Galma Guyo Tache

Galma Guyo Tache

Share

Dhugaa Akkaa Isiin dhugaa Argee gulaa deemu danda'uu Rabbiin nuuf haa laaffisu

09/03/2025

Haala nyaataa yeroo sooma ramadaanaa gama fayyaatiin.
**************************
Baatii ramadaanaa kana keessa namoonni fayyaa ta’anii fi umuriin isaanii ga’e akka sooman beekamaadha. Yeroo hedduu nyaatni guyyaatti al lama qofa, yeroo iftar (galgala) fi suhoor (yoo bari’uu jedhu kan) nyaatama. Jireenyi hawaasaa ammoo kan duraanii calaatti si’awaa fi mi'aawaa, kan namoonni hedduun walgaafatan, maatii firoottan waldubbisan walargan, namoota harka qalleeyyii fi haalli hawaasdinagdee kan biroo itti wal gaafataniidha. Namoonni tokko tokko ammoo guyyaa guyyaa waan rafaniif, sochiin waan hir’isuudhaan kan duraanii irra furdachuu malu. Mee gama fayyaatiin haalli nyaata keenyaa yeroo ramadaanaa walumaa galatti maal fakkaachuu qaba kan jedhu irratti dhaabbanni fayyaa addunyaa fi dhaabbattoonni fayyaa kan biroo, ogeessota fayyaas dabalatee maaltu gorfama kan jedhu haa ilaallau.

1. BISHAAN (WATER)
♡ Walumaa galatti yeroo ramaadaanaa kana bishaan ga’aa sirriitti dhuguu fi soorata bishaan hedduu of keessaa qaban soorachuun dirqama dha. Bishaan yoo xiqqaate haga fuullee (burcuqqoo kan jedhan san) kudhan dhuguun/argachuun dirqamadha.
♡ Nyaata akka watermelon ykn hab hab jedhamu kan bishaan hedduu of keessaa qabu soorachuun qabiyyee bishaanii ga’aa guyyaa guyyaatti argachuuf hedduu gargaara. Timaatimnii fi salaaxaan illee akkasuma bishaan hedduu waan of keessaa qabaniif hedduu gargaaru.
♡ Dhugaatii kaafeenii of keessaa qaban akka bunaa, shayii fi kokaakollaa irraa of qusachuun gaariidha. Kunis yeroo tokko tokko dhugaatiiwwan kun karaa fincaanii bishaan hedduu nama keessaa yaasuun hir’ina bishaan qaama keessaa (dehydration) dhaaf nama saaxilu waan ta'eefidha.
♡ Ramaadanni biyyootaa fi baroota addaa addaatti haala qilleensaa fi dheerina guyyaaf halkaniin gargarii waan qabaatuuf, yeroo tokko tokko guyyaan halkanirra dheeratee sa’aa 15 haga 16 soomuun dirqama ta’uu mala. Yeroon ramadaanaa kun amma biyya keenya keessatti haala qilleensaa ho’aa keessa oola, dheerinni guyyaas halkan

05/01/2025

Allahu akkabar Alhamdulillah lillaah Sosochii Dawaa Gamoojji Godina Boorana Baha Aana Waacilleeti Bifa Hoo'aaf Adda ta'een jalqabee Guyoota torbaani kana keessa Gandoota Akka Waacillee Baadiyya, Garsee Qalloo (Cobii) fi Qallaa dhirriit Namootni 11 Kufrummaa Duraani seenani irra gara Amantii jalqabaatiiykn islaamumma Amantii dhallii nama irraat Uumameef kan ragaan guutameeti deebi'an Namootni islaaman Kun Amantii Duraani hordofaan irraa maalti isan deebise jedhani yoo gaafatani deebiin jaraa
*Gaafii Gaafatamnu tokkollee deebiin Quubsaa deebisuu waan dadhabneef akkasumas Amantii Ragaa tokkollee hin qabnee hordofuun waan nu rakkiseef jedhani

15/12/2024

With Deebanu Multimedia – I just got recognized as one of their top fans!

08/12/2024

((قُلْ بِفَضْلِ ٱللَّهِ وَبِرَحْمَتِهِۦ فَبِذَٰلِكَ فَلْيَفْرَحُوا۟ هُوَ خَيْرٌۭ مِّمَّا يَجْمَعُونَ))
((«በአላህ ችሮታና በእዝነቱ (ይደሰቱ)፡፡ በዚህም ምክንያት ይደሰቱ፡፡ እርሱ ከሚሰበስቡት ሀብት በላጭ ነው» በላቸው (9 : 58)

13/01/2024

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 58 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Mee yaa obboleeyyan Islaamaa Baatii Kabajaa Qabdu tanaaf sirritti if haa qopheessinuu.

Warri nu dura dabran Waggaan isaanii guutuun Ramadaana ture, akkas jechuun

1: ji’a 6 yaa Rabbi Ramadaanaan nu Fati ja’anii Rabbii Isaanii kadhatan

2: ji’a 6 ammoo yaa Rabbi soomana keenya nurraa qeebali ja’anii rabbii isaanii kadhatan.

Kanaafuu nutiis mee akka warra nu dura Dabree San Haa taanuu.

Rabbiin warra baatii Ramadaanaa gayee soomanee ajrii soomanni qabu arkatu nu haa taasisuu.

Galatoomaa

https://t.me/IbsaaDhugaa

11/01/2024

BAATII RAMADAANAATIIF GUYYAA 60 QOFAATU HAFE !!!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
By: Dr. Ibsaa Dhugaa

Mee yaa obboleeyyan Islaamaa Baatii Kabajaa Qabdu tanaaf sirritti if haa qopheessinuu.

Warri nu dura dabran Waggaan isaanii guutuun Ramadaana ture, akkas jechuun

1: ji’a 6 yaa Rabbi Ramadaanaan nu Fati ja’anii Rabbii Isaanii kadhatan

2: ji’a 6 ammoo yaa Rabbi soomana keenya nurraa qeebali ja’anii rabbii isaanii kadhatan.

Kanaafuu nutiis mee akka warra nu dura Dabree San Haa taanuu.

Rabbiin warra baatii Ramadaanaa gayee soomanee ajrii soomanni qabu arkatu nu haa taasisuu.

Galatoomaa

https://t.me/IbsaaDhugaa

Telegram: Contact @Abdulaziz_Teha 28/12/2023

Haaalaaf Amala Gaarii Irratti Nama Kakaasuu.

Aayyoo aaishaan {RA} Nabiin {SAW} kan akkana jedhaniin dhagaye " mu'iminni haalaaf amala gaarii isaatiin sadarkaa nama soomanuu fii dhaabbatee salaatuu argata."!

Barnoota hadiisa kanarra argannu
1=Haalaa amalli gaariifii iimaanni walitti hidhaa qabaachuu isaanii, kana jechuun yoo iimaanni tole haalaa amalli nitola yoo imaanni hammaate haalaa amalli ni hammaata.
2=Islaama keessatti haalaa amala gaarii qabachuun barbaachisaa fii
dirqama akka tahe.
3=Haalaa amalli gaariin iimaanaafii hojii gaariin wajji waan rabbitti nama dhiheeysu toltuu jaalatamtuudha.!

RABBIIN haalaa amala gaarii irratti nuhaa qajeelchu🙏 "Qajeelchaan isuma

Telegram: Contact @Abdulaziz_Teha

Want your business to be the top-listed Government Service in Hagere Mariam?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


Moyale Road
Hagere Mariam
MOYALE