18/12/2025
Baga Gammaddaan!
Baga Gammanne.!
Waldaan Dargaggoota Oromiyaa miseensa Koree Hojii Raawwachiistuu Mana Maree Dhaabbilee Sivilii Naannoo Oromiyaa ta'uun filatame.Miseensotni fi Deggartootni Waldaa Dargaggoota Oromiyaa Hundi baga gammanne.
16/10/2025
Jaarmaayalee Dargaggoo, Imala Olkaa'insa Qabatamaan Dhugoomsuuf!
________
Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti Zonii saqaaree Ganda Nagaaya irrati Mariin Dhimma Haala Yeroo Biyyaa fi Nagenyaa irratti Xiyyeeffate Akkasumaas Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2018 Kan Jaarmiyaalee Dargaggoo fi Cassaa Nagenyaa Sadarkaa Zonitti Gaggeeffameera.
Gamaaggamma Gaggeeffameen,hanqinoota fi Ciminoota Raawwii Hojii Jarmalee Dargaggoo fi Caassa Nageenyaa keessatti mul'atee sirritti ilaaluun,hanqinoota mulatan hunderraa maqsuun,ciminoota mul'atan akka itti fufsiisuu qaban Kallattirratti IG Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Mahamad Mohamud fi I/G Gurmuu Dargaggoo Aanaa Obbo Murad Abdumalik Wal duraa dubaan Nageenyaa ganda fi Ollaa isaani Dargaggoota fi Caasan Nageenya waliin tahuun mallattoolee diinaa mul'atan hunda sakata'insaa gaggeesun oloola diina fashaaleessu akka qaban kallaatii Ka'udhaan Golaabame jira..
15/10/2025
Gurmaa’insa Dargaggoo Cimaa,Nageenya Waareessuu fi Misooma Arifachiisuuf!
________
Harargee Bahaa Aanaa Gursumitti Mariin Dhimma Haala Yeroo Biyyaa fi Aanaa Irratti Xiyyeeffate Akkasumaas Gamaaggamni Raawwii Hojii Kurmaana 1ffaa Bara 2018 Kan Jaarmiyaalee Dargaggoo Sadarkaa Aanaatti Gaggeeffameera.
Gamaaggamma Gaggeeffameen,hanqinoota fi Ciminoota Raawwii Hojii Jaarmaayalee keessatti mul'atee sirritti ilaaluun,hanqinoota mulatan hunderraa maqsuun,ciminoota mul'atan akka itti fufsiisuu qaban Kallattirratti IG Paartii Aanichaa Obbo Bayan Mohammed kaa'aniiru.
14/09/2025
Hidhi keenya Agarsiiftuu Danda'uufi Jalqabbii Olka'iinsa Biyya Keenyaati!
Aanoota fi Magaaloota Harargee Bahaatti Xumuramuu Hidha Haaromsaa Sababeeffachuun Sosochiin ispoortii Hundaa Qaamoolee Hawaasaa garaagaraa hirmaachisee fi agarsiifni ispoortii adda addaa gaggeeffame.‼️
13/09/2025
"Nuti Dargaggoonni Irraa hin hafnu!!
________
Guyyaa borii irraa kaasee guyyoota lamaaf Eebba hidha haaromsa sababeeffachuun ganama ganama sochiin Ispoortii qaamaa guutuu Oromiyaatti ni gaggeeffama.Kanaaf dargaggoonni naannoo keenya hundi sochii kanarratti akka hirmaattan waamicha kabajaa isiniif taasifna.
"Irree gamtoomen bu'aa coba dafqaa fi dhiigan dhugoome! Gamachuu keenya haa ibsamuu.
21/07/2025
-Muxii
_Baabbilee
Aanaa Gooroo Muxiifii Bulchiinsa Magaalaa Baabbileetti Dargaggota Boqonnaaf Dhaabbilee barnootaa irraa deebi'aniin Tola Ooltummaan barsiisuun itti deemamaa jira.
Bakka hundatti cimee itti fufuu qaba.