28/05/2026
Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court, Government Organization, Harar.
28/05/2026
26/05/2026
Aanaa Jaarsootti waltajjiin marii kora haqaa Gaggeeffamee olee.
(Caamsa 18/2018,MMOGHB, Harar) Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsootti waltajjiin marii kora haqaa Gaggeeffamee jira.
Bu'uruma kanaan mariin hirmaattoota qaamoolee hawaasaa gara garaa keessaa walitti bahan,bulchinsa gandaa fi ittigaafatamtoota wajjiraalee,abbooti Amaanta ,haadha sinqee,Hawaasa garaagaraa kan hirmaachise yammuu tahu,kora haqaa kana irratti hoggansii qaamoolee haqaa fi Nageenya fi bulchinsi Aanaa jaarsoo kan argaman yammuu tahu,Kora kana irratti Haasawa Baninsaa karaa Piresidantii mana murtii Aanaa jaarsoo Kabajamoo Obbo Raajib umar Eerga Godhamee booda barreffamni gabaabaan mariif ka'umsa tahu mata duree maalummaa Ragaa sobaa fi Ragaa sobaa ittiisuu irratti Abbaa seera Mahammad shakkaliifi Bakka Bu,aa Abbaa Alangaa Obboo Biniyaam Asraatin erga dhihateen booda hirmaattootaa waliin mariin bal'aan erga irrattii godhame kallattii fuula duraa waliif kaayuudhaan mariin goolabamee.
✍ Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/
Instagram:https://www.instagram.com/mana.murtiiolaanaaghbahaa?igsh=MXNyMTVtbzlmZGh0Ng==
Twitter (X):https://x.com/MMOGHBahaa?t=_l3YooTz7LTKSY7VNZ6SUA&s=09
Whatsapp: https://whatsapp.com/channel/0029VaLpMXS11ulPPF83Gt1c irratti nu hordofaa
26/05/2026
BAGA AYYAANA IID AL-ADAHAA GEESSAN!
Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa Ayyaana Iid Al-Adahaa Waggaa 1447ffaa sababeeffachuun hordoftoota Amantaa Muslimaa maraan baga ittiin isin gahe jechuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.
Ayyaanichi kan jaalalaa, kan tokkummaa, kan milkaa'inaa fi kan waloomaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsaa irra deebiin baga ittiin isin gahe jedha.
Ayyaana Gaarii!
25/05/2026
Manni Murtii Aanaa Gursum hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa cinatti lafa xiqqoo mooraa keessaa qaburratti kuduraa oomishuun hawaasa Mana Murtichaatiif raabseera.
(Caamsaa 17/2018,MMOGHB, Harar) Manni Murtii Aanaa Gursum hojii Kenniinsa Tajaajila Abbaa Seerummaa cinatti lafa xiqqoo mooraa keessaa qaburratti kuduraa oomishuun hawaasa Mana Murtichaatiif raabsee jira.
Hojiin Manni Murtii Aanaa Gursum kenniinsa tajaajila abbaa seerummaan cinatti hojjate hojii fakkeenyummaa qabuu fi kan jajjabeeffamuudha.
✍ Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/
Instagram:https://www.instagram.com/mana.murtiiolaanaaghbahaa?igsh=MXNyMTVtbzlmZGh0Ng==
Twitter (X):https://x.com/MMOGHBahaa?t=_l3YooTz7LTKSY7VNZ6SUA&s=09
Whatsapp: https://whatsapp.com/channel/0029VaLpMXS11ulPPF83Gt1c irratti nu hordofaa
23/05/2026
Mana Murtii Aanaa jaarsootti leenjii dandeettii cimsuu E-faayiliingii (CAS) fi Bulchiinsa Galmee Digitaalaa(Digital Court Case Managament) Irrattii Kennamee Jira.
(Caamsaa 15/2018, MMOGHB, Harar) Mana Murtii Aanaa Jaarsootti leenjii dandeettii cimsuu E-faayiliingii (CAS) fi Bulchiinsa Galmee Digitaalaa(Digital Court Case Managament) Irratti Barreessaa Dhaddachaa ,Ogeessa Daataa Beezii, hojjetaa mana galmee, ogeessa TQO fi hojjettoota Bulchiinsaa Wajjira Abbaa Alangaa Aanaa jaarsootiif Ogeesssa TQO Mana Murtii Aanichaa Adde Fariyaa Jibriiliin kennamee jira. ollee jirra.
Hirmaattonni leenjichaa leenjii kennamerraa hubannoo gahaa argachuusaanii kan kaasan yoo ta'u hubannoo argatan hojitti hiikuun milkaa'ina irraa eegamu kan mirkaneessan ta'uu ibsaniiru.
✍ Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/
Instagram:https://www.instagram.com/mana.murtiiolaanaaghbahaa?igsh=MXNyMTVtbzlmZGh0Ng==
Twitter (X):https://x.com/MMOGHBahaa?t=_l3YooTz7LTKSY7VNZ6SUA&s=09
Whatsapp: https://whatsapp.com/channel/0029VaLpMXS11ulPPF83Gt1c irratti nu hordofaa
22/05/2026
Aanaa Miidhagaa Tolaatti mariin Koree JBAH gaggeeffame.
(Caamsaa 14/2018, MMOGHB, Harar) Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti koreen JBAH haala waliigalaa raawwii hojii, Qindoominaa, ittisa ragaa sobaa fi dhimmoota xiyyeeffannoo addaa barbaadan irratti xiyyeeffachuun marii bal'aa gaggeessee jira.
Marichi bakka bakka walitti qabaan koree JBAH( Koree Jijjiirama Bu'uura Adeemsa Hojii) fi piresdaantiin Mana Murtii Aanaa Miidhagaa Tolaa kabajamoo Obbo Waziir Aliyyii fi koreen guutuun jiranitti kan gaggeeffame yoo ta'u, Maricha irratti haalli hojiilee waliigalaa korichaan hojjatamaa turan olaantummaa seeraa kabajuu fi kabachiisuu fi qulqullina tajaajilaa qaamolee haqaa fi qindoomina qaamolee haqaan walqabatee ciminootaa fi hanqinoota jiran adda baasuun mariin bal’aan taasifamee jira.
Xumurarratti hanqinoota jiran maqsuu fi ciminoota turan itti fufsiisuuf qaamoleen haqaa hundi ciminaan hojjechuu fi dhimmoota xiyyeeffannoo addaa barbaadan qaamoleen hundi itti xiyyeeffachuun hojjachuu qabna jechuun kallattii fuula duraa kaayuun marichi goolabameera.
✍ Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/
Instagram:https://www.instagram.com/mana.murtiiolaanaaghbahaa?igsh=MXNyMTVtbzlmZGh0Ng==
Twitter (X):https://x.com/MMOGHBahaa?t=_l3YooTz7LTKSY7VNZ6SUA&s=09
Whatsapp: https://whatsapp.com/channel/0029VaLpMXS11ulPPF83Gt1c irratti nu hordofaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Harar