18/05/2023
Caamsaa 10,2015
Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Gamaaggamni Raawwii Hojii ji,oottan saglanii(9)Taasifame.
Buufata Fayyaa Hariirotti Gamaaggamni Raawwii Hojii ji, oottan saglanii (9)Abbootii Adeemsaa, Focal person, Ogeeysota Fayyaa, Supparvaayzarootaa fi Hojjattoota Ekisteenshinii fayyaa Hunda Hirmaachise Sadarkaa PHCU tti Gaggeeyyfamee Ooleti jira.
Gamaaggama Kanarratti argamuun Haasaa Baniinsa kan taasisan I/A waajjira Eegumsa Fayyaa Aanaa Qumbii Obbo fi Miseensota Maanajimantii waajjiraa Muraasa yammuu tahu Gamaaggama Kanarratti Gabaasa Ji,a Sagalii Ilaalchisee Hanqina Ji,oottan Saglanii,Ciminaa fi Hudhaalee turan Xiinxaluun Hojiilee Bara 2015 Raawwachuuf karoorsinee Hafan addaan baasudhaan Karoorri Hojii Guyyoota Shantamaa(50) Qophaayee Boru Ganamarraa Hojiitti akka jijjiiramurratti waliif galamee goolabamee jira.
Itti Dabaluun Daayrektarri PHCU Hariro Dargaggoo Kenna Tajaajilaa kennamu Galmaan gahuuf Hirmaattonnii fi Raawwattoonni Hojii Gamaaggama kanarratti argaman Murteessoo tahuu ibsuun Gara fuula durattis Ogeessa Gara Laafessa tahe , Kan Miirri Namummaa Itti Dhagahamuu fi Hawaasa Mirga isaaf falmatu, dammaqaa tahe oomishuu irratti akka xiyyeeffatamu dhaamun Gamaaggamichi Goolabamee jira.
!
09/07/2022
Hordoftootni Amantaa Islaamaa Baga Ayyaana Iida Arafaa Geessan!
Adoolessa 2,2014 Ayyaana Iida Arafaa Sababeeffachuun Hojjattootni Buufata Fayyaa Hariiiroo Duula Qulqullina Naannoo Dhaadannoo" Qulqullinni Naannoo Dursa Dhunfaa koo Irraa Eegala, Of Qulqulleesseen Naannoo Koo Midhagsa"jedhuun Kaka, umsa Ofii Isaanitiin geggeeffameejira.
Isinis Naannoo Jiraattanii fi Qulqullina Dhunfaa Keessanii Eeggachuun Baattoo Dhukkubaa Ofirraa Ittisaa.
Prevention is better than cure!
ammas Baga geessan Jechaa Ayyaanni Kan Gammachuu, Milkii fi Badhaadhinaa Isiniif haatahu.
Gareen Buufata Fayyaa Hariiroo tis Galatoomaa!
27/06/2022
!
Waxabajjii 20 , 2014
Godina Harargee Bahaa Aanaa Qumbii Magaalaa Minootti Leenjiin Sagantaa Dhabamsiisa Bookee Busaa Waa,ee Raabsaa Agoobara Yeroo Dheeraaf turu (LLINs) Kennamee jira.
Leenjii Kana Kan Kennan _Busaa(East_Hararghe_Zone_Health_Office_Malaria_Elimination_Team) fi Qaamota Deeggarsaa Waliin tahuun
, , fi -TajaajilaFayyaa_Bu'uraa(PHCUDirector)tiif Bakka Obbo fi Hoggansi Poolisii argamanitti Ifatti Kennamaa turuudhan Karaan Dhibee Bookee Busaa Ittiin Dhabamsiisuu dandeenyu Ittisa(Prevention) ,Wal,aansaa fi Faana Dhahiinsa(Surveillance) Tahuu hubachiisudhaan Agoobarri Immoo Mala Ittiin Bookee Busaa Ofirraa Ittiin Ittisuu dandeenyu Keessaa Hangafa tahuun Hubatamee Agoobarri Akkuma Dhufe Kanatti Sirnaan Ummataaf akka Raabsamuu fi Erga Raabsameen booda Hawaasni Agoobara Kenname Hidhatee akka Itti Fayyadamuu fi ,Haada/Funyoo/Wadaroofooyuu fi Tajaajiloota Garaagaraa Hinbarbaachisneef Oolchu Agoobarri Qabeenya Qaalii Bu'aa Ol'aanaa Qabu Waan taheef Namoota akka baratametti Gocha akkasirratti Hirmaatan Too,annaa Seeraa jala Akka Oolfamu Hirmaattota Hundaaf Dhaamaniiru.
Fayyaa Tahaa!!
11/05/2022
Caamsaa 3/2014
" Keessatti_Qoodni_Ogeessa_Fayyaa_Ol'aanaadha!"
★★★★★☆☆☆☆☆★★★★★
♠︎ Mana Barumsa Hariirootti Gareen Adeemsa Dhukkuba Daddarbaa Buufata Fayyaa Hariiroo Dura Bu'aa Mana Barumsa Hariiroo B/saa fi Supparvaayzara M/Barumsaa B/saa Waliin Qindoomudhaan /AIDS fi Hundeessudhaan Barbaachisummaa Isaa Erga Barsiisaniin Booda fi (First_Aid) Irratti Barattoota Mana Barumsaa Hariirootiif Kennuudhaan Xumuranii jiru.
♠︎ Itti Aansudhaan Dargaggoo Leenjiin Kun Kanjalqabaa Tahuu Ibsuudhan Yeroo Itti Aanu Manneen Barumsaa Hafan Hunda irratti akkaatuma Kanaan Leenjii Itti Fufiinsa Qabu akka Kennan Ibsanii jiru.
♠︎ Itti Dabaluun I/A/DPHCU Hariiroo Kan Ture Dargaggoo fi tis Hubannoo Barnòota Fayyaa Itti Fufiinsa Qabu Hawaasaa fi Barattoota Hundaaf Marsaa Itti Aanuttis akka kennan Waadaa Galaniiru.
◆◆◆◆◆◆◇◇◇◇◆◆◆◆◆◆
♠︎ Dhumarratti PHCU_Hariiroo Dargaggoo Garee Ogeessota Fayyaa fi Barsiisotaa Waliin Tahuudhan fi Leenjii Kennanii fiAkka Kennamuuf Qaamota Haala Mijjeessan Kana Galatoomfachaa Deeggarsa Roga Hundaan Barbaachisuun Bira Dhaabbachuuf Qophii Tahuu Beeksisaa Adeemsotni fi Manneen Barnootaa Hafanis Isaan Irraa Barachuun Qindoomanii Yeroo Itti Aanutti Hojii Itti Fufiinsa Qabu Hojjachuuf akka Of Qopheessanii fi Ogeessotni Fayyaa Addatti Kana akka Milkeessan Dhaamaniiru.
beekne_Fayyaadha!
Galatoomaa!!
23/10/2021
Duulli Talaallii Novel Pooliyoo (nopv2) Guyyaa 12/2/2014 Eegalame akkuma itti fufetti jira!
13/09/2021
Duula Talaallii Koronaa Hawaasa keenya biraan gahuuf Sadarkaa Waajjiratti Erga Marihatameen booda Sadarkaa Buufatattis haalduree guutamuu qaban keessaa kan jalqabaa Haala Qabiinsa Qorichaa Tahuun Hubatamee "Vaccine carrier " qabnutti yeroo Ogeessi Fayyaa Fedhiidhaan Wantootuma Ofbiraa Qabnurraa Foam Pad tolchuun duula Talaallii Covid 19 Milkeessudhaaf Qophii duula duraa(Pre Campaign) taasisu waan taheef Galatoomfachaa Talaalliin yeroo Kennamu Buufata Fayyaa fi Keellaa Fayyaa Isinitti Dhihoo Jiru deemtanii Talaalamuun Ofii fi Maatii keessan vaayirasii Koronarraa akka baraartan dhaamsa dabarsina
25/08/2021
Bittaa Qorichaa fi Meeshaalee Wal,aansaa Bittaa Galii keessatiin Raawwatameen...
... !!
Akkuma Beekkamu Rakkoo Dhiheessa Qorichaa Waliin Walqabatee Hanqinni Qorichaa Yeroo garaagaraatti Mudataa ture Fedhii Maammiltootaa Waliin Walgituudhaburra dabree Yeroo Hawaasni Tajaajila Wal,aansaf Gama keenya dhufu,Miiltoon Keessattu Miseensa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Maallaqa Osoo Hinqabatin Waraqaa Enyummaatin Tajaajilamuuf dhufeen Irra deddeebidhaan Qoricha kana ... !! Ajajni jedhu Koomii kaasaa turuun niyaadatama.
Rakkoo Kana Furuudhan Hawaasni Tajaajila Fayyaa Si,ataa fi Haqa-qabeessa tahe akka argatuuf Bittaan Qorichaa fi Meeshaalee Yaalaa Maallaqa Galii Keessaa Qr Kuma Dhibba Lamaa fi Dhigdamaa (220,000) 'n bitamee galii taheeti jira waantaheef Hinqabnurraa_garaTajaajilutti jechaa Hanqinoota fi Rakkoo bara Baajataa 2013 keessa turan Bu,urarraa Furuudhan Kenna Tajaajilaa ture jijjiiruf Qophii tahuu keenya Isin beeksisna.
Galatoomaa!!
Bittaa Qorichaa fi Meeshaalee Wal,aansaa Bittaa Galii keessatiin Raawwatameen...
Join the Spaces by Wix app to read this blog and stay updated on the go.
06/08/2021
Sagantaa Duula Qulqullinaa Irratti Hojjattootni Buufata Fayyaa Hariiroo Dhaadannoo
" Naannoo Hawwataa Qilleensa Qulqulluu"
Jedhu qabachuudhan Waa,een Qulqullinaa Ana ilaallata jedhanii Fedhiidhan yeroo Hirmaatanii Mooraa Buufataa fi Kutaa Hojii Qulqulleessan!
Waan biraatif Osoo hintaane Galatoomaa jechumaafi!!
28/05/2021
Duulli hojii Qulqullina Naannoo fi pooliyoo yeroo hojjatamaa tureetti!!
Naannoon jireenyaa qulqulluun fayyaa keenyaaf murteessaadha!! akkasuma
Maatii keenya talaalchisuudhan maatii fayyaalessaa fi bu,a qabeessa tahe oomishuu keessatti gahee keenya haa bahannuu!!
26/04/2021
Talaallii dhibee covid 19 fudhachuudhaan Hawaasa,maatii keenyaa fi ofii keenyas dhukkubicharraa haabaraarruu!
Fayyaan qabeenya!
Galatoomaa.