18/04/2026
Guyyaa 10/8/2018
Gamaggamii Rawwii Kurmanaa 3ffaa Mana Qopheessa Bulchiinsa magaalaa Bulee Horaa gaggeeffamee
Gamaaggamii Kurmanaa 3ffaa Mana Qopheessa Hojjataa Hundaa bifaa ho'aa ta'een Hojjata Gandaa hanga Magaalaaf Hogansaa Bu'uuraaleef Abbootii adeemsa Mana Hojii hundaa hirmaachisee Iddoo Hogaansii mana Hojii jiraniittii kan gaggeeffamee yommuu ta'u.Adeemsalee Mana Hojii hundii Gandoota Dabalatee Gabaasaa isaan Kana Ji'aa Sagalii kan dhiyeessan yommuu ta'u hanqina fi cimina Hojii Keennaa Kamuu Rawwii isaa madala deemuu Karooraa keennaa gara fuulduraatti kallattii kan ka'u yommuu ta'u hojilee harca'aan hafaan kamuu duguuginee Yeroo itti aanu keessatti xummuruu akka qabnuu gaggamaan kun kan biraa agarsiisuudha jedhamee.Dabalataanis IA Hogganaa mana Qopheessa Obbo Obbo Caalaa Jiloo akka Hojilee mana qopheessa magaala hanga gandaatii jiruu sirriitti irratti hojjachuuf bulchiinsa Bu'uuralee Magaalaa hanga gandaatii jiruu fayyummaa isaa eeguuf akkasumas kununsuu hawaasa hirmachisuun kunuunsa bu'uuraleef antummaa akka isaan qabaatan taasisuu qabna jedhan
Dabalataan Hogganaa mana hojii obbo Kotola Gumii Bu'uuraalee Gandaa keenna Hundii hojii isintaa keenamee kamu Humnaa qabdan hundaa fayyadamuun Akka Jijjiirama barbaadanuu bira gahamuu danda'amuu dhaqabsiisuu qabnaa Dabalataa Hojii dhimma kunuunsa Bu'uuralee misooma fi qulqullina magaalaa woliin walqabatee Gandoonnii hundii akkuma kanaan duraa Blokii blookii Networkiin qulqullina ijaarame san lafa qabsiisuu qabnaa Jedhan .
13/02/2026
Guyyaa 06/62018
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti hojjattooti mootummaa Mana Qopheessaa ijaarsa Istaadiyeemii guddicha hirmaannaa uummataan jalqabame itti fufsiisuuf mindaa isaanii arjooman.
Yaadama eebbifamaa fi qaama badhaadhina keenna kan ta'e ijaarsa Istaadiyeemii Magaalaa Bulee Horaatti jalqabame akkuma duraan hirmaannee jalqabne ni xumurra ejjannoo jedhu qabachuun fedha ofitiin mindaa isaanii %50 arjoomanii jiru.
Marii kana bakka Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Kottoola Gumiif I/A Hojii gaggeessaa obboo Caalaa Jiloo argamanutti gaggeeffame. Murtiin isin dabarsitan murtee seenaa qabeessa jechuun hojii gaggessaaf itti aanaa hojii gaggeessaa mana qopheessaa hojjattoota kanneen galateeffatanii jiru.
02/02/2026
Guyyaa 25/5/2018
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti Waltajjiin qindoomina Waajjira Geejiibaaf Mana Qopheessa gaggeeffame.
Waltajiin kun Galii Mana Qopheessaa akkaata inni duguugame galuu qabuuf rakkoo harca'uu galiin mana qopheessaa irratti xiyyeeffatameti kan gaggeeffame. Waltajjii kana kan gaggeessan Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Kottoola Gumiif Itti gaafatamaa Waajiira Geejjibaa obboo Xilahuun Zelleqee bakka hojjataa buufata kokolaataa ,Waajjiraalee lamaaniif to'attoota Geejjibaa argamanutti taasifame. Marii kanaan rakkoon harcaati konkolaata buufata seenu dhabu jiru ka'ee hatattamaan akka sirra'uu kallattiin kaa'ameera.
27/01/2026
19/5/2018
Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti gamaaggamni hojii torbaana lamaa gaggeeffameera.
Waltajjii kana kan gaggeessan Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Kottoola Gumiifi I/A Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Caalaa Jiloo yoo ta'u bakka manajimanti mana hojiif hojjataan waajirichaa argamanutti gaggeefameera. Waltajjii kanaan ciminaaf hanqinni jiru adda baafame kallattiin kennameera.dhumarratti karoorrii hojii bulti 70 fuula duraa hojjatamu dhihaateera.
17/01/2026
Guyyaa 09/5/ 2018
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti gamaaggami raawwii hojii kurmaana 2ffaa Mana Qopheessaa gaggeffama jira.
Gamaaggama kana bakka Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa Obboo Kottoola Gumiif I/A Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Caalaa Jiloo argamanutti hojjattoota sadarkaa Waajiiraafi hojjattoot sadarkaa gandaatti ramadaman hunda hirmaachisuun guyyaa tokkoo guutuuf taasifama.
Gamaaggama kanaan Gabaasi raawwii hojii Gandoota kara I/G Bu'uuraalee gandootaaf dhumarratti gabaasi Mana Qopheessaa guutuun dhihaatee mariin irratti gaggeeffamee jira.
09/07/2025
02/11/2017
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti Taarif galii haaraan Mana Qopheessaa sektera qooda fudhattootaaf dhihaate.
Taariif haaraan galii Mana Qopheessaa bara 2018 hojiirra ooluu sekteraalee qooda fudhattoora 12 ta'an hirmaachisee bakka I/Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bulee Horaa obboo Galgaloo Salfaa argamutti dhihaatera.
Tariifa haaraa kana kan dhiheesse Hojii Gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Baatuu Siidaa yoo ta'u, sekteraaleen kun hubannoo guutuu akka argatuuf gahee isaanii irraa eegamu bahu akka qabanus dubbatan.
I/Aanaa Kantiibaa obboo Galgaloo Salfaa gama isaaniitiin sekteraaleen qooda fudhattoon hundi taarifa haaraa bahe kan mana qopheessaa magaalaa keennaa hubatanii ammarraa kaasanii gahee isaanii akka bahatan kallattii kaa'anii jiru.
08/07/2025
Guyyaa 01/11/2017
Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti taarif galii haaraa kan bara 2018 ittiin sassaabamu erga mana maree magaalaatiin ragga'een booda hojjattoota dirree galii sassaabanuuf orenteshiiniin kennameera.
Orenteshiinii kana kan kennan Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Baatuu Siidaa turan.
08/07/2025
Guyyaa 01/11/2017
Bulchiinsa Maagaalaa Bulee Horaatti Konfiraansii Miseensota gamtaa Paartii Badhaadhina Mana Qopheessaa kurmaana 4ffaa gaggeeffame.
Konfiraansii kana irratti gabaassi hojii paartii kan gamtaa maatii badhaadhina mana qopheessaa kurmaana 4ffaa kara hooggansa gamtaa maatii badhaadhinaatiin dhihaateera.
Gabaasa dhihaateen ciminaaf hanqinni adda bahee kallattiin hojii bara 2018 kaa'ameera.
28/04/2025
Guyyaa 20/8/2017
Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti koree Biiroo Misoomaa Magaalaa fi Manneen Oromiyaa irraa dhufaniin hojiin haga ammaa hojjataman sadarakaa irra jiru qoratamera.
24/04/2025
Bakkaa Olee Olee Galgala manuma galee
Bakkaa oolani irraa bakkaa bulani caala
Carraan Keeti Misoomaa Magaalaa Keetiif!!
Ijaarsa Istadiyemii Magaalaa Bulee Horaatiif jecha Lootoriiyi Carraawwaan adda addaa qopheessaa jirra. Bitachuuf qopha'aa. Misoomaaf Deegarsaa Abbaa Carraas ta'aa!!
Gatiin Qarshii 300 qofa.
Carraawwaan Dhihaataan
1. Lafa Daldalaaf oolu Kaaree 300
አንደኛ ዕጣ የንግድቦታ 300ካሬ
2.Lafa Mana Jireenyaatiif Oolu Kaaree 400
ሁለተኛ ዕጣ የመኖሪያ 400ካሬ
3.Bajaji Luka sadii
ሶስተኛ ዕጣ ባጃጅ
4. Motorsayikilii Appach
አፖች ሞተር
5.Motorsayikilii Elektirikiin hojjatu
የኤሌክትሪክ ሞተር
6.Firijii
ፍሪጂ
7. Laptop Hp Icore5
ላኘቶፖ ኮራይ i5
8.Televzhiinii inch 55
ቴቪ55ኢንች
9. Mobayila Samsung
ሳምሰንግ ሞባይል
10. Kawuyyaa Uffataa
የልብስ ካዉያ
17/04/2025
Guyyaa 9/2017
Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatti Ijaarsi Piroojektota Daawwataman;
Ijaarsii Piroojektota Baajata Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Bulee Horaatiin bara kana ijaarama jiru bakka Walitti qabaa koree piroojektii magaalichaa fi I/Aanaa Kantiibaa obboo Galgaloo Salfaa argamanutti daawwatamee oole.
Bara kana ijaarsi pirojektii baajata mootummaa kan Maana Qopheessaatiin hojjatamuuf qabamee baay'innaan 13 qarshii miliyoona 30 oli ta'uun hojitti galamee yeroo ammaa sadarkaa gaarii irratti akka argamu daawwannaa kanaan adda baheera.
Ijaarsi piroojeektii kun yeroo isaaf qabamee keessaatti qulqullinna isaa eegee akka xumuramuu Obboo Galgaloon kallattii kaa'aanii jiru.
Hojii gaggeessaa Mana Qopheessaa obboo Baatuu Siidaa hojiin kun qulqullinnaafi yeroo jedhametti akka xumuramuu ogeeyyii mana hojichaa itti ramaduun hordofaa kan turan ta'uu isaa kaasanii ammas yeroo jedhametti xumuramee tajaajila uummataatiif banaa akka ta'uu dubbatanii jiru.