Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa

Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa

Share

Government Office

Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 24/03/2026

:
Daawwiin piroojektii Jallisii xixiqqaa Amboo gaggeeffame.
Godina harargee bahaa aanaa meettaa bulchiinsa ganda Bikkiyyee lakk.2 keessatti madda baajata Gamtaa Awurooppaa (EU) Qar. Mil.13.8 oliin hojjetamaa kan ture ijaarsi piroojektii jallisii xixiqqaa Amboo daawwatame.

Piroojektichi iddoo I/G Waaajjira Bulchiinsa Godina Harargee bahaa obbo Mahammad Jamaal akkasumaas I/G Waajjira Misooma jallisii fi horsiisee bulaa godina harargee bahaa obbo Abdulhaamid Idiriis, I/Gaafatamtuun Buusaa Gonofa damee harargee bahaa Aadde Fadiilaa Dawwid fi hooggantuun gamtichaa Aadde Juulian akkasumaaa keessummootni buusaa gonofa oromiyaa irraa argamanitti daawwannaan gaggeeffame.

Ijaarsi piroojektii jallisii xixiqqaa Aamboo lafa hektaara 75 misoomsuun Abbaa warraa 320 ta'an tajaajiluun fayyadamtoota misooma jallisii kan godhuudha.

piroojektichiis yeroo dhiyootti kan eebbifamu ta'a.

BITOOTEESSA 15/2018
WMJHBGHB

Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 18/01/2026

:
Ijaarsa piroojektii iddoo tursiisa beeyladaa (Livestock Collective Center)
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^

Godina harargee bahaa aanaa Miidhaga Tolaa bulchiinsa Ganda magaalaa miidhaga Tolaatti ijaarsi piroojektii tursiisa beeyladaa (Livestock Collective Center) hojjetamaati jira.

Naannawa horsiisee bulaatti qabeenyi guddaan ummata keenyaa horsiisa beeyladaa waan ta'eef fayyummaa fi bu'a qabeessummaa beeyladoota ummata keenyaa dabaluuf piroojektiin Drive jedhamu maallaqa gargaarsa baankii adunyaa irraa argame Qarshii Miliyoona 80 oliin ijaarsi piroojektii kanaa gaggeeffamaati jira.

Piroojektiin iddoo tursiisa beeyladaa kun aanoota horsiisee bulaa godina harargee bahaa hundaaf kan fayyadu yoo ta'u, ijaarsi piroojektichaa lafa heektaara 3 irratti hojetamaa jira.

Dhaabbatni ijaarsa fudhate HD Generaal Contractor jedhamu hojii keessa galee hojjechaa kan jiru ta'u fi piroojektii Drive damee ciroo irraa akkasumaas ogeessotni godinaa fi aanaa superviizhinii gaggeessaniin hojichi qulqullinaa fi ariitiin xumuramee tajaajilaaf akka oolu kallattii kennaniiru.

WMJHBGHB
Aammajjii 09/2018

Photos from Bulchinsa Godina Harargee Bahaa's post 23/12/2025
Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 23/12/2025

:
Teeknooloojii dhiheessa bishaan jallisiitti fayyadamuun Omishaa dachan dabaluu keessatti gahee gudda qaba.

Deeggarsa biiroo misooma jallisii fi horsiisee bulaa oromiyaatiin kan dhiyaate maashiniin bishaan baasu godina harargee baha aanaa Baabbilee bulchiinsa Ganda Erar ibaadaatti bishaan lafa jalaa baasuun misooma inisheetiivii qamadii bonee dabaluuf hojjetamaati jira.

Hoogganaan waajjira misooma jallisii fi horsiisee bulaa godina harargee bahaa Obbo Abdulhaamiid Idiriis deeggarsaa fi hordoffiif iddoo hojiin hojjetamaa jirutti argamuun ogeessoota hojjechaa jiran jajjabeessaniiru.
WMJHBGHB
Muddee 14/2018

Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 19/12/2025

:
Godina harargee bahaa aanaa mayyuu keessatti hojjetamaa kan jiru ijaarsi piroojektii jallisii giddugaleessaa mojoo biiroo misooma jallisii fi horsiisee bulaa oromiyaatiin hojjatamaa jiru garee ogeessoota naannoo fi godinaatiin sadarkaan hojiin irra jiru ilaalameera. Superviizhinii gaggeeffameen hanqinaa fi ciminni jiru ilaalamee kan jiru yoo ta'u piroojektichi qulqullinaa fi saffisaan xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta'u kallattiin kaa'ameera.
WMJHBGHB
Muddee 09/2018

Photos from Oromia Irrigation & Pastoralist Dev't Bureau's post 09/12/2025
Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 04/12/2025

:
Daawwannaan piroojektii Jallisii Amboo gaggeeffame

Godina harargee bahaa aanaa meettaa Ganda bikkiyyee lakkoofsa 2 keessatti hojjetamaa kan jiru ijaarsi piroojektii jallisii xixiqqaa Amboo kan baajata gargaarsa gamtaa Awurooppaa(EU) tiin hojjetamaa jiru daawwatame.

itti gaafatamaan waajjira bulchiinsa godina harargee bahaa kab. Obbo mahammad Jamaal fi hoogganaan Buusaa gonofa oromiyaa Kab. Obbo Mahammed Jundaa akkasumaas bulchaan aanaa kab. obbo wardii Kamaal iddoo ogeessootni godinaa fi kontiraaktarri piroojekticha hojjechaa jiru argamanitti daawwannaa Gaggeessaniin piroojektichi yeroo qabameef keessatti xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta'u kallattii kennaniiru.

WMJHBGHB
SADAASA 25/2018

Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 03/12/2025

:
Qorannoo adda baafannaa gaggeeffame
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
Godina harargee bahaa aanaa Gooroo Guutuu araddaa Teessoo keessatti qorannoon adda baafannaa misooma jallisii garee qorannoo fi diizaayinii waajjira misooma jallisii fi horsiisee bulaa godina harargee bahaatiin gaggeeffame.
Sadaasa 22/2018
WMJHBGHB

Photos from Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiise Bulaa Godiina Harargee Bahaa's post 27/11/2025

:
Dhiheessiin sharaa haroo (geomembrane) fi paampii jallisii oomishaa fi oomishtummaa dabaluu keessatti ga'ee guddaa qaba.
===========================
Qindeessummaa biiroo misooma jallisii fi horsiisee bulaa oromiyaatiin dhiyaachaa kan jiru sharaan haroo (geomembrane) fi paampiin fayyadamtoota bira gahuun akkuma itti fufetti jira.

Waajjirri misooma jallisii fi horsiisee bulaa godina harargee bahaa barbaachisummaa isaa irratti hundaa'uun Bara kana paampii 4,000 dhiheessuuf kan karoorfate yoo ta'u hanga ammaatti paampiin 2,160 akka dhiyaatu ta'eera.

Gama biraatiin dhiheessii sharaa haroo (geomembrane) dabaluuf sharaa haroo 2,000 ta'u dhiheessuuf karoorfamee hanga ammaatti sharaa haroo 250 dhiyaachuun tajaajilaaf oolaa kan jiru ta'uu waajjira misooma jallisii fi horsiisee bulaa godina harargee bahaatti dursaan garee waldaalee fi hirmaannaa ummataa obbo Zarihuun Daamtoo dubbataniiru.

WMJHBGHB
SADAASA18/2018

Want your business to be the top-listed Government Service in Harar?

Click here to claim your Sponsored Listing.

Location

Telephone

Address


HARAR
Harar