23/01/2026
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Awwadaay Abbootii Seeraa fi Ofisara waliin dhimmoota addaa addaa irratti marii taasisee jira.
Keessattuu dhimmoota qulqullinaa fi haala keessumeessa abbaa dhimmaas gadi fageenyaan irratti marihachuun ciminoota jiran daran cimsuu fi hanqinoota kanaan dura ture hambisuun hojii qulqulluu si'oominaan akka hojjatamu kallattiin kaayamuun marichi xumuramee jira.
17/01/2026
Manni Murtii Olaanaa Gamaaggama hojii ji'a jaha gaggeessee jira
01/12/2025
Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Awwadaay Guyyaa Ayyaana Farra malaammaltumaa irratti Dhaadannoo kenna tajaajilaa Hojmaata irratti Bu'uureffame Kennuun Malaammaa ni ittisna jedhuun kabajee jira.
Hawaasni Mana murtii barreffama mariif dhihaate irratti marii ballaa taasisuun maricha xumuree jira.
24/10/2025
Manni murtii Anaa kutaa Magaalaa awwadaay Marii koree JBHA gaafa guyyaa 14/02/2018 taasisee jira.
Dhimmoota ijoo addaa addaa irratti mariin kan taasifame yoo tahu;
●Ragaa sobaa ittisuu irratti
●Dhimmoota dantaa mootummaa tahan eegsusuu keessatti mirgi lammii nagahaa akka eeggamu irratyi
●Qindoomina qaamoolee haqaa ,waajjira poolisii fi mana murtii itti fufsiisuu, hanqinoota turan maqsuu fi ciminoota itti fufsiisuun tajaajila lammiilee saffisiisuu irratti mariin ballaan taasifamuun kallattii waliif kaayuun marichi xumuramee jira.
02/10/2025
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Awwadaay marii waliigalaa
taasiseen jalqabarratti eebban jalqabuu raawwii hojii yeroo gannaa fi kurmaana 1ffaa bara 2018 irratti ciminootaa fi hanqinoota jiru adda baasuun ciminoota itti fufsiisuun hanqina irratti hojjachuuf marii taasiseen karoora bara 2018 milkeessuuf irratti hojjachuu akka qabnu irratti waliigaluun maricha xumuree jira.