Jirun Tunii Amaana Irraa Gafatamnu

Jirun Tunii Amaana Irraa Gafatamnu

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jirun Tunii Amaana Irraa Gafatamnu, Public swimming pool, Oromiyaa, Aweday.

23/08/2021

Ergamaan RABBII ﷺ akkana jedhanii jiru ‎"Namni guyyaa qiyaamaa akkaan natti aanu, nama akkaan salawaata narratti heddumeeysu."

Mee har'a hoo Nabiyyii irratti salawaata buufneerraa?

Allahumma Salli alaa sayyidinaa Muhammad,

Sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam sallallaahu aleeyhi wassallam

23/08/2021
20/08/2021

Amaana Tube
godhaa

17/08/2021

Hangaa dhumatii dubisaa
Isiin fayadaa oboleyan kiyaa qaqalii

Shirkiin Bakka Meeqatti Akka Qoodamtu Ni Beeytaa ?
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Shirkii jechuun Rabbitti waa qindeessuu jechuudha.

Shirkiin tun bakka lamatti qoodamti.

1: Shirkii Gurguddoo
2: Shirkii Xixiqqoo

• Shirkii Gurguddoo: Rabbii si uume dhiistee waan biraa gabbaruu, Sanamaaf salaatuu, Rabbi malee waan biraatiif qaluu, Rabbi malee waan biraa yaammachuu fii kkf.

• Shirkii Xixiqqoo: Rabbi malee waan biraatiin kakachuu, Riyaa’a ykn dalagaalee gaggaarii na haa arkaniif dalaguu fii kkf.

Rabbiin nama Shirkii hundarraa qulqulleewu Nu Haa Taasisuu.

Barreeffama kana Dubbisaatii Share waliif Godhaa.

Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran

By: Ibsaa Sheikh Yuusuf

16/08/2021

بارك الله لكما وبارك عليكما وجمع بينكما في خير !

Baga rabbiin si ijaare. Baga jannata addunyaa kana seente obbaleessa kiyya Muaz Nazif. Bultii barakaa kan iimaana keessatti dabalattan bultii risqii bal'oo keessatti argattan,bultii ilmaan gaggaarii keessatti hortan rabbiin isiniif haa godhu!
Anillee Jaartii gaarii RABBIIN naaf haa kennu!


Leenca kana nuuf eeybisaa?
Aniis Duaai naaf godhaa?

Jzk!

Photos from Abdurahman Hussen's post 16/08/2021
16/08/2021

Ergamaan RABBII ﷺ akkana Jedhan:
“Ee badii isaa kan namoota ittiin kolfiisisuuf jedhe dubbii isaa keessatti kijiba (soba) dubbatu. Ee badii isaa! Ee badii isaa!”

(Sunan Abu Dawuud)

Namoota kolfiisisuuf jenne interneeti irratti waa meeqa barreessaa oolla. Garuu bu’aan nuti argannu yeroo keenya gubuu, dhiphinna, gaabbi fi cubbuun nurratti barraa’udha. Namoota kolfiisisuuf jenne yommuu haasofnu, dubbiin keenya fokkataa ta’a, miira namaa hin hawwatu. Kanaafu namoota kolfiisisuuf jenne dubbii sobaa fi faaydi hin qabne fayyadamuu irraa arraba keenya haa eegnu. Wanta namoonni gadheen hojjatan akkeessu irraa haa fagaannu. Boruu gaabbi malee wanta biraa ta’uu hin danda’u.

Namoota kolfiisisuuf jenne kabaja nama meeqa dhiinnaa. Nama tokkorratti hanqinna wayii arginaan “ewwaa arganne wanta irratti kolfinuu”. Hanqinna keenya irraanfanne kan namoota irratti kolfina. Karaa biraatin namoonni nuu haa jajanii fi kolfan jenne wanta nu bira hin jirre odeessuf carraaqna. Kunis baditti nama geessa.Kanaafu guyyaa har’aa gaabbi fi dhiphinnaan, Guyyaa Qiyaama immoo ibiddaan gaggabuu irra har’a osoo arraba keenya tiikfanne maal isinitti fakkaata? Arraba keenya hamtuu dubbachu fi zikrii dagachuu irraa RABBIIN nuhaa baraaru!

Hadiisa Bareeda kana waliif godhuun Nama jaalattan Biraan Naaf gaha.

RABBIIN Milkii addunya fi aakhira siif haa godhu.

Want your business to be the top-listed Government Service in Aweday?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Website

Address


Oromiyaa
Aweday