04/06/2026
Baayyee nama gaddisiisa
Ajjeefamuu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa,Aadde Warqee Fakkansaa, Ilaachisee Ibsa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Irraa Kenname
-------------------------------------------
(Caamsaa 27,2018 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Guyyaa har'aa Godina Shawaa Lixaa, Mana Murtii Aanaa Walmaraatti abbaan dhimmaa falmii abbaa manaa fi haadha manaa mana murtichaa irraa qabu Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Walmaraa kan ta'an Aadde Warqee Fakkansaa akkasumas haadha manaa isaa kan turanii fi falmii qoodinsa qabeenyaa isa waliin gaggeessaa jiran Aadde Almaaz Makonninitti shugguxii dhukaasuun lubbuun isaanii akka darbu kan taasise yammuu ta'u, ofii isaattis irra deddeebiin dhukaasuun yeroo ammaa kana hospitaalatti kan argamu ta'uun mirkanaa'ee jira. Gochaan kun kan raawwatame yeroo manni murtichaa gamoo haaraa eebbisiisee hojii itti eegalaa jirutti yammuu ta'u yeroo ammaa kana yakka raawwatameen wal qabatee namoonni dabalataa shakkaman to'atamanii qorannoon gaggeeffamuu eegalee jira. Gochaan suukanneessaan Abbaa Seeraa Aadde Warqee Fakkaansaa irratti raawwatame haala kamiinuu fudhatama kan hin qabnee fi hawaasa manneen murtii fi hawaasa magaalichaa laphee kan cabsedha.Dabalataanis haadha warraa isaa waggoota dheeraaf waliin jiraatanii fi wal himatanii addaan bahan dubartii ulfoo akkaataa kanaan lubbuu dabarsuun heddu kan nama gaddisiisudha. Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa gochaa suukanneessaa abbaa seeraa Aadde Warqee Fakkansaa irra qaqqabeen gadda itti dhagayame ibsaa, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwa.Gochaa yakka raawwatameen wal qaabatee qorannoowwan gaggeeffamuu eegalanii fi gara fuula duraati gaggeeffamanii seeraan ilaalaman adeemsaan kan ifoomsu ta'uus beeksiseera.

26/05/2026
25/05/2026
23/05/2026
09/05/2026