30/03/2026
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Mayyuu Muluqqee
Haqaaf Haqaan Hojjanna!!!
30/03/2026
30/03/2026
30/03/2026
Hubannoo Seeraa WAAAMM
~~~~~~~~
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Mayyu Muluqqee gaafa guyyaa 21/07/2018 tti Galma Aanaa Muluqqeettii argamuun jiraattota fi Daldaltoota Magaala Huuseetiif Hubannoo seeraa Mata duree:-Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa dambii booda Magaalaa Naannoo Oromiyaa Sirna Qabsiisuuf bahe lakk.259/2018 bahe fi Dambii lakk.155/2005 bahe waliin walbira qabuun bareeyfama dhimma ijaarsa seeran Alaa kanaaf qophaa’ee irratti hubannoon seeraa ballinaan kennameera.
Haqaan haqaaf hojjanna!!!
02/03/2026
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Mayyu Mulluqqee guyyaa 23/06/2018tti sakkatta'insa Odiitii galmelee kurmaana 3ffaa keessa murtii dhumaa argate Bu'ura Maanuwaalii BAAWOtin gaggeesse jira.
01/03/2026
⚖️ HERREGNI BAANKII MOOTUMMAA SALPHAA TTI HIN UGGURAMUU!
Dhaddachi Ijibbaataa Qajeeltoo Jabaa Kaa’e
🏛️ Dhaddachi Ijibbaataa galmee lakkoofsa 208397 (Jildii 28) irratti murtii kenneen, ajajni mana murtii “Uggura Qabeenyaa (Asset Freeze)” sirna seeraa cimaa irratti hundaa’ee qofa kennamuu akka qabu murteesseera.
📌 QABXIILEE IJOO MURTII
✔️ Uggurri dhaabbata mootummaa irratti of-eeggannoo addaa barbaada
Dhaabbileen mootummaa qabeenya isaanii ni dhoksu ykn ni balleessu jechuun hin shakkamani. Kanaaf, sababa gahaa malee herrega baankii isaanii ugguruun sirrii miti.
✔️ Uggurri ragaa irratti hundaa’ee qofa kennama
Akka Seera Sirna Falmii Hariiroo Hawaasaa keewwata 151–154tti, himatamaan qabeenya isaa balleessuuf ykn dhoksuuf yaada qabaachuun ragaan yoo mirkanaa’e qofa uggurri ni kennama.
✔️ Waliigalteen Bulchiinsaa amala addaa qaba
Mootummaan waliigaltee addaan kutuuf aangoo qaba. Qaamni miidhame garuu beenyaa gaafachuu danda’a malee waliigalteen akka itti fufu mootummaa dirqisiisuu hin danda’u.
📌 BU’UURA MURTII (SPIRIT OF THE DECISION)
1️⃣ Uggurri tarkaanfii ittisaa malee adabbii miti
Kaayyoon isaa haala jiru eeguudha.
2️⃣ Faayidaa fi miidhaa madaaluun barbaachisaa dha.
Maallaqa mootummaa ugguruun tajaajila uummataa gufachiisuu danda’a.
3️⃣ Hojii mootummaa dhaabuun hin danda’amu
Ajajni ugguraa hojii mootummaa gufachiisuu hin qabu.
✅ CUUNFAA IJOO
“Dhaabbanni mootummaa dhaabbata itti fufiinsa qabu waan ta’eef, akka nama dhuunfaa qabeenya isaa balleessu danda’a jechuun hin shakkamu. Kanaafuu, sababa gahaa malee maallaqa mootummaa ugguruun seeraan sirrii miti.
Maddi: FB Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Kombolchaa
26/02/2026
Olmaa Hubannoo Seeraa WAAAMM
~~~~~~~~
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Mayyu Muluqqee gaafa guyyaa 19/06/2018 tti Mana Barnoota Sad/2ffaa Mayyu Muluqqeettii argamuun hubanno seeraa
Mata duree:-Heeraa Mootummaa FDRE, Ragaa Sobaa, Mirga Dubartii fi Daa’immani , yakkoota Dubartii fi daa'imman irratti raawwataman fi Godaansa seeraan Alaa irratti Seeri Maal jedha kan jedhu irratti hubannoon seeraa ballinaan kennameera.
09/02/2026
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Mayyuu Mulluqqee gaafa guyyaa 02/06/2018tti Marii kore JBHA gaggeesse jira.
Mariin koree JBHA Qaamoole Qindoomina sadan kan tahan:Mana Murtiiti fi waajjira Poolisii waliin mariin Qindoomina hojii qamoolee haqaa sadani cimsuu irratti,kenna tajaajila Qulqulluu,si’ataa fi bu’a qabeessa ta'e mirkaneessuu,Qaabiinsa fi kabajamuu mirga namooma fi Naamusa ogummichi nurraa barbaadu irratti ciminoota jiran ittii fufsisuun , hanqinoota hojii keessatti mula'atan maqasuu irratti mariin ballaan erga geggeefamee booda ,kallattii fuulduraa kaawwachuun mariin keenya xumuramee jira.
09/02/2026
06/02/2026
04/02/2026
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Mayyu Muluqqee gaafa guyyaa 27/05/2018tti Abbooti Alanga fi Hojjattoota Bulchinsaa waliin Marii Haala Hojii waliigalaa irratti keessafuu, kenna tajaajilaa keenya akkaata ummanni keenya nurra barbaaduun kennamaa jira?Jedhuu irrati Ciminaalee jiran itti fufsiisuun hanqinaalee hojii keessatti mul’atan maqsuu irratti haala bilchina qabuun mariin ballaan erga geggeefamee booda kallattii fuula duraa kaawwachuun xumurameera.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Location
Category
Telephone
Website
Address
Harar
