggamni raawwii hojii ji'oottan jahan dabraniifi sagantaan muuxannoo wal jiijjirraa magaalotaa hundi,bakka hoggantootniifi manaajimentii hirmaachisetti guyyoota lamaaf kan turu ta'uus ibsamee jira
Ittigaafatamaan Waajjira Misooma Magaalaafi Manneenii godina Arsii Obbo Abbaas Abdurroo raawwii hojii kurmaana lamaa dabranii qorachuun hanqinootni turan saffisaan akka hojjatamaniifi ciminootarratyi caalmaan akka hojjatamurratti mari'atamuun kallattiin kaa'amuu ibsaniiru.
Bulchaan godina Arsii Obbo Ibraahim Kadiir qorannoo magaalotni raawwii gaggeeffameen cimina,hanqinaafi rakkoolee turan addaan baasuun furmaata hatattamaa fixuun fayyadamummaa hawaasaa lafa qabsiisuuf hojjachuu akka qaban himan.
Hoggansiifi ogeessi magaalotaa hundi istaandaardii qixa ta'een kenna tajaajila si'ataa,qulqullinaafi haqaqabeessa ta'e kennuun ittiquufiinsa hawaasaa daran dabaluuf ittigaafatamummaadhaan hojjachuu akka qabanis himan.
19/01/2026
Hoggaanan Waajjira Misooma magaalaa fi manneeiinn Godina Arsii Obbo Abbas Abduroo Ergaa Baga Ayyaana Cuuphaa baga Geessanii Dabarsan!
[Amajjii 10, 2018]
Ayyaanni Cuuphaa Hordoftoota Amantaa kiristaanaa biratti Ayyaana kabajamaafi sirna ho'aan kabajamu ta'uu himuun, hordoftoota amantaa Kiristaanaa, qaamolee nageenyaafi hooggansa sadarkaan jirtan baga geessan baga waliin nu gahe.
Imala Badhaadhinaa biyyi keenya qabattee jirtu galmaan gahuuf miirri tokkummaa, jaalalaa, hirmaannaa ho'aan hojiilee misoomaa fi nageenyaa irratti qabnu cimsuufi injifannoowwan gama hundaan itti fufsiisuuf hordoftoonni amantaa kiristaanaa hordoftoota amantaa biroo kan ta'an waliin qindoominaan hojjachuu qabdu.
Hundaa ol ayyaanicha kabajuufis nageenyi murteessaafi isa hangafaa ta'uu himanii, ayyaanichi karaa aadaafi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf hawaasni keenya qaamolee nageenyaa cinaa hiriiruun, nageenya naannoo isaanii eeggachaa ayyaanicha waliin kabajuu akka qabanis dhaamaniiru.
Ayyaanicha yeroo kabajnus duudhaan Oromummaa keenya ganamaa akkuma nu barsiise kan beela'e nyaachisuun kan dheebote dheebuu baasuun kabajuu qabna jechaa, Ayyaanichis Kan nagaa, Gammachuu, Badhaadhinaafi milkii isiniif haa ta'u jedhan.
Ayyaana Gaarii!
Amajjii 10, 2018
15/01/2026
kilaasterii Misoomaa Magaalaa Gamaggama Rawwii Hojii Ji'ootan Jahan darbanii bakka hoggansii fi manajineentii seekteralee kilaastera magaalaa hundii argamanitti gaggeeffama Jira.
*** ************************************
Karoora xiiqii bara kana qabamee dachaan raawwachuuf raawwiin hojii gaarii jiraachu ibsun hanqinalee bal'aa bara kana keessatti ilaale fayyadamumma ummataa mirkaneessuuf danqa ta,an xiyyeeffana seektarota qindoiomina murteessaa dha.
I/G Waajjiirra Misooma Magaalaa fi Manneenii Godina Arsii Obbo Abbas Abduroo akka jedhanitti hojii karoorfanne milkeessuun fayyadamumma ummataa keenya mirkaneessuuf hojjechu barbaachisa ta'u ibsun pooteenshalaa Kilaastera keenya qaban fayyadamun xiiqiin hojjechun jijjiirama fidun imala badhaadhina dhugoomsuuf hojjenne keessa bahu qabna jedhaniru.
27/12/2025
Gamagammnii Hojii kallattii gara fuula durattiif galteedha.
Waajjirri Misooma magaalaa fi manneeiin Godina Arsii Rawwii hojii batiwwaan Darbanii magaalota wajjiin ilaala Jira.
I/G Waajjira Misooma magaalaa fi manneeiin Godina Arsii Obbo Abbas Abduroo bara kana magaalota keenna hunda keessaattii miira xiiqii ummun fayadamumma ummata Roga maran milkeessuuf hojiwwaan Bu'uuralee Misooma , kilaastera fi Galii irraattii Xiyyeeffannoo itti kennamuun hawaasnii Kenna irraa fayyadamu qaba jedha.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
Asella
