18/11/2021
Naannoo Oromiyaatti sochiin namaafi konkolaataa yeroodhaan daanga'ee ture kaafame
Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Addee Addunyee Ahiimad ibsa miidiyaaleef laataniin Komaand poostiin naannichaa raawwii labsii ariifachiisaa qorachuun qajeelfamni dhorka sochii namaafi konkolaataa naannichatti kaawwamee ture akka ka'uu murteessu ibsaniiru.
Qajeelfamicha kaasuun kan danda'ameefis nannichi sochii diinagdee biyyaa keessatti wiirtuu ta'uu isaatiin sochii diinagdee akka hin danqineef yaadamee yoo ta'u sakatta'iinsi kamuu nageenya hawaasaatiif godhamaa jiru garuu cimee kan itti fufu ta'uus dubbataniiru.
Yeroo barbaachisa ta'eetti qajeelfamichi irra deebi'uun hojiirra ooluu danda'aas jedhameera.
06/08/2021
=======
Mootummaan naannoo Oromiyaa torban darberraa eegalee gamaaggama raawwii hojii bara 2013fi kallattiiwwan karooraa 2014 irratti marii hirmaachisaa geggeessaa jira. Mariin kun sadarkaa naannootti kan eegalame ta’us, hanga gandoota baadiyyaafi magaalaa hundaatti deemaa jira.
Madda ciminootaafi hanqinoota raawwii hojii bara 2013 sakatta’uudhaan galaa hojii bara 2014 godhachuuf yaadamee kan qophaa’eefi hordoffii cimaadhaan raawwatamaa kan jiruudha.
Boqonnaa qophii karooraa bara 2014 kana keessatti hojiiwwan ijaarsa dandeettii caasaalee mootummaa, sochiin misooma baadiyyaafi magaalaa, dhimmi misooma hawaasummaa, ijaarsi pirojeektotaafi ajandaan nageenyaa marii sadarkaa hundatti geggeeffamaa jiru keessatti fuulleffannaa addaa argataniiru.
Hojiiwwan karoorfaman hunda baay’inaan, qulqullinaafi karaa guutuu ta’een raawwachuudhaaf hirmaannaa beekumsarratti hundaa’e gumaachuun barbaachisaa ta’uun waliigalameera. Kanaafis, boqonnaa qophii kana keessatti qooda fudhattoonni hundi hidhannoo ga’aa ciminaafi qindoominaan raawwachuuf gargaaru gonfachaa jiru.
Dhimmi baajeta mootummaa qisaasama malee fayyadamuu, hojii tajaajila lammummaatiin rakkoo hawaas-dinagdee furachuufi sosochii ummataa addaan hin cinne uumuudhaan misooma si’eessuufi nageenya amansiisaa mirkaneessuu kallattiiwwan ijoo karoora 2014ti.
Dhimma haala yeroofi ajandaa nageenyaarratti marii taasifameenis, dadammaqinni ummata bal’aa, qindeessummaan caasaalee mootummaafi qophaa’ummaan waliigalaa sakatta’ameera. Haaluma kanaan, ummanni bal’aan nageenya naannoofi biyyaa mirkaneessuufi birmadummaa isaa kabachiisuuf qophaa’ummaa qabu hojii qabatamaadhaan agarsiisaa jira. Ejjennoo cimaa, “Lukkuu hanga Lubbuutti ni wareegna!” jedhu qabatee deeggarsa taasisaa jiru cimsee itti fufeera.
Torban itti aanu kanattis hojiiwwan mootummaa karooraafi hoji-maata isaanii eeggatanii ciminaan kan raawwataman yammuu ta’u, hojiiwwan tajaajila lammummaatiin lammiilee harka qalleeyyii utubuun, rooba gannaa kana hordofee balaa ga’uu danda’u dursanii beekuudhaan hir’isuuf qophii gochuun, lafti taakkuun tokko hin hagaboomneef hojjechuufi dirree bobbii hojii hundaaf xiyyeeffannoo walsimu kennuudhaan raawwachuun barbaachisaa ta’uu akeekameera.